< Judův 1 >

1 Judas, Ježíše Krista služebník, bratr pak Jakubův, posvěceným od Boha Otce, a Kristu Ježíši zachovaným i povolaným:
Yihuudaa obboleessa Yaaqoob garbicha Yesuus Kiristoos irraa, Gara warra waamamanii Waaqa Abbaadhaan jaallataman kanneen Yesuus Kiristoosiin eegamaniitti:
2 Milosrdenství vám a pokoj i láska budiž rozmnožena.
Araarri, nagaanii fi jaalalli isiniif haa baayʼatu.
3 Nejmilejší, všecku snažnost vynakládaje na to, abych vám psal o obecném spasení, musil jsem psáti, vás napomínaje, abyste statečně bojovali o víru, kteráž jest jednou dána svatým.
Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Waaqaatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.
4 Neboť podešli někteří lidé bezbožní, prvé již dávno poznamenaní k tomu potupení, kteříž milost Boha našeho přenášejí v chlipnost, a toho, kterýž jest sám Hospodin, Boha a Pána našeho Jezukrista zapírají.
Namoonni bara dheeraan dura murtii kanaaf murteeffaman tokko tokko looʼanii gidduu keessan seenaniiruutii. Isaanis namoota Waaqaaf hin bulle, warra ayyaana Waaqa keenyaa gara halalummaatti geeddaran kanneen Gooftaa Ol aanaa tokkicha jechuunis Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosin gananii dha.
5 Protož vidělo mi se vám to připomenouti, kteříž jednou již o tom víte, že když Pán lid z země Egyptské vysvobodil, potom ty, kteříž nevěřící byli, zatratil.
Yoo isin duraanuu waan kana hunda beektan illee, ani akka Gooftaan yeroo tokko saba isaa Gibxii baasee ergasii immoo warra hin amanin balleesse isin yaadachiisuu nan barbaada.
6 A ty anděly, kteříž neostříhali svého knížetství, ale opustili příbytek svůj, k soudu velikého toho dne vazbou věčnou pod mrákotou schoval. (aïdios g126)
Innis ergamoota sadarkaa taayitaa isaanii irra hin turin, kanneen lafa jireenya isaanii dhiisan sana foncaa bara baraatiin hidhee hamma murtii Guyyaa guddaa sanaatti dukkana keessa turseera. (aïdios g126)
7 Jako Sodoma a Gomora, a okolní města, když podobným způsobem, jako i tito, v smilstvo se vydali, a odešli po těle cizím, předložena jsou za příklad, pokutu věčného ohně snášejíce. (aiōnios g166)
Sodoomii fi Gomoraan, magaalaawwan naannoo isaanii jiranis akkasuma halalummaa fi hawwii foonii kan haala uumamaatiin ala taʼetti dabarsanii of kennaniiru. Isaanis warra adaba ibidda bara baraatiin adabamaniif fakkeenya taʼaniiru. (aiōnios g166)
8 Takéž podobně i tito, jako v hluboký sen pohřižení, tělo zajisté poškvrňují, panstvím pak pohrdají, a důstojnosti se rouhají;
Haaluma wal fakkaatuunis namoonni abjootan kunneen foon ofii isaanii xureessu; gooftummaa ni tuffatu; ulfina qabeeyyii illee ni arrabsu.
9 Ješto Michal archanděl, když s ďáblem odpor maje, hádal se o tělo Mojžíšovo, nesměl vynésti soudu zlořečení, ale řekl: Ztresciž tě Pán.
Garuu Miikaaʼel hangafni ergamoota Waaqaa iyyuu yeroo waaʼee reeffa Musee irratti diiyaabiloosiin walitti falmanitti, “Gooftaan si haa ifatu!” jedhe malee isa arrabsuudhaan itti muruuf ija hin jabaanne.
10 Tito pak, čehož neznají, tomu se rouhají; a což od přirození znají, jako nerozumná hovada, v tom se poškvrňují.
Namoonni kunneen garuu waanuma hin hubanne arrabsu; waan isaan akkuma bineensota waa yaaduu hin dandeenyeetti miiraan hubatantu isaan balleessa.
11 Běda jim, nebo cestou Kainovou odešli, a poblouzením Balámovy mzdy se vylili, a odporováním Chóre zahynuli.
Isaaniif wayyoo! Isaan karaa Qaayin irra deeman; faayidaa argachuuf jedhanii dogoggora Balaʼaam keessa of buusan; fincila Qooraahiitiinis ni barbadaaʼan.
