< Skutky Apoštolů 8 >

1 Saul pak také přivolil k usmrcení jeho. I přišlo v ten čas veliké protivenství na církev, kteráž byla v Jeruzalémě, a všickni se rozprchli po krajinách Judských a Samařských, kromě apoštolů.
Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture. Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan.
2 I pochovali Štěpána muži pobožní, a plakali velmi nad ním.
Namoonni Waaqa sodaatanis Isxifaanosin awwaalan; booʼicha guddaas booʼaniif.
3 Saul pak hubil církev, do domů vcházeje, a jímaje muže i ženy, dával je do žaláře.
Saaʼol garuu waldaa kiristaanaa balleessuu jalqabe; innis mana tokko irraa gara mana biraa dhaqee dhiiraa fi dubartii lafa irra harkisee mana hidhaatti galchaa ture.
4 Ti pak, kteříž se byli rozprchli, chodili, kážíce slovo Boží.
Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban.
5 A Filip všed do města Samaří, kázal jim Krista.
Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Kiristoos lallabe.
6 I pozorovali zástupové s pilností jednomyslně toho, což se pravilo od Filipa, slyšíce a vidouce divy, kteréž činil.
Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan.
7 Nebo duchové nečistí z mnohých, kteříž je měli, křičíce hlasem velikým, vycházeli, a mnozí šlakem poražení a kulhaví uzdraveni jsou.
Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan.
8 A stala se radost veliká v tom městě.
Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe.
9 Muž pak nějaký, jménem Šimon, před tím v tom městě čáry provodil, a lid Samařský mámil, pravě se býti nějakým velikým.
Garuu yeroo sanaan dura namichi Simoon jedhamu tokko magaalaa sana keessatti falfala hojjetee namoota Samaariyaa hunda dinqisiisaa ture; innis akka waan nama guddaa taʼeetti of hedaa ture.
10 Na něhož pozor měli všickni, od nejmenšího až do největšího, říkajíce: Tentoť jest Boží moc veliká.
Namoonni hundinuu xinnaa guddaan qalbii isaanii gara isaatti deebifatanii, “Namichi kun humna Waaqaa isa ‘humna guddaa’ jedhamu sanaa dha” jedhanii isa saadan.
11 Pozor pak měli na něho, protože je za mnohý čas mámil svými čáry.
Namoonni sunis sababii inni yeroo dheeraa falfala isaatiin isaan dinqisiiseef qalbii isaanii gara isaatti deebifatan.
12 A když, uvěřivše Filipovi zvěstujícímu o království Božím a o jménu Ježíše Krista, křtili se muži i ženy,
Garuu yommuu Fiiliphoos wangeela waaʼee mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoos lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman.
13 Tedy i ten Šimon také uvěřil, a pokřtěn byv, přídržel se Filipa, a vida zázraky a moci veliké činěné, děsil se.
Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.
14 Uslyšavše pak v Jeruzalémě apoštolé, že by Samaří přijala slovo Boží, poslali k nim Petra a Jana.
Ergamoonni Yerusaalem turan akka warri Samaariyaa dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼanii Phexrosii fi Yohannisin isaanitti ergan.
15 Kteříž přišedše k nim, modlili se za ně, aby přijali Ducha svatého.
Ergamoonni sunis yommuu achi gaʼanitti akka isaan Hafuura Qulqulluu argataniif ni kadhataniif;
16 (Nebo ještě byl na žádného z nich nesstoupil, ale pokřtěni toliko byli ve jménu Pána Ježíše.)
Hafuuri Qulqulluun isaan keessaa nama tokko irra illee hin buune tureetii; isaan maqaa Gooftaa Yesuus qofaan cuuphamanii turan.
17 Tedy vzkládali na ně ruce, a oni přijali Ducha svatého.
Phexrosii fi Yohannis harka isaanii jara sana irra kakaaʼan; isaanis Hafuura Qulqulluu argatan.
18 I uzřev Šimon, že skrze vzkládání rukou apoštolských dává se Duch svatý, přinesl jim peníze,
Simoon falfaltichis akka yeroo ergamoonni harka isaanii nama irra kaaʼan Hafuurri Qulqulluun namaa kennamu arginaan ergamootaaf horii kennee,
19 Řka: Dejte i mně tu moc, ať, na kohož bych koli vzložil ruce, přijme Ducha svatého.
“Akka namni ani harka irra kaaʼu hundi Hafuura Qulqulluu argatuuf dandeettii kana anaaf illee kennaa” jedheen.
20 I řekl k němu Petr: Peníze tvé buďtež s tebou na zatracení, protože jsi se domníval, že by dar Boží mohl býti zjednán za peníze.
Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; “Sababii ati kennaa Waaqaa waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu!
21 Nemáš dílu ani losu v této věci; nebo srdce tvé není upřímé před Bohem.
Garaan kee fuula Waaqaa duratti waan qajeelaa hin taʼiniif ati tajaajila kana keessatti qooda yookaan carraa hin qabdu.
22 Protož čiň pokání z této své nešlechetnosti, a pros Boha, zda by odpuštěno bylo tobě to myšlení srdce tvého.
Kanaaf hammina kee kana irraa deebiʼiitii gooftaa kadhadhu; inni yaada garaa keetii kana siif dhiisa taʼaatii.
