< Ezekiel 37 >

1 HERRENS Haand kom over mig, og han førte mig i Aanden ud og satte mig midt i Dalen. Den var fuld af Ben;
Harki Waaqayyoo narra ture; innis Hafuura Waaqayyootiin na fuudhee, walakkaa sululaa na dhaabe; sululli sunis lafeewwaniin guutamee ture.
2 og han førte mig rundt omkring dem, og se, de laa i store Mængder ud over Dalen, og se, de var aldeles tørre.
Isaan gidduus asii fi achi na deddeebise; anis lafeewwan akka malee baayʼee kanneen akka malee goggogan lafa sululaa irratti nan arge.
3 Derpaa sagde han til mig: »Menneskesøn! kan disse Ben blive levende?« Jeg svarede: »Herre, HERRE, du ved det!«
Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen jiraachuu dandaʼuu?” jedhee na gaafate. Ani immoo, “Yaa Waaqayyo Gooftaa, si qofatu beeka” nan jedhe.
4 Saa sagde han til mig: Profetér over disse Ben og sig til dem: I tørre Ben, hør HERRENS Ord!
Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Lafeewwan kanneenitti raajiitii akkana jedhiin; ‘Yaa lafeewwan goggogoo, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa!
5 Saa siger den Herre HERREN til disse Ben: Se, jeg bringer Aand i eder, saa I bliver levende.
Waaqayyo Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu.
6 Jeg lægger Sener om eder, lader Kød vokse frem paa eder, overtrækker eder med Hud og indgiver eder Aand, saa I bliver levende; og I skal kende, at jeg er HERREN.
Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.’”
7 Saa profeterede jeg, som mig var paalagt, og der hørtes en Lyd, da jeg profeterede, og se, der hørtes Raslen, og Benene nærmede sig hverandre.
Kanaafuu ani akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Utuma ani raajii dubbachaa jiruus sagaleen tokko dhagaʼame; lafeewwanis walitti dhufan; lafeenis lafeetti maxxane.
8 Og jeg skuede, og se, der kom Sener paa dem, Kød voksede frem, og de blev overtrukket med Hud, men der var ingen Aand i dem.
Yeroo ani isaan ilaaletti, kunoo ribuun isaanitti baʼee ture; foonis isaan irra ture; gogaas uffatanii turan; hafuurri garuu isaan keessa hin jiru ture.
9 Saa sagde han til mig: Profetér og tal til Aanden, profetér, du Menneskesøn, og sig til dem: Saa siger den Herre HERREN: Aand, kom fra de fire Verdenshjørner og blæs paa disse dræbte, at de maa blive levende!
Ergasii inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, bubbeetti raajii dubbadhu; akkanas jedhiin; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bubbee, bubbeewwan afran irraa kottu; akka isaan lubbuudhaan jiraataniif warra gorraʼaman kanneenitti bubbisi.’”
10 Da profeterede jeg, som han bød mig, og Aanden kom i dem, og de blev levende og rejste sig paa deres Fødder, en saare, saare stor Hær.
Kanaafuu ani akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti gale; isaanis lubbuu horatanii miilla isaaniitiin kaʼanii dhadhaabatan; isaanis raayyaa guddaa turan.
11 Derpaa sagde han til mig: Menneskesøn! Disse Ben er alt Israels Hus. Se, de siger: »Vore Ben er tørre, vort Haab er svundet, det er ude med os!«
Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen guutummaa mana Israaʼeli. Jarris, ‘Lafeewwan keenya goggoganiiru; nu abdii hin qabnu; cinneerras’ jedhu.
12 Profetér derfor og sig til dem: Saa siger den Herre HERREN: Se, jeg aabner eders Grave og fører eder ud af dem, mit Folk, og bringer eder til Israels Land;
Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani awwaala kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida.
13 og I skal kende, at jeg er HERREN, naar jeg aabner eders Grave og fører eder ud af dem, mit Folk.
Isinis yaa saba ko, yeroo ani awwaala keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu.
14 Jeg indgiver eder min Aand, saa I bliver levende, og jeg bosætter eder i eders Land; og I skal kende, at jeg er HERREN; jeg har talet, og jeg fuldbyrder det, lyder det fra HERREN.
Ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan jiraattu; ani biyyuma keessan keessa isinan qubachiisa. Ergasii isin akka ani Waaqayyo dubbadhee hojjedhe ni beektu, jedha Waaqayyo.’”
15 HERRENS Ord kom til mig saaledes:
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe;
16 Du, Menneskesøn, tag dig et Stykke Træ og skriv derpaa: Juda og hans Medbrødre blandt Israeliterne! Tag saa et andet Stykke Træ og skriv derpaa: Josef — Efraims Træ — og hans Medbrødre, alt Israels Hus!
