< Esajas 16 >

1 Sender Landets Hersker Lam fra Sela gennem Ørken til Zions Datters Bjerg.
Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraa bulchaa biyyattiitiif, gara tulluu Intala Xiyoonitti xobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa.
2 Og det skal ske, at ligesom en Fugl, udjaget af Reden, flagrer hid og did, saa skulle Moabs Døtre komme til Arnons Færgesteder.
Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamtee asii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabis malkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu.
3 Giv Raad, hjælp til Ret, gør din Skygge som Natten midt om Middagen, skjul de fordrevne, forraad ikke den, som flyr!
“Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa. Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessan akkuma halkanii dukkaneessaa. Baqattootas dhoksaa; kooluu galtoota hin ganinaa.
4 Lad mine fordrevne faa Herberge hos dig, Moab! vær dem et Skjul imod Ødelæggeren; thi Undertrykkeren er borte, Ødelæggelsen faar Ende, og de, som nedtraadte andre, skulle omkomme af Landet.
Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan; balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa.” Cunqursaan ni bada; badiisnis ni hafa; warri nama miidhan lafa irraa badu.
5 Og der skal beredes en Trone ved Miskundheden, og en skal sidde derpaa i Sandheden, i Davids Paulun, en, som skal dømme og spørge efter Ret og haste efter Retfærdighed.
Teessoon jaalalaan hundeeffama; mana Daawit keessaa namni murtii kennuu irratti murtii qajeelaa barbaadu, kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokko amanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa.
6 Vi have hørt om Moabs Hovmod, han er saare hovmodig, ja, om hans Stolthed og hans Hovmod og hans Grumhed, hans tomme Pral.
Nu of tuulummaa Moʼaab, of guddisuu fi kooruu ishee, of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra; of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu.
7 Derfor skal Moab hyle over Moab, de skulle alle sammen hyle; over Kir-Hareseths Grundvolde skulle I sukke, aldeles modfaldne.
Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu; isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu. Namoota Qiir Hareeshetiif faarsanii booʼuudhaan gaddu.
8 Thi Hesbons Marker ere henvisnede, paa Vintræet i Sibma have Folkenes Herrer knust de ædle Ranker, som naaede til Jaeser og forvildede sig ind i Ørken; dens Kviste, som bredte sig ud, ere komne over Havet.
Lafti qotiisaa Heshboon, mukni wayinii Sibimaas coollageera. Bulchitoonni sabootaa mukkeen wayinii filatamoo kanneen duraan Yaʼizeerin gaʼanii gara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru. Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire.
9 Derfor vil jeg græde med Jaesers Graad over det Vintræ i Sibma, jeg vil væde dig, Hesbon og Eleale, med min Graad; thi over din Sommerfrugt og over din Høst faldt Krigsskriget ind.
Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana, mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa. Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee, ani imimmaan kootiin sin jiisa! Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii fi gammachuun yeroo midhaan siif haamamu ture sun hafeera.
10 Og Glæde og Fryd er veget bort fra den frugtbare Mark, og man synger ikke i Vingaardene, raaber ej heller med Glæde; Persetræderen træder ikke Druer i Perserne, Frydeskrig har jeg ladet høre op.
Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru; namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessatti hin faarfatu yookaan hin ililchu: sababii ani ilillee balleesseef namni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru.
11 Derfor bruser mit Inderste over Moab som en Harpe, og mit Hjerte over Kir-Heres.
Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa; keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa.
12 Og det sker, naar Moab lader sig se og er træt af at ofre paa Højen, da vil det komme til sin Helligdom for at bede og skal ikke kunne.
Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte, isheen ofuma dadhabsiifti; yoo kadhannaaf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxe kunis faayidaa tokko illee hin qabu.
13 Dette er det Ord, som Herren har talt imod Moab den Gang;
Kun dubbii Waaqayyo duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha.
14 men nu har Herren talt og sagt: Om tre Aar, som en Daglønners Aar, da skal Moabs Herlighed med al den store Mængde være ringeagtet, og der skal blive en Levning tilbage, liden, ringe og afmægtig.
Waaqayyo garuu amma akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu.”

< Esajas 16 >