< Marko 9 >

1 Još im govoraše: “Zaista, kažem vam, neki od ovdje nazočnih neće okusiti smrti dok ne vide da je kraljevstvo Božje došlo u sili.”
Innis, “Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko hamma mootummaan Waaqaa humnaan dhufee arganitti duʼa hin dhandhaman” isaaniin jedhe.
2 Nakon šest dana uze Isus sa sobom Petra, Jakova i Ivana i povede ih na goru visoku, u osamu, same, i preobrazi se pred njima.
Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin fudhatee tulluu dheeraa tokkotti iddoo isaan hundi kophaa turuu dandaʼanitti ol isaan baase. Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame.
3 I haljine mu postadoše sjajne, bijele veoma - nijedan ih bjelilac na zemlji ne bi mogao tako izbijeliti.
Uffanni isaas uffata namni addunyaa kanaa kam iyyuu miicee addeessuu dandaʼu caalaa akka malee addaate.
4 I ukaza im se Ilija s Mojsijem te razgovarahu s Isusom.
Eeliyaasii fi Museenis isaanitti mulʼatan; isaanis Yesuus wajjin haasaʼaa turan.
5 A Petar prihvati i reče Isusu: “Učitelju, dobro nam je ovdje biti! Načinimo tri sjenice: tebi jednu, Mojsiju jednu i Iliji jednu.”
Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha; daasii sadii, tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra” jedhe.
6 Doista nije znao što da kaže jer bijahu prestrašeni.
Inni waan dubbatu hin beeku ture; isaan akka malee sodaatanii turaniitii.
7 I pojavi se oblak i zasjeni ih, a iz oblaka se začu glas: “Ovo je Sin moj, Ljubljeni! Slušajte ga!”
Duumessis dhufee isaan haguuge; sagaleen, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhu tokko duumessicha keessaa dhufe.
8 I odjednom, obazrevši se uokolo, nikoga uza se ne vidješe doli Isusa sama.
Isaanis yommuu akkuma tasaa naannoo isaanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee of biratti hin argine.
9 Dok su silazili s gore, naloži im da nikomu ne pripovijedaju što su vidjeli dok Sin Čovječji od mrtvih ne ustane.
Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus akka isaan hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaʼutti waan argan sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.
10 Oni održaše tu riječ, ali se među sobom pitahu što znači to njegovo “od mrtvih ustati”
Isaanis “warra duʼan keessaa kaʼuun” maal akka taʼe wal gaggaafachaa dubbicha garaatti qabatan.
11 pa ga upitaju: “Zašto pismoznanci govore da prije treba da dođe Ilija?”
Isaanis, “Barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu?” jedhanii isa gaafatan.
12 A on im reče: “Ilija će, doduše, prije doći i sve obnoviti. Pa kako ipak piše o Sinu Čovječjem da će mnogo pretrpjeti i biti prezren?
Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan Eeliyaas duraan dursee ni dhufa; waan hundas iddootti deebisa. Yoos maaliif Ilmi Namaa akka malee dhiphachuu fi tuffatamuu qaba jedhamee barreeffame ree?
13 Ali, velim vam: Ilija je već došao i oni učiniše s njim što im se prohtjelo, kao što piše o njemu.”
Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas dhufeera; isaanis akkuma waaʼee isaa barreeffame sanatti waanuma fedhan hunda isatti hojjetan.”
14 Kada dođoše k učenicima, ugledaše oko njih silan svijet i pismoznance kako raspravljaju s njima.
Isaanis yommuu gara barattoota kaanii dhufanitti, namoonni hedduun isaanitti naannaʼanii, barsiistonni seeraa immoo utuu isaanitti falmanuu argan.
15 Čim ga sve ono mnoštvo ugleda, iznenađeno brže pohrli pozdraviti ga.
Namoonni hundinuus akkuma Yesuusin arganiin akka malee dinqifatanii isa dubbisuudhaaf itti fiigan.
16 A on ih upita: “Što to raspravljaste s njima?”
Innis, “Isin maal isaanitti falmitu?” jedhee isaan gaafate.
