< Esajas 49 >
1 Hør mig, I fjerne Strande, lyt til, I Folk i det fjerne! HERREN har fra Moders Liv kaldt mig, fra Moders Skød nævnet mit Navn;
Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa; yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa: Utuu ani hin dhalatin dura Waaqayyo na waame; utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase.
2 til et skarpt Sværd gjorde han min Mund og skjulte mig i Skyggen af sin Haand, til en sleben Pil har han gjort mig og gemt mig i sit Kogger,
Inni afaan koo akka goraadee qaramee godhe; gaaddidduu harka isaatiin na dhokse; xiyya cululuqfame na godhee, manʼee xiyya isaa keessa na kaaʼate.
3 sagt til mig: »Du er min Tjener, Israel, ved hvem jeg vinder Ære.«
Innis, “Yaa Israaʼel, ati garbicha koo kan ani ulfina koo isa irratti mulʼisuu dha” anaan jedhe.
4 Jeg sagde: »Min Møje er spildt, paa Tomhed og Vind sled jeg mig op — dog er min Ret hos HERREN, min Løn er hos min Gud.«
Ani garuu, “Akkasumaanan itti dadhabe; humna koos waanuma faayidaa hin qabnettan fixe. Taʼus dhugaan koo harka Waaqayyoo, gatiin koos Waaqa bira jira” nan jedhe.
5 Og nu siger HERREN, som danned mig fra Moders Liv til sin Tjener for at hjemføre Jakob til ham og samle Israel til ham — og i HERRENS Øjne er jeg æret, min Gud er blevet min Styrke —
Waan ani fuula Waaqayyoo duratti ulfina argadhee Waaqni koo jabina naa taʼeef, Waaqayyo inni akka ani Yaaqoobin deebisee gara isaatti fiduuf, Israaʼelin isa biratti walitti qabuuf, akka ani garbicha isaa taʼuuf gadameessa keessatti na tolche sun akkana jedha;
6 han siger: »For lidt for dig som min Tjener at rejse Jakobs Stammer og hjemføre Israels frelste! Jeg gør dig til Hedningers Lys, at min Frelse maa naa til Jordens Ende.«
Innis, “Ati gosoota Yaaqoob deebiftee dhaabuuf, Israaʼeloota ani eege sanas deebiftee fiduuf garbicha koo taʼuun kee siif baayʼee salphaa dha. Akka fayyinni koo qarqara lafaa gaʼuuf ani Namoota Ormaatiif ibsaa sin taasisa” jedha.
7 Saa siger HERREN, Israels Genløser, dets Hellige, til den dybt foragtede, skyet af Folk, Herskernes Træl: Konger skal se det og rejse sig, Fyrster skal kaste sig ned for HERRENS Skyld, den trofaste, Israels Hellige, der udvælger dig.
Waaqayyo Furii fi Qulqullichi Israaʼel, isa namaan tuffatamee sabnis jibbe, tajaajilaa bulchitootaa sanaan akkana jedha: “Sababii Waaqayyo amanamaa Qulqullicha Israaʼel isa si filate sanaatiif jedhanii mootonni si arganii ol kaʼu; ilmaan moototaas arganii sagadu.”
8 Saa siger HERREN: Jeg hører dig i Naadens Stund, jeg hjælper dig paa Frelsens Dag, vogter dig og gør dig til Folkepagt for at rejse Landet igen, udskifte øde Lodder
Waaqayyo akkana jedha: “Ani yeroo fudhatama qabutti siifin deebisa; gaafa fayyinaattis sin gargaara; akka ati dhaala abbaa hin qabne deebiftee dhaalchiftuuf, ani sin eega; akka ati sabaaf kakuu taatus sin godha;
9 og sige til de bundne: »Gaa ud!« til dem i Mørket: »Kom frem!« Græs skal de finde langs Vejene, Græsgang paa hver nøgen Høj;
akka ati warra boojiʼamaniin, ‘Kottaa baʼaa’ warra dukkana keessa jiraataniin immoo, ‘Bilisa baʼaa’ jettu sin godha. “Isaan karaa irratti waa nyaatu; gaara qulqullaaʼaa irrattis iddoo qubataa argatu.
10 de hungrer og tørster ikke, dem stikker ej Hede og Sol. Thi deres Forbarmer fører dem, leder dem til Kildevæld;
Isaan hin beelaʼan; hin dheebotanis; hoʼi gammoojjii yookaan aduun isaan hin gubu. Inni isaaniif garaa laafu isaan geggeessa; qarqara burqaa bishaanii irra isaan qajeelcha.
11 jeg gør alle Bjerge til Vej, og alle Stier skal højnes.
Tulluuwwan koo hunda karaatti nan geeddara; daandiiwwan koo gurguddaanis wal qixxeeffamu.
12 Se, nogle kommer langvejsfra, nogle fra Nord og Vest, nogle fra Sinims Land.
Kunoo, isaan biyya fagoodhaa ni dhufu; gariin kaabaa, gariin dhiʼaa, kaan immoo biyya Aswaaniitii ni dhufu.”
