< Marek 13 >

1 A když vycházel z chrámu, dí jemu jeden z učedlníků jeho: Mistře, pohleď, kteraké kamení a jaké jest toto stavení!
Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼaa jiruu barattoota isaa keessaa inni tokko, “Yaa Barsiisaa! Dhagaawwan gurguddaa kanneenii fi gamoowwan babbareedoo kanneen mee ilaali!” jedheen.
2 Tedy Ježíš odpovídaje, řekl jemu: Vidíš toto tak veliké stavení? Nebudeť ostaven kámen na kameni, kterýž by nebyl zbořen.
Yesuusis, “Gamoowwan gurguddaa kanneen argitaa? Ni diigama malee asitti dhagaan dhagaa irratti hin hafu” jedheen.
3 A když se posadil na hoře Olivetské proti chrámu, otázali se jeho obzvláštně Petr, Jakub a Jan a Ondřej, řkouce:
Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra fuullee mana qulqullummaa taaʼee jiruu Phexros, Yaaqoob, Yohannisii fi Indiriiyaas akkana jedhanii kophaatti isa gaafatan;
4 Pověz nám, kdy to bude? A které znamení, když se toto všecko bude plniti?
“Mee nutti himi; wantoonni kunneen yoom taʼu? Mallattoon yeroo wantoonni kunneen hundi itti raawwatamanii maali?”
5 Ježíš pak odpovídaje jim, počal praviti: Vizte, aby vás někdo nesvedl.
Yesuusis akkana isaaniin jechuu jalqabe; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.
6 Neboť mnozí přijdou ve jménu mém, řkouce: Já jsem Kristus, a mnohéť svedou.
Namoonni hedduun, ‘Ani isa’ jechaa maqaa kootiin ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.
7 Když pak uslyšíte boje a pověst o válkách, nestrachujte se; nebo musí to býti, ale ne ihned konec.
Isin yommuu waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa dhageessanitti hin rifatinaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.
8 Povstaneť zajisté národ proti národu a království proti království, a bude zemětřesení po místech, a hladové i bouřky.
Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa; beellis ni buʼa. Kunis jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
9 A toť budou počátkové bolesti. Vy pak šetřte se. Nebo vydávati vás budou na sněmy a do shromáždění; budete biti, a před vladaři a králi stanete pro mne, na svědectví jim.
“Isin of eeggachuu qabdu. Isin dabarfamtanii yaaʼiitti ni kennamtu; manneen sagadaa keessattis ni garafamtu. Isinis akka isaanitti dhuga baatota taataniif anaaf jettanii fuula bulchitootaatii fi moototaa dura ni dhaabattu.
10 Ale ve všech národech nejprv musí býti kázáno evangelium.
Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba.
11 Když pak vás povedou vyzrazujíce, nestarejte se, co byste mluvili, aniž o to pečlivě přemyšlujte, ale což vám bude dáno v tu hodinu, to mluvte; nebo nejste vy, jenž mluvíte, ale Duch svatý.
Yommuu qabamtanii qorumsaaf dhiʼeeffamtanitti waaʼee waan dubbattanii duraan dursitanii hin yaaddaʼinaa. Waanuma yeroo sana isinii kennamu dubbadhaa; kan dubbatu Hafuura Qulqulluudha malee isin miti.
12 Vydáť pak bratr bratra na smrt a otec syna, a povstanou děti proti rodičům, a budou je mordovati.
“Obboleessi dabarsee obboleessa duʼatti kenna; abbaan dabarsee ijoollee isaa duʼatti kenna. Ijoolleenis warra isaaniitti kaʼanii isaan ajjeesu.
13 A budete v nenávisti všechněm pro jméno mé. Ale kdož setrvá až do konce, tenť spasen bude.
Namni hundinuu sababii maqaa kootiif isin jibba; kan hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
14 Když pak uzříte ohavnost zpuštění, o kteréž povědíno jest skrze Daniele proroka, ana stojí, kdež by státi neměla, (kdo čte, rozuměj, ) tehdáž ti, kdož jsou v Židovstvu, ať utekou na hory.
“‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’sun iddoo isaaf hin malle dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu; yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.
15 A kdož na střeše jest, nesstupuj do domu, ani vcházej, aby co vzal z domu svého.
Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee fudhachuuf gad hin buʼin yookaan mana hin seenin.
16 A kdo na poli, nevracuj se zase, aby vzal roucho své.
Namni lafa qotiisaa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.
