< Esajas 9 >
1 Men engang skal der ikke længer være Mørke i det Land, hvor der nu er Trængsel; i Fortiden bragte han Skændsel over Zebulons og Naftalis Land, Men i Fremtiden bringer han Ære over Vejen langs Søen, Landet hinsides Jordan, Hedningernes Kreds.
Warri rakkina guddaa keessa turan garuu siʼachi gadda keessa hin jiraatan. Inni duraan biyya Zebuuloonii fi biyya Niftaalem gad deebise; gara fuulduraatti garuu Galiilaa Namoota Ormaa kan Yordaanosiin gama, qarqara Daandii Galaanaa irra jiran sana ni kabaja.
2 Det Folk, som vandrer i Mørke, skal skue saa stort et Lys; Lys straaler frem over dem, som bor i Mulmets Land.
Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa argeera; warra biyya dukkana limixii keessa jiraataniifis ifni baʼeera.
3 Du gør Fryden mangfoldig, Glæden stor, de glædes for dit Aasyn, som man glædes i Høst, ret som man jubler, naar Bytte deles.
Ati saba baayʼiftee gammachuu isaanii illee guddifteerta; isaan akkuma uummanni yeroo midhaan haamamutti gammadu sana, akkuma namoonni yeroo boojuu qooddatanitti gammadan sana fuula kee duratti ni ililchu.
4 Thi dets tunge Aag og Stokken til dets Ryg, dets Drivers Kæp, har du brudt som paa Midjans Dag;
Ati akkuma bara Midiyaanin moʼatame sanaa, waanjoo isaanitti ulfaate somaa gatiittii isaanii irraa ulee cunqursaa isaanii illee caccabsiteerta.
5 ja, hver en Støvle, der tramper i Striden, og Kappen, der søles i Blod, skal brændes og ende som Luernes Rov.
Kopheen loltuun ittiin duulte hundi, uffanni dhiiga keessa cuuphame hundi ibiddaan gubama; qoraan ibiddaas taʼa.
6 Thi et Barn er født os, en Søn er os givet, paa hans Skulder skal Herredømmet hvile; og hans Navn skal være: Underfuld-Raadgiver, Vældig-Gud, Evigheds-Fader, Fredsfyrste.
Mucaan nuuf dhalateera; ilmi nuuf kennameera; mootummaan gatiittii isaa irra jiraata. Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa, Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa jedhamee ni waamama.
7 Stort bliver Herredømmet, endeløs Freden over Davids Trone og over hans Rige, at det maa grundes og fæstnes ved Ret og Retfærd fra nu og til evig Tid. Hærskarers HERRES Nidkærhed gør det.
Babalʼinni mootummaa isaatii fi nagaan isaa dhuma hin qabu. Innis murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hundeessee jabeessee dhaabuudhaan yeroo sanaa jalqabee bara baraan teessoo Daawit irra taaʼee mootummaa isaa bulcha. Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuus waan kana ni raawwata.
8 Et Ord sender Herren mod Jakob, i Israel slaar det ned;
Gooftaan dhaamsa tokko Yaaqoobitti ergeera; kunis Israaʼel irra buʼa.
9 alt Folket faar det at kende, Efraim og Samarias Borgere. Thi de siger i Hovmod og Hjertets Stolthed:
Uummanni hundi, Efreemii fi jiraattonni Samaariyaa waan kana ni beeku; isaanis of tuuluu fi garaa of jajuun akkana jedhu;
10 »Teglsten faldt, vi bygger med Kvader, Morbærtræer blev fældet, vi faar Cedre i Stedet!«
“Xuubiiwwan diigamaniiru; nu garuu dhagaa soofameen deebisnee ijaarra; mukkeen harbuu murmuramaniiru; nu garuu birbirsa iddoo buusna.”
11 Da rejser HERREN dets Uvenner mod det og ægger dets Fjender op,
Kanaafuu Waaqayyo amajaajota Reziin isaanitti jabeesse; diinota isaanii illee isaanitti kakaase.
12 Syrerne forfra, Filisterne bagfra, de æder Israel med opspilet Gab. Men trods alt har hans Vrede ej lagt sig, hans Haand er fremdeles rakt ud.
Warri Sooriyaa gama baʼaatiin, Filisxeemonni immoo gama lixaatiin afaan banatanii Israaʼelin liqimsan. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
13 Men til ham, der slaar det, vender Folket ej om, de søger ej Hærskarers HERRE.
Sabni sun garuu gara isa isaan dhaʼe sanaatti hin deebine yookaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu hin barbaaddanne.
14 Da hugger HERREN Hoved og Hale af Israel, Palme og Siv paa en eneste Dag.
Kanaafuu Waaqayyo Israaʼel irraa mataa fi eegee kuta; damee meexxiitii fi shambaqqoo guyyuma tokkoon balleessa;
15 Den ældste og agtede er Hoved, Løgnprofeten er Hale.
maanguddoonnii fi kabajamoonni mataa dha; raajonni soba barsiisan immoo eegee dha.
16 De ledende i dette Folk leder vild, og de, der ledes, opsluges.
Namoonni saba kana qajeelchan isaan dogoggorsu; warri isaaniin qajeelfamanis karaa irraa badu.
17 Derfor glædes ej Herren ved dets unge Mænd, har ej Medynk med dets faderløse og Enker. Thi alle er Niddinger og Ugerningsmænd, og hver en Mund taler Daarskab. Men trods alt har hans Vrede ej lagt sig, hans Haand er fremdeles rakt ud.
Kanaafuu Gooftaan dargaggootatti hin gammadu yookaan ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif hin naʼu; namni hundinuu kan Waaqa hin sodaannee fi hamaadhaatii; afaan hundinuus hamaa dubbata. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.
18 Thi Gudløshed brænder som Ild, fortærer Torn og Tidsel, sætter Ild paa det tætte Krat, saa det hvirvler op i Røg.
Hamminni dhugumaan akka ibiddaa bobaʼa; inni sokorruu fi qoraattii illee gubee balleessa, bosona gobbuus ni qabata; akkuma aara ol baʼuuttis ol baʼa.
19 Ved Hærskarers HERRES Vrede staar Landet i Brand, og Folket bliver som Føde for Ilden; de skaaner ikke hverandre.
Dheekkamsa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuutiin lafti ni gubatti; namoonnis qoraan ibiddaa taʼu; namni kam iyyuu obboleessa isaa oolchuu hin dandaʼu.
20 Man snapper til højre og hungrer, æder om sig til venstre og mættes dog ej. Hver æder sin Næstes Kød,
Karaa mirgaatiin ni butatu; garuu beela hin baʼan; karaa bitaatiin ni nyaatu; garuu hin quufan. Tokkoon tokkoon isaanii foon aantee isaa nyaata;
21 Manasse Efraim, Efraim Manasse, og de overfalder Juda sammen. Men trods alt har hans Vrede ej lagt sig, hans Haand er fremdeles rakt ud.
Minaaseen Efreemin nyaata; Efreemis Minaasee nyaata; isaan tokkummaadhaan Yihuudaatti garagalu. Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaas amma iyyuu akkuma ol kaafametti jira.