< Første Krønikebog 25 >

1 Derpaa udskilte David og Hærførerne til Tjenesten Asafs, Hemans og Jedutuns Sønner, som i profetisk Henrykkelse spillede paa Citre, Harper og Cymbler; og Tallet paa de Mænd, der havde med denne Tjeneste at gøre, var:
Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis:
2 Af Asafs Sønner: Zakkur, Josef, Netanja og Asar'ela, Asafs Sønner under Ledelse af Asaf, der spillede i profetisk Henrykkelse under Kongens Ledelse.
Ilmaan Asaaf keessaa: Zakuur, Yoosef, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture.
3 Af Jedutun: Jedutuns Sønner Gedalja, Jizri, Jesja'ja, Sjim'i, Hasjabja og Mattitja, seks, under Ledelse af deres Fader Jedutun, der i profetisk Henrykkelse spillede paa Citer, naar HERREN blev lovet og priset.
Ilmaan Yeduutuun keessaa: Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan Waaqayyo galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan.
4 Af Heman: Hemans Sønner Bukkija, Mattanja, Uzziel, Sjubael, Jerimot, Hananja, Hanani, Eliata, Giddalti, Romamti-Ezer, Josjbekasja, Malloti, Hotir og Mahaziot.
Ilmaan Heemaan keessaa: Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti.
5 Alle disse var Sønner af Heman, Kongens Seer i Guds Ord; for at løfte hans Horn gav Gud Heman fjorten Sønner og tre Døtre.
Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne.
6 Alle disse spillede under deres Faders Ledelse ved Sangen i HERRENS Hus paa Cymbler, Harper og Citre for saaledes at gøre Tjeneste i Guds Hus under Ledelse af Kongen, Asaf, Jedutun og Heman.
Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan. Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan.
7 Deres Tal, sammenregnet med deres Brødre, der var oplært til at synge HERRENS Sange, var 288, kyndige Folk til Hobe.
Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Waaqayyoof faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan.
8 De kastede Lod om Ordningen af Tjenesten med lige Kaar baade for smaa og for store, Mestre og Lærlinge.
Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan.
9 Det første Lod traf Josef, ham selv med hans Brødre og Sønner, tolv; det andet Gedalja, ham selv med hans Brødre og Sønner, tolv;
Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif, ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaaniis kudha lama turan lammaffaan Gedaaliyaasiif, isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
10 det tredje Zakkur, hans Sønner og Brødre, tolv;
sadaffaan Zakuuriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
11 det fjerde Jizri, hans Sønner og Brødre, tolv;
afuraffaan Izriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
12 det femte Netanja, hans Sønner og Brødre, tolv;
shanaffaan Naataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
13 det sjette Bukkija, hans Sønner og Brødre, tolv;
jaʼaffaan Bukiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
14 det syvende Jesar'ela, hans Sønner og Brødre, tolv;
torbaffaan Yishiriʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
15 det ottende Jesja'ja, hans Sønner og Brødre, tolv;
saddeettaffaan Yashaayaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
16 det niende Mattanja, hans Sønner og Brødre, tolv;
saglaffaan Mataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
17 det tiende Sjim'i, hans Sønner og Brødre, tolv;
kurnaffaan Shimeʼiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
18 det ellevte Uzziel, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
19 det tolvte Hasjabja, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha lammaffaan Hashabiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
20 det trettende Sjubael, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
21 det fjortende Mattitja, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha afuraffaan Matiitiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
22 det femtende Jeremot, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha shanaffaan Yereemootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
23 det sekstende Hananja, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
24 det syttende Josjbekasja, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
25 det attende Hanani, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
26 det nittende Malloti, hans Sønner og Brødre, tolv;
kudha saglaffaan Malootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
27 det tyvende Eliata, hans Sønner og Brødre, tolv;
digdammaffaan Eliyaataaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
28 det een og tyvende Hotir, hans Sønner og Brødre, tolv;
digdamii tokkoffaan Hootiiriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
29 det to og tyvende Giddalti, hans Sønner og Brødre, tolv;
digdamii lammaffaan Gidaltiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
30 det tre og tyvende Mahaziot, hans Sønner og Brødre, tolv;
digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
31 det fire og tyvende Romamti-Ezer, hans Sønner og Brødre, tolv.
digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan.

< Første Krønikebog 25 >