< 1 Samuelova 19 >

1 Mluvil pak Saul k Jonatovi synu svému a ke všechněm služebníkům svým, aby zamordovali Davida, ale Jonata syn Saulův liboval sobě Davida velmi.
Saaʼol ilma isaa Yoonaataanii fi tajaajiltoota hunda akka isaan Daawitin ajjeesan ajaje. Yoonaataan garuu akka malee Daawitin jaallata ture;
2 I oznámil to Jonata Davidovi, řka: Usiluje Saul otec můj, aby tě zabil; protož nyní šetř se, prosím, až do jitra, a usadě se v skrytě, schovej se.
akkana jedhees isa akeekkachiise; “Saaʼol abbaan koo karaa ittiin si ajjeesu barbaadachaa jira. Bori ganama of eeggadhu; dhokadhuutii achuma turi.
3 Ale jáť vyjdu a státi budu při boku otci svému na poli, kdež ty budeš, a budu mluviti o tobě s otcem svým, a čemuž vyrozumím, oznámím tobě.
Anis gad baʼee abbaa koo wajjin dirree ati jirtu irra nan dhaabadha. Waaʼee kees isa wajjin haasaʼee waan inni jedhe sitti hima.”
4 I mluvil Jonata o Davidovi dobře Saulovi otci svému, a řekl: Nechť nehřeší král proti služebníku svému Davidovi, nebť jest nic tobě neprovinil, nýbrž správa jeho jest tobě velmi užitečná.
Yoonaataanis akkana jedhee abbaa isaa Saaʼolitti waaʼee Daawit waan gaarii dubbate; “Mootichi tajaajilaa isaa Daawititti yakka hin hojjetin; inni homaa si hin goone; wanni inni hojjetes faayidaa guddaa siif argamsiiseera.
5 Nebo se opovážil života svého a zabil Filistinského, a učinil Hospodin vysvobození veliké všemu Izraeli. Viděls to a radoval jsi se. Pročež bys tedy hřešil proti krvi nevinné, chtěje zabiti Davida bez příčiny?
Daawit lubbuu ofii isaatiif yaaduu dhiisee Filisxeemicha ajjeese. Waaqayyos Israaʼel hundaaf moʼannaa guddaa kenne; atis waan kana argitee gammaddeerta. Yoos ati maaliif sababii malee isa ajjeesuudhaan nama yakka hin qabne kan akka Daawititti yakka hojjetta ree?”
6 I uposlechl Saul řeči Jonatovy a přisáhl Saul, řka: Živť jest Hospodin, žeť nebude zabit.
Saaʼolis Yoonaataanin dhaggeeffatee, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, Daawit hin ajjeefamu” jedhee kakate.
7 Tedy Jonata povolal Davida, a oznámil jemu Jonata všecka slova tato. A přivedl Jonata Davida k Saulovi, i byl před ním jako i prvé.
Kanaafuu Yoonaataan Daawitin waamee waan kana hunda itti hime. Saaʼolittis isa fide; Daawitis akkuma duriitti Saaʼol dura dhaabate.
8 Vznikla pak opět válka; a vytáh David, bojoval proti Filistinským, a porazil je porážkou velikou, a utekli před ním.
Ammas lolli ni kaʼe; Daawitis dhaqee Filisxeemota lole. Innis humna guddaan isaan dhaʼe; isaanis isa duraa baqatan.
9 V tom duch Hospodinův zlý napadl Saule, kterýž v domě svém seděl, maje kopí své v ruce své, a David hrál rukou před ním.
Garuu utuu Saaʼol eeboo harkatti qabatee mana isaa taaʼuu hafuuri hamaan Waaqayyo biraa isatti dhufe. Utuu Daawit baganaa taphachaa jiruu,
10 Ale Saul chtěl prohoditi Davida kopím až do stěny; kterýž uhnul se mu, a udeřilo kopí v stěnu. A tak David utekl a vynikl z nebezpečenství té noci.
Saaʼol eeboodhaan Daawitin keenyanitti hodhuu yaale; Daawit garuu duraa miliqe; Saaʼolis eeboo sana keenyanitti fixe. Daawitis halkan sana baqatee jalaa baʼe.
11 Potom poslal Saul posly k domu Davidovu, aby ho střáhli a zabili jej ráno. I oznámila to Davidovi Míkol manželka jeho, řkuci: Jestliže se neopatříš noci této, zítra zabit budeš.
Saaʼol akka isaan eeganii ganamaan isa ajjeesaniif mana Daawititti namoota erge. Miikaal niitiin Daawit garuu, “Ati yoo halkan kana baqachuu baatte bori ni ajjeefamta” jettee akeekkachiifte.
12 A protož spustila Míkol Davida oknem, kterýž odšed, utekl a vynikl z nebezpečenství.
Kanaafuu Miikaal foddaa keessaan Daawitin gad buufte; innis baqatee miliqe.
