< Jób 1 >

1 Byl muž v zemi Uz, jménem Job, a muž ten byl sprostný a upřímý, boje se Boha, a vystříhaje se zlého.
Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Iyyoob jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture.
2 Kterémuž se narodilo sedm synů a tři dcery.
Innis ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture;
3 A měl dobytka sedm tisíc ovec, tři tisíce velbloudů, pět set spřežení volů, a pět set oslic, a čeledi služebné velmi mnoho, a byl muž ten vznešenější nade všecky lidi východní.
akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture.
4 I scházívali se synové jeho, a strojívali hody po domích, každý ve dni svém. Posílávali také, a zvávali své tři sestry, aby jedly a pily s nimi.
Ilmaan isaas mana isaaniitti dabaree dabareedhaan cidha qopheessanii akka isaan wajjin nyaatanii dhuganiif obboleettota isaanii sadan affeeru ture.
5 A když vypořádali dny hodů, posílával Job, a posvěcoval jich, a vstávaje ráno, obětoval zápaly podlé počtu všech jich. Nebo říkával Job: Snad zhřešili synové moji, aneb zlořečili Bohu v srdci svém. Tak činíval Job po všecky ty dny.
Erga yeroon cidha sanaa raawwatamee booddee Iyyoob itti ergee ijoollee isaa waamsisuudhaan, “Tarii ijoolleen koo cubbuu hojjetanii garaa isaaniittis Waaqa abaaraniiru taʼa” jedhee ganama barii waaʼee tokkoo tokkoo isaaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessuudhaan isaan qulqulleessa ture. Iyyoob yeroo hunda waan kana godha ture.
6 Jednoho pak dne, když přišli synové Boží, aby se postavili před Hospodinem, přišel také i Satan mezi ně.
Gaaf tokko yeroo ergamoonni Waaqayyoo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufanitti Seexannis isaan wajjin dhufe.
7 Tedy řekl Hospodin Satanovi: Odkud jdeš? I odpověděl Satan Hospodinu, řka: Procházel jsem zemi, a obcházel jsem ji.
Waaqayyos seexanaan, “Ati Eessaa dhufte?” jedhe. Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooraa, asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee Waaqayyoof deebise.
8 I řekl Hospodin Satanovi: Spatřil-lis služebníka mého Joba, že není jemu rovného na zemi, a že jest muž sprostný a upřímý, bojící se Boha a varující se zlého.
Waaqayyos Seexanaan, “Ati tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaatee dha” jedhe.
9 A odpovídaje Satan Hospodinu, řekl: Zdaliž se Job darmo bojí Boha?
Seexanni immoo deebisee akkana jedhe, “Iyyoob akkasumaan Waaqa sodaataa?
10 Zdaž jsi ty ho neohradil i domu jeho a všeho, což má, se všech stran? Dílu rukou jeho požehnal jsi, a dobytek jeho rozmnožil se na zemi.
Ati naannoo isaatti, warra mana isaa jiraatanii fi waan kan isaa taʼe hundatti dallaa ijaarteerta mitii? Ati akka bushaayee fi loon isaa biyyicha guutaniif hojii harka isaa eebbifteertaaf.
11 Ale vztáhni nyní ruku svou, a dotkni se všeho, což má, nebude-liť zlořečiti v oči.
Garuu ati mee harka kee diriirsiitii waan inni qabu hunda dhaʼi; inni dhugumaan ifaan ifatti si abaara.”
12 Tedy řekl Hospodin Satanovi: Aj, cožkoli má, v moci tvé buď, toliko na něj nevztahuj ruky své. I vyšel Satan od tváři Hospodinovy.
Waaqayyos Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi si harka jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin” jedhe. Sana booddee Seexanni fuula Waaqayyoo duraa baʼee deeme.
13 Jednoho pak dne synové a dcery jeho jedli, a pili víno v domě bratra svého prvorozeného.
Gaaf tokko utuu ilmaanii fi intallan Iyyoob mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa jiranuu,
14 I přišel posel k Jobovi, a řekl: Když volové orali, a oslice se pásly podlé nich,
ergamaan tokko gara Iyyoob dhufee akkana jedhe; “Utuu qotiyyoon qotaa, harroonni immoo naannuma sana dheedaa jiranuu,
15 Vpád učinivše Sabejští, zajali je, a služebníky zbili ostrostí meče, a utekl jsem toliko já sám, abych oznámil tobě.
namoonni Shebaa balaa buusanii isaan fudhatanii deeman. Tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”
16 A když on ještě mluvil, přišed druhý, řekl: Oheň Boží spadl s nebe, a rozpáliv se na dobytek i na služebníky, sehltil je, já pak utekl jsem toliko sám, abych oznámil tobě.
Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee, “Ibiddi Waaqaa samiidhaa buʼee hoolotaa fi tajaajiltoota gubee fixe; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.
17 A když ten ještě mluvil, jiný přišed, řekl: Kaldejští sšikovavše tři houfy, připadli na velbloudy, a zajali je, a služebníky zbili ostrostí meče, a utekl jsem toliko já sám, abych oznámil tobě.
Utuu inni dubbachaa jiruu ammas ergamaan biraa dhufee, “Kaldoonni garee sadiitti qoodamanii gaalawwan kee irra yaaʼanii isaan oofatanii deeman; tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.
18 A když ten ještě mluvil, jiný přišel a řekl: Synové tvoji a dcery tvé jedli, a pili víno v domě bratra svého prvorozeného.
Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee akkana jedheen; “Ilmaanii fi intallan kee mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa turan;
19 A aj, vítr veliký strhl se z té strany od pouště, a udeřil na čtyři úhly domu, tak že se obořil na děti, i zemřeli, a utekl jsem toliko já sám, abych oznámil tobě.
yeroo kanattis bubbee hamaan akka tasaa gammoojjiidhaa kaʼee golee mana sanaa afran dhaʼe; manni sunis isaan irratti jigee dhuman; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”
20 Tedy Job vstav, roztrhl roucho své, a oholil hlavu svou, a padna na zem, poklonu učinil.
Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee
21 A řekl: Nahý jsem vyšel z života matky své, nahý se také zase tam navrátím. Hospodin dal, Hospodin též odjal. Buď požehnáno jméno Hospodinovo.
akkana jedhe: “Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe; qullaa koos nan deema. Waaqayyotu kenne; Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.”
22 V tom ve všem nezhřešil Job, a nepřivlastnil Bohu nic nemoudrého.
Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob hojii dogoggoraatiin Waaqa himachuudhaan cubbuu hin hojjenne.

< Jób 1 >