< Mudre Izreke 5 >

1 Sine moj, čuj moju mudrost, prigni uho mojoj razboritosti
Yaa ilma ko, ogummaa koo qalbeeffadhu; hubannaa kootiif illee gurra kenni;
2 da sačuvaš oprez, da ti usne zadrže znanje.
kunis akka ati hubannaa turfattee arrabni kees beekumsa kuufattuuf.
3 Jer s usana žene preljubnice kaplje med i nepce joj je glađe od ulja,
Hidhiin ejjituu damma coccobsa; haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
4 ali je ona naposljetku gorka kao pelin, oštra kao dvosjekli mač.
dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti; akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
5 Njene noge silaze k smrti, a koraci vode u Podzemlje. (Sheol h7585)
Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa; tarkaanfiin ishee awwaalatti nama geessa. (Sheol h7585)
6 Ona ne pazi na put života, ne mari što su joj staze kolebljive.
Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu; daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
7 Zato me sada poslušaj, sine, i ne odstupaj od riječi mojih usta.
Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa; waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa.
8 Neka je put tvoj daleko od nje i ne približuj se vratima njezine kuće,
Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa; balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
9 da drugima ne bi dao svoju slavu i okrutnima svoje godine;
kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif, umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
10 da se ne bi tuđinci nasitili tvoga dobra i da tvoja zaslužba ne ode u tuđu kuću;
akkasumas qabeenya kee ormatu nyaata; dadhabbiin kees mana alagaa badhaasa.
11 da ne ridaš na koncu kad ti nestane tijela i puti
Dhuma jireenya keetiitti, yeroo foonii fi dhagni kee dhumutti ati ni aadda.
12 i da ne kažeš: “Oh, kako sam mrzio pouku i kako mi je srce preziralo ukor!
Atis akkana jetta; “Ani akkamittin adabamuu jibbee! Garaan koos akkam sirreeffamuu tuffate!
13 I ne slušah glasa svojih učitelja, niti priklonih uho onima što me poučavahu.
Ani barsiistota kootiif hin ajajamne yookaan qajeelchitoota koo hin dhaggeeffanne.
14 I umalo ne zapadoh u svako zlo, usred zbora i zajednice!”
Ani waldaa guutuu gidduutti qarqara badiisaa gaʼeen ture.”
15 Pij vodu iz svoje nakapnice i onu što teče iz tvoga studenca.
Eela kee keessaa bishaan, boolla bishaanii kee keessaa immoo bishaan qulqulluu dhugi.
16 Moraju li se tvoji izvori razlijevati i tvoji potoci teći ulicama?
Burqaan kee guutee daandii irra, bishaan kee kan yaaʼus oobdii keessa dhangalaʼuu qabaa?
17 Nego neka oni budu samo tvoji, a ne i tuđinaca koji su uza te.
Isaan kan kee haa taʼan; ormi si wajjin qooddachuu hin qabu.
18 Neka je blagoslovljen izvor tvoj i raduj se sa ženom svoje mladosti:
Burqaan kee haa eebbifamu; niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.
19 neka ti je kao mila košuta i ljupka gazela, neka te grudi njene opajaju u svako doba, njezina ljubav zatravljuje bez prestanka!
Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti; harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu; yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
20 TÓa zašto bi se, sine moj, zanosio preljubnicom i grlio tuđinki njedra?
Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta? Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?
21 Jer pred Jahvinim su očima čovjekovi putovi i on motri sve njegove staze.
Karaan namaa guutumaan guutuutti fuula Waaqayyoo dura jiraatii; innis daandii namaa hunda ni toʼata.
22 Opakoga će uhvatiti njegova zloća i sapet će ga užad njegovih grijeha.
Balleessaan nama hamaa isuma qabaata; funyoon cubbuu isaa jabeessee isa qaba.
23 Umrijet će jer nema pouke, propast će zbog svoje goleme gluposti.
Inni sababii adabamuu dhabeef duʼa; guddinni gowwummaa isaas karaa irraa isa balleessa.

< Mudre Izreke 5 >