< Job 24 >
1 Hvorfor har ej den Almægtige opsparet Tider, hvi faar de, som kender ham, ikke hans Dage at se?
“Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine? Warri isa beekan maaliif akkasumaan guyyoota isaa hin argine?
2 De onde flytter Markskel, ranede Hjorde har de paa Græs.
Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu; bushaayee hataniis ni bobbaasu.
3 faderløses Æsel fører de bort, tager Enkens Okse som Borgen:
Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu; sangaa haadha hiyyeessaa qabdii fudhatu.
4 de trænger de fattige af Vejen. Landets arme maa alle skjule sig.
Rakkataa karaa irraa balleessu; hiyyeeyyiin biyyaa hundis isaan jalaa dhokatu.
5 Som vilde Æsler i Ørkenen gaar de ud til deres Gerning søgende efter Næring; Steppen er Brød for Børnene.
Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa nyaata barbaacha asii fi achi jooru; gammoojjii sana keessaas ijoollee isaaniitiif nyaata kenna.
6 De høster paa Marken om Natten, i Rigmandens Vingaard sanker de efter.
Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu; iddoo dhaabaa wayinii nama hamaa irraas qarmii funaannatu.
7 Om Natten ligger de nøgne, uden Klæder, uden Tæppe i Kulden.
Uffata dhabanii halkan qullaa bulu; waan dhaamocha keessatti uffatan tokko illee hin qaban.
8 De vædes af Bjergenes Regnskyl, klamrer sig af Mangel paa Ly til Klippen.
Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru; waan itti daʼatan illee dhabanii kattaa hammatu.
9 — Man river den faderløse fra Brystet, tager den armes Barn som Borgen. —
Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera; daaʼimni hiyyeessaa qabdii kennameera.
10 Nøgne vandrer de, uden Klæder, sultne bærer de Neg;
Isaan uffata dhabanii qullaa deemu; bissii baatu; garuu ni beelaʼu.
11 mellem Murene presser de Olie, de træder Persen og tørster.
Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu; wayinii cuunfu; garuu ni dheebotu.
12 De drives fra By og Hus, og Børnenes Hunger skriger. Men Gud, han ænser ej vrangt.
Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama; lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti. Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu.
13 Andre hører til Lysets Fjender, de kender ikke hans Veje og holder sig ej paa hans Stier:
“Warri ifatti fincilan kanneen daandii isaa hin beekne yookaan daandii ifaa irra hin jiraanne jiru.
14 Før det lysner, staar Morderen op, han myrder arm og fattig; om Natten sniger Tyven sig om;
Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa; innis hiyyeeyyii fi rakkattoota ni ajjeesa; halkan immoo akkuma hattuu taʼa.
15 Horkarlens Øje lurer paa Skumring, han tænker: »Intet Øje kan se mig!« og skjuler sit Ansigt under en Maske.
Iji ejjaan dimimmisa eeggata; innis, ‘Iji na argu hin jirtu’ jedha; fuula isaas ni dhokfata.
16 I Mørke bryder de ind i Huse, de lukker sig inde om Dagen, thi ingen af dem vil vide af Lys.
Namoonni dukkana keessa mana cabsanii seenu; guyyaa garuu ofitti cufanii oolu; isaan ifa hin beekan.
17 For dem er Mørket Morgen, thi de er kendt med Mørkets Rædsler.
Hunda isaaniitiif, dukkanni guddaan barii isaanii ti; isaan sodaa dukkana guddaatti michoomu.
18 Over Vandfladen jages han hen, hans Arvelod i Landet forbandes, han færdes ikke paa Vejen til Vingaarden.
“Taʼus isaan hoomacha bishaan gubbaa ti; akka namni tokko iyyuu gara iddoo dhaabaa wayinii hin dhaqneef, qoodni lafa isaanii abaarameera.
19 Som Tørke og Hede tager Snevand, saa Dødsriget dem, der har syndet. (Sheol )
Akkuma hoʼii fi hoongeen cabbii baqee xuuxee fixu, awwaalli namoota cubbuu hojjetan ni butata. (Sheol )
20 Han er glemt paa sin Hjemstavns Torv, hans Storhed kommes ej mer i Hu, Uretten knækkes som Træet.
Gadameessi isaan irraanfata; raammoonnis itti duuddee isaan nyaatti; namoonni hamoon akkuma mukaa ni caccabu; siʼachis hin yaadataman.
21 Han var ond mod den golde, der ikke fødte, mod Enken gjorde han ikke vel;
Isaan dubartii dhabduu ni saamu; haadha hiyyeessaatiif illee garaa hin laafan.
22 dem, det gik skævt, rev han bort i sin Vælde. Han staar op og er ikke tryg paa sit Liv,
Waaqni garuu humna isaatiin jajjaboota alatti harkisa; isaan ol kaʼu; garuu wabii jireenyaa hin qaban.
23 han styrtes uden Haab og Støtte, og paa hans Veje er idel Nød.
Inni akka isaan waan nagaan jiraatan seʼaniif ittuma dhiisuu dandaʼa; iji isaa garuu karaa isaanii ni toʼata.
24 Hans Storhed er stakket, saa er han ej mer, han bøjes og skrumper ind som Melde og skæres af som Aksenes Top.
Isaan yeroo xinnoof mataa ol qabatu; ergasii immoo ni badu; gad deebifamaniis akkuma warra kaanii walitti qabamu; akkuma mataa midhaaniis ni muramu.
25 Og hvis ikke — hvo gør mig til Løgner, hvo gør mine Ord til intet?
“Yoo kun akkas taʼuu baate eenyutu sobduu na godhee dubbii koo busheessa?”