< Psalmi 22 >

1 Zborovođi. Po napjevu “Košuta u zoru”. Psalam. Davidov. Bože moj, Bože moj, zašto si me ostavio? Daleko si od ridanja moga.
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo “Borofa Ganamaa” jedhu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte? Ati na gargaaruu irraa, iyya koo irraas maaliif akkas fagaatta?
2 Bože moj, vičem danju, al'ne odvraćaš; noću vapijem i nema mi počinka.
Yaa Waaqa ko, ani guyyaa guyyaa sittin iyyadha; ati garuu deebii naaf hin deebiftu; halkan halkanis afaan hin qabadhu.
3 A ipak, ti u Svetištu prebivaš, Nado Izraelova!
Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha; ati galata Israaʼel.
4 U tebe se očevi naši uzdaše, uzdaše se, i ti ih izbavi;
Abbootiin keenya si amanatan; isaan si amanatan; atis isaan oolchite.
5 k tebi su vikali i spasavali se, u tebe se uzdali, i postidjeli se nisu.
Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis; si amanatan; hin qaanofnes.
6 A ja, crv sam, a ne čovjek, ruglo ljudi i naroda prezir.
Ani garuu raammoodha malee nama miti; ani nama namni itti qoosuu fi sabnis tuffatuu dha.
7 Koji me vode, podruguju se meni, razvlače usne, mašu glavom:
Warri na argan hundinuu natti kolfu; mataa isaanii raasanii na arrabsu.
8 “U Jahvu se on uzda, neka ga sad izbavi, neka ga spasi ako mu omilje!”
Akkanas jedhu; “Inni Waaqayyoon amanata; mee Waaqayyo isa haa oolchu kaa. Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu.”
9 Iz krila majčina ti si me izveo, mir mi dao na grudima majke.
Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.
10 Tebi sam predan iz materine utrobe, od krila majčina ti si Bog moj.
Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
11 Ne udaljuj se od mene, blizu je nevolja, a nikog nema da mi pomogne.
Ati narraa hin fagaatin; rakkinni dhiʼaateeraatii; namni na gargaarus hin jiru.
12 Opkoliše me junci mnogobrojni, bašanski bikovi okružiše mene.
Korommiin baayʼeen na marsu; korommiin Baashaan jajjaboonis karaa hundumaan na marsu.
13 Ždrijela svoja razvaljuju na me k'o lav koji plijen kida i riče.
Isaanis akka leenca beelaʼee aaduu afaan isaanii balʼisanii natti banatu.
14 Kao voda razlih se, sve mi se kosti rasuše; srce mi posta poput voska, topi se u grudima mojim.
Ani akkuma bishaaniitti nan dhangalaafame; lafeen koo hundinuus wal gad dhiise. Onneen koo gara gagaatti geeddarame; na keessattis baqe.
15 Grlo je moje kao crijep suho, i moj se jezik uz nepce slijepi: u prah smrtni bacio si mene.
Jabinni koo akka qiraacii goge; arrabni koo laagaatti na maxxane; awwaara duʼaa keessas na ciibsite.
16 Opkolio me čopor pasa, rulje me zločinačke okružile. Probodoše mi ruke i noge,
Saroonni na marsaniiru; gareen namoota hamoo na marseera; isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru.
17 sve kosti svoje prebrojiti mogu, a oni me gledaju i zure na me.
Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa; isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu.
18 Haljine moje dijele među sobom i kocku bacaju za odjeću moju.
Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan.
19 Ali ti, o Jahve, daleko mi ne budi; snago moja, pohiti mi u pomoć!
Yaa Waaqayyo, ati garuu narraa hin fagaatin; yaa Jabina koo na gargaaruuf ariifadhu.
20 Dušu moju istrgni maču, iz šapa pasjih život moj.
Lubbuu koo goraadee jalaa, jireenya koo immoo humna sarootaa jalaa baasi.
21 Spasi me iz ralja lavljih i jadnu mi dušu od rogova bivoljih!
Afaan leencaa jalaa na miliqsi; gaanfa gafarsaa jalaas na baasi.
22 A sada, braći ću svojoj naviještat' ime tvoje, hvalit ću te usred zbora.
Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa keessattis sin jajadha.
23 “Koji se bojite Jahve, hvalite njega! Svi od roda Jakovljeva, slavite njega! Svi potomci Izraelovi, njega se bojte!
Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa! Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa! Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!
24 Jer nije prezreo ni zaboravio muku jadnika, i nije sakrio lice svoje od njega; kad ga je zazvao, on ga je čuo.”
Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne yookaan hin balfineetii; yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis, ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.
25 Zato ću te hvaliti u zboru veliku, pred vjernicima tvojim izvršit' zavjete.
Galanni ani yaaʼii guddaa irratti siif galchu si biraa dhufa; warra si sodaatan durattis wareega koo of irraa nan baasa.
26 Siromasi će jesti i nasitit će se, hvalit će Jahvu koji traže njega: nek' živi srce vaše dovijeka!
Hiyyeeyyiin nyaatanii quufu; warri Waaqayyoon barbaaddatanis isa ni jajatu; garaan keessan bara baraan haa jiraatu!
27 Spomenut će se i Jahvi se vratit' svi krajevi zemlje; pred njim će n§icÄe pasti sve obitelji pogana.
Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; gara Waaqayyoottis ni deebiʼa; maatiiwwan sabootaa hundinuus fuula isaa duratti ni sagadu;
28 Jer Jahvino je kraljevstvo, on je vladar pucima.
mootummaan kan Waaqayyootii; innis saboota hunda ni bulcha.
29 Njemu će se jedinom klanjati svi koji snivaju u zemlji, pred njim se sagnuti svi koji u prah silaze. I moja će duša za njega živjeti,
Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus; warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi fuula isaa duratti ni jilbeenfatu.
30 njemu će služiti potomstvo moje. O Gospodu će se pripovijedat'
Dhaloonni dhufu isa tajaajila; dhaloota boriittis waaʼeen Gooftaa ni himama.
31 slijedećem koljenu, o njegovoj pravdi naviještati narodu budućem: “Ovo učini Jahve!”
Sababii inni waan kana hojjeteef, isaan saba dhalachuuf jirutti qajeelummaa isaa ni labsu.

< Psalmi 22 >