13 Vzala pak Míkol obraz a vložila na lůže, a polštář kozí položila v hlavách jeho a přikryla šaty.
Ergasii Miikaal fakkii Waaqa tolfamaa tokko fuutee wayyaa itti uffiftee siree irra ciibsite; boraatii rifeensa reʼees mataa jala keesseef.
14 Tedy Saul poslal posly, aby vzali Davida. I řekla: Jest nemocen.
Yeroo Saaʼol Daawitin qabsiisuuf namoota ergetti Miikaal, “Inni dhukkubsateera” jette.
15 Opět poslal Saul posly, aby pohleděli na Davida, řka: Přineste ho na lůži ke mně, ať ho zabiji.
Saaʼol akka isaan Daawitin ilaalaniif deebisee namoota ergee, “Akka ani isa ajjeesuuf siree isaatiin naa fidaa” isaaniin jedhe.
16 A když přišli poslové, a aj, obraz ležel na lůži a polštář kozí v hlavách jeho.
Yeroo namoonni sun ol seenanitti fakkiin Waaqa tolfamaa sun siree irra ciibsamee, rifeensi reʼees mataa jala kaaʼameefii argame.
17 I řekl Saul k Míkol: Proč jsi mne tak podvedla a pustilas nepřítele mého, aby ušel? Odpověděla Míkol Saulovi: On mi řekl: Propusť mne, sic jinak zabiji tě.
Saaʼolis Miikaaliin, “Ati maaliif akka diinni koo miliquuf akkas na gowwoomsite?” jedhe. Miikaalis, “Isatu, ‘Jalaa na miliqsi; yoo kanaa achii ani sin ajjeesaa’ naan jedhe” jetteen.
18 David tedy utíkaje, vynikl z nebezpečenství, a přišed k Samuelovi do Ráma, oznámil jemu všecko, co mu Saul učinil. I odšel on i Samuel, a bydlili v Náiot.
Daawitis yeroo baqatee miliqetti Saamuʼeel bira Raamaa dhaqee waan Saaʼol isa godhe hunda itti hime. Ergasiis innii fi Saamuʼeel gara Naayot dhaqanii achuma turan.
19 Oznámeno pak bylo Saulovi, řka: Aj, David jest v Náiot v Ráma.
Saaʼolittis, “Kunoo Daawit Naayot ishee Raamaa keessatti argamtu keessa jira” jedhanii himan.
20 I poslal Saul posly, aby jali Davida. Kteříž když viděli zástup proroků prorokujících, a Samuele jim představeného, an stojí, sstoupil také na posly Saulovy Duch Boží, a prorokovali i oni.
Kanaafuu inni akka isa qabaniif namoota itti erge. Isaan garuu yeroo garee raajota raajii dubbatanii kan Saamuʼeel hoogganaa isaanii taʼee achi dhaabachaa ture tokko arganitti Hafuurri Waaqaa namoota Saaʼol irra buʼee isaanis akkasuma raajii dubbatan.
21 To když oznámili Saulovi, poslal jiné posly, a prorokovali také i oni; a opět poslal Saul třetí posly, a i ti prorokovali.
Saaʼol yommuu waan kana dhagaʼetti namoota biraa erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan. Saaʼol ammas yeroo sadaffaaf namoota erge; isaanis akkasuma raajii dubbatan.
22 Šel tedy již sám do Ráma a přišel až k čisterni veliké, kteráž jest v Socho, a zeptal se, řka: Kde jest Samuel a David? I řekl někdo: Aj, jsou v Náiot v Ráma.
Dhuma irratti inni ofuma isaatii kaʼee Raamaa dhaqe; boolla bishaanii guddaa Seekuutti argamu bira gaʼee, “Saamuʼeelii fi Daawit eessa jiru?” jedhee gaafate. Namni tokkos, “Isaan Naayot ishee Raamaa keessa jirtu keessa jiru” jedheen.
23 I šel tam do Náiot v Ráma; a sstoupil i na něj Duch Boží, a jda dále, prorokoval, až i přišel do Náiot v Ráma.
Kanaafuu Saaʼol gara Naayot ishee Raamaa keessa jirtu sanaa dhaqe. Garuu Hafuurri Waaqaa isaa irra buʼe; innis hamma Nawaat gaʼutti raajii dubbachaa deeme.
24 Kdežto svlékl také sám roucho své a prorokoval i on před Samuelem, a padna, ležel svlečený celý ten den a noc. Odkudž se říká: Zdali také Saul mezi proroky?
Wayyaa isaas of irraa baasee fuula Saamuʼeel duratti raajii dubbate. Innis halkanii fi guyyaa sana guutuu qullaa isaa ciise. Sababiin namoonni, “Saaʼolis raajota keessaa tokkoodhaa?” jedhaniif kanuma.

< 1 Samuelova 19 >