< Filipljanima 1 >

1 Pavao i Timotej, sluge Krista Isusa, svima svetima u Kristu Isusu koji su u Filipima, s nadglednicima i poslužiteljima.
Phaawulosii fi Xiimotewos tajaajiltoota Kiristoos Yesuus irraa, Gara warra karaa Kiristoos Yesuusiin qulqulloota taʼan kanneen Phaaphaasotaa fi daaqonoota wajjin Fiiliphisiyuus keessa jiraatan hundaatti:
2 Milost vam i mir od Boga, Oca našega, i Gospodina Isusa Krista!
Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
3 Zahvaljujem Bogu svomu kad vas se god sjetim.
Ani yeroo isin yaadadhu hunda Waaqa koo nan galateeffadha.
4 Uvijek se u svakoj svojoj molitvi za vas s radošću molim
Ani kadhannaa hunda keessaniif kadhadhu keessatti yeroo hunda gammachuun nan kadhadha;
5 zbog vašeg udjela u evanđelju od onoga prvog dana sve do sada -
isin guyyaa jalqabaatii hamma ammaatti wangeela lallabuu keessatti hirmaattaniirtuutii;
6 uvjeren u ovo: Onaj koji otpoče u vama dobro djelo, dovršit će ga do Dana Krista Isusa.
inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.
7 I pravo je da tako osjećam o svima vama! Ta ja vas nosim u srcu jer u okovima mojim i u obrani i utvrđivanju evanđelja svi ste vi suzajedničari moje milosti.
Waan isin garaa koo keessa jirtaniif ani waaʼee hunda keessanii akkanatti yaaduun koo anaaf sirrii dha; hidhamuu koo keessattis taʼu yookaan wangeelaaf falmuu kootii fi akka wangeelli cimee dhaabatu gochuu koo keessatti hundi keessan na wajjin ayyaana Waaqaa keessatti hirmaatuutii.
8 Bog mi je doista svjedok koliko žudim za svima vama srcem Isusa Krista!
Akka ani jaalala Kiristoos Yesuusiin hammam hunda keessan yaadu Waaqayyo dhuga baatu koo ti.
9 I molim za ovo: da ljubav vaša sve više i više raste u spoznanju i potpunu pronicanju
Kadhannaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu,
10 te mognete prosuditi što je najbolje da budete čisti i besprijekorni za Dan Kristov,
akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Kiristoosittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif,
11 puni ploda pravednosti po Isusu Kristu - na slavu i hvalu Božju.
akka ulfinaa fi galata Waaqaatiifis iji qajeelinaa kan karaa Yesuus Kiristoosiin argamuun guutamtaniif.
12 A hoću da znate, braćo: ovaj se moj udes pače okrenuo u napredovanje evanđelja
Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada.
13 tako da se moji okovi u Kristu razglasiše u svem pretoriju i među svima drugima,
Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera.
14 a većina braće u Gospodinu, ohrabrena mojim okovima, još se više usuđuje neustrašivo zboriti Riječ.
Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.
15 Neki, istina, propovijedaju Krista iz zavisti i nadmetanja, a neki iz dobre volje:
Namoonni tokko tokko dhugumaan weennoo fi morkiidhaan Kiristoosin lallabu; warri kaan garuu yaada gaariidhaan lallabu.
16 ovi iz ljubavi jer znaju da sam ovdje za obranu evanđelja;
Warri yaada gaariidhaan lallaban kunneen, akka ani wangeelaaf falmuuf jedhee as kaaʼame beekanii jaalalaan lallabu.
17 oni pak Krista navješćuju iz suparništva, neiskreno - misleći da će tako otežati nevolju mojih okova.
Warri weennoo fi morkiidhaan lallaban immoo utuu garaa qulqulluun hin taʼin, mana hidhaa keessatti rakkina natti cimsuuf jedhanii fedhii ofittummaatiin Kiristoosin lallabu.
18 Pa što onda? Samo se na svaki način, bilo himbeno, bilo istinito, Krist navješćuje. I tome se radujem, a i radovat ću se.
Yoos wanni kun maal qaba ree? Wanni barbaachisaan fakkeessuunis taʼu yookaan dhugaan karaa kam iyyuu Kiristoos lallabamuu isaa ti. Sababii kanaaf ani akka malee nan gammada. Eeyyee ani ittuma fufee nan gammada;
19 Jer znadem: po vašoj molitvi i pomoći Duha Isusa Krista to će mi biti na spasenje,
akka wanni narra gaʼe kun karaa kadhannaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Yesuus Kiristoosiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii.
20 kako željno i očekujem i nadam se da se ni zbog čega neću smesti, nego da će se mojom posvemašnjom odvažnošću - kako uvijek tako i sada - Krist uzveličati u mome tijelu, bilo životom, bilo smrću.
Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Kiristoos dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas.
21 Ta meni je živjeti Krist, a umrijeti dobitak!
Anaaf jiraachuun Kiristoos; duʼuunis buʼaa dha.
22 A ako mi živjeti u tijelu omogućuje plodno djelovanje, što da odaberem? Ne znam!
Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku!
23 Pritiješnjen sam od ovoga dvoga: želja mi je otići i s Kristom biti jer to je mnogo, mnogo bolje;
Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Kiristoos wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii;
24 ali ostati u tijelu potrebnije je poradi vas.
isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha.
25 U to uvjeren, znam da ću ostati i biti uz vas sve, za vaš napredak i na radost vjere,
Anis kana amanadhee akka isin amantiin guddattanii fi akka isin gammaddaniif hunda keessan bira akka turu, isin wajjinis akka jiraadhun beeka.
26 da ponos vaš mnome poraste u Kristu Isusu kad opet dođem k vama.
Kunis ani ammas isin biratti argamuu kootiin of jajuun isin Kiristoos Yesuusitti qabdan sababii kootiin akka baayʼatuuf.
27 Samo se ponašajte dostojno evanđelja Kristova, pa - došao ja i vidio vas ili nenazočan slušao što je s vama - da mogu utvrditi kako ste postojani u jednome duhu i jednodušno se zajednički borite za evanđeosku vjeru
Waan fedhe iyyuu taʼu akka wangeela Kiristoosiif malutti jiraadhaa. Yoos ani dhufee isin arguunis taʼu yookaan fagoo taaʼee waaʼee keessan dhagaʼuu qofaan, akka isin amantii wangeelaatiif jettanii akkuma nama tokkootti tattaaffachuun hafuura tokkoon jabaattanii dhaabattan nan beeka.
28 ne plašeći se ni u čemu protivnika. To je njima najava njihove propasti, a vašega spasenja, i to od Boga.
Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Waaqaa ti.
29 Jer vama je dana milost: “za Krista”, ne samo u njega vjerovati nego za njega i trpjeti,
Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;
30 isti boj bijući koji na meni vidjeste i sada o meni čujete.
kunis walʼaansoo ani keessa ture isa argitan sanaa fi isa ani amma iyyuu keessa jiru kan dhageessan kana keessa darbuutti waan jirtaniifii dha.

< Filipljanima 1 >