< Skutky Apoštolů 13 >
1 Byli pak v církvi, kteráž byla v Antiochii, někteří proroci a učitelé, jako Barnabáš a Šimon, kterýž měl přijmí Černý, a Lucius Cyrenenský, a Manahen, kterýž byl spolu vychován s Heródesem tetrarchou, a Saul.
Waldaa kiristaanaa Anxookiiyaa keessa Raajotaa fi barsiistotatu ture; isaanis Barnaabaas, Simiʼoon isa Niiger jedhamu, Luukiyoos nama Qareenaa, Maanaaʼen isa Heroodis bulchaa sana wajjin guddatee fi Saaʼol faʼa.
2 A když oni služby Páně konali, a postili se, dí Duch svatý: Oddělte mi Barnabáše a Saule k dílu, k kterémuž jsem jich povolal.
Utuu isaan Gooftaa tajaajilaa, soomaas jiranuu Hafuurri Qulqulluun, “Barnaabaasii fi Saaʼolin hojii ani itti isaan waammadheef naa filaa” jedhe.
3 Tedy postíce se, a modlíce se, a vzkládajíce na ně ruce, propustili je.
Kanaaf isaan erga soomanii kadhatanii booddee harka isaanii jara irra kaaʼanii isaan ergan.
4 A oni posláni byvše od Ducha svatého, přišli do Seleucie, a odtud plavili se do Cypru.
Isaan lachuu Hafuura Qulqulluudhaan ergamanii Seluuqiyaatti gad buʼan; achiis kaʼanii dooniin Qophiroos dhaqan.
5 A přišedše do Salaminy, zvěstovali slovo Boží v školách Židovských; a měli s sebou i Jana k službě.
Yommuu Salaamiis gaʼanittis manneen sagadaa Yihuudootaa keessatti dubbii Waaqaa lallaban; Yohannisis isaan gargaaruuf isaan bira ture.
6 A když zchodili ten ostrov až do Páfu, nalezli jakéhos čarodějníka, falešného proroka Žida, jemuž jméno Barjezus,
Isaanis yommuu biyyoota bishaaniin marfaman sana hundumaa keessa baʼanii hamma Phaafoositti dhufanitti, Yihuudii falfaltichaa fi raajii sobaa kan maqaan isaa Baaryesuus jedhamu tokkotti dhufan.
7 Kterýž byl u znamenitého vládaře Sergia Pavla, může opatrného. Ten povolav Barnabáše a Saule, žádal slyšeti slovo Boží.
Innis namicha hubataa bulchaa biyyaa taʼe kan Sergiyoos Phaawulos jedhamu tokko wajjin ture. Bulchaan sunis waan dubbii Waaqaa dhagaʼuu barbaadeef nama ergee Barnaabaasii fi Saaʼolin waamsifate.
8 Ale protivil se jim Elymas, ten čarodějník, (nebo se tak vykládá jméno jeho, ) usiluje odvrátiti vládaře od víry.
Eliimaas falfaltichi kan hiikkaan maqaa isaa afaan Giriikiin akkasuma taʼe sun garuu bulchaa biyyaa sana amantii irraa deebisuuf jedhee isaaniin morme.
9 Tedy Saul, kterýž slove i Pavel, naplněn byv Duchem svatým, a pilně pohleděv na něj,
Saaʼol inni Phaawulos jedhamu sun garuu Hafuura Qulqulluudhaan guutamee Eelimaasin hubatee ilaalee akkana jedheen;
10 Řekl: Ó plný vší lsti a vší nešlechetnosti, synu ďáblův, nepříteli vší spravedlnosti, což nepřestaneš převraceti cest Páně přímých?
“Ati ilma diiyaabiloosii fi diina qajeelummaa hundaa ti! Sobaa fi gowwoomsaa gosa hundaatiinis guutamteerta. Ati karaa Gooftaa isa qajeelaa sana jalʼisuu hin dhiiftuu?
11 A aj, nyní ruka Páně nad tebou, a budeš slepý, nevida slunce až do času. A pojednou připadla na něj mrákota a tma, a jda vůkol, hledal, kdo by ho za ruku vedl.
Kunoo amma harki Gooftaa sitti kaʼeera; atis jaamtee yeroof ifa aduu arguu ni dadhabda.” Yeruma sana hurrii fi dukkanni isa irra buʼe; innis nama harka qabee isa qajeelchu barbaaduu jalqabe.
