< Kazatel 3 >
1 Všeliká věc má jistý čas, a každé předsevzetí pod nebem svou chvíli.
Wanni hundinuu yeroo qaba; hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
2 Jest čas rození i čas umírání, čas sázení a čas vykopání, což vsazeno bývá;
Dhalachuuf yeroo qaba; duʼuufis yeroo qaba; dhaabuuf yeroo qaba; buqqisuufis yeroo qaba;
3 Èas mordování a čas hojení, čas boření a čas stavení;
ajjeesuuf yeroo qaba; fayyisuufis yeroo qaba; diiguuf yeroo qaba; ijaaruufis yeroo qaba;
4 Èas pláče a čas smíchu, čas smutku a čas proskakování;
booʼuuf yeroo qaba; kolfuufis yeroo qaba; gadduuf yeroo qaba; sirbuufis yeroo qaba;
5 Èas rozmítání kamení a čas shromažďování kamení, čas objímání a čas vzdálení se od objímání;
dhagaa bittinneessuuf yeroo qaba; walitti qabuufis yeroo qaba; hammachuuf yeroo qaba; hammachuu dhiisuufis yeroo qaba;
6 Èas hledání a čas ztracení, čas chování a čas zavržení;
barbaaduuf yeroo qaba; barbaaduu dhiisuufis yeroo qaba; kaaʼuuf yeroo qaba; gatuufis yeroo qaba;
7 Èas roztrhování a čas sšívání, čas mlčení a čas mluvení;
tarsaasuuf yeroo qaba; hodhuufis yeroo qaba; calʼisuuf yeroo qaba; dubbachuufis yeroo qaba;
8 Èas milování a čas nenávidění, čas boje a čas pokoje.
jaallachuun yeroo qaba; jibbuufis yeroo qaba; loluuf yeroo qaba; nagaafis yeroo qaba.
9 Co tedy má ten, kdo práci vede, z toho, o čemž pracuje?
Hojjetaan tokko dadhabbii isaa irraa buʼaa maalii argata?
10 Viděl jsem zaměstknání, kteréž dal Bůh synům lidským, aby se jím trápili.
Ani baʼaa Waaqni namoota irra kaaʼe argeera.
11 Sám všecko činí ušlechtile časem svým, nýbrž i žádost světa dal v srdce jejich, aby nestihal člověk díla toho, kteréž dělá Bůh, ani počátku ani konce.
Inni waan hunda yeruma isaatti miidhagsee tolcheera. Akkasumas yaada baraa baraa garaa namootaa keessa kaaʼe. Taʼus isaan waan Waaqni jalqabaa hamma dhumaatti hojjete beekuu hin dandaʼan.
12 Odtud seznávám, že nic lepšího nemají, než aby se veselili, a činili dobře v životě svém,
Ani akka namootaaf bara jireenya isaanii keessa wanni gammaduu fi waan gaarii hojjechuu caalu tokko iyyuu hin jirre nan beeka.
13 Ač i to, když všeliký člověk jí a pije, a užívá dobrých věcí ze všelijaké práce své, jest dar Boží.
Tokkoon tokkoon namaa nyaatee dhugee buʼaa hojii isaa hundatti gammaduun kennaa Waaqaa ti.
14 Znám, že cožkoli činí Bůh, to trvá na věky; nemůže se k tomu nic přidati, ani od toho co odjíti. A činí to Bůh, aby se báli oblíčeje jeho.
Ani akka wanni Waaqni hojjetu hundi bara baraan jiraatu beeka; wanni tokko illee itti hin dabalamu; wanni tokko iyyuus irraa hin fudhatamu. Waaqni akka namoonni isa sodaataniif waan kana godha.
15 To, což bylo, i nyní jest, a což bude, již bylo; nebo Bůh obnovuje to, což pominulo.
Wanni amma jiru kam iyyuu duraanuu tureera; wanni dhufuuf jirus duraanuu jira ture; Waaqni waan darbes deebisee fida.
16 Přesto viděl jsem ještě pod sluncem na místě soudu bezbožnost, a na místě spravedlnosti nespravedlnost.
Anis aduudhaa gaditti waan biraa nan arge; kunis: Iddoo murtiin qajeelaan jiraachuu malu, hamminatu ture; iddoo qajeelummaan jiraachuu malu immoo jalʼinatu ture.
17 I řekl jsem v srdci svém: Budeť Bůh spravedlivého i bezbožného souditi; nebo tam bude čas každému předsevzetí i každému skutku.
Ani garaa koo keessatti akkana jedheen yaade; “Waaqni qajeeltotaa fi hamoota, gara murtiitti ni fida; wanni hundinuu, hojiin hundinuus yeroo ni qabaatii.”
18 Řekl jsem v srdci svém o způsobu synů lidských, že jim ukázal Bůh, aby viděli, že jsou podobni hovadům.
Ani amma illee akkana jedhee garaa koo keessatti nan yaade; “Waaqni akka isaan akkuma bineensotaa taʼuu isaanii arganiif ilmaan namaa qora.
19 Případnost synů lidských a případnost hovad jest případnost jednostejná. Jakož umírá ono, tak umírá i on, a dýchání jednostejné všickni mají, aniž co napřed má člověk před hovadem; nebo všecko jest marnost.
Wanni nama irra gaʼu, bineensota irras ni gaʼa; lachan isaanii iyyuu waanuma tokkotu eeggata; akkuma inni tokko duʼu, inni kaanis ni duʼa. Hundi isaanii hafuuruma tokko qabu; namni bineensa caalaa faayidaa argatu tokko illee hin qabu. Wanni hundinuu faayidaa hin qabu.
20 Obé to jde k místu jednomu; obé jest z prachu, obé také zase navracuje se do prachu.
Isaan hundi idduma tokko dhaqu; hundinuu biyyoo irraa dhufan; hundinuus biyyootti deebiʼu.
21 Kdo to zná, že duch synů lidských vstupuje zhůru, a duch hovadí že sstupuje pod zemi?
Akka hafuurri namaa ol baʼee hafuurri bineensaa immoo lafa keessa seenu eenyutu beeka?”
22 Protož spatřil jsem, že nic není lepšího, než veseliti se člověku v skutcích svých, poněvadž to jest podíl jeho. Nebo kdo jej k tomu přivede, aby poznati mohl to, což jest budoucího po něm?
Kanaafuu ani sababii wanni sun ixaa isaa taʼeef akka namaaf wanni hojii isaatti gammaduu caalu tokko iyyuu hin jirre nan arge. Akka inni waan isa duubaan taʼu arguuf eenyutu isa fiduu dandaʼa?