< Rimljanima 3 >
1 Koja je dakle prednost Židova? Ili kakva korist od obrezanja?
Egaa Yihuudii taʼuun faayidaa maalii qaba? Yookaan buʼaan dhagna qabaa maalii?
2 Velika u svakom pogledu. Ponajprije: povjerena su im obećanja Božja.
Karaa hundaanuu buʼaa guddaa qaba! Jalqabatti dubbiin Waaqaa Yihuudootatti imaanaa kenname.
3 Da, a što ako su se neki iznevjerili? Neće li njihova nevjernost obeskrijepiti vjernost Božju?
Isaan keessaa tokko tokko yoo hin amanin maal ree? Amantii dhabuun isaanii amanamummaa Waaqaa ni balleessaa?
4 Nipošto! Nego neka Bog bude istinit, a svaki čovjek lažac, kao što je pisano: Da pravedan budeš po obećanjima svojim i pobijediš kada te sudili budu.
Gonkumaa hin taʼu! Namoonni hundinuu sobdoota, Waaqni immoo dhugaa qabeessa haa taʼu. Kunis akkuma, “Akka ati dubbii keetiin dhuga qabeessa taatuuf, yommuu murtiitti dhiʼaattuttis akka moʼattuuf” jedhamee barreeffamee dha.
5 Ako pak naša nepravednost ističe Božju pravednost, što ćemo na to reći? Nije li onda - po ljudsku govorim - nepravedan Bog koji daje maha gnjevu?
Yoo jalʼinni keenya qajeelina Waaqaa ifa baase garuu maal jenna ree? Waaqni dheekkamsa isaa nutti fiduun isaa qajeelina dhabeetii? Kanas ani akka namaattin dubbadha.
6 Nipošto! Ta kako će inače Bog suditi svijet?
Gonkumaa hin taʼu! Utuu akkas taʼee silaa Waaqni akkamitti addunyaatti muruu dandaʼa ree?
7 Ako je, doista, istina Božja po mojoj lažljivosti obilno zasjala njemu na slavu, zašto da ja još budem suđen kao grešnik?
Namni tokko, “Yoo soba kootiin dhuga qabeessummaan Waaqaa guddatee ulfinni isaas baayʼate maaliif hamma ammaatti akka cubbamaa tokkootti natti murama ree?” jedhee falma taʼa.
8 I zar da ne “činimo zlo da dođe dobro”, kako nas kleveću i kako neki kažu da govorimo? Sud ih pravedni čeka!
Kunis isa namoonni tokko tokko, “Isaan, ‘Akka wanni gaariin dhufuuf hammina haa hojjennu?’ jedhu” jedhanii nurratti odeessisanii dha. Murtiin isaanitti muramus waanuma maluu dha!
9 Što dakle? Imamo li prednost? Ne baš! Jer upravo optužismo sve, i Židove i Grke, da su pod grijehom,
Egaa maal jenna ree? Nu Yihuudoonni warra kaan caallaa? Gonkumaa akkas miti! Akka Yihuudoonnii fi Giriikonni hundinuu cubbuu jala jiran duraan dursinee mirkaneessineerraatii.
10 kao što je pisano: Nema pravedna ni jednoga,
Kunis kan akkana jedhamee barreeffamee dha: “Qajeelaan tokko iyyuu hin jiru; namni tokko iyyuu;
11 nema razumna, nema ga tko bi Boga tražio.
namni hubannaa qabu, kan Waaqa barbaadu tokko iyyuu hin jiru.
12 Svi skrenuše, svi se zajedno pokvariše, nitko da čini dobro - nijednoga nema.
Hundinuu dogoggoraniiru; walumatti warra faayidaa hin qabne taʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.”
13 Grob otvoren grlo je njihovo, jezikom lažno laskaju, pod usnama im je otrov ljutičin,
“Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni gowwoomsu.” “Hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.”
14 usta im puna kletve i grkosti;
“Afaan isaanii abaarsaa fi hadhaaʼummaan guutame.”