12 Tehdy vládař uzřev, co se stalo, uvěřil, divě se učení Páně.
Bulchaan biyyaa sunis waan kana arginaan amane; barsiisa waaʼee Gooftaa dinqifatee tureetii.
13 A pustivše se od Páfu Pavel a ti, kteříž s ním byli, přišli do Pergen v Pamfylii. Jan pak odšed od nich, vrátil se do Jeruzaléma.
Phaawulosii fi miiltonni isaa Phaafoosii bidiruudhaan kaʼanii Phergeen ishee Phamfiliyaa sana dhaqan; Yohannisis achitti isaan dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.
14 Oni pak šedše z Pergen, přišli do Antiochie Pisidické, a všedše do školy v den sobotní, posadili se.
Isaan garuu Phergeenii kaʼanii gara Anxookiiyaa ishee Phisiidiyaatti argamtuu dhufan; guyyaa Sanbataas mana sagadaa seenanii tataaʼan.
15 A když bylo po přečtení zákona a proroků, poslali k nim knížata školy té, řkouce: Muži bratří, máte-li úmysl jaké napomenutí učiniti k lidu, mluvte.
Bulchitoonni mana sagadaa sanaas erga kitaabonni Seeraatii fi Raajotaa dubbifamanii booddee nama isaanitti erganii, “Yaa obboloota, yoo dubbii gorsaa uummataaf qabaattan mee dubbadhaa” jedhaniin.
16 Tedy Pavel povstav, a rukou pokynuv, řekl: Muži Izraelští, a kteříž se bojíte Boha, slyšte.
Phaawulos kaʼee dhaabatee harkaan mallattoo argisiisee akkana jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, isin warri Waaqa sodaattanis mee na dhagaʼaa!
17 Bůh lidu tohoto Izraelského vyvolil otce naše, a lidu povýšil, když byl pohostinu v zemi Egyptské, a v rameni vztaženém vyvedl je z ní.
Waaqni saba Israaʼel abbootii keenya filate; innis yeroo isaan biyya Gibxi jiraachaa turanitti sabicha saba guddaa godhe; irree jabaanis achii isaan baase;
18 A za čas čtyřidceti let snášel jejich obyčeje na poušti.
gammoojjii keessattis gara waggaa afurtamaa isaanii obse.
19 A zahladiv sedm národů v zemi Kanán, rozdělil losem mezi ně zemi jejich.
Biyya Kanaʼaan keessaas saboota torba balleessee lafa isaanii akka dhaalaatti saba isaatiif kenne.
20 A potom, téměř za čtyři sta a padesáte let, dával jim soudce až do Samuele proroka.
Wanni kun hundinuu gara waggaa 450 fudhatte. “Kana booddees Waaqni hamma bara Saamuʼeel raajichaatti abbootii murtii isaaniif kenne.
21 A v tom žádali za krále, i dal jim Bůh Saule, syna Cis, muže z pokolení Beniaminova, za čtyřidceti let.
Yommuu isaan akka inni mootii kennuufiif isa kadhatanitti Waaqni gosa Beniyaam keessaa Saaʼol ilma Qiishi isaaniif kenne; Saaʼolis waggaa 40 isaan bulche.
22 A když toho zavrhl, vzbudil jim Davida krále, kterémuž svědectví dávaje, řekl: Nalezl jsem Davida, syna Jesse, muže podlé srdce svého, kterýž bude činiti všecku vůli mou.
Waaqni Saaʼolin mootummaa irraa buusee Daawitin mootii isaanii godhe; innis, ‘Ani nama akka garaa koo Daawit ilma Isseey argadheera; inni waan ani akka inni hojjetu fedhu hunda ni hojjeta’ jedhee waaʼee Daawit rageesseera.
23 Z jehož semene Bůh podlé zaslíbení vzbudil Izraelovi spasitele Ježíše,
“Waaqnis akkuma abdachiise sana, sanyii nama kanaa keessaa Yesuus fayyisaa saba Israaʼeliif fide.
24 Před jehož příštím kázal Jan křest pokání všemu lidu Izraelskému.
Yohannis dhufaatii Yesuus duratti cuuphaa qalbii jijjiirrannaa saba Israaʼel hundumatti lallabee ture.