12 Tiť jsou na hodech vašich poškvrny, kteříž s vámi hodujíce bezstoudně, sami se pasou; jsou oblakové bez vody, jimiž vítr sem i tam točí, stromové uvadlí, neužiteční, dvakrát mrtví a vykořenění,
Namoonni kunneen utuma xuraaʼoo taʼanii jiranuu qaanii tokko malee cidha jaalalaa isin wajjin nyaatu; isaan tiksoota ofuma isaanii qofa sooranii dha. Isaan akkuma duumessa bokkaa hin qabne kan bubbeen asii fi achi oofuu ti; akkuma muka yeroo itti ija naqachuu qabutti ija dhabee buqqifamee dachaa lama duʼee ti.
13 Vzteklé vody mořské, vymítající své hanebnosti, hvězdy bludné, jimžto mrákota tmy zachována jest na věčnost. (aiōn g165)
Isaan warra akka dambalii galaanaa hoomacha qaanii isaanii baasanii dha; akkuma urjiiwwan asii fi achi jooran kanneen dukkanni limixiin hamma bara baraatti isaanii kaaʼamee ti. (aiōn g165)
14 Prorokoval pak také o nich sedmý od Adama Enoch, řka: Aj, Pán se béře s svatými tisíci svými,
Henook inni Addaam irraa jalqabee torbaffaa ture sun akkana jedhee waaʼee namoota kanaa raajii dubbateera: “Kunoo, Gooftaan qulqulloota isaa kumaatama wajjin ni dhufa;
15 Aby učinil soud všechněm, a trestal všecky, kteříž by koli mezi nimi byli bezbožní, ze všech skutků bezbožnosti jejich, v nichž bezbožnost páchali, i ze všech tvrdých řečí, kteréž mluvili proti němu hříšníci bezbožní.
innis nama hundatti muruuf, warra Waaqaaf hin bulle kanneen karaa Waaqni hin jaallanneen waan Waaqni hin jaallanne hojjetan hundaa fi dubbii hamaa cubbamoonni Waaqaaf hin bulle hundinuu isa irratti dubbatan hundatti isaan gaafachuuf ni dhufa.”
16 Tiť jsou reptáci, stýskaví, podlé žádostí svých chodíce, jejichž ústa mluví pýchu, pochlebujíce osobám pro svůj užitek.
Namoonni kunneen yeroo hunda ni guungumu; komiis ni qabaatu; hawwii isaanii isa hamaa duukaa buʼu; of jaju; faayidaa argachuuf jedhaniis nama saadu.
17 Ale vy, nejmilejší, pamatujte na slova předpověděná od apoštolů Pána našeho Jezukrista.
Yaa michoota, isin garuu waan ergamoonni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos duraan dursanii himan sana yaadadhaa.
18 Neboť pověděli vám, že v posledním času budou posměvači, podlé svých bezbožných žádostí chodící.
Isaanis, “Qoostonni hawwii fedhii Waaqaatiin ala taʼe duukaa buʼan bara dhumaa keessa ni dhufu” isiniin jedhan.
19 Toť jsou ti, kteříž se sami odtrhují, hovadní, Ducha Kristova nemající.
Namoonni kunneen warra gargar baʼuu uuman, warra hawwii foonii duukaa buʼanii fi warra Hafuura Qulqulluu hin qabnee dha.
20 Ale vy, nejmilejší, vzdělávajíce se na té nejsvětější víře své, v Duchu svatém modléce se,
Isin garuu yaa michoota, amantii keessan kan waan hunda irra qulqulluu taʼe sana irratti of ijaaraa; Hafuura Qulqulluudhaanis kadhadhaa.
21 Ostříhejte se v lásce Boží, očekávajíce milosrdenství Pána našeho Jezukrista k věčnému životu. (aiōnios g166)
Araarri Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos jireenya bara baraatti akka isin geessu eeggachaa jaalala Waaqaatiin of eegaa. (aiōnios g166)
22 A nad některými zajisté lítost mějte, rozeznání v tom majíce.
Warra shakkii qabaniif garaa laafaa;
23 Jiné pak strašením k spasení přivozujte, z ohně je vychvacujíce, v nenávisti majíce i tu skrze tělo poškvrněnou sukni.
Warra kaan ibidda keessaa butaatii oolchaa; kaan immoo uffata hawwii fooniitiin xureeffame iyyuu balfaatii sodaadhaan isaan maaraa.
24 Tomu pak, kterýž mocen jest, zachovati vás bez úrazu, a postaviti před oblíčejem slávy své bez úhony s veselím,
Isa gufachuu isin oolchuu dandaʼuu fi isa fuula ulfina isaa duratti hirʼina malee, gammachuu guddaadhaan isin dhiʼeessuu dandaʼu sanaaf,
25 Samému moudrému Bohu, spasiteli našemu, budiž sláva a velebnost, císařství i moc, i nyní i po všecky věky. Amen. (aiōn g165)
Fayyisaa keenya Waaqa tokkichaaf ulfinni, surraan, humnii fi taayitaan karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin bara hundumaan dura, amma, bara baraanis haa taʼu! Ameen. (aiōn g165)

< Judův 1 >