< Ivan 5 >
1 Nakon toga bijaše židovski blagdan pa Isus uziđe u Jeruzalem.
Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol baʼe.
2 U Jeruzalemu se kod Ovčjih vrata nalazi kupalište koje se hebrejski zove Bethzatha, a ima pet trijemova.
Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba.
3 U njima je ležalo mnoštvo bolesnika - slijepih, hromih, uzetih: čekali su da izbije voda.
Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [
4 Anđeo bi Gospodnji, naime, silazio od vremena do vremena u ribnjak i pokrenuo vodu: tko bi prvi ušao pošto je voda izbila, ozdravio bi makar bolovao od bilo kakve bolesti.
Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]
5 Bijaše ondje neki čovjek koji je trpio od svoje bolesti trideset i osam godina.
Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture.
6 Kad ga Isus opazi gdje leži i kada dozna da je već dugo u tome stanju, kaže mu: “Želiš li ozdraviti?”
Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, “Ati fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
7 Odgovori mu bolesnik: “Gospodine, nikoga nemam tko bi me uronio u kupalište kad se voda uzbiba. Dok ja stignem, drugi već prije mene siđe.”
Dhukkubsataan sunis, “Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