< 1 Tesalonickým 4 >

1 Dále pak, bratří, prosíme vás, a napomínáme v Pánu Ježíši, jakož jste přijali od nás, kterak byste měli choditi, a líbiti se Bohu, v tom abyste se rozhojnili více.
Kana malees yaa obboloota, Waaqa gammachiisuuf akkamitti akka jiraachuu qabdan nu isin barsiifneerra; isinis akkuma sanatti jiraachaa jirtu. Ammas akka ittuma caalchiftanii waan kana gootan Gooftaa Yesuusiin isin kadhanna; isin gorsinas.
2 Víte zajisté, jaká přikázaní vydali jsme vám skrze Pána Ježíše.
Nu taayitaa Gooftaa Yesuusiin ajaja maalii akka isinii kennine beektuutii.
3 Tať jest zajisté vůle Boží, totiž posvěcení vaše, abyste se zdržovali od smilstva,
Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif;
4 A aby uměl jeden každý z vás svým osudím vládnouti v svatosti a v poctivosti,
tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu;
5 Ne v líbosti žádostí jako i pohané, kteříž Boha neznají;
kunis akka ormoota Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;
6 A aby neutiskal ani oklamával v jednání bratra svého, proto že mstitel jest Pán všeho toho, jakož i předpověděli jsme vám, a osvědčili.
waan kanaanis namni tokko iyyuu obboleessa isaa hin miidhin yookaan hin gowwoomsin. Akkuma nu kanaan dura isinitti himnee isin akeekkachiifne sana, Gooftaan warra cubbuu akkasii hojjetan hunda haaloo baʼa.
7 Nebo nepovolal nás Bůh k nečistotě, ale ku posvěcení.
Waaqni akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf malee akka xuroofnuuf nu hin waamneetii.
8 A protož kdo tím pohrdá, ne člověkem pohrdá, ale Bohem, kterýž i nám dal Ducha svého svatého.
Kanaafuu namni gorsa kana tuffatu Waaqa Hafuura isaa Qulqulluu isinii kennu sana tuffata malee nama hin tuffatu.
9 O lásce pak bratrské není potřebí psáti vám; nebo jste vy od Boha naučeni, abyste milovali jedni druhé.
Egaa waan Waaqni akka isin wal jaallattan isin barsiiseef waaʼee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu.
10 A jistě činíte to všechněm bratřím ve vší Macedonii. Napomínámeť pak vás, bratří, abyste se v tom více rozhojnili,
Dhugumaan isin obboloota guutummaa Maqedooniyaa keessa jiran hunda ni jaallattu. Yaa obboloota, nu garuu akka kana caalaa isaan jaallattan isin gorsina;
11 A snažili se pokojni býti, a hleděti toho, což komu náleží, a pracovati rukama svýma vlastníma, jakož jsme přikázali vám,
akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti tasgabbiin jiraachuuf tattaaffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjetadhaa;
12 Abyste poctivě chodili před těmi, kteříž jsou vně, a v ničemž abyste neměli nedostatku.
kunis akka isin warra alaa biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokko illee hin eegganneef.
13 Nechciť pak, abyste nevěděli, bratří, o těch, kteříž zesnuli, abyste se nermoutili, jako i jiní, kteříž naděje nemají.
Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu.
14 Nebo jakož věříme, že Ježíš umřel, a z mrtvých vstal, takť Bůh i ty, kteříž by zesnuli v Ježíšovi, přivede s ním.
Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna.
15 Toto zajisté vám pravíme slovem Páně, že my, kteříž živi pozůstaneme do příchodu Páně, nepředejdeme těch, kteříž zesnuli.
Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu.
16 Nebo sám ten Pán s zvukem ponoukajícím, s hlasem archanděla a s troubou Boží sstoupí s nebe, a mrtví v Kristu vstanou nejprvé.
Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu.
17 Potom my živí pozůstavení spolu s nimi zachváceni budeme do oblaků, vstříc Pánu v povětří, a tak vždycky se Pánem budeme.
Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
18 A protož potěšujte jedni druhých těmito slovy.
Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.

< 1 Tesalonickým 4 >