25 A když Jan běh dokonával, pravil: Kteréhož se mne domníváte býti, nejsem já, ale aj, jdeť po mně, u jehož noh obuvi rozvázati nejsem hoden.
Yohannisis utuu ergama isaa guutachaa jiruu, ‘Isin eenyu na seetu? Ani isa isin eeggachaa jirtan miti. Garuu namni ani kophee isaa illee hiikuu hin malle tokko na duubaan ni dhufa’ jedhe.
26 Muži bratří, synové rodu Abrahamova, a kteříž mezi vámi bojí se Boha, vám slovo spasení tohoto posláno jest.
“Obboloota, yaa ijoollee Abrahaam, isin warri Waaqa sodaattanis, dubbiin fayyina kanaa nuu ergame.
27 Nebo ti, kteříž přebývají v Jeruzalémě, a knížata jejich, toho Ježíše neznajíce, odsoudili, a tak hlasy prorocké, kteříž se na každou sobotu čtou, naplnili.
Warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi bulchitoonni isaanii waan Yesuusin hin beekiniif yookaan dubbii raajotaa isa Sanbata Sanbata dubbifamu waan hin hubatiniif isatti muruudhaan dubbii raajotaa sana guutan.
28 A žádné příčiny smrti na něm nenalezše, prosili Piláta, aby zamordován byl.
Isaanis yoo sababii duʼa isatti mursiisuu dandaʼu argachuu baatan illee akka Yesuus ajjeefamuuf Phiilaaxoosin kadhatan.
29 A když dokonali všecko, což o něm psáno bylo, složivše s dřeva, do hrobu jej položili.
Erga waan waaʼee isaa barreeffame hunda guutatanii booddees fannoo irraa gad buusanii awwaala keessa isa kaaʼan.
30 Bůh pak vzkřísil jej z mrtvých.
Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase.
31 Kterýž vidín jest po mnohé dni od těch, jenž spolu s ním byli přišli z Galilee do Jeruzaléma, kteříž jsou svědkové jeho k lidu.
Innis warra isa wajjin Galiilaadhaa gara Yerusaalemitti ol baʼanitti guyyaa hedduu mulʼate; isaanis amma saba keenya duratti dhuga baatota isaa ti.
32 A my vám zvěstujeme to zaslíbení, kteréž se stalo otcům, že Bůh naplnil je nám synům jejich, vzkřísiv Ježíše;
“Nus oduu nama gammachiisu isinitti odeessina; oduun kunis: Waaqni waan abbootii keenya abdachiise sana,
33 Jakož i v druhém žalmu napsáno jest: Syn můj jsi ty, já dnes zplodil jsem tebe.
Yesuusin duʼaa kaasuudhaan nuu ijoollee isaaniitiif guuteera. Kunis akkuma faarfannaa lammaffaa keessatti akkana jedhamee barreeffamee dha; “‘Ati ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera.’
34 A že jej z mrtvých vzkřísil, aby se již více nenavracoval k porušení, takto řekl: Dám vám svaté věci Davidovy věrné.
Wanni Waaqni, akka inni gonkumaa hin tortorreef jedhee warra duʼan keessaa isa kaaseef akkana jedhamee dubbii kana keessatti barreeffameera; “‘Ani eebba qulqulluu fi mirkanaaʼaa, isa Daawit abdachiifame sana isiniif nan kenna.’
35 Protož i jinde dí: Nedáš svatému svému viděti porušení.
Akkasumas iddoo biraatti akkana jedha: “‘Qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.’
36 David zajisté za svého věku poslouživ vůli Boží, usnul, a přiložen jest k otcům svým, a viděl porušení.
“Daawitis bara isaa keessa fedhii Waaqaa tajaajilee boqote; abbootii isaa biratti awwaalame; dhagni isaas ni tortore.
37 Ale ten, kteréhož Bůh vzkřísil, neviděl porušení.
Inni Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase sun garuu hin tortorre.
38 Protož známo vám buď, muži bratří, že skrze toho zvěstuje se vám odpuštění hříchů.
“Kanaaf yaa obboloota ko, isin akka karaa Yesuusiitiin dhiifamni cubbuu isinitti lallabame akka beektan nan fedha.
39 A to ode všech, od kterýchž jste nemohli skrze zákon Mojžíšův ospravedlněni býti, skrze tohoto, každý kdož věří, bývá ospravedlněn.