23 Nebo v žluči hořkosti a v svazku nepravosti tebe býti vidím.
Ani akka ati yaada hadhaaʼaan guutamtee fi akka ati garbicha cubbuu taate nan arga.”
24 I odpověděv Šimon, řekl: Modltež vy se za mne Pánu, aby na mne nepřišlo něco z těch věcí, kteréž jste mluvili.
Simoonis, “Akka wanni isin jettan kun tokko iyyuu narra hin geenyeef Gooftaa naa kadhadhaa” jedhee deebise.
25 Oni pak osvědčovavše a mluvivše slovo Páně, navrátili se do Jeruzaléma, a ve mnohých městečkách Samaritánských kázali evangelium.
Phexrosii fi Yohannis erga dhugaa baʼanii dubbii Gooftaas labsanii booddee gandoota Samaariyaa hedduu keessatti wangeela lallabaa Yerusaalemitti deebiʼan.
26 V tom anděl Páně mluvil k Filipovi, řka: Vstaň a jdi ku polední straně na cestu, kteráž vede od Jeruzaléma do města Gázy, kteréž jest pusté.
Ergamaan Gooftaa tokko Fiiliphoosiin, “Kaʼiitii karaa Kibbaatiin gara daandii Yerusaalemii baʼee Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi” jedhe; daandiin sunis daandii gammoojjii ti.
27 A on vstav, i šel. A aj, muž Mouřenín, kleštěnec, komorník královny Mouřenínské Kandáces, kterýž vládl všemi poklady jejími, a byl přijel do Jeruzaléma, aby se modlil,
Innis kaʼee deeme; karaa isaa irrattis xuʼaashii Itoophiyaa tokko jechuunis qondaalticha Kandakee mootittii saba Itoophiyaa kan qabeenya ishee hunda irratti itti gaafatamaa taʼe arge; qondaalli sun sagaduuf jedhee Yerusaalem dhaqee ture.
28 Již se navracoval zase, sedě na voze svém, a četl Izaiáše proroka.
Innis yeroo biyya isaatti deebiʼu gaarii isaa irra taaʼee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifachaa ture.
29 I řekl Duch k Filipovi: Přistup a přiviň se k vozu tomu.
Hafuurri Qulqulluunis Fiiliphoosiin, “Dhaqiitii gaarii sanatti dhiʼaadhu” jedhe.
30 A přiběh Filip, slyšel jej, an čte Izaiáše proroka. I řekl: Rozumíš-liž, co čteš?
Fiiliphoosis gaarii sanatti fiigee utuu namichi sun kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifatuu dhagaʼee, “Ati waan dubbiftu kana ni hubattaa?” jedhee gaafate.
31 A on řekl: Kterakž bych mohl rozuměti, leč by mi kdo vyložil? I prosil Filipa, aby vstoupil na vůz, a seděl s ním.
Namichis, “Yoo namni naa hin ibsin ani akkamiin hubachuu dandaʼa?” jedhe. Innis akka Fiiliphoos ol baʼee isa bira taaʼuuf waammate.
32 Místo pak toho Písma, kteréž četl, toto bylo: Jako ovce k zabití veden jest, a jako beránek němý před tím, kdož jej střiže, tak neotevřel úst svých.
Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, yookaan akkuma ilmoo hoolaa kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
33 V ponížení jeho odsouzení jeho vyhlazeno jest, rod pak jeho kdo vypraví, ačkoli zahlazen byl z země život jeho?
Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame; eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa? Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii.”
34 A odpovídaje komorník Filipovi, dí: Prosím tebe, o kom toto mluví prorok? Sám-li o sobě, čili o někom jiném?
Xuʼaashiin sunis Fiiliphoosiin, “Raajiin sun waaʼee eenyuu dubbata? Waaʼee mataa isaa moo waaʼee nama biraa ti? Maaloo mee natti himi!” jedhee gaafate.
35 Tedy otevřev Filip ústa svá, a počav od toho Písma, zvěstoval jemu Ježíše.
Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Yesuus isatti hime.
36 A když jeli cestou, přijeli k jedné vodě. I řekl komorník: Aj, teď voda. Proč nemám býti pokřtěn?
Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, “Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?” jedheen. [
37 I řekl Filip: Věříš-li celým srdcem, slušíť. A on odpověděv, řekl: Věřím, že Ježíš Kristus jest Syn Boží.
Fiiliphoosis, “Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa” jedheen. Namichis deebisee, “Akka Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa taʼe ani nan amana” jedhe.]
38 I rozkázal státi vozu, a sstoupili oba do vody, i Filip i komorník. I pokřtil ho.
Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe.
39 A když vystoupili z vody, Duch Páně pochopil Filipa, a neviděl ho více komorník; i jel cestou svou, raduje se.
Yommuu isaan bishaan keessaa baʼanittis Hafuurri Gooftaa Fiiliphoosin fudhate; xuʼaashiin sunis ergasii isa hin argine; garuu gammadaa karaa isaa itti fufe.
40 Filip pak nalezen jest v Azotu; a chodě, kázal evangelium všem městům, až přišel do Cesaree.
Fiiliphoos immoo Azooxoonitti argame; innis hamma Qiisaariyaa gaʼutti magaalaawwan hunda keessatti wangeela lallabaa darbe.

< Skutky Apoštolů 8 >