< Titovi 1 >

1 Pavel, služebník Boží, apoštol pak Ježíše Krista, podle víry vyvolených Božích a známosti pravdy, kteráž jest podle zbožnosti,
Phaawulos isa amantii filatamtoota Waaqaatii fi dhugaa beekuu gara Waaqaaf buluutti nama geessuuf garbicha Waaqaatii fi ergamaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa;
2 K naději života věčného, kterýž zaslíbil před časy věků ten, jenž nikdy neklamá, Bůh, zjevil pak časy svými, (aiōnios g166)
kunis abdii jireenya bara baraa isa Waaqni hin sobne sun jalqaba addunyaatiin dura waadaa gale irratti kan hundeeffamee dha; (aiōnios g166)
3 Totiž to slovo své, skrze kázání mně svěřené, podle zřízení Spasitele našeho Boha, Titovi, vlastnímu synu u víře obecné:
innis yommuu yeroon murteeffame sun gaʼetti karaa lallaba isa ajaja Fayyisaa keenya Waaqaatiin imaanaa natti kennameetiin dubbii isaa ifatti baaseera,
4 Milost, milosrdenství a pokoj od Boha Otce a Pána Jezukrista Spasitele našeho.
Gara Tiitoo isa amantii walii wajjin qabnuun ilma koo dhugaa taʼeetti:
5 Z té příčiny zanechal jsem tebe v Krétě, abys to, čehož tam ještě potřebí, spravil a ustanovil po městech starší, jakož i já při tobě jsem zřídil:
Sababiin ani Qareexitti si hambiseef akka ati waan utuu hin xumuramin hafe toora qabsiiftuu fi akkuma ani si ajajettis magaalaawwan hunda keessatti jaarsolii muudduuf ture.
6 Jest-li kdo bez úhony, jedné manželky muž, dítky maje věřící, na kteréž by nemohlo touženo býti, že by byli bujní, anebo nepoddaní.
Jaarsi tokko kan mudaa hin qabne, dhirsa niitii tokkittii, kan ijoolleen isaa amananii jireenya gad dhiisiitii fi ajajamuu diduun maqaan isaanii hin badin taʼuu qaba.
7 Neboť biskup má býti bez úhony, jako Boží šafář, ne svémyslný, ne hněvivý, ne pijan vína, ne bijce, ne žádostivý mrzkého zisku,
Phaaphaasiin tokko sababii hojiin Waaqaa imaanaa isatti kennameef inni nama mudaa hin qabne taʼuu qaba malee kan of tuulu, kan dafee aaru, kan machaaʼu, kan lola jaallatuu fi kan karaa hin malleen buʼaa argachuuf tattaaffatu taʼuu hin qabu.
8 Ale přívětivý k hostem, dobrotivý, opatrný, spravedlivý, svatý, zdrželivý,
Qooda kanaa inni nama keessumaa simatu, nama waan gaarii jaallatu, kan of qabu, qajeelaa, qulqulluu fi nama naamusa qabu taʼuu qaba.
9 Pilně se přídržící věrné řeči v učení Božím, aby mohl i napomínati učením zdravým, i ty, kteříž odpírají, přemáhati.
Inni akka barsiisa dhugaatiin warra kaan gorsuu, warra barsiisa sanaan morman immoo akka dogoggora isaanii itti himee amansiisuu dandaʼuuf akkuma barsiifametti dubbii amanamaa sana jabeessee qabachuu qaba.
10 Neboť jsou mnozí nepoddaní, marnomluvní, i svůdcové myslí lidských, zvláště ti, jenž jsou z obřízky.
Finciltoonni baayʼeen, warri dubbii faayidaa hin qabne dubbatanii fi gowwoomsitoonni keessumattuu miseensonni garee warra dhagna qabatanii hedduutu jiraatii.
11 Jimž musejí ústa zacpána býti; kteříž celé domy převracejí, učíce neslušným věcem, pro mrzký zisk.
Isaan buʼaa hin malle argachuuf jedhanii waan barsiisuun isaan irra hin jirre barsiisuudhaan waan maatii guutuu diiganiif afaan qabachiifamuu qabu.
12 Řekl jeden z nich, vlastní jejich prorok, že Kretenští jsou vždycky lháři, zlá hovada, břicha lenivá.
Raajota isaanii keessaa tokko, “Warri Qareexi yeroo hunda sobdoota; bineensota hamoo dha; albaadheyyii dhibaaʼoo dha” jedheera.
13 Svědectví to pravé jest. A protož tresciž je přísně, ať jsou zdraví u víře,
Dhuga baʼumsi kun dhugaa dha. Kanaafuu akka isaan amantii dhugaa qabaataniif jabeessii isaan ifadhu.
14 Nešetříce Židovských básní, a přikázání lidí těch, jenž se odvracují od pravdy.
Akka isaan mammaaksa Yihuudootaa kan hundee hin qabne yookaan ajaja warra dhugaadhaan mormanii duukaa hin buuneefis jabeessii isaan ifadhu.
15 Všecko zajisté čisté jest čistým, poskvrněným pak a nevěřícím nic není čistého, ale poskvrněná jest i mysl jejich i svědomí.
Warra qulqullaaʼoof wanni hundinuu qulqulluu dha; warra xuraaʼoo fi warra hin amanneef garuu wanni tokko iyyuu qulqulluu miti. Dhugumaanuu yaadni isaaniitii fi qalbiin isaanii xuraaʼeera.
16 Vypravují o tom, že Boha znají, ale skutky svými toho zapírají, ohavní jsouce, a nepoddaní, a ke všelikému skutku dobrému nehodní.
Isaan nu Waaqa beekna jedhu; hojii isaaniitiin garuu isa ganu. Isaan jibbamoo dha; warra hin ajajamnee fi warra waan gaarii tokko iyyuu hojjechuuf gaʼumsa hin qabnee dha.

< Titovi 1 >