< Esajas 47 >

1 Stig ned, sid i Støvet, du Jomfru, Babels Datter, sid uden Trone paa Jorden, Kaldæernes Datter! Thi ikke mer skal du kaldes den fine, forvænte!
“Yaa intala Baabilon Durba Qulqullittii, gad buʼi; awwaara irra taaʼi; yaa Intala Baabilonotaa, teessoo malee lafa taaʼi! Ati siʼachi bareedduu yookaan kichuu jedhamtee hin waamamtu.
2 Tag fat paa Kværnen, mal Mel, læg Sløret bort, løft Slæbet, blot dine Ben og vad over Strømmen!
Dhagaa daakuu fudhadhuutii midhaan daaki; haguuggii kee of irraa fuudhi. Wandaboo kee soqoladhu; gudeeda kee mulʼisi; laga ceʼi.
3 Din Blusel skal blottes, din Skam skal ses. Hævn tager jeg uden Skaansel, siger vor Genløser,
Qullaan kee ifatti ni baʼa; qaaniin kees hin dhokatu. Ani haaloo nan baʼa; ani nama tokko iyyuu hin dhiisu.”
4 hvis Navn er Hærskarers HERRE, Israels Hellige.
Furiin keenya maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha; inni Qulqullicha Israaʼel.
5 Sid tavs og gaa ind i Mørke, Kaldæernes Datter, thi ikke mer skal du kaldes Rigernes Dronning!
“Yaa Intala Baabilonotaa, calʼisii taaʼiitii dukkana seeni; ati siʼachi mootittii mootummootaa jedhamtee hin waamamtu.
6 Jeg vrededes paa mit Folk, vanæred min Arv, gav dem hen i din Haand; du viste dem ingen Medynk, du lagde dit tunge Aag paa Oldingens Nakke.
Ani saba kootti dheekkameera; handhuuraa koos xureesseera; ani dabarsee harka keetti isaan kenneera; atis garaa hin laafneef. Warra dullooman irra iyyuu waanjoo ulfaataa keesse.
7 Du sagde: »Jeg bliver evindelig Evigheds Dronning.« Du tog dig det ikke til Hjerte, brød dig ikke om Enden.
Ati, ‘Ani bara baraan itti fufee mootittii bara baraa nan taʼa!’ jette. Ati garuu wantoota kana hin hubanne yookaan dhumni isaanii maal akka taʼu hin yaadanne.
8 Saa hør nu, du yppige, du, som sidder i Tryghed, som siger i Hjertet: »Kun jeg, og ellers ingen! Aldrig skal jeg sidde Enke, ej kende til Barnløshed.«
“Ammas yaa ishee qananiituu, kan nagaan jiraattee garaa kee keessattis, ‘Anuma; ana malee tokko iyyuu hin jiru; ani siʼachi haadha hiyyeessaa yookaan nama dhalee dhabe hin taʼu’ ofiin jettu dhagaʼi.
9 Begge Dele skal ramme dig brat samme Dag, Barnløshed og Enkestand ramme dig i fuldeste Maal, dine mange Trylleord, din megen Trolddom til Trods,
Wantoonni kunneen lamaan, dhalanii dhabuu fi haadha hiyyeessaa taʼuun akkuma tasaa guyyuma tokkotti sitti dhufu. Isaan baayʼina falfala keetiitii fi tolcha kee cimaa sanaa hunda irraan iyyuu humna isaanii guutuudhaan sitti dhufu.
10 skønt du tryg i din Ondskab sagde: »ingen ser mig.« Din Visdom og Viden var det, der ledte dig vild, saa du sagde i Hjertet: »Kun jeg, og ellers ingen!«
Ati hammina kee amanattee, ‘Namni tokko iyyuu na hin argu’ jette. Yeroo ati garaa kee keessatti, ‘Ana; ana malee namni biraa hin jiru’ jettutti, ogummaa fi beekumsi kee si dogoggorsu.
11 Dig rammer et Onde, du ikke kan købe bort, over dig falder et Vanheld, du ikke kan sone, Undergang rammer dig brat, naar mindst du aner det.
Wanni hamaan sitti dhufa; ati immoo eessaa akka inni dhufu hin beektu. Balaan ati of irraa ittisuu hin dandeenye tokko sitti dhufa; badiisni ati duraan dursitee hin beekin akkuma tasaa sitti dhufa.
12 Kom med din Trolddom og med dine mange Trylleord, med hvilke du umaged dig fra din Ungdom, om du kan bøde derpaa og skræmme det bort.
“Yoos ati tolcha keetii fi falfala kee baayʼee ijoollummaa keetii jalqabdee itti dadhabde sana jabeessii eegi. Yoo akkas taʼe ati ni milkoofta; yoo akkas taʼe nama ni sodaachifta taʼa.
13 Med Raadgiverhoben sled du dig træt, lad dem møde, lad Himmelgranskerne frelse dig, Stjernekigerne, som Maaned for Maaned kundgør, hvad dig skal ske!
Gorsi ati argatte hundi dadhabbii qofa sitti fide! Urjii lakkooftonni kee warri jiʼa jiʼaan urjii ilaalanii raajan sun, mee waan sitti dhufu duraa si haa baasan kaa.
14 Se, de er blevet som Straa, de fortæres af Ild, de frelser ikke deres Liv fra Luens Magt. »Ingen Glød til Varme, ej Baal at sidde ved!«
Dhugumaan isaan akkuma cidii ti; ibiddi isaan guba. Isaan mataa isaanii iyyuu, humna arraba ibiddaa jalaa baasuu hin dandaʼan. Barbadaan ibiddaa kan namni hoʼifatu tokko iyyuu hin jiru; ibiddi bira taaʼanis hin argamu.
15 Sligt faar du af dem, du umaged dig med, dine Troldmænd fra Ungdommen af; de raver hver til sin Side, dig frelser ingen.
Wanni warri ati wajjin dadhabdee ijoollummaa keetii jalqabdee wajjin daldalte sun siif gochuu dandaʼan kanuma. Tokkoon tokkoon isaanii dogoggora isaanii itti fufan; kan si baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.

< Esajas 47 >