Namni amanu hundinuu waan seera Museetiin furamuu hin dandaʼin hunda irraa karaa Yesuusiitiin furamuu ni dandaʼa.
40 Protož vizte, ať na vás nepřijde to, což jest v prorocích povědíno:
Isinis akka wanni raajonni dubbatan sun isin irra hin geenyeef of eeggadhaa; innis akkana jedha:
41 Vizte potupníci, a podivte se, a na nic přiďte; nebo já dílo dělám za dnů vašich, dílo to, jemuž neuvěříte, byť vám kdo o něm vypravoval.
“‘Ilaalaa, isin qoostota nana; dinqisiifadhaa; dhumaas; ani bara keessan keessa waan isin yoo namni tokko isinitti hime illee hin amanne tokko nan hojjedha.’”
42 A když vycházeli ze školy Židovské, prosili pohané, aby jim v druhou sobotu mluvili táž slova.
Utuu Phaawulosii fi Barnaabaas mana sagadaatii baʼuutti jiranuu namoonni sun akka isaan Sanbata itti aanu illee deebiʼanii dubbii sana lallabaniif isaan kadhatan.
43 A když bylo propuštěno shromáždění, šlo mnoho Židů, a nábožných znovu na víru obrácených za Pavlem a Barnabášem, kteříž promlouvajíce k nim, radili jim, aby trvali v milosti Boží.
Erga wal gaʼiin mana sagadaa bittinnaaʼee booddee, Yihuudoonnii fi namoonni amantii Yihuudootaa fudhatanii itti bulan baayʼeen isaan duukaa buʼan; Phaawulosii fi Barnaabaasis jara sana wajjin dudubbatanii akka isaan ayyaana Waaqaatti jiraataniif cimsanii isaan gorsan.
44 V druhou pak sobotu téměř všecko město sešlo se k slyšení slova Božího.
Sanbata itti aanutti nama muraasa malee uummanni magaalaa sanaa guutuun dubbii Gooftaa dhagaʼuuf walitti qabame.
45 A Židé vidouce zástupy, naplněni jsou závistí, a odporovali tomu, co bylo praveno od Pavla, protivíce a rouhajíce se.
Yihuudoonni garuu uummata baayʼee arganii hinaaffaan guutaman; Phaawulosinis arrabsanii waan inni dubbateen morman.
46 Tedy svobodně Pavel a Barnabáš řekli: Vámť mělo nejprv mluveno býti slovo Boží, ale poněvadž je zamítáte, a za nehodné sebe soudíte věčného života, aj, obracíme se ku pohanům. (aiōnios )
Phaawulosii fi Barnaabaasis akkana jedhanii sodaa malee deebii kennaniif; “Nu duraan dursinee dubbii Waaqaa isinitti himuu qabna ture; isin garuu dubbii sana diddanii akka jireenyi bara baraa isiniif hin malleetti waan of heddaniif kunoo, nu amma gara Namoota Ormaatti gara galla. (aiōnios )
47 Neboť nám tak přikázal Pán, řka: Položil jsem tebe světlo pohanům, abys ty byl spasení až do končin země.
Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii; “‘Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee, hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera.’”
48 A slyševše to pohané, radovali se, a velebili slovo Páně; a uvěřili všickni, což jich koli bylo předzřízeno k životu věčnému. (aiōnios )
Namoonni Ormaas yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii dubbii Gooftaa ulfeessan; warri jireenya bara baraatiif filataman hundinuus ni amanan. (aiōnios )
49 I rozhlašovalo se slovo Páně po vší té krajině.
Dubbiin Gooftaas naannoo sana hunda keessatti facaafame.
50 Tedy Židé zbouřili ženy nábožné a poctivé a přední měšťany, a vzbudili protivenství proti Pavlovi a Barnabášovi, i vyhnali je z končin svých.
Yihuudoonni garuu dubartoota bebeekamoo Waaqa sodaatanii fi dura buʼoota magaalattii isaanitti tuttuqan; isaanis Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii biyya isaanii keessaa isaan baasan.
51 A oni vyrazivše prach z noh svých na ně, přišli do Ikonie.
Isaan garuu akka akeekkachiisa isaaniif taʼuuf, awwaara miilla isaanii dhadhaʼatanii Iqooniyoonitti qajeelan.
52 Učedlníci pak naplněni byli radostí a Duchem svatým.
Barattoonnis gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan guutaman.