< Ordsprogene 11 >

1 Falske Vægtskaale er HERREN en Gru, fuldvægtigt Lod er efter hans Sind.
Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa; madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
2 Kommer Hovmod, kommer og Skændsel, men med ydmyge følger der Visdom.
Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa; gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
3 Retsindiges Uskyld leder dem trygt, troløses falskhed lægger dem øde.
Amanamummaan tolootaa isaan dura deema; warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
4 Ej hjælper Rigdom paa Vredens Dag, men Retfærd redder fra Døden.
Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
5 Den lydefris Retfærd jævner hans Vej, for sin Gudløshed falder den gudløse.
Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee karaa qajeelaa baasaaf; hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.
6 Retsindiges Retfærd bringer dem Frelse, troløse fanges i egen Attraa.
Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha; warri hin amanamne garuu hawwii hamaadhaan qabamu.
7 Ved Døden brister den gudløses Haab, Daarers Forventning brister.
Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada; wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
8 Den retfærdige fries af Trængsel, den gudløse kommer i hans Sted.
Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama; rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.
9 Med sin Mund lægger vanhellig Næsten øde, retfærdige fries ved Kundskab.
Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa; namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.
10 Ved retfærdiges Lykke jubler en By, der er Fryd ved gudløses Undergang.
Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada; yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.
11 Ved retsindiges Velsignelse rejser en By sig, den styrtes i Grus ved gudløses Mund.
Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata; afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.
12 Mand uden Vid ser ned paa sin Næste, hvo, som har Indsigt, tier.
Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata; kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.
13 Bagtaleren røber, hvad ham er betroet, den paalidelige skjuler Sagen.
Namni odeessu dhoksaa gad baasa; kan amanamu garuu icciitii eega.
14 Uden Styre staar et Folk for Fald, vel staar det til, hvor mange giver Raad.
Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa; baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
15 Den gaar det ilde, som borger for andre, tryg er den, der hader Haandslag.
Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata; namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo nagaan jiraata.
16 Yndefuld Kvinde vinder Manden Ære; hader hun Retsind, volder hun Skændsel. De lade maa savne Gods, flittige vinder sig Rigdom.
Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti; namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.
17 Kærlig Mand gør vel mod sin Sjæl, den grumme er haard ved sit eget Kød.
Namni gaariin of fayyada; gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.
18 Den gudløse skaber kun skuffende Vinding, hvo Retfærd saar, faar virkelig Løn.
Namni hamaan mindaa sobaa argata; kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
19 At hige efter Retfærd er Liv, at jage efter ondt er Død.
Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata; kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.
20 De svigefulde er HERREN en Gru, hans Velbehag ejer, hvo lydefrit vandrer.
Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa; warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.
21 Visselig undgaar den onde ej Straf, de retfærdiges Æt gaar fri.
Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu; qajeeltonni garuu bilisa baʼu.
22 Som Guldring i Svinetryne er fager Kvinde, der ikke kan skønne.
Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.
23 Retfærdiges Ønske bliver kun til Lykke, gudløse har kun Vrede i Vente.
Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf; abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
24 En strør om sig og gør dog Fremgang, en anden nægter sig alt og mangler.
Namni tokko toluma waa namaa kenna; taʼus ittuma caalchisee sooroma; kaan immoo waan kennuu malu dhowwata; taʼus inuma hiyyooma.
25 Gavmild Sjæl bliver mæt; hvo andre kvæger, kvæges og selv.
Namni arjaan ni badhaadha; namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
26 Hvo Kornet gemmer, ham bander Folket, Velsignelse kommer over den, som sælger.
Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara; kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.
27 Hvo der jager efter godt, han søger efter Yndest, hvo der higer efter ondt, ham kommer det over.
Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata; hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.
28 Hvo der stoler paa sin Rigdom, falder, retfærdige grønnes som Løv.
Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa; qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
29 Den, der øder sit Hus, høster Vind, Daare bliver Vismands Træl.
Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala; gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
30 Retfærds Frugt er et Livets Træ, Vismand indfanger Sjæle.
Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti; namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
31 En retfærdig reddes med Nød og næppe, endsige en gudløs, en, der synder.
Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii, namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan hammam caalaa haa argatanii ree!

< Ordsprogene 11 >