“Yaa ilma namaa, ulee mukaa tokko fuudhiitii, ‘Kan Yihuudaatii fi kan Israaʼeloota isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. Ulee mukaa kan biraas fuudhiitii, ‘Ulee Efreem, kan Yoosefii fi kan guutummaa mana Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi.
17 Føj dem saa sammen til eet Stykke, saa de bliver eet i din Haand.
Akka isaan harka kee keessatti tokko taʼaniif uleewwan sana walitti qabsiis.
18 Og naar saa dine Landsmænd siger til dig: »Vil du ikke sige os, hvad du mener dermed?«
“Yommuu namoonni biyya keetii, ‘Kun maal jechuu kee akka taʼe nutti hin himtuu?’ jedhanii si gaafatanitti,
19 sig saa til dem: Saa siger den Herre HERREN: Se, jeg tager Josefs Træ, som var i Efraims Haand, og Israels Stammer, hans Medbrødre, og føjer dem til Judas Træ og gør dem til eet Stykke og de skal blive eet i Judas Haand.
akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani ulee Yoosef kan harka Efreem jiru kan gosoota Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii, ulee Yihuudaa wajjin walitti qabsiisee ulee mukaa tokko nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.’
20 Og Træstykkerne, du skrev paa, skal være i din Haand, saa de kan se dem.
Fuula isaanii durattis uleewwan isaan irratti barreessite sana harkatti qabadhuutii
21 Tal saa til dem: Saa siger den Herre HERREN: Se, jeg henter Israeliterne fra Folkene, til hvilke de vandrede hen, og samler dem alle Vegne fra og bringer dem til deres Land.
akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani saboota isaan keessa turan keessaa Israaʼeloota nan baasa. Qixa hundaa walitti isaan qabee biyya isaaniitti isaan nan galcha.
22 Jeg gør dem til eet Folk i Landet paa Israels Bjerge; og de skal alle have en og samme Konge og ikke mere være to Folk eller delt i to Riger.
Ani tulluuwwan Israaʼel irratti, biyyattii keessatti saba tokko isaan nan godha. Isaan hunda irratti mootii tokkotu moʼa; isaanis gonkumaa deebiʼanii saboota lama hin taʼan yookaan mootummaan isaanii iddoo lamatti hin qoodamu.
23 De skal ikke mere gøre sig urene ved deres Afgudsbilleder og væmmelige Guder eller alle deres Overtrædelser, og jeg vil frelse dem fra alt deres Frafald, hvormed de forsyndede sig, og rense dem, og de skal være mit Folk, og jeg vil være deres Gud.
Isaan siʼachi waaqota isaanii tolfamoodhaa fi fakkiiwwan faayidaa hin qabneen yookaan balleessaa isaanii kamiin iyyuu of hin xureessan; ani cubbuudhaan dugda duubatti mucucaachuu isaanii hunda irraa deebisee isaan nan qulqulleessaatii. Isaan saba koo ni taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa.
24 Min Tjener David skal være Konge over dem, og alle skal de have en og samme Hyrde. De skal følge mine Lovbud og holde mine Vedtægter og gøre efter dem.
“‘Daawit garbichi koo isaan irratti mootii ni taʼa; isaan hundis tiksitee tokko ni qabaatu. Isaan seera koo duukaa ni buʼu; sirna koos of eeggannaadhaan ni eegu.
25 De skal bo i det Land, jeg gav min Tjener Jakob, der hvor deres Fædre boede; de skal bo der til evig Tid, de, deres Børn og Børnebørn; og min Tjener David skal være deres Fyrste evindelig.
Isaan biyya abbootiin keessan jiraatan, biyya ani Yaaqoobiif kenne keessa ni jiraatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi ni jiraatu; Daawit garbichi koos bara baraan bulchaa isaanii ni taʼa.
26 Jeg slutter en Fredspagt med dem, en evig Pagt skal det være; og jeg gør dem mangfoldige og sætter min Helligdom i deres Midte evindelig;
Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan seena; kakuun kunis kakuu bara baraa ni taʼa. Ani jabeessee isaan nan dhaaba; lakkoobsa isaaniis nan baayʼisa; gidduu isaaniittis iddoo qulqulluu koo bara baraan nan dhaaba.
27 min Bolig skal være over dem; jeg vil være deres Gud, og de skal være mit Folk.
Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
28 Og Folkene skal kende, at jeg er HERREN, som helliger Israel, naar min Helligdom bliver i deres Midte evindelig.
Ergasii yommuu iddoon qulqulluun koo bara baraan isaan gidduu jiraatutti, akka ani Waaqayyo Israaʼelin qulqulleessu saboonni ni beeku.’”

< Ezekiel 37 >