< Jan 12 >

1 Tedy Ježíš šestý den před velikonocí přišel do Betany, kdež byl Lazar ten, kterýž byl umřel, jehož vzkřísil z mrtvých.
Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe.
2 I připravili jemu tu večeři, a Marta posluhovala, Lazar pak byl jeden z stolících s ním.
Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture.
3 Maria pak vzavši libru masti drahé z nardu výborného, pomazala noh Ježíšových, a vytřela vlasy svými nohy jeho. I naplněn jest dům vůní té masti.
Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
4 Tedy řekl jeden z učedlníků jeho, Jidáš Šimona Iškariotského, kterýž jej měl zraditi:
Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe;
5 Proč tato mast není prodána za tři sta peněz, a není dáno chudým?
“Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?”
6 To pak řekl, ne že by měl péči o chudé, ale že zloděj byl, a měšec měl, a to, což do něho kladeno bylo, nosil.
Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.
7 Tedy řekl Ježíš: Nech jí, ke dni pohřbu mého zachovala to.
Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa.
8 Nebo chudé vždycky máte s sebou, ale mne ne vždycky míti budete.
Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”
9 Zvěděl pak zástup veliký z Židů, že by tu byl. I přišli, ne pro Ježíše toliko, ale také aby Lazara viděli, kteréhož byl vzkřísil z mrtvých.
Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan.
10 Radili se pak přední kněží, aby i Lazara zamordovali.
Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan;
11 Nebo mnozí z Židů odcházeli pro něho, a uvěřili v Ježíše.
Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.
12 Nazejtří mnohý zástup, kterýž byl přišel k svátku, když uslyšeli, že Ježíš jde do Jeruzaléma,
Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan.
13 Nabrali ratolestí palmových, a vyšli proti němu, a volali: Hosanna, požehnaný, kterýž se béře ve jménu Páně, král Izraelský.
Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
14 I dostav Ježíš oslátka, vsedl na ně, jakož psáno jest:
Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;
15 Neboj se, dcero Sionská, aj, král tvůj béře se, na oslátku sedě.
“Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin; kunoo, mootiin kee, ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”
16 Tomu pak nesrozuměli učedlníci jeho sprvu, ale když oslaven byl Ježíš, tedy se rozpomenuli, že to psáno bylo o něm, a že jemu to učinili.
Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.
17 Vydával pak svědectví zástup, kterýž byl s ním, že Lazara povolal z hrobu, a vzkřísil jej z mrtvých.
Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan.
18 Protož i v cestu vyšel jemu zástup, když slyšeli, že by ten div učinil.
Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan.
19 Tedy farizeové pravili mezi sebou: Vidíte-li, že nic neprospíváte? Aj, svět postoupil po něm.
Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan.
20 Byli pak někteří Řekové z těch, kteříž přicházívali, aby se modlili v svátek.
Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan.
21 Ti tedy přistoupili k Filipovi, kterýž byl od Betsaidy Galilejské, a prosili ho, řkouce: Pane, chtěli bychom Ježíše viděti.
Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin.
22 Přišel Filip a pověděl Ondřejovi, Ondřej pak zase a Filip pověděli Ježíšovi.
Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan.
23 A Ježíš odpověděl jim, řka: Přišlať hodina, aby oslaven byl Syn člověka.
Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.
24 Amen, amen pravím vám: Zrno pšeničné padna v zemi, neumře-li, onoť samo zůstane, a pakliť umře, mnohý užitek přinese.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata.
25 Kdož miluje duši svou, ztratíť ji; a kdož nenávidí duše své na tomto světě, k životu věčnému ostříhá jí. (aiōnios g166)
Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. (aiōnios g166)
26 Slouží-li mi kdo, následujž mne; a kdež jsem já, tuť i můj služebník bude. A bude-li mi kdo sloužiti, poctíť ho Otec.
Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
27 Nyní duše má zkormoucena jest, a což dím? Otče, vysvoboď mne z této hodiny. Ale proto jsem přišel k hodině této.
“Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe.
28 Otče, oslaviž jméno své. Tedy přišel hlas s nebe: I oslavil jsem, i ještě oslavím.
Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!” Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe.
29 Ten pak zástup, kterýž tu stál a slyšel, pravil: Zahřmělo. Jiní pravili: Anděl k němu mluvil.
Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan.
30 Odpověděl Ježíš a řekl: Ne pro mneť hlas tento se stal, ale pro vás.
Yesuus akkana jedhee deebise; “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti.
31 Nyníť jest soud světa tohoto, nyní kníže světa tohoto vyvrženo bude ven.
Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama.
32 A já budu-liť povýšen od země, všecky potáhnu k sobě.
Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.”
33 (To pak pověděl, znamenaje, kterou by smrtí měl umříti.)
Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.
34 Odpověděl jemu zástup: My jsme slýchali z zákona, že Kristus zůstává na věky, a kterakž ty pravíš, že musí býti povýšen Syn člověka? Kdo jest to Syn člověka? (aiōn g165)
Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen. (aiōn g165)
35 Tedy řekl jim Ježíš: Ještě na malý čas světlo s vámi jest. Choďte, dokud světlo máte, ať vás tma nezachvátí; nebo kdo chodí ve tmách, neví, kam jde.
Yesuus immoo akkana jedheen; “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii.
36 Dokud světlo máte, věřte v světlo, abyste synové světla byli. Toto pověděl Ježíš, a odšed, skryl se před nimi.
Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.” Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.
37 A ačkoli tak mnohá znamení činil před nimi, však neuvěřili v něho,
Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne.
38 Aby se naplnila řeč Izaiáše proroka, kterouž pověděl: Pane, kdo uvěřil kázaní našemu, a rámě Páně komu jest zjeveno?
Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?” jedhu sun akka raawwatamuuf ture.
39 Protoť nemohli věřiti, že opět Izaiáš řekl:
Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;
40 Oslepil oči jejich, a zatvrdil srdce jejich, aby očima neviděli, a srdcem nerozuměli, a neobrátili se, abych jich neuzdravil.
“Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera.”
41 To pověděl Izaiáš, když viděl slávu jeho, a mluvil o něm.
Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.
42 A ačkoli mnozí i z knížat uvěřili v něho, však pro farizee nevyznávali, aby ze školy nebyli vyobcování.
Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne;
43 Nebo milovali slávu lidskou více než slávu Boží.
isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
44 Ježíš pak zvolal a řekl: Kdo věří ve mne, ne ve mneť věří, ale v toho, kterýž mne poslal.
Yesuusis iyyee akkana jedhe; “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti.
45 A kdož vidí mne, vidí toho, kterýž mne poslal.
Kan na argus isa na erge sana arga.
46 Já světlo na svět jsem přišel, aby žádný, kdož věří ve mne, ve tmě nezůstal.
Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
47 A slyšel-liť by kdo slova má, a nevěřil by, jáť ho nesoudím; nebo nepřišel jsem, abych soudil svět, ale abych spasil svět.
“Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii.
48 Kdož mnou pohrdá, a nepřijímá slov mých, máť, kdo by jej soudil. Slova, kteráž jsem mluvil, tať jej souditi budou v nejposlednější den.
Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.
49 Nebo já sám od sebe jsem nemluvil, ale ten, kterýž mne poslal, Otec, on mi přikázaní dal, co bych měl praviti a mluviti.
Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne.
50 A vím, že přikázaní jeho jest život věčný. A protož, což já mluvím, jakž mi pověděl Otec, takť mluvím. (aiōnios g166)
Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.” (aiōnios g166)

< Jan 12 >