< Otkrivenje 4 >
1 Nakon toga vidjeh: gle, vrata otvorena na nebu! A onaj prijašnji glas, što ga ono začuh kao glas trublje što govoraše sa mnom, reče: “Uziđi ovamo i pokazat ću ti što se ima dogoditi nakon ovoga!”
Anis ergasii nan ilaale; kunoo balballi banamaan tokko fuula koo dura samii keessa ture. Sagaleen jalqabaa kan ani utuu inni akka malakataatti natti dubbatuu dhagaʼe sun, “As ol kottu; anis waan asiin booddee taʼuu qabu sittin argisiisaa” jedhe.
2 I odmah se u duhu zanijeh kad gle: prijestolje stajaše na nebu i na prijestolje Netko sjede.
Anis yommusuma Hafuuraanan ture; kunoo, teessoon namni tokko irra taaʼe tokko samii keessa ture.
3 Taj što sjede bijaše nalik na jaspis i sard. A uokolo prijestolja duga slična smaragdu.
Inni achi taaʼes dhagaa gatii guddaa yaasphiidiitii fi sardiyoon fakkaata ture. Naannoo teessoo sanaas sabbata Waaqaa kan bifti isaa dhagaa maragdi fakkaatutu ture.
4 Uokolo prijestolja dvadeset i četiri prijestolja, a na prijestolja sjedoše dvadeset i četiri starješine, obučene u bijele haljine, sa zlatnim vijencima na glavi.
Naannoo teessoo sanaas teessoowwan biraa digdamii afurtu ture. Teessoowwan sana irras maanguddoonni digdamii afur uffata adaadii uffatanii, mataa isaaniitti immoo gonfoo warqee kaaʼatanii tataaʼanii turan.
5 Od prijestolja izlaze munje, i glasovi, i gromovi; pred prijestoljem gori sedam ognjenih zubalja, to jest sedam duhova Božjih,
Teessoo sana keessaas ifni balaqqee ni mulʼate; kakawwee fi sagaleen ni dhagaʼame. Teessoo sana fuuldurattis guci torba bobaʼaa ture. Isaan kunneenis Hafuurota Waaqaa torbanii dha.
6 a pred prijestoljem kao neko stakleno more, nalik na prozirac. U sredini prijestolja, oko prijestolja, četiri bića, sprijeda i straga puna očiju:
Akkasumas wanni galaana bilillee fakkaatu kan akka of-ilaalee qulqullaaʼe tokko teessoo sana fuuldura ture. Walakkaa naannoo teessoo sanaas uumamawwan lubbuu qabeeyyii afurtu ture; isaanis duraa fi duubaan ijaan guutamanii turan.
7 prvo biće slično lavu, drugo biće slično juncu, treće biće s licem kao čovječjim, četvrto biće slično letećem orlu.
Uumamni lubbuu qabeessi jalqabaa leenca, inni lammaffaan sangaa fakkaata ture; inni sadaffaan fuula akka fuula namaa qaba ture; afuraffaan immoo risaa barrisu fakkaata ture.
8 Ta su četiri bića - u svakoga po šest krila - sve naokolo i iznutra puna očiju. Bez predaha dan i noć govore: “Svet! Svet! Svet Gospodin, Bog Svevladar, Onaj koji bijaše i koji jest i koji dolazi!”
Tokkoon tokkoon uumamawwan lubbuu qabeeyyii afranii qoochoo jaʼa jaʼa qabu turan; duubni isaaniitii fi keessi isaaniis ijaan guutamee ture. Isaanis utuu aara hin galfatin halkanii guyyaa, “‘Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu’ inni ture, inni jiruu fi inni dhufuuf jiru, ‘Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha’” jedhanii faarfachuu hin dhiisan.
9 I kad god bića dadu slavu i čast pohvalnicu Onomu koji sjedi na prijestolju, Živomu u vijeke vjekova, (aiōn )
Uumamawwan lubbuu qabeeyyiin sun isa teessoo irra taaʼee jiru kan bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu kennanitti, (aiōn )
10 dvadeset i četiri starješine padnu ničice pred Onim koji sjedi na prijestolju i poklone se njemu - Živomu u vijeke vjekova. I stavljaju svoje vijence pred prijestolje govoreći: (aiōn )
maanguddoonni digdamii afran sunis fuula isa teessoo irra taaʼee jiru sanaa duratti kufanii isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sanaaf ni sagadan. Gonfoowwan isaaniis fuula teessoo sanaa dura kakaaʼanii akkana jedhu: (aiōn )
11 “Dostojan si, Gospodine, Bože naš, primiti slavu i čast i moć! Jer ti si sve stvorio, i tvojom voljom sve postade i bi stvoreno!”
“Yaa Gooftaa fi Waaqa keenya, ati waan hunda waan uumteef, isaan fedhii keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniifis, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.”