17 Odvrati netko iz mnoštva: “Učitelju, dovedoh k tebi svoga sina koji ima nijemoga duha.
Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; “Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera.
18 Gdje ga god zgrabi, obara ga, a on pjeni, škripi zubima i koči se. Rekoh tvojim učenicima da ga izagnaju, ali ne mogoše.”
Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye.”
19 On im odvrati: “O rode nevjerni! Dokle mi je biti s vama? Dokle li vas podnositi? Dovedite ga k meni!”
Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa” jedhe.
20 I dovedoše ga k njemu. Čim zloduh ugleda Isusa, potrese dječakom i on se, oboren na zemlju, stane valjati i pjeniti.
Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Yesuusin argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.
21 Isus upita njegova oca: “Koliko je vremena kako mu se to događa?” On reče: “Od djetinjstva!
Yesuusis, “Wanni kun erga isa qabee hammam ture?” jedhee abbaa gurbichaa gaafate. Innis akkana jedhe; “Ijoollummaadhaa jalqabee ti.
22 A često ga znade baciti i u vatru i u vodu da ga upropasti. Nego, ako što možeš, pomozi nam, imaj samilosti s nama!”
Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari.”
23 Nato mu Isus reče: “Što? Ako možeš? Sve je moguće onomu koji vjeruje!”
Yesuusis, “‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama” jedheen.
24 Dječakov otac brže povika: “Vjerujem! Pomozi mojoj nevjeri!”
Yommusuma abbaan mucaa sanaa, “Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari” jedhee iyye.
25 Vidjevši da svijet odasvud grne, Isus zaprijeti nečistomu duhu: “Nijemi i gluhi duše, ja ti zapovijedam, iziđi iz njega i da nisi više u nj ušao!”
Yesuusis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, “Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja” jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.
26 Zloduh nato zaviče, žestoko strese dječaka te iziđe, a on osta kao mrtav te su mnogi govorili da je umro.
Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, “Inni duʼeera” jedhan.
27 No Isus ga dohvati za ruku, podiže ga i on ustade.
Yesuus garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.
28 Kad Isus uđe u kuću, upitaše ga učenici nasamo: “Kako to da ga mi ne mogosmo izagnati?”
Erga Yesuus manatti ol galee booddee barattoonni isaa, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii kophaatti isa gaafatan.
29 Odgovori im: “Ovaj se rod ničim drugim ne može izagnati osim molitvom i postom.”
Innis deebisee, “Inni akkanaa kun kadhannaa fi sooma qofaan baʼa malee waan biraatiin hin baʼu” jedheen.
30 Otišavši odande, prolažahu kroz Galileju. On ne htjede da to itko sazna.
Isaan achii kaʼanii Galiilaa keessa darban. Yesuusis akka namni tokko iyyuu kana beeku hin barbaanne;
31 Jer poučavaše svoje učenike. Govoraše im: “Sin Čovječji predaje se u ruke ljudima. Ubit će ga, ali će on, ubijen, nakon tri dana ustati.”
sababiin isaas, “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama. Isaanis isa ni ajjeesu; innis guyyaa sadii booddee duʼaa ni kaʼa” jedhee barattoota isaa barsiisaa ture.
32 No oni ne razumješe te besjede, a bojahu ga se pitati.
Isaan garuu waan inni jedhe hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
33 I dođoše u Kafarnaum. I već u kući upita ih: “Što ste putem raspravljali?”
Isaanis Qifirnaahom dhaqan. Innis yeroo mana keessa turetti, “Isin karaatti maal walitti falmaa turtan?” jedhee isaan gaafate.
34 A oni umukoše jer putem među sobom razgovarahu o tome tko je najveći.
Isaan garuu eenyu akka nama hundumaa caalu karaatti waan walitti falmaa turaniif ni calʼisan.
35 On sjede i dozove dvanaestoricu te im reče: “Ako tko želi biti prvi, neka bude od svih posljednji i svima poslužitelj!”