13 Jubler, I Himle, fryd dig, du Jord, I Bjerge, bryd ud i Jubel! Thi HERREN trøster sit Folk, forbarmer sig over sine arme.
Yaa samiiwwan, ililchaa; yaa lafa gammadi; yaa tulluuwwan, guddisaa faarfadhaa! Waaqayyo saba isaa ni jajjabeessa; warra rakkataniifis garaa ni laafaatii.
14 Dog siger Zion: »HERREN har svigtet mig, Herren har glemt mig!«
Xiyoon garuu, “Waaqayyo na gateera; Gooftaanis na irraanfateera” jette.
15 Glemmer en Kvinde sit diende Barn, en Moder, hvad hun bar under Hjerte? Ja, selv om de kunde glemme, jeg glemmer ej dig.
“Haati daaʼima ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
16 Se, i mine Hænder har jeg tegnet dig, dine Mure har jeg altid for Øje.
Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera; dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.
17 Dine Børn kommer ilende; de, som nedbrød og lagde dig øde, gaar bort.
Ilmaan kee ariitiidhaan ni dachaʼu; warri si diiganis sirraa baqatu.
18 Løft Øjnene, se dig om, de samles, kommer alle til dig. Saa sandt jeg lever, lyder det fra HERREN: Du skal bære dem alle som Smykke, binde dem som Bruden sit Bælte.
Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; ilmaan kee hundi walitti qabamanii gara kee ni dhufu. Ani jiraataadhaatii” jedha Waaqayyo. “Ati isaan kanneen hunda akka faayaatti ni uffatta; akka misirroottis ittiin miidhagfamta.
19 Thi dine Tomter og Grusdynger, dit hærgede Land — ja, nu er du Beboerne for trang; de, som aad dig, er borte;
“Ati diigamtee ontee biyyi kee barbadaaʼu iyyuu amma saba keetti lafti ni dhiphata; warri si liqimsan sirraa ni fagaatu.
20 end skal du høre dem sige, din Barnløsheds Børn: »Her er for trangt, saa flyt dig, at jeg kan sidde!«
Ijoolleen ati yeroo gadda keetiitti deesse, utuma gurri kee dhagaʼuu, ‘Lafti kun nutti dhiphateera; lafa irra jiraannu nuuf kenni’ siin jedhu.
21 Da tænker du i dit Hjerte: »Hvo fødte mig dem? Jeg var jo barnløs og gold, landflygtig og bortstødt, hvo fostrede dem? Ene sad jeg tilbage, hvor kommer de fra?«
Ergasii ati garaa keetti akkana jetta; ‘Eenyutu jara kanneen naa daʼe? Ani gaddituu fi maseentuun ture; ani baqattuu fi jibbamtuun ture. Isaan kanneen eenyutu guddise? Ani kophaatti hafeen ture; yoos, isaan kunneen eessaa dhufan ree?’”
22 Saa siger den Herre HERREN: Se, jeg løfter min Haand for Folkene, rejser mit Banner for Folkeslag, og de bringer dine Sønner i Favnen, dine Døtre bæres paa Skulder.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Kunoo ani namoota ormaa harkaan nan waama; faajjii koos uummataaf ol nan qaba; isaan ilmaan kee hammatanii fidu; intallan kee immoo gatiittii isaaniitti baatu.
23 Konger bliver Fosterfædre for dig, deres Dronninger skal være dine Ammer. De kaster sig paa Ansigtet for dig, slikker dine Fødders Støv. Du skal kende, at jeg er HERREN; de, som bier paa mig, bliver ikke til Skamme.
Mootonni abbootii kee kanneen si guddisan, niitonni isaanii immoo haadhota kee kanneen harma si hoosisan ni taʼu. Isaan adda isaaniitiin lafatti gombifamanii siif sagadu; awwaara miilla keetii illee ni arraabu. Ergasii ati akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta; warri na abdatan hin salphatan.”
24 Kan Bytte fratages en Helt, kan den stærkes Fanger slippe bort?
Gootota harkaa boojuu fudhachuun, gara jabeeyyii harkaas boojuu baasuun ni dandaʼamaa?
25 Thi saa siger HERREN: Om Fanger end fratages Helten, slipper Bytte end bort fra den stærke, jeg strider mod dem, der strider mod dig, og dine Børn vil jeg frelse.
Waaqayyo garuu akkana jedha: “Eeyyee, gootota harkaa boojiʼamtoonni ni baafamu; gara jabeeyyii harkaas boojuun ni fudhatama; warra siin falmaniin nan falma; ijoollee kees nan baraara.
26 Dem, der trænger dig, lader jeg æde deres eget Kød, deres Blod skal de drikke som Most; alt Kød skal kende, at jeg, HERREN, er din Frelser, din Genløser Jakobs Vældige.
Ani akka warri si hacuucan foon ofii isaanii nyaatan nan godha; isaan akkuma nama daadhii wayiniitiin machaaʼuu dhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu. Ergasii sanyiin namaa hundi, akka ani Waaqayyo, Fayyisaan kee, Furiin kee, Jabaa Yaaqoob taʼe ni beeka.”