< 4 Mojžišova 32 >

1 Měli pak synové Ruben a synové Gád dobytka velmi mnoho, a uzřeli zemi Jazer a zemi Galád, ano místo to místo příhodné pro dobytek.
Ilmaan Ruubeenii fi ilmaan Gaad warri loonii fi bushaayee hedduu qaban akka biyyi Yaʼizeerii fi biyyi Giliʼaad horii isaaniitiif tolu argan.
2 Protož přistoupivše synové Gád a synové Ruben, mluvili k Mojžíšovi a k Eleazarovi knězi a knížatům shromáždění, řkouce:
Isaan gara Musee, gara Eleʼaazaar lubichaatii fi gara hooggantoota waldaa dhufanii akkana jedhan;
3 Atarot a Dibon, a Jazer a Nemra, Ezebon a Eleale, a Saban a Nébo a Beon,
“Axaaroti, Diiboon, Yaʼizeer, Niimraa, Heshboon, Eleʼaalee, Sebaamaa, Neboo fi Beʼoon,
4 Země, kterouž zbil Hospodin před shromážděním Izraelským, jest země příhodná ku pastvě dobytku, a my služebníci tvoji máme drahně dobytka.
biyyi Waaqayyo fuula waldaa Israaʼel duratti rukute sun horiif tolaa dha; nu tajaajiltoonni kees horii qabna.
5 (Protož řekli: ) Jestliže jsme nalezli milost před očima tvýma, nechť jest dána krajina ta služebníkům tvým k vládařství, ať nechodíme za Jordán.
Yoo nu fuula kee duratti fudhatama argannee jiraanne biyyi kun nu tajaajiltoota keetiif handhuuraa taʼee haa kennamu. Akka nu Yordaanos gama ceenus hin godhin.”
6 I odpověděl Mojžíš synům Gád a synům Ruben: Což bratří vaši půjdou sami k boji, a vy zde zůstanete?
Museenis ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeeniin akkana jedhe; “Obboloonni keessan duula dhaqanii isin immoo as teessuu?
7 I proč roztrhujete mysli synů Izraelských, aby nesměli jíti do země, kterouž jim dal Hospodin?
Isin maaliif akka Israaʼeloonni biyya Waaqayyo isaanii kenne sanatti ceʼanii hin galleef abdii isaan kutachiiftuu?
8 Takť jsou učinili otcové vaši, když jsem je poslal z Kádesbarne, aby prohlédli zemi tu.
Kun waanuma abbootiin keessan gaafa ani akka isaan biyyattii ilaalaniif jedhee Qaadesh Barnee irraa isaan erge sana hojjetanii dha.
9 Kteřížto, když přišli až k údolí Eškol a shlédli zemi, potom vrátivše se, odvrátili mysl synů Izraelských, aby nešli do země, kterouž dal jim Hospodin.
Isaanis erga gara Sulula Eshkool dhaqanii biyya sana arganii booddee akka Israaʼeloonni biyya Waaqayyo isaaniif kennetti hin galleef abdii isaan kutachiisan.
10 Čímž popuzen jsa k hněvu Hospodin v den ten, přisáhl, řka:
Dheekkamsi Waaqayyoos guyyuma sana bobaʼe; innis akkana jedhee kakate;
11 Zajisté že lidé ti, kteříž vyšli z Egypta, od dvadcítiletých a výše, neuzří země té, kterouž jsem s přísahou zaslíbil Abrahamovi, Izákovi a Jákobovi, nebo ne cele následovali mne,
‘Waan isaan garaa guutuudhaan na faana deemuu didaniif, namoota waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen biyya Gibxiitii baʼanii dhufan keessaa namni tokko iyyuu biyya ani Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif waadaa gale sana hin argu.
12 Kromě Kálefa, syna Jefonova Cenezejského, a Jozue, syna Nun, nebo cele následovali Hospodina.
Kaaleb ilma Yefunee kan gosa Qeneezii fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee namni tokko iyyuu hin argu; isaan lamaan garaa guutuudhaan Waaqayyo duukaa buʼaniiruutii.’
13 I popudila se prchlivost Hospodinova na Izraele, a učinil, aby byli tuláci na poušti za čtyřidceti let, dokudž nezahynul všecken ten věk, kterýž činil zlé před očima Hospodinovýma.
Dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼe; innis hamma dhaloonni fuula isaa duratti waan hamaa hojjete sun hundi dhumutti akka isaan waggaa afurtama gammoojjii keessa jooran godhe.
14 A hle, vy nastoupili jste na místo otců svých, plémě lidí hříšných, abyste vždy přidávali k hněvu prchlivosti Hospodinovy na Izraele.
