< Otkrivenje 9 >

1 Peti anđeo zatrubi. I vidjeh: zvijezda je s neba na zemlju pala i dani su joj ključi zjala Bezdanova. (Abyssos g12)
Ergamaan shanaffaan malakata isaa afuufe; anis urjii samii irraa lafa dhaʼe tokko nan arge. Urjii sanaafis furtuun “Boolla Qilee” ni kenname. (Abyssos g12)
2 Ona otvori zjalo Bezdanovo i vinu se iz zjala dim kao dim iz peći goleme te pomrča sunce i zrak od dima iz zjala. (Abyssos g12)
Yommuu inni Boolla Qilee sana banettis aarri tokko akkuma aara boolla ibiddaa guddaa keessaa baʼuutti ol baʼe. Aduu fi samiinis aara Boolla Qilee keessaa baʼu sanaan ni dukkanaaʼan. (Abyssos g12)
3 Iz dima pak iziđoše na zemlju skakavci i dana im je moć kakvu imaju štipavci zemaljski.
Aara sana keessaas hawwaannisa baayʼeetu lafatti yaaʼe; hawwaannisoota sanaafis taayitaan akka taayitaa torbaanqabaa lafaa ni kenname.
4 I zapovjeđeno im je da ne ude travi zemaljskoj nit ikojem zelenilu nit ikojem stablu, nego samo ljudima koji nemaju pečata Božjega na čelu.
Isaanis akka marga lafaa yookaan biqiltuu yookaan muka tokko illee miidhan utuu hin taʼin akka namoota adda isaanii irraa chaappaa Waaqaa hin qabaatin qofa miidhan ajajaman.
5 I dano im je ne da ih ubijaju, nego samo da ih muče pet mjeseci, a muka njihova da bude kao muka od uboda štipavaca.
Isaanis akka namoota sana jiʼa shan dhiphisaniif eeyyamameef malee akka jara ajjeesaniif miti. Dhiphinni kunis akkuma dhiphina isa yommuu torbaanqabaan nama iddutti dhiphatanii ti.
6 U one će dane ljudi iskati smrt, ali je neće naći; poželjet će umrijeti, ali smrt će bježati od njih.
Guyyoota sana keessa namoonni duʼa barbaadu; garuu hin argatan. Duʼuus ni hawwu; duuti garuu isaan baqata.
7 Skakavci bijahu izgledom nalik na konje za boj spremne. Na glavama im kao neki zlatni vijenci, lica im kao u ljudi,
Bifti hawwaannisoota sanaas fardeen duulaaf qopheeffaman fakkaata ture. Mataa isaaniittis waan akka gonfoo warqee kaaʼatanii turan; fuulli isaaniis fuula namaa fakkaata ture.
8 kose kao u žena, a zubi kao u lavova.
Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata ture; ilkaan isaaniis ilkaan leencaa fakkaata ture.
9 Imahu oklope kao od željeza, a šum krila njihovih kao štropot bojnih kola s mnogo konja što u boj jure.
Isaanis maddaa maddaa sibiilaa fakkaatu qabu turan; sagaleen qoochoo isaaniis sagalee fardeenii fi gaariiwwan baayʼee kanneen gara duulaatti didichanii fakkaata ture.
10 Repovi im kao u štipavaca, sa žalcima, a u repovima im moć da ude ljudima pet mjeseci.
Isaanis akkuma torbaanqabaa eegee fi ilkee qabu turan; eegee isaanii keessaa immoo taayitaa ittiin jiʼa shan nama dhiphisan qabu turan.
11 Nad njima je kralj, anđeo Bezdana, hebrejski mu ime Abadon, grčki Apolion - Upropastitelj. (Abyssos g12)
Isaanis mootii qabu turan; innis ergamaa Boolla Qilee ti; maqaan isaas afaan Ibraayisxiitiin Abadoon, afaan Giriikiin immoo Aphooliyoon jedhama ture. (Abyssos g12)
12 Prvi Jao prođe. Evo, za njim dolaze još dva druga Jao.
Wayyoon inni duraa darbeera; kunoo, wayyoowwan biraa lamatu dhufuuf jira.
13 Šesti anđeo zatrubi. I začujem neki glas iz rogova zlatnoga žrtvenika pred Bogom.
Ergamaan jaʼaffaanis malakata isaa afuufe; anis gaanfa afran kanneen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqaa dura jiru irraa sagalee tokko nan dhagaʼe.
14 Govoraše šestom anđelu koji je držao trublju: “Odriješi ona četiri anđela svezana na Rijeci velikoj, Eufratu.”
Sagaleen sunis ergamaa jaʼaffaa malakata qabu sanaan, “Ergamoota afran kanneen laga Efraaxiisi guddicha biratti hidhaman sana gad dhiisi” jedhe.
15 I odriješena bijahu četiri anđela, spremna za taj čas i dan i mjesec i godinu, da pobiju trećinu ljudi.
Ergamoonni afran saʼaatii kanaaf, guyyaa kanaaf, jiʼaa fi waggaa kanaaf qopheeffamanii turanis sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko fixuuf gad dhiifaman.
16 A broj četa konjaničkih, kako sam čuo, bijaše dvije mirijade mirijada.
Baayʼinni loltoota fardeeniin duulanii miliyoona dhibba lama ture. Anis baayʼina isaaniis nan dhagaʼe.
17 Ovako u viđenju vidjeh konje i njihove jahače: imahu oklope ognjene, plavetne i sumporne boje; glave im kao u lavova, iz usta im sukljao oganj, dim i sumpor.
Anis mulʼata koo keessatti fardeenii fi namoota farda yaabbatan nan arge: Isaanis maddaa diimaa akka ibiddaa, sanpeerii fi keelloo akka dinyii qabu turan. Mataan fardeen sanaas mataa leencaa fakkaata ture; afaan isaanii keessaas ibidda, aaraa fi dinyiitu baʼe.
18 Od ovih triju zala poginu trećina ljudi - od ognja, dima i sumpora što sukljahu konjima iz usta.
Dhaʼicha sadan kanaan jechuunis ibidda, aaraa fi dinyii afaan isaaniitii baʼeen sanyiin namaa harka sadii keessaa harki tokko ni ajjeefame.
19 Doista, snaga je ovim konjima u ustima i repovima: repovi im kao u zmija, s glavama kojima ude.
Taayitaan fardeen sanaas afaan isaaniitii fi eegee isaanii keessa ture; eegeen isaanii akkuma bofaa mataa qaba tureetii; isaanis mataa sanaan nama miidhu turan.
20 Ipak, preostali ljudi, što ne poginuše od tih zala, ne obratiše se od djela ruku svojih, da se više ne klanjaju zlodusima i kumirima - ni zlatnima, ni srebrnima, ni mjedenima, ni kamenima ni drvenima koji niti vide niti čuju nit hodaju -
Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne.
21 i ne obratiše se od svojih ubojstava ni od svojih čaranja ni od svoga bluda niti od svojih krađa.
Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine.

< Otkrivenje 9 >