< Psalmi 80 >

1 Zborovođi. Po napjevu “Ljiljan svjedočanstva”. Asafov. Psalam. Pastiru Izraelov, počuj, ti što vodiš Josipa k'o stado ovaca! Ti što sjediš nad kerubima, zablistaj
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, “Daraaraa Kakuutiin” Faarfatame. Faarfannaa Asaaf. Yaa tiksee saba Israaʼel, kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi; ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.
2 pred Efrajimom, Benjaminom, Manašeom: probudi silu svoju, priteci nam u pomoć!
Fuula Efreem, Beniyaamii fi Minaasee duratti humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.
3 Bože, obnovi nas, razvedri lice svoje i spasi nas!
Yaa Waaqi, iddoo keenyatti nu deebisi; akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
4 Jahve, Bože nad Vojskama, dokle ćeš plamtjeti, premda se moli narod tvoj?
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu, ati hamma yoomiitti kadhannaa saba keetiitti aarta?
5 Dokle ćeš nas hraniti kruhom suza i obilno pojiti suzama?
Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte; imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.
6 Dokle će se oko nas svađat' susjedi i rugat' nam se naši dušmani?
Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote; diinonni keenyas nutti qoosu.
7 Bože nad Vojskama, obnovi nas, razvedri lice svoje i spasi nas!
Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, iddoo keenyatti nu deebisi; akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
8 Ti prenese čokot iz Egipta, pogane istjera, a njega zasadi.
Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde; ormootas ariitee muka sana dhaabde.
9 Ti mu tlo pripravi, i on pusti korijenje i napuni zemlju.
Mukichaafis lafa qopheessite; mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.
10 Sjena mu prekri bregove, lozje mu k'o Božji cedrovi.
Tulluuwwan gaaddisa isaatiin, birbirsawwan gurguddaanis dameewwan isaatiin haguugaman.
11 Mladice svoje ispruži do mora i svoje ogranke do Rijeke.
Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti, lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.
12 Zašto si mu srušio ogradu da ga beru svi što putem prolaze,
Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?
13 da ga pustoši vepar iz šume, da ga pasu poljske zvijeri?
Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa; bineensi dirrees isa ni nyaata.
14 Vrati se, Bože nad Vojskama, pogledaj s neba i vidi, obiđi ovaj vinograd:
Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, si kadhannaa gara keenyatti deebiʼi! Samii irraa gad ilaalii argi! Muka wayinii kana eegi;
15 zakrili što zasadi desnica tvoja, sina kog za se odgoji!
mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha; biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.
16 Oni koji ga spališe i posjekoše nek' izginu od prijetnje lica tvojega!
Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera; sabni kees dheekkamsa keetiin bada.
17 Tvoja ruka nek' bude nad čovjekom desnice tvoje, nad sinom čovječjim kog za se odgoji!
Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra, ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.
18 Nećemo se više odmetnuti od tebe; poživi nas, a mi ćemo zazivati ime tvoje.
Yoos nu sirraa hin garagallu; jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.
19 Jahve, Bože nad Vojskama, obnovi nas, razvedri lice svoje i spasi nas!
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu iddoo keenyatti nu deebisi; akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.

< Psalmi 80 >