“Yaa sanyii cubbamootaa nana, isin kunoo dheekkamsa Waaqayyoo kan Israaʼel irratti bobaʼe sana ittuma caalchisuuf iddoo abbootii keessanii buutaniirtu.
15 Jestliže se odvrátíte od následování jeho, i onť také opustí jej na poušti této, a tak budete příčina zahynutí všeho lidu tohoto.
Yoo isin isa duukaa buʼuu irraa garagaltan inni ammas gammoojjii kana keessatti saba kana hunda ni dhiisa; isinis uummata kana ni balleessitu.”
16 Přistoupivše pak znovu, řekli jemu: Stáje dobytkům a stádům svým zde vzděláme, a města dítkám svým,
Isaan gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; “Nu asitti horii keenyaaf dallaa, dubartootaa fi ijoollee keenyaaf immoo magaalaawwan ijaarra.
17 Sami pak v odění pohotově budeme, statečně sobě počínajíce před syny Izraelskými, dokavadž jich neuvedeme na místo jejich; mezi tím zůstanou dítky naše v městech hrazených, pro bezpečnost před obyvateli země.
Nu garuu hamma lafa isaaniitiin isaan geenyutti hidhannee Israaʼel dura deemuuf qophaaʼoo dha. Yeroo kanatti akka jiraattoonni biyyattii isaan hin tuqneef dubartoonnii fi ijoolleen keenya magaalaawwan dallaa jabaa qaban keessa haa jiraatan.
18 Nenavrátíme se do domů svých, až prvé vládnouti budou synové Izraelští jeden každý dědictvím svým;
Hamma tokkoon tokkoon Israaʼelootaa dhaala ofii isaanii argatanitti nu mana keenyatti hin deebinu.
19 Aniž vezmeme jakého dědictví s nimi za Jordánem neb dále, když dosáhneme dědictví svého z této strany Jordánu, k východu slunce.
Sababii dhaalli keenya laga Yordaanos irraa gara baʼaatti nuuf kennameef nu Yordaanos irraa gama kaaniin isaan wajjin waan dhaallu hin qabnu.”
20 I odpověděl jim Mojžíš: Jestliže učiníte tak, jakž jste mluvili, a jestliže půjdete v odění před Hospodinem k boji,
Museenis akkana isaaniin jedhe; “Yoo isin waan kana gootan, yoo isin fuula Waaqayyoo duratti hidhattanii duulaaf kaatan,
21 A šli byste za Jordán vy všickni v odění před Hospodinem, dokavadž by nevyhnal nepřátel svých od tváři své,
yoo isin hundinuu hamma inni diinota ofii isaa fuula ofii isaa duraa ariʼee baasutti hidhattanii fuula Waaqayyoo dura Yordaanosin ceetan,
22 A nebyla podmaněna všecka země před Hospodinem: potom navrátíte se, a budete bez viny před Hospodinem i před Izraelem; tak přijde země tato vám v dědictví před Hospodinem.
yeroo biyyattiin fuula Waaqayyoo duratti moʼatamtutti isin itti gaafatama Waaqayyoo fi saba Israaʼeliif qabdan irraa ni bilisoomtu. Biyyi sunis fuula Waaqayyoo duratti dhaala keessan taʼa.
23 Pakli neučiníte toho, hle, zhřešíte proti Hospodinu, a vězte, že pomsta vaše přijde na vás.
“Garuu isin yoo waan kana gochuu baattan, kunoo Waaqayyotti cubbuu hojjechuu keessan; akka cubbuun keessan isin argatu illee beekkadhaa.
24 Stavějte sobě tedy města pro dítky, a stáje pro dobytky své, a což vyšlo z úst vašich, učiňte.
Dubartootaa fi ijoollee keessaniif magaalaawwan, bushaayee keessaniif immoo dallaa ijaaraa; isin garuu waan waadaa galtan sana guutaa.”
25 I odpovědělo pokolení synů Gád a synů Ruben Mojžíšovi, řka: Služebníci tvoji učiní, jakž pán náš rozkazuje.
Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen Museedhaan akkana jedhan; “Nu garboonni kee akkuma gooftaan keenya nu ajaju goona.
26 Dítky naše a ženy naše, dobytek náš a všecka hovada naše, tu zůstanou v městech Galád,
Ijoolleen keenyaa fi niitonni keenya, bushaayeen keenyaa fi loon keenya, asuma magaalaawwan Giliʼaaditti haa hafan.
27 Služebníci pak tvoji přejdou jeden každý v odění způsobný před Hospodinem k boji, jakož mluví pán můj.
Nu garboonni kee garuu tokkoon tokkoon keenya akkuma gooftaan keenya jedhe sana duulaaf qophoofnee fuula Waaqayyoo duratti duuluuf ni ceena.”