17 Běda pak těhotným a těm, kteréž krmí v těch dnech.
Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!
18 Protož modlte se, aby utíkání vaše nebylo v zimě.
Kunis akka gannakeessa hin taaneef kadhadhaa.
19 Neboť budou ti dnové plní takového soužení, jakéhož nebylo od počátku stvoření, kteréž Bůh stvořil, až dosavad, aniž potom bude.
Guyyoota sana keessa dhiphinni jalqaba uumama Waaqni uumee kaasee hamma ammaatti hin dhufin, kan gara fuula duraattis hin dhufne ni dhufaatii.
20 A byť neukrátil Pán těch dnů, nebyl by spasen žádný člověk. Ale pro vyvolené, kteréž vyvolil, ukrátil těch dnů.
“Utuu Gooftaan guyyoota sana gabaabsuu baatee silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture. Garuu inni sababii filatamtoota filateetiif jedhee guyyoota sana gabaabseera.
21 A tehdáž řekl-li by vám kdo: Aj teď jest Kristus, aneb, aj tamto, nevěřte.
Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Ilaa, inni achi jira!’ isiniin jedhe hin amaninaa.
22 Neboť povstanou falešní Kristové a falešní proroci, a budou činiti divy a zázraky k svedení, by možné bylo, také i vyvolených.
Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef, filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo fi dinqii ni hojjetu.
23 Vy pak šetřte se. Aj, předpověděl jsem vám všecko.
Isin garuu of eeggadhaa! Ani waan hunda duraan dursee isinitti himeera.
24 V těch pak dnech, po soužení tom, slunce se zatmí a měsíc nedá světla svého.
“Bara sana keessa garuu dhiphina sana booddee, “‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu;
25 A hvězdy nebeské budou padati, a moci, které jsou na nebi, pohnou se.
urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’
26 A tehdážť uzří Syna člověka, an se béře v oblacích s mocí velikou a s slavou.
“Yeroo sana namoonni utuu Ilmi Namaa humna guddaa fi ulfinaan duumessaan dhufuu ni argu.
27 I tehdyť pošle anděly své, a shromáždí vyvolené své ode čtyř větrů, od končin země až do končin nebe.
Innis Ergamoota isaa ergee filatamtoota isaa kanneen handaarawwan lafaa irraa hamma handaarawwan samiiwwaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qaba.
28 Od fíku pak učte se podobenství: Když již ratolest jeho odmladne a vypučí se listí, znáte, že blízko jest léto.
“Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.
29 Takž i vy, když uzříte, ano se tyto věci dějí, vězte, že blízko jest a ve dveřích království Boží.
Akkasuma isinis yommuu wanni kun raawwatamuu isaa argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.
30 Amen pravím vám, žeť nepomine pokolení toto, až se tyto všecky věci stanou.
Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
31 Nebe a země pominou, ale slova má nepominou.
Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
32 Ale o tom dni a hodině žádný neví, ani andělé, jenž jsou v nebesích, ani Syn, jediné sám Otec.
“Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan ilmi iyyuu hin beeku.
33 Vizte, bděte a modlte se; nebo nevíte, kdy bude ten čas.
Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii.
34 Syn člověka zajisté jest jako člověk, kterýž daleko odšel, opustiv dům svůj, a poručiv služebníkům svým vladařství, a jednomu každému práci jeho, vrátnému přikázal, aby bděl.
Innis nama garboota isaatti taayitaa kennee, tokkoo tokkoo isaaniittis hojii isaa kennee, akka garbichi karra eegu immoo dammaqee eegu ajajee, mana isaa dhiisee karaa dheeraa deeme tokko fakkaata.
35 Protož bděte; nebo nevíte, kdy Pán domu přijde, u večer-li, čili o půlnoci, čili když kohouti zpívají, čili ráno;
“Kanaafuu isin dammaqaa; yeroo itti abbaan mana sanaa deebiʼu, jechuunis galgala yookaan halkan walakkaa yookaan iyya indaanqoo yookaan barii obboroo taʼuu isaa hin beektaniitii.
36 Aby snad přijda v nenadále, nenalezl vás, a vy spíte.
Kunis akka inni akkuma tasaa dhufee utuu raftanuus isin hin arganneef.
37 A cožť vám pravím, všechněmť pravím: Bděte.
Ani waanan isiniin jedhu nama hundumaan nan jedha; ‘dammaqaa!’”

< Marek 13 >