< Zjevení Janovo 8 >

1 A když otevřel pečet sedmou, stalo se na nebi mlčení, jako za půl hodiny.
Yommuu Hoolichi chaappaa torbaffaa banetti gara walakkaa saʼaatii tokkoo samii keessa tasgabbiitu ture.
2 I viděl jsem sedm andělů, kteříž stojí před obličejem Božím, jimž dáno sedm trub.
Anis ergamoota fuula Waaqaa dura dhadhaabatan torban arge; isaaniifis malakanni torba ni kenname.
3 A jiný anděl přišel a postavil se před oltářem, maje kadidlnici zlatou. I dáni jsou jemu zápalové mnozí, aby je obětoval s modlitbami všechněch svatých na oltáři zlatém, kterýž jest před trůnem.
Ergamaan biraa kan girgiraa warqee qabu tokko dhufee iddoo aarsaa bira dhaabate. Innis iddoo aarsaa warqee kan fuula teessichaa dura jiru sana irratti akka kadhannaa qulqulloota hundumaa wajjin dhiʼeessuuf ixaanni baayʼeen isaaf ni kenname.
4 I vstoupil dým zápalů s modlitbami svatých z ruky anděla až před obličej Boží.
Aarri ixaana sanaas kadhannaa qulqullootaa wajjin harka ergamaa sanaa keessaa fuula Waaqaa duratti ol baʼe.
5 I vzal anděl kadidlnici, a naplnil ji ohněm s oltáře, a svrhl ji na zem. I stalo se hromobití, a hlasové, a blýskání, i země třesení.
Ergamaan sunis girgiraa fuudhee iddoo aarsaa irraa ibidda itti guutee lafatti gad darbate; ergasiis sagaleen kakawwee, balaqqeessaa fi sochii lafaa ni dhagaʼame.
6 A těch sedm andělů, kteříž měli sedm trub, připravili se, aby troubili.
Ergamoonni Waaqaa torban warri malakata torban qabanis malakata afuufuuf ni qophaaʼan.
7 I zatroubil první anděl, a stalo se krupobití a oheň smíšený se krví, a svrženo jest to na zem. A třetí díl stromů shořel, a všecka tráva zelená spálena jest.
Ergamaan jalqabaa malakata isaa afuufe; cabbii fi ibiddi dhiigaan makames lafatti gad darbatame. Lafti harka sadii keessaa harki tokko ni gubatte; muktis harka sadii keessaa harki tokko ni gubate; margi lalisaan hundinuus ni gubate.
8 Potom zatroubil druhý anděl, a uvržena jest do moře jako hora veliká ohněm hořící. I učiněn jest krví třetí díl moře.
Ergamaan lammaffaanis malakata isaa afuufe; wanni tulluu guddaa fakkaatu kan ibiddaan gubachaa jiru tokkos galaanatti gad darbatame. Galaannis harka sadii keessaa harki tokko dhiiga taʼe;
9 A zemřel v moři třetí díl stvoření těch, kteráž měla duši, a třetí díl lodí zhynul.
uumamawwan lubbuu qabeeyyiin galaana keessaa harka sadii keessaa harki tokko ni dhuman; dooniiwwan harka sadii keessaas harki tokko ni barbadaaʼan.
10 A vtom třetí anděl zatroubil, i spadla s nebe hvězda veliká, hořící jako pochodně, a padla na třetí díl řek a do studnic vod.
Ergamaan sadaffaanis malakata isaa afuufe; urjiin guddaan akka gucaa bobaʼu tokkos samii irraa lafa dhaʼe; innis lageen harka sadii keessaa harka tokko irratti, burqaawwan bishaanii irrattis kufe;
11 A jméno hvězdy té bylo Pelynek. I obrátil se třetí díl vod v pelynek, a mnoho lidí zemřelo od těch vod, nebo byly zhořkly.
maqaan urjii sanaas “Hadheessaa” jedhama. Bishaan sunis harka sadii keessaa harki tokko ni hadhaaʼe; sababii bishaan sun hadheeffameefis namoonni baayʼeen bishaaniin dhuman.
12 Potom čtvrtý anděl zatroubil, i udeřena jest třetina slunce, a třetina měsíce, a třetí díl hvězd, takže se třetí díl jich zatměl, a třetina dne nesvítila, a též podobně i noci.
Ergamaan afuraffaanis malakata isaa afuufe; aduun harka sadii keessaa harki tokko, jiʼi harka sadii keessaa harki tokko, urjiinis harka sadii keessaa harki tokko ni rukutaman; kanaanis ifni isaanii harka sadii keessaa harki tokko ni dukkanaaʼe. Guyyaan harka sadii keessaa harki tokko akkasumas halkan harka sadii keessaa harki tokko ifa malee hafe.
13 I viděl jsem a slyšel anděla jednoho, an letí po prostředku nebe, a praví hlasem velikým: Běda, běda, běda těm, kteříž přebývají na zemi, pro jiné hlasy trub tří andělů, kteříž mají troubiti.
Anis ilaalee risaa samii walakkaa barrisaa sagalee guddaadhaan, “Sababii sagalee malakataa kan ergamoota biraa sadaniin dhageessifamuuf jiru sanaatiif warra lafa irra jiraataniif Wayyoo! Wayyoo! Wayyoo!” jedhee iyyu tokko nan dhagaʼe.

< Zjevení Janovo 8 >