< Salme 150 >

1 Halleluja! Pris Gud i hans Helligdom, pris ham i hans stærke Hvælving,
Haalleluuyaa. Mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqa galateeffadhaa; samiiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.
2 pris ham for hans vældige Gerninger, pris ham for hans mægtige Storhed;
Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa; guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.
3 pris ham med Hornets Klang, pris ham med Harpe og Citer,
Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa; baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;
4 pris ham med Pauke og Dans, pris ham med Strengeleg og Fløjte,
dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa; miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.
5 pris ham med klingre Cymbler, pris ham med gjaldende Cymbler;
Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa; kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.
6 alt hvad der aander, pris HERREN! Halleluja!
Wanni hafuura baafatu hundinuu Waaqayyoon haa jajatu. Haalleluuyaa.

< Salme 150 >