< Esajas 20 >

1 I det Aar Tartan kom til Asdod, dengang Assyrerkongen Sargon sendte ham og han angreb Asdod og indtog det,
Bara ajajaan muummichi Sargoon mooticha Asooriin ergame sun gara Ashdood dhufee lolee ishee qabate sana keessa,
2 paa den Tid talede HERREN ved Esajas, Amoz's Søn, saaledes: »Gaa hen og løs Sørgeklædet af dine Lænder og drag Skoene af dine Fødder!« Og han gjorde saaledes og gik nøgen og barfodet.
yeroodhuma sanatti Waaqayyo karaa Isaayyaas ilma Amoosiitiin dubbate. Innis, “Uffata gaddaa dhagna kee irraa, kophees miilla kee irraa baasi” jedheen. Innis akkasuma godhe; qullaa fi miilla duwwaa asii fi achi deeme.
3 Saa sagde HERREN: »Som min Tjener Esajas i trende Aar har vandret nøgen og barfodet som Tegn og Varsel mod Ægypten og Ætiopien,
Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Akkuma garbichi koo Isaayyaas, akka Gibxii fi Itoophiyaaf mallattoo fi akeekkachiisa taʼuuf jedhee waggaa sadii qullaa fi miilla duwwaa deeme sana,
4 saaledes skal Assyrerkongen slæbe fangne Ægyptere og bortførte Ætiopere med sig, unge og gamle, nøgne og barfodede, med blottet Bag til Skændsel for Ægypten.«
akkasuma mootiin Asoor boojiʼamtoota Gibxii fi baqattoota Itoophiyaa dargaggeessaa fi jaarsa, qullaa fi miilla duwwaa hambisee teessuma isaanii illee qullaa godhee fudhatee deeme; kun warra Gibxiitiif qaanii dha.
5 Da skal de forfærdes og blues over Ætiopien, som de saa hen til, og over Ægypten, som var deres Stolthed.
Warri Itoophiyaa amanatanii Gibxiin boonan ni sodaatu; ni qaanaʼus.
6 Og de, som bor paa denne Strand, skal paa hin Dag sige: »Se, saaledes gik det med den, vi saa hen til, til hvem vi tyede om Hjælp for at frelses fra Assyrerkongen; hvor skal da vi kunne undslippe!«
Gaafas warri qarqara galaanaa irra jiraatan akkana jedhu; ‘Warra nu itti irkanne, warra mooticha Asoor jalaa nu baasu jennee gargaarsaaf itti baqanne sana irra waan gaʼe mee ilaalaa! Yoos nu akkamitti jalaa baʼuu dandeenya?’”

< Esajas 20 >