15 noge im hitre da krv proliju,
“Miilli isaanii dhiiga dhangalaasuutti ariifata;
16 razvaline i nevolja na njinim su putima,
badiisaa fi gadadootu karaa isaanii irra jira;
17 put mira oni ne poznaju,
karaa nagaas hin beekan.”
18 straha Božjega nemaju pred očima.
“Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.”
19 A znamo: što god Zakon veli, govori onima pod Zakonom, da svaka usta umuknu i sav svijet bude krivac pred Bogom.
Akka afaan hundi cufamuu fi akka addunyaan hundinuu murtii Waaqaa jala galuuf, wanni seerri jedhu hundinuu akka warra seera jala jiraniif dubbatu ni beekna.
20 Zato se po djelima Zakona nitko neće opravdati pred njim. Uistinu, po Zakonu - samo spoznaja grijeha!
Kanaafis eenyu iyyuu seera eeguudhaan fuula Waaqaa duratti qajeelaa hin taʼu; seeratu cubbuu nu hubachiisaatii.
21 Sada se pak izvan Zakona očitovala pravednost Božja, posvjedočena Zakonom i Prorocima,
Amma garuu qajeelummaan Waaqaan kennamu kan seeraan adda taʼe, kan Seerrii fi Raajonni dhugaa baʼaniif mulʼateera.
22 pravednost Božja po vjeri Isusa Krista, prema svima koji vjeruju. Ne, nema razlike!
Qajeelummaan Waaqaa kun amantiidhaan warra Yesuus Kiristoositti amanan hundaaf kennama; nama wal caalchisuun hin jiru;
23 Svi su zaista sagriješili i potrebna im je slava Božja;
sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii;
24 opravdani su besplatno, njegovom milošću po otkupljenju u Kristu Isusu.
isaanis ayyaana Waaqaa isa furama karaa Kiristoos Yesuusiin toluma kennameefiin qajeeltota taasifamaniiru.
25 Njega je Bog izložio da krvlju svojom bude Pomirilište po vjeri. Htio je tako očitovati svoju pravednost kojom je u svojoj božanskoj strpljivosti propuštao dotadašnje grijehe;
Dhiiga isaatti amantii qabaachuudhaanis akka inni aarsaa araaraa taʼuuf Waaqni isa dhiʼeesse. Waan kana gochuun isaas cubbuu kanaan dura hojjetame utuu hin adabin waan obsaan bira darbeef qajeelina isaa argisiisuuf jedhee ti;
26 htio je očitovati svoju pravednost u sadašnje vrijeme - da bude pravedan i da opravdava onoga koji je od vjere Isusove.
Waaqni yeroo ammaa qajeelummaa isaa argisiisuu fi akka nama Yesuusitti amanus qajeelaa taʼuu isaa labsuuf waan kana godhe.
27 Gdje je dakle hvastanje? Isključeno je. Po kojem zakonu? Po zakonu djela? Ne, nego po zakonu vjere.
Yoos of tuuluun eessa jira ree? Inni hafeera. Seera kamiin? Seera eeguudhaan moo? Miti; seera amantiitiin malee.
28 Smatramo zaista da se čovjek opravdava vjerom bez djela Zakona.
Nu akka namni seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantiidhaan qajeelaa taasifamu ni amannaatii.
29 Ili je Bog samo Bog Židova? Nije li i pogana? Da, i pogana.
Waaqni Waaqa Yihuudootaa qofa moo? Inni Waaqa Namoota Ormaas mitii? Eeyyee, inni Waaqa Namoota Ormaatis;
30 Jer jedan je Bog: on će opravdati obrezane zbog vjere i neobrezane po vjeri.
egaa kan dhagna qabates amantiin, kan dhagna hin qabatinis amantiidhuma sanaan qajeelaa kan taasisu Waaquma tokkicha.
31 Obeskrepljujemo li dakle Zakon po vjeri? Nipošto! Naprotiv, Zakon utvrđujemo.
Yoos nu amantii kanaan seera sana cabsinaa ree? Gonkumaa akkas miti! Seericha ni cimsina malee.