< Rimljanima 9 >
1 Istinu govorim u Kristu, ne lažem; susvjedok mi je savjest moja u Duhu Svetom:
Ani Kiristoosiin dhugaa nan dubbadha; ani hin sobu; yaadni koos Hafuura Qulqulluudhaan naa mirkaneessa;
2 silna mi je tuga i neprekidna bol u srcu.
ani gadda guddaa fi dhiphina wal irraa hin cinne garaa koo keessaa qaba.
3 Da, htio bih ja sam proklet biti, odvojen od Krista, za braću svoju, sunarodnjake svoje po tijelu.
Ani iyyuu obboloota koo warra akka fooniitti sanyii koo taʼaniif jedhee utuun Kiristoos irraa gargar baʼee abaaramee nan hawwa tureetii;
4 Oni su Izraelci, njihovo je posinstvo, i Slava, i Savezi, i zakonodavstvo, i bogoštovlje, i obećanja;
isaan saba Israaʼel. Ilmummaan, ulfinni, kakuun, seera fudhachuun, tajaajiluu fi waadaan kan isaanii ti.
5 njihovi su i oci, od njih je, po tijelu, i Krist, koji je iznad svega, Bog blagoslovljen u vjekove. Amen. (aiōn )
Abbootiin kan isaanii ti; Kiristoosis isaan irraa fooniin dhalate; inni waan hunda irratti Waaqa; inni bara baraan haa eebbifamu! Ameen. (aiōn )
6 Ali ne kao da se izjalovila riječ Božja. Jer nisu Izrael svi koji potječu od Izraela;
Kun garuu dubbiin Waaqaa diigameera jechuu miti. Kan Israaʼel irraa dhalate hundi Israaʼel miti.
7 i nisu svi djeca Abrahamova zato što su njegovo potomstvo, nego po Izaku će ti se nazivati potomstvo;
Yookaan isaan sababii sanyii Abrahaam taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa miti. Garuu, “Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama” jedhameera.
8 to jest: djeca tijela nisu i djeca Božja, nego - djeca obećanja računaju se u potomstvo.
Kana jechuunis ijoollee waadaatu sanyiitti lakkaaʼama malee ijoolleen foon irraa dhalatan ijoollee Waaqaa miti.
9 Evo doista riječi obećanja: U ovo ću doba doći i Sara će imati sina.
Dubbiin waadaa sunis kan, “Ani yeroo murteeffametti deebiʼee nan dhufa; Saaraanis ilma ni deessi” jedhu tureetii.
10 Ali ne samo to! I Rebeka je s jednim, s Izakom, ocem našim, zanijela.
Kana qofa miti; Ribqaan yeroo namuma tokkoof, abbaa keenya Yisihaaqiif ulfooftetti,
11 Pa kad još blizanci ne bijahu rođeni niti učiniše što dobro ili zlo - da bi trajnom ostala odluka Božja o izabranju:
ijoolleen sun utuu hin dhalatin yookaan utuu waan gaarii yookaan waan hamaa hin hojjetin akka kaayyoon filannoo Waaqaa raawwatamuuf,
12 ne po djelima, nego po onome tko poziva - rečeno joj je: Stariji će služiti mlađemu,
utuu hojiin hin taʼin isa waamicha Waaqaatiin, “Inni hangafni isa quxisuu tajaajila” jedhamee isheetti himame.
13 kako je pisano: Jakova sam zavolio, a Ezav mi omrznu.
Kunis akkuma, “Yaaqoobin nan jaalladhe; Esaawun garuu nan jibbe” jedhamee barreeffamee dha.
14 Što ćemo dakle reći? Možda da u Boga ima nepravde? Nipošto!
Egaa maal jenna ree? Waaqni jalʼaadhaa? Gonkumaa akkas miti!
15 Ta Mojsiju veli: Smilovat ću se komu hoću da se smilujem; sažalit ću se nad kim hoću da se sažalim.
Inni Museedhaan, “Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa” jedhaatii.
16 Nije dakle do onoga koji hoće ni do onoga koji trči, nego do Boga koji se smiluje.
Kanaafuu wanti kun araara Waaqaatiin malee hawwii yookaan carraaqqii namaatiin miti.
17 Jer Pismo veli faraonu: Zato te upravo podigoh da na tebi pokažem svoju moć i da se razglasi ime moje po svoj zemlji.
Katabbiin qulqulluun Faraʼooniin, “Ani humna koo sirratti argisiisuuf, maqaan koos akka lafa hunda irratti labsamuuf kaayyoo kanaaf si kaaseera” jedhaatii.
18 Tako dakle: smiluje se komu hoće, a otvrdnjuje koga hoće.
Kanaaf Waaqni kan maaruu barbaadu ni maara; kan mata jabeessa gochuu barbaadu immoo mata jabeessa godha.
