< Matouš 17 >

1 A po šesti dnech pojal Ježíš Petra a Jakuba a Jana bratra jeho, i uvedl je na horu vysokou soukromí,
Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob fudhatee kophaa isaanii tulluu dheeraa tokkotti ol baase.
2 A proměnil se před nimi. I zastkvěla se tvář jeho jako slunce, roucho pak jeho učiněno bílé jako světlo.
Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate.
3 A aj, ukázali se jim Mojžíš a Eliáš, rozmlouvající s ním.
Kunoo Musee fi Eeliyaas utuu Yesuus wajjin haasaʼanuu isaanitti mulʼatan.
4 A odpověděv Petr, řekl Ježíšovi: Pane, dobré jest nám tuto býti. Chceš-li, uděláme tuto tři stánky, tobě jeden a Mojžíšovi jeden a Eliášovi jeden.
Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Yoo fedhii kee taʼe, ani daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif asitti nan ijaara” jedhe.
5 Když pak on ještě mluvil, aj, oblak světlý zastínil je. A aj, hlas z toho oblaku řkoucí: Tentoť jest ten můj milý Syn, v němž mi se dobře zalíbilo, toho poslouchejte.
Utuma inni dubbachaa jiruu kunoo, duumessi ifaan tokko isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhe.
6 To uslyšavše učedlníci, padli na tváři své a báli se velmi.
Barattoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee sodaatanii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
7 A přistoupiv Ježíš, dotekl se jich, řka: Vstaňte a nebojte se.
Yesuus garuu itti dhiʼaatee isaan tuqee, “Kaʼaa! Hin sodaatinaa” jedheen.
8 Pozdvihše pak očí svých, žádného neviděli, než samého Ježíše.
Isaanis yommuu ol jedhanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee hin argine.
9 Když pak sstupovali s té hory, přikázal jim Ježíš, řka: Žádnému nepravte tohoto vidění, dokudž by Syn člověka nevstal z mrtvých.
Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus, “Hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaafamutti waan argitan sana nama tokkotti illee hin himinaa” jedhee isaan seerrate.
10 I otázali se ho učedlníci jeho, řkouce: Což to pak zákonníci praví, že má Eliáš prvé přijíti?
Barattoonnis, “Yoos barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu ree?” jedhanii isa gaafatan.
11 Ježíš pak odpovídaje, řekl jim: Eliáš zajisté přijde prvé, a napraví všecky věci.
Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan, Eeliyaas waan hunda iddootti deebisuuf jedhee duraan dursee ni dhufa.
12 Ale pravím vám, že Eliáš již přišel, a však nepoznali ho, ale učinili mu, což chtěli. Takť i Syn člověka trpěti bude od nich.
Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas amma iyyuu dhufeera; isaanis isa hin hubanne; garuu waanuma fedhan hunda isatti hojjetan. Ilmi Namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira.”
13 Tedy srozuměli učedlníci, že jim to pravil o Janovi Křtiteli.
Barattoonnis ergasii akka wanni inni isaanitti dubbachaa ture sun waaʼee Yohannis Cuuphaa taʼe hubatan.
14 A když přišli k zástupu, přistoupil k němu člověk, a poklekl před ním na kolena,
Yommuu isaan gara tuuta sanaa dhufanittis namichi tokko Yesuusitti dhiʼaatee fuula isaa duratti jilbeenfate;
15 A řekl: Pane, smiluj se nad synem mým, nebo náměsičník jest, a těžce se trápí. Často zajisté padá do ohně a častokrát do vody.
akkanas jedhe; “Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa.
16 I přivedl jsem ho učedlníkům tvým, ale nemohli ho uzdraviti.
Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.”
17 Odpovídaje pak Ježíš, řekl: Ó národe nevěrný a převrácený, dokud budu s vámi? Dokudž vás snášeti budu? Přiveďte mi jej sem.
Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!” jedhe.
18 I přimluvil tomu ďábelství Ježíš. I vyšlo od něho; a uzdraven jest ten mládenec v tu hodinu.
Yesuusis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye.
19 Tedy přistoupivše učedlníci k Ježíšovi soukromí, řekli: Proč jsme my ho nemohli vyvrci?
Ergasiis barattoonni kophaa isaanii gara Yesuus dhufanii, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii isa gaafatan.
20 Ježíš pak řekl jim: Pro nevěru svou. Amen zajisté pravím vám: Budete-li míti víru jako zrno horčičné, díte hoře této: Přejdi odsud tam, i přejde, a nebudeť vám nic nemožného.
Innis akkana jedhee deebise; “Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [
21 Toto pak pokolení nevychází, jediné skrze modlitbu a půst.
Hafuurri hamaan akkanaa garuu soomaa fi kadhannaadhaan malee hin baʼu.”]
22 A když byli v Galilei, řekl jim Ježíš: Syn člověka bude vydán v ruce lidské,
Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.
23 A zamordujíť jej, ale třetího dne z mrtvých vstane. I zarmoutili se náramně.
Isaanis isa ni ajjeesu; inni immoo guyyaa sadaffaatti ni kaafama.” Barattoonnis akka malee gaddan.
24 A když přišli do Kafarnaum, přistoupili ku Petrovi ti, kteříž plat vybírali, a řekli: Což mistr váš nedává platu?
Yommuu Yesuusii fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?” jedhanii gaafatan.
25 A on řekl: Dává. A když přišel domů, předšel jej Ježíš, řka: Co se tobě zdá, Šimone? Králové zemští od kterých berou daň aneb plat? Od synů-li svých, čili od cizích?
Innis deebisee, “Ni kaffala” jedheen. Yesuus yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, “Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?” jedhee gaafate.
26 Dí jemu Petr: Od cizích. I řekl mu Ježíš: Tedy synové jsou svobodní.
Phexrosis deebisee, “Keessummoota irraa walitti qabu” jedhe. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Yoos ijoolleen isaanii bilisa.
27 Ale abychom jich nepohoršili, jda k moři, vrz udici, a tu rybu, kteráž nejprvé uvázne, vezmi, a otevra ústa její, nalezneš groš. Ten vezma, dej jim za mne i za sebe.
Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni.”

< Matouš 17 >