28 I poručil o nich Mojžíš Eleazarovi knězi a Jozue, synu Nun, a předním v čeledech pokolení synů Izraelských,
Ergasiis Museen waaʼee isaanii Eleʼaazaar lubichaaf, Iyyaasuu ilma Nuunitii fi abbootii maatii gosoota Israaʼeliif ajaja kenne.
29 A řekl jim: Jestliže přejdou synové Gád a synové Ruben s vámi za Jordán všickni hotovi k boji před Hospodinem, a byla by již podmaněna země před vámi, dáte jim zemi Galád k vládařství.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoo ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeen, namni waraanaaf hidhate hundi fuula Waaqayyoo duratti isin wajjin Yordaanos ceʼe, yommuu biyyattiin isin harka galtutti biyya Giliʼaad sana kennaafii.
30 Pakli by nešli v odění s vámi, tedy dědictví míti budou u prostřed vás v zemi Kanán.
Garuu isaan yoo duulaaf hidhatanii isin wajjin ceʼuu baatan, Kanaʼaan keessatti isin wajjin lafa haa argatan.”
31 I odpověděli synové Gád a synové Ruben, řkouce: Jakž mluvil Hospodin služebníkům tvým, tak učiníme:
Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubeenis akkana jedhanii deebii kennan; “Nu garboonni kee waan Waaqayyo jedhe ni goona.
32 My půjdeme v odění před Hospodinem do země Kanán, a zůstane nám v dědictví vládařství naše z této strany Jordánu.
Nu miʼa lolaa hidhannee fuula Waaqayyoo dura ceenee Kanaʼaan seenna; garuu qabeenyi nu dhaallu Yordaanosiin gamatti nuuf haa hafu.”
33 Tedy dal jim Mojžíš, synům totiž Gád a synům Ruben a polovici pokolení Manasses, syna Jozefova, království Seona, krále Amorejského, a království Oga, krále Bázanského, zemi s městy jejími při pomezích, i města země té všudy vůkol.
Museenis mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa fi mootummaa Oogi mootii Baashaan jechuunis biyya sana guutuu magaalaawwan isaaniitii fi bulchiinsa naannoo isaanii jiru sana ilmaan Gaadiitiif, ilmaan Ruubeeniitii fi walakkaa gosa Minaasee ilma Yoosefiif kenne.
34 A vzdělali synové Gád, Dibon, Atarot a Aroer,
Ilmaan Gaadis magaalaawwan Diiboon, Axaaroti, Aroʼeer,
35 A Atrot, Sofan, Jazer a Jegbaa,
Atroot Shoofaan, Yaʼizeer, Yogbihaa,
36 A Betnemra a Betaran, města hrazená, a stáje pro dobytky.
Beet Niimraa fi Beet haaraan magaalaawwan jajjaboo godhanii ijaaran. Bushaayee isaaniitiifis dallaa ijaarratan.
37 Synové pak Ruben vystavěli Ezebon, Eleale a Kariataim,
Ilmaan Ruubeenis magaalaawwan Heshboon, Eleʼaaleenii fi Kiriyaataayim,
38 A Nébo a Balmeon, změnivše jim jména; také Sabma, a dali jiná jména městům, kteráž vzdělali.
akkasumas Neboo fi Baʼaal Meʼoon jechuunis magaalaawwan maqaan isaanii geeddaramee fi Sibimaa deebisanii ijaaran. Isaanis magaalaawwan deebisanii ijaaran sanaaf maqaa baasan.
39 Táhli pak synové Machir, syna Manassesova, do Galád, a vzavše tu krajinku, vyhnali Amorejského, kterýž tam bydlil.
Ijoolleen Maakiir ilma Minaasees gara Giliʼaad dhaqanii biyyattii qabatanii Amoorota achi turan ariʼanii baasan.
40 I dal Mojžíš zemi Galád Machirovi, synu Manassesovu, a bydlil v ní.
Museenis Giliʼaadin ijoollee Maakiir sanyii Minaaseetiif kenne; isaanis achi qubatan.
41 Jair také syn Manassesův táhl a vzal vsi jejich, a nazval je vsi Jairovy.
Yaaʼiir ilmi Minaasees dhaqee gandoota isaanii fudhatee gandoota Yaaʼiirootaa jedhee moggaase.
42 Nobe také táhl, a vzal Kanat a městečka jeho, a nazval je Nobe od jména svého.
Noobaan immoo Qeenaatii fi gandoota naannoo isaa jiran qabatee Noobaa jedhee maqaa ofii isaatiin waame.

< 4 Mojžišova 32 >