< Ezechiel 45 >
1 Když pak ujmete zemi v dědictví, obětovati budete obět Hospodinu, díl svatý té země, zdélí pětmecítma tisíc loket, zšíří pak deset tisíc, a budeť svatý po všem pomezí svém vůkol.
“‘Isin yeroo lafa ixaadhaan dhaala godhattanii qoqqooddattanitti, biyyattii keessaa kutaa dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 20,000 taʼe tokko aanaa qulqulluu gootanii Waaqayyoof kennuu qabdu; lafti sunis guutumaan guutuutti qulqulluu taʼa.
2 Z něhož bude místo svaté pět set zdélí, a pět set zšíří, čtyřhrané vůkol, a ať má padesáte loket prostranství vůkol.
Kana keessaas lafti rogni isaa wal qixxee kan lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 500, balʼinni isaas dhundhuma 500 taʼe iddoo qulqulluudhaaf, dhundhumni 50 immoo iddoo duwwaa naannoo isaatti hafuuf haa taʼu.
3 Z toho pak odměření odměříš dýlku pětmecítma tisíc loket, a šířku deset tisíc, aby na něm byla svatyně, i svatyně svatých.
Aanaa qulqulluu sana irraas kutaa lafa irra dheerinni isaa dhundhuma 25,000, balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 safari. Isa keessas iddoo qulqulluu jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼetu jiraachuu qaba.
4 Díl ten země svatý jest. Kněží služebníků při svatyni býti má, těch, kteříž přistupují, aby přisluhovali Hospodinu, aby měli místo pro domy i místo svaté pro svatyni.
Iddoon kunis lafa sana keessatti luboota iddoo qulqulluu keessatti tajaajilanii fi kanneen fuula Waaqayyoo duratti tajaajiluuf dhiʼaataniif kutaa qulqulluu ni taʼa. Innis iddoo manneen isaaniitii fi iddoo mana qulqullummaa taʼa.
5 Těch pak pětmecítma tisíc loket dýlka a deset tisíc šířka ať jest také Levítům, služebníkům domu, jim k držení dvadceti komůrek.
Lafti dhundhuma 25,000 dheeratee balʼinni isaa immoo dhundhuma 10,000 taʼe akka isaan magaalaa keessa jiraatan itti ijaarrataniif Lewwota mana qulqullummaa keessa tajaajilaniif taʼa.
6 Místo pak k vystavení na něm města oddělíte pět tisíc loket na šíř, a na dýl pětmecítma tisíc, naproti oběti místa svatého; bude pro všecken dům Izraelský.
“‘Lafa balʼinni isaa dhundhuma 5,000, dheerinni isaa immoo dhundhuma 25,000 taʼe kutaa qulqulluu sanatti aansaatii akka qabeenya ishee taʼuuf magaalaa sanaaf kennaa; innis mana Israaʼel hundaaf taʼa.
7 Knížeti pak s obou stran té oběti místa svatého, i položení města před oběti místa svatého, a před položením města od strany západní díl k západu, a po straně východní díl k východu, dlouhost pak naproti každému z těch dílů od pomezí západního ku pomezí východnímu.
“‘Bulchaan sunis lafa aanaa qulqulluu sanaatii fi qabeenya magaalaa gama lamaaniinuu daangessitu tokko qabaata. Lafti sunis karaa lixaatiin gara lixaatti diriirtee karaa baʼaatiin immoo gara baʼaatti diriirtee kutaalee lafa gosaa keessaa tokko biraan daarii lixaatii hamma daarii baʼaatti dheeratti.
8 To bude míti za vládařství v Izraeli, a nebudou více utiskati knížata má lidu mého, ale rozdadí zemi domu Izraelskému po pokoleních jejich.
Lafti kun Israaʼel keessatti handhuuraa isaa taati. Bulchitoonni koos akka manni Israaʼel akkuma gosa isaaniitti lafa handhuuraa qabaatan godhu malee siʼachi saba koo hin hacuucan.
9 Takto praví Panovník Hospodin: Dostitě již, ó knížata Izraelská, nátisk a zhoubu odložte, a soud a spravedlnost konejte, sejměte těžké roboty vaše s lidu mého, praví Panovník Hospodin.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa bulchitoota Israaʼel isin seera dabartaniirtu! Jeequmsaa fi hacuuccaa keessan dhiisaatii waan sirrii taʼee fi qajeelaa hojjedhaa. Saba koo hin saaminaa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
10 Váhu spravedlivou a efi spravedlivou i bát spravedlivý míti budete.
Isin madaalii sirrii, iifii sirrii fi baadoosii sirrii taʼetti fayyadamuu qabdu.
11 Efi i bát v jednu míru ať jest, aby chomer bral v se deset bátů, efi pak desátý díl chomeru; podlé chomeru ať jest míra.
Iifii fi baadoosiin wal qixxee taʼuu qabu; baadoosiin tokko homeerii kudhan keessaa tokko, iifiin tokko immoo homeerii kudhan keessaa tokko qabata; kanaafuu homeeriin lachan isaaniitiifuu madaalii walii galaa taʼa.
12 Lot dvadceti peněz; dvadceti lotů, pětmecítma lotů, a patnácte lotů libra bude vám.
Saqiliin tokko geeraa digdama qabata; saqiliin jaatamni immoo minnaanii tokko taʼa.