19 Da, reći ćeš mi: Što se onda još tuži? Ta tko se to volji njegovoj odupro?
Isinis, “Yoos Waaqni maaliif amma iyyuu dogoggora nurra barbaada? Fedhii isaas eenyutu mormuu dandaʼa?” naan jettu.
20 Čovječe, tko si ti zapravo da se pravdaš s Bogom? Zar da djelo rekne tvorcu: “Što si me ovakvim načinio?”
Garuu yaa namichoo, Waaqaan mormuuf ati eenyu? “Wanti tolfame tokko kan isa tolcheen, ‘Ati maaliif akkanatti na tolchite?’” jedhaa?
21 Ili zar lončar nema vlasti nad glinom da od istoga tijesta načini posudu sad časnu, sad nečasnu.
Suphee dhooftuun tokko dhoqqee suphee kan bukaaʼe irraa qodaa ulfinaa fi salphinaaf oolu tolchuuf mirga hin qabuu?
22 A što ako je Bog, hoteći očitovati gnjev i obznaniti svoju moć u silnoj strpljivosti podnosio posude gnjeva, dozrele za propast,
Waaqni dheekkamsa isaa argisiisuu fi humna isaas beeksisuuf jedhee yoo miʼa dheekkamsaa kanneen badiisaaf qopheeffaman obsa guddaan bira darbe hoo?
23 da obznani bogatstvo slave svoje na posudama milosrđa, koje unaprijed pripravi za slavu,
Inni badhaadhummaa ulfina isaa yoo miʼa araara isaa kanneen duraan dursee ulfinaaf qopheessetti beeksisuuf jedhee waan kana godhe hoo?
24 na nama koje pozva ne samo između Židova nego i između pogana?
Nus warra waamaman keessaa tokkoo dha; inni Yihuudoota qofa keessaa utuu hin taʼin Namoota Ormaa keessaas waameera.
25 Tako i u Hošeji veli: Ne-narod moj prozvat ću narodom mojim i Neljubljenu ljubljenom.
Inni kitaaba Hooseʼaa keessatti akkana jedha: “Ani warra saba koo hin taʼiniin, ‘saba koo’ nan jedha; ishee jaallatamtuu hin taʼiniin immoo, ‘jaallatamtuu’ nan jedha.”
26 Na mjestu gdje im je rečeno: Vi niste moj narod prozvat će se sinovi Boga živoga.
Akkasumas isaan, “Iddoodhuma itti, ‘Isin saba koo miti’ isaaniin jedhame sanatti, ‘ilmaan Waaqa jiraataa’ jedhamanii ni waamamu.”
27 Izaija pak proglasuje o Izraelu: Zaista, sinova će Izraelovih brojem biti kao pijeska morskog - Ostatak će se spasiti;
Isaayyaas akkana jedhee waaʼee Israaʼel iyya: “Baayʼinni ilmaan Israaʼel yoo akkuma cirracha qarqara galaanaa taʼe iyyuu, hambaa qofatu fayya.
28 jer riječ će ispuniti i uskoro izvršiti Gospodin na zemlji.
Gooftaan utuu hin turin, yeroo dhumaatiif lafa irratti ni muraatii.”
29 Tako je Izaija i prorekao: Da nam Gospodin nad Vojskama ne ostavi sjeme, ko Sodoma bismo bili i Gomori nalik.
Kunis akkuma Isaayyaas duraan dursee akkana jedhee dubbatee dha: “Utuu Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, sanyii nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre.”
30 Što ćemo dakle reći? Da pogani koji nisu tražili pravednosti stekoše pravednost, pravednost po vjeri.
Egaa maal jenna ree? Namoonni Ormaa kan qajeelummaa duukaa hin buʼin qajeelummaa karaa amantiitiin taʼe argataniiru.
31 Izrael pak koji je tražio neki zakon pravednosti, nije do zakona dopro.
Israaʼeloonni seera qajeelummaa duukaa buʼan garuu qajeelummaa hin arganne.
32 Zašto? Jer nije tražio po vjeri, nego kao po djelima. Spotakoše se o kamen spoticanja,
Maaliif dhaban? Kunis sababii isaan utuu karaa amantiitiin hin taʼin hojiidhaan qajeelummaa argachuu barbaadaniif; isaanis dhagaa nama gufachiisuun gufatan.
33 kao što je pisano: Evo postavljam na Sionu kamen spoticanja i stijenu posrtanja. Ali tko u nj vjeruje, neće se postidjeti.
Kunis akkuma, “Kunoo, ani dhagaa nama gufachiisu, kattaa nama kuffisu Xiyoon keessa nan kaaʼa; namni isatti amanu gonkumaa hin qaanaʼu” jedhamee barreeffame sanaa dha.