Yesuusis taaʼee warra kudha lamaan waamee, “Namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu nama hundaa gadii fi tajaajilaa nama hundaa taʼuu qaba” jedheen.
36 I uzme dijete, postavi ga posred njih, zagrli ga i reče im:
Innis mucaa xinnaa tokko fidee isaan gidduu dhaabe. Hammatees akkana isaaniin jedhe;
37 “Tko god jedno ovakvo dijete primi u moje ime, mene prima. A tko mene prima, ne prima mene, nego onoga koji mene posla.”
“Namni ijoollee xixinnoo kanneen keessaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata; namni na simatu kam iyyuus isa na erge sana simata malee na qofa hin simatu.”
38 Reče mu Ivan: “Učitelju, vidjesmo jednoga kako u tvoje ime izgoni zloduhe. Mi smo mu branili jer ne ide s nama.”
Yohannisis, “Yaa barsiisaa, nu utuu namni tokko maqaa keetiin hafuurota hamoo baasuu arginee waan inni nu duukaa hin buuneef isa dhowwine” jedhe.
39 A Isus reče: “Ne branite mu! Jer nitko ne može učiniti nešto silno u moje ime pa me ubrzo zatim pogrditi.
Yesuus garuu akkana jedhe; “Isa hin dhowwinaa; namni maqaa kootiin dinqii hojjetu kan ergasii immoo dafee waaʼee koo waan hamaa dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii.
40 Tko nije protiv nas, za nas je.”
Namni nuun hin mormine kam iyyuu kanuma keenyaatii.
41 “Uistinu, tko vas napoji čašom vode u ime toga što ste Kristovi, zaista, kažem vam, neće mu propasti plaća.”
Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii isin kan Kiristoos taataniif jedhee bishaan budduuqsaa tokkoo isinii kennu kam iyyuu dhugumaan gatii isaa hin dhabu.
42 “Onomu naprotiv tko bi sablaznio jednoga od ovih najmanjih što vjeruju, daleko bi bolje bilo da s mlinskim kamenom o vratu bude bačen u more.”
“Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko gufachiisuu irra, utuu dhagaan daakuu guddaan isaa morma isaatti hidhamee galaanatti darbatamee isaaf wayya ture.
43 “Pa ako te ruka sablažnjava, odsijeci je. Bolje ti je sakatu ući u život, nego s obje ruke otići u pakao, u oganj neugasivi. (Geenna g1067)
Yoo harki kee si gufachiise, of irraa muri. Harka lama qabaattee gahaannamitti, iddoo ibiddi isaa hin dhaamnetti galuu irra, harka dooluudhaan jireenyatti galuu siif wayya. [ (Geenna g1067)
Gahaannamis iddoo, “‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’] (questioned)
45 I ako te noga sablažnjava, odsijeci je. Bolje ti je hromu ući u život, nego s obje noge bit bačen u pakao. (Geenna g1067)
Yoo miilli kee si gufachiise of irraa muri. Miilla lama qabaattee gahaannamitti darbatamuu irra, laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. [ (Geenna g1067)
Gahaannamis iddoo, “‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’] (questioned)
47 I ako te oko sablažnjava, iskopaj ga. Bolje ti je jednooku ući u kraljevstvo Božje, nego s oba oka biti bačen u pakao, (Geenna g1067)
Yoo iji kee si gufachiise, of keessaa baasi. Ija lama qabaattee gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokkoon mootummaa Waaqaatti galuu siif wayya. (Geenna g1067)
48 gdje crv njihov ne gine niti se oganj gasi.
Gahaannamis iddoo, “‘raammoon isaanii hin duune, ibiddis hin dhaamnee dha.’ (questioned)
49 Uistinu, ognjem će svaki od njih biti posoljen.
Namni hundinuu ibiddaan miʼeeffama.
50 Dobra je sol. Ali ako sol postane neslana, čime ćete nju začiniti? Imajte sol u sebi, a mir među sobom!”
“Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa.”

< Marko 9 >