13 Tato pak obět pozdvižení bude, kterouž obětovati budete: Šestý díl efi z chomeru pšenice, též šestý díl efi dáte z chomeru ječmene.
“‘Kennaan isin dhiʼeessuu qabdan kanaa dha: Tokkoo tokkoo qamadii homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko, tokkoo tokkoo garbuu homeerii tokkoo keessaa iifii qooda jaʼa keessaa qooda tokko.
14 Nařízení pak o oleji (bát jest míra oleje): Desátý díl bátu z míry chomeru, desíti bátů; nebo deset bátů jest chomer.
Zayitiin ajajame yoo baadoosiidhaan safarame, baadoosii qooda kudhan keessaa qooda tokko kan tokkoo tokkoo qoroosii irraa fudhatamee dha. Qoroosiin tokko baadoosii kudhan yookaan homeerii tokko qabaata; baadoosiin kudhan homeerii tokkoon wal qixxeedhaatii.
15 A dobytče jedno ze dvou set bravů z dobrých pastvišť Izraelských, k oběti suché a zápalné a k obětem pokojným, k očištění vás, praví Panovník Hospodin.
Akkasumas lafa tika Israaʼel kan bishaan quufe irraa bushaayee dhibba lama keessaa hoolaa tokko haa fudhatu. Kun hundi akka sabaaf araarri buʼuuf kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaatiif taʼa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
16 Všecken lid té země, i s knížetem Izraelským zavázán bude k té oběti zhůru pozdvižení.
Sabni biyyattii hundinuu kennaa kana bulchaa Israaʼeliif ni kenna.
17 Nebo kníže povinen bude zápaly, a suché i mokré oběti, v svátky a na novměsíce, i v soboty, na všecky slavnosti domu Izraelského; on obětovati bude za hřích, i obět suchou i zápalnou, i oběti pokojné, aby se očištění dálo za dům Izraelský.
Yeroo ayyaanotaatti, yeroo Ayyaana Baatiitti, guyyoota Sanbataatti, yeroo ayyaanota mana Israaʼeliif murteeffaman hunda aarsaa gubamu, kennaa midhaaniitii fi dhibaayyuu dhiʼeessuun itti gaafatama bulchaa ti. Innis akka mana Israaʼeliif araarri buʼuuf aarsaa cubbuu, kennaa midhaanii, aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa ni dhiʼeessa.
18 Takto praví Panovník Hospodin: Prvního měsíce, prvního dne vezmeš volka mladého bez poškvrny, kterýmž očistíš svatyni.
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Guyyaa jalqabaa, jiʼa jalqabaatti dibicha hirʼina hin qabne geessitee mana qulqullummaa ni qulqulleessita.
19 I nabéře kněz krve té oběti za hřích, a pomaže veřejí domu, a čtyř rohů toho přepásání na oltáři, i veřeje brány síně vnitřní.
Lubichis dhiiga aarsaa cubbuu sana irraa waa fuudhee dhaabawwan balbala mana qulqullummaa irra, qarqara goleewwan iddoo aarsaa kanneen ol aannan afranii fi dhaabawwan karra oobdii kan gara keessaa irra dibuu qaba.
20 Takž také učiní sedmého dne téhož měsíce, za každého pobloudilého i za hloupého. Tak očistíte dům.
Nama utuu itti hin yaadin yookaan utuu hin beekin cubbuu hojjetu kamiif iyyuu jiʼa sana keessaa bultii torbaffaatti akkasuma gochuu qabdan; isin akkasitti mana qulqullummaa sanaaf araara buuftu.
21 Prvního měsíce, čtrnáctého dne, budete míti Fáze, svátek sedmi dnů, chlebové přesní jísti se budou.
“‘Jiʼa jalqabaa keessa, bultii kudha afuraffaatti isin Faasiikaa jechuunis ayyaana torban tokko turu ayyaaneffattu; yeroo kanattis buddeena raacitii malee tolfame nyaatu.
22 A bude obětovati kníže v ten den za sebe i za všecken lid té země volka za hřích.
Gaafas bulchaan sun ofii isaatii fi uummata biyyattii hundaaf dibicha tokko aarsaa cubbuu godhee dhiʼeessuu qaba.
23 A po sedm dní svátku obětovati bude zápal Hospodinu, sedm volků a sedm skopců bez poškvrny na den, po těch sedm dní, a za hřích kozla na den.
Innis yeroo ayyaana bultii torbaa sana keessa guyyuma guyyaan korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhee, korbeessa reʼee tokko immoo aarsaa cubbuu godhee Waaqayyoof dhiʼeessuu qaba.
24 A obět suchou, efi na volka a efi na skopce, připraví též oleje hin na efi.
Tokkoo tokkoo dibicha looniitiif iifii tokko, tokkoo tokkoo korbeessa hoolaatiifis iifii tokko kennaa midhaanii godhee, zayitii iinii tokkoos tokkoo tokkoo iifii sanaatti dabalee qopheessuu qaba.
25 Sedmého měsíce, patnáctého dne, v svátek tolikéž obětovati bude po sedm dní, jakož za hřích, tak zápal, tak obět suchou i olej.
“‘Yeroo ayyaana bultii torba turu kan jiʼa torbaffaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti jalqabamu sana keessa illee aarsaa cubbuutiif, aarsaa gubamuuf, kennaa midhaaniitii fi kan zayitiitiif akkasuma haa qopheessu.