< Marko 14 >
1 Za dva dana bijaše Pasha i Beskvasni kruhovi. Glavari svećenički i pismoznanci tražili su kako da ga na prijevaru uhvate i ubiju.
Egaa Faasiikaa fi Ayyaana Maxinootiif guyyaa lama qofatu hafe; luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa haxxummaadhaan Yesuusin qabanii ajjeesuuf mariʼachaa turan.
2 Jer se govorilo: “Nikako ne na Blagdan da ne nastane pobuna naroda.”
Isaanis, “Garuu akka namoonni goolii hin kaafneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
3 I kad je u Betaniji, u kući Šimuna Gubavca, bio za stolom, dođe neka žena s alabastrenom posudicom prave skupocjene nardove pomasti. Razbi posudicu i poli ga po glavi.
Utuu inni Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaatti maaddiitti dhiʼaatee jiruu, dubartiin tokko shittoo gatiin isaa guddaa taʼe kan naardoos qulqulluu irraa qopheeffame bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee dhufte. Isheenis bilqaaxxicha cabsitee shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
4 A neki negodovahu te će jedan drugomu: “Čemu to rasipanje pomasti?
Namoota achi turan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan; “Shittoo kana balleessuun maaliif?
5 Mogla se pomast prodati za više od tristo denara i dati siromasima.” I otresahu se na nju.
Silaa shittoon kun diinaarii dhibba sadii olitti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.” Isaanis isheetti dheekkaman.
6 A Isus reče: “Pustite je, što joj dodijavate? Dobro djelo učini na meni.
Yesuus garuu akkana jedhe; “Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
7 Ta siromaha svagda imate uza se i kad god hoćete možete im dobro činiti, a mene nemate svagda.
Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
8 Učinila je što je mogla: unaprijed mi pomaza tijelo za ukop.
Isheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo awwaalaaf dibde.
9 Zaista, kažem vam, gdje se god bude propovijedalo evanđelje, po svem svijetu, navješćivat će se i ovo što ona učini - njoj na spomen.”
Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
10 A Juda Iškariotski, jedan od dvanaestorice, ode glavarima svećeničkim da im ga preda.
Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa tokko, Yihuudaa Keeriyotichi, Yesuusin dabarsee isaanitti kennuuf jedhee gara luboota hangafootaa dhaqe.
11 Kad su oni to čuli, obradovali su se i obećali mu dati novca. I tražio je zgodu da ga preda.
Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti gammadanii, maallaqa isaaf kennuuf waadaa galan. Kanaafuu Yihuudaan dabarsee isa kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
12 Prvoga dana Beskvasnih kruhova, kad se žrtvovala pasha, upitaju učenici Isusa: “Gdje hoćeš blagovati pashu, da odemo i pripravimo?”
Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinoo, yeroo itti hoolaan Faasiikaa qalamutti barattoonni Yesuus, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf nu eessa dhaqnee akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii isa gaafatan.
13 On pošalje dvojicu učenika i rekne im: “Idite u grad i namjerit ćete se na čovjeka koji nosi krčag vode. Pođite za njim
Innis barattoota isaa keessaa nama lama erge; akkanas isaaniin jedhe; “Magaalaa seenaa; namichi okkotee bishaanii baatu tokko isinitti dhufa; isa duukaa buʼaa.
14 pa gdje on uđe, recite domaćinu: 'Učitelj pita: Gdje mi je svratište u kojem bih blagovao pashu sa svojim učenicima?'
Abbaa mana namichi sun seenuutiinis, ‘Barsiisaan, manni keessumaa ko, iddoon ani itti barattoota koo wajjin Faasiikaa nyaadhu eessa? jedhee gaafata’ jedhaa.
15 I on će vam pokazati na katu veliko blagovalište, prostrto i spremljeno. Ondje nam pripravite.”
Abbaan manaa sunis darbii balʼaa miidhagfamee qopheeffame tokko isinitti argisiisa. Isinis achitti nuuf qopheessaa.”
16 Učenici odu, dođu u grad i nađu kako im on reče te priprave pashu.
Barattoonnis kaʼanii magaalaa sana seenanii akkuma Yesuus isaanitti hime sanatti argatan. Faasiikaas ni qopheessan.
17 A uvečer dođe on s dvanaestoricom.
Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin achi gaʼe.
18 I dok bijahu za stolom te blagovahu, reče Isus: “Zaista, kažem vam, jedan će me od vas izdati - koji sa mnom blaguje.”
Utuu isaan maaddiitti dhiʼaatanii jiranuu Yesuus, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko, kan amma na wajjin nyaachuutti jiru dabarsee na kenna” jedheen.
19 Ožalošćeni, stanu mu govoriti jedan za drugim: “Da nisam ja?”
Isaanis gaddanii, tokko tokkoon, “Na taʼinnaa laata?” jechuu jalqaban.
20 A on im reče: “Jedan od dvanaestorice koji umače sa mnom u zdjelicu.
Innis akkana jedhee deebise; “Namichi sun warra kudha Lamaan keessaa tokkoo dha. Innis isa na wajjin gabatee keessaa cuuphatuu dha.
21 Sin Čovječji, istina, odlazi kako je o njemu pisano, ali jao čovjeku onomu koji ga predaje. Tomu bi čovjeku bolje bilo da se ni rodio nije!”
Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
22 I dok su blagovali, on uze kruh, izreče blagoslov pa razlomi, dade im i reče: “Uzmite, ovo je tijelo moje.”
Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa; kun foon koo ti” jedhee isaaniif kenne.
23 I uze čašu, zahvali i dade im. I svi su iz nje pili.
Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; hundi isaaniis xoofoo sana irraa dhugan.
24 A on im reče: “Ovo je krv moja, krv Saveza, koja se za mnoge prolijeva.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Kun dhiiga ko, dhiiga kakuu haaraa kan namoota baayʼeef dhangalaafamuu dha.
25 Zaista, kažem vam, ne, neću više piti od ovoga roda trsova do onoga dana kad ću ga - novoga - piti u kraljevstvu Božjem.”
Ani dhuguma isinitti nan hima; ani hamman guyyaa sana mootummaa Waaqaa keessatti deebiʼee dhugutti ija wayinii kana irraa deebiʼee hin dhugu.”
26 Otpjevavši hvalospjeve, zaputiše se prema Maslinskoj gori.
Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
27 I reče im Isus: “Svi ćete se sablazniti. Ta pisano je: Udarit ću pastira i ovce će se razbjeći.
Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “‘Ani tiksee nan rukuta; hoolonnis ni bittinneeffamu.’
28 Ali kad uskrsnem, ići ću pred vama u Galileju.”
Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
29 Nato će mu Petar: “Ako se i svi sablazne, ja neću!”
Phexros garuu, “Yoo namni hundinuu gufate iyyuu ani hin gufadhu” jedheen.
30 A Isus mu reče: “Zaista, kažem ti, baš ti, danas, ove noći, prije nego se pijetao dvaput oglasi, triput ćeš me zatajiti.”
Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati harʼa, edanuma utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, yeroo sadii na ganta” jedheen.
31 Ali on je upornije uvjeravao: “Bude li trebalo i umrijeti s tobom - ne, neću te zatajiti.” A tako su svi govorili.
Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedhee jabeessee dubbate. Hundi isaaniis akkasuma jedhan.
32 I dođu u predio imenom Getsemani. I kaže Isus svojim učenicima: “Sjednite ovdje dok se ne pomolim.”
Isaanis iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqan; Yesuusis barattoota isaatiin, “Hamma ani kadhadhutti isin as taaʼaa” jedhe.
33 I povede sa sobom Petra, Jakova i Ivana. Spopade ga užas i tjeskoba
Innis Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannisin of faana fudhatee, akka malee dhiphachuu fi yaaddaʼuus jalqabe.
34 pa im reče: “Duša mi je nasmrt žalosna! Ostanite ovdje i bdijte!”
Innis, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii dammaqaa” jedheen.
35 Ode malo dalje i rušeći se na zemlju molio je da ga, ako je moguće, mimoiđe ovaj čas.
Innis xinnoo achi hiiqee lafatti gombifamee, yoo dandaʼame akka saʼaatiin sun isa irra darbituuf kadhate.
36 Govoraše: “Abba! Oče! Tebi je sve moguće! Otkloni čašu ovu od mene! Ali ne što ja hoću, nego što hoćeš ti!”
Innis, “Aabbaa, yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhe.
37 I dođe, nađe ih pozaspale pa reče Petru: “Šimune, spavaš? Jedan sat nisi mogao probdjeti?
Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Simoon, ati amma illee inuma raftaa? Saʼaatii tokkittii illee dammaquu hin dandeenyee?
38 Bdijte i molite da ne padnete u napast. Duh je, istina, voljan, no tijelo je slabo.”
Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
39 Opet ode i pomoli se istim riječima.
Ammas achi hiiqee waanuma duraan kadhate sana kadhate.
40 Ponovno dođe i nađe ih pozaspale. Oči im se sklapale i nisu znali što da mu odgovore.
Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii. Isaanis akka maal jedhanii deebisaniif hin beekne.
41 Dođe i treći put i reče im: “Samo spavajte i počivajte! Gotovo je! Dođe čas! Evo, predaje se Sin Čovječji u ruke grešničke!
Yeroo sadaffaas deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Ni gaʼa! Saʼaatiin sun gaʼeera. Kunoo, Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
42 Ustanite, hajdemo! Evo, izdajica se moj približio!”
Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
43 Uto, dok je on još govorio, stiže Juda, jedan od dvanaestorice, i s njime svjetina s mačevima i toljagama, poslana od glavara svećeničkih, pismoznanaca i starješina.
Utuma inni dubbachaa jiruus, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafoota, barsiistota seeraatii fi maanguddoota biraa ergames goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
44 A izdajica im njegov dade znak: “Koga poljubim, taj je! Uhvatite ga i oprezno odvedite!”
Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaatii eegaa isa fuudhaa deemaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
45 I kako dođe, odmah pristupi k njemu i reče: “Učitelju!” I poljubi ga.
Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Yaa Barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
46 Oni podignu na nj ruke i uhvate ga.
Namoonni sun Yesuusin qabanii hidhan.
47 A jedan od nazočnih trgnu mač, udari slugu velikoga svećenika i odsiječe mu uho.
Warra achi dhadhaabachaa turan keessaa inni tokko garuu goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
48 Isus im prozbori: “Kao na razbojnika iziđoste s mačevima i toljagama da me uhvatite.
Yesuusis akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii?
49 Danomice bijah vam u Hramu, naučavah i ne uhvatiste me. No neka se ispune Pisma!”
Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessatti barsiisaa isin wajjin ture; isinis na hin qabne. Garuu Katabbiiwwan Qulqulluun raawwatamuu qabu.”
50 I svi ga ostave i pobjegnu.
Isaan hundinuus isa dhiisanii baqatan.
51 A jedan je mladić išao za njim, ogrnut samo plahtom. I njega htjedoše uhvatiti,
Dargaggeessi tokkos uffata quncee talbaa irraa hojjetame tokko qullaa isaa irra buufatee Yesuus faana deemaa ture. Yeroo isa qabanittis,
52 no on ostavi plahtu i gol pobježe.
dargaggeessi sun uffata isaa dhiisee, qullaa isaa harkaa baʼe.
53 Zatim odvedoše Isusa velikom svećeniku. I skupe se svi glavari svećenički, starješine i pismoznanci.
Isaanis Yesuusin luba ol aanaatti geessan; luboonni hangafoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa hundinuu walitti qabaman.
54 Petar je izdaleka išao za njim do u dvor velikog svećenika. Tu je sjedio sa stražarima i grijao se uz vatru.
Phexrosis hamma dallaa luba ol aanaa keessaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waardiyyoota wajjin ibidda bira taaʼee qaqqaammachaa ture.
55 A glavari svećenički i cijelo Vijeće, da bi mogli pogubiti Isusa, tražili su protiv njega kakvo svjedočanstvo, ali nikako da ga nađu.
Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa isatti barbaadaa turan; isaan garuu homaa hin arganne.
56 Mnogi su doduše lažno svjedočili protiv njega, ali im se svjedočanstva ne slagahu.
Namoonni baayʼeen sobaan isatti dhugaa baʼan; dhuga baʼumsi isaanii garuu tokko hin taane.
57 Ustali su neki i lažno svjedočili protiv njega:
Tokko tokko immoo kaʼanii akkana jedhaanii sobaan isatti dhugaa baʼan:
58 “Mi smo ga čuli govoriti: 'Ja ću razvaliti ovaj rukotvoreni Hram i za tri dana sagraditi drugi, nerukotvoreni!'”
“‘Mana qulqullummaa kan harka namaatiin ijaarame kana diigee kan biraa kan harka namaatiin hin ijaaramin guyyaa sadii keessatti deebisee nan ijaara’ jechuu isaa dhageenyeerra.”
59 Ali ni u tom im svjedočanstvo ne bijaše složno.
Haa taʼuu malee dhuga baʼumsi isaanii amma illee tokko hin taane.
60 Usta nato veliki svećenik na sredinu i upita Isusa: “Zar ništa ne odgovaraš? Što to ovi svjedoče protiv tebe?
Lubichi ol aanaanis kaʼee fuula isaanii dura dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate.
61 A on je šutio i ništa mu nije odgovarao. Veliki ga svećenik ponovo upita: “Ti li si Krist, Sin Blagoslovljenoga?”
Yesuus garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine. Lubichi ol aanaan ammas, “Kiristoos Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?” jedhee isa gaafate.
62 A Isus mu reče: “Ja jesam! I gledat ćete Sina Čovječjega gdje sjedi zdesna Sile i dolazi s oblacima nebeskim.”
Yesuusis, “Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
63 Nato veliki svećenik razdrije haljine i reče: “Što nam još trebaju svjedoci?
Lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa?
64 Čuli ste hulu. Što vam se čini?” Oni svi presudiše da zaslužuje smrt.
Waaqa arrabsuu isaa isini iyyuu dhageessaniirtu. Maal isinitti fakkaata?” Hundi isaaniis duʼatu isaaf mala jedhanii isatti muran.
65 I neki stanu pljuvati po njemu, zastirati mu lice i udarati ga govoreći: “Proreci!” I sluge ga stadoše pljuskati.
Namoonni tokko tokko isatti tufuu jalqaban; fuula isaas haguuganii abootteen isa rukutanii, “Mee raajii dubbadhu!” jedhan. Eegdonnis fuudhanii isa kakkabalan.
66 I dok je Petar bio dolje u dvoru, dođe jedna sluškinja velikoga svećenika;
Utuu Phexros dallaa sana keessa gara gadii jiruu xomboreewwan luba ol aanaa keessaa tokko dhufte.
67 ugledavši Petra gdje se grije, upre u nj pogled i reče: “I ti bijaše s Nazarećaninom, Isusom.”
Isheen utuu Phexros ibidda qaqqaammatuu argite; hubattees isa ilaalte. Isheenis, “Atis Yesuus nama Naazreeti sana wajjin turte” jetteen.
68 On zanijeka: “Niti znam niti razumijem što govoriš.” I iziđe van u predvorje, a pijetao se oglasi.
Inni garuu, “Ani waan ati jettu hin beeku; naaf hin galus” jedhee gane. Karra dallaatiinis gad baʼe; indaanqoonis ni iyye.
69 Sluškinja ga ugleda i poče opet govoriti nazočnima: “Ovaj je od njih!”
Xomboreen sun ammas isa argitee warra achi dhadhaabataniin, “Namichi kun jara keessaa tokkoo dha” jette.
70 On opet nijekaše. Domalo nazočni opet stanu govoriti Petru: “Doista, i ti si od njih! Ta Galilejac si!”
Inni garuu ammas ni gane. Yeroo xinnoo booddee immoo warri achi dhadhaabachaa turan Phexrosiin, “Atis nama Galiilaa waan taateef dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha!” jedhaniin.
71 On se tada stane kleti i preklinjati: “Ne znam čovjeka o kom govorite!”
Innis, “Ani namicha isin waaʼee isaa dubbattan kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe.
72 I odmah se po drugi put oglasi pijetao. I spomenu se Petar one besjede, kako mu ono Isus reče: “Prije nego se pijetao dvaput oglasi, triput ćeš me zatajiti.” I briznu u plač.
Yommusuma indaanqoon lammata iyye. Phexrosis dubbii Yesuus, “Utuu indaanqoon yeroo lama hin iyyin, ati yeroo sadii na ganta” isaan jedhee ture sana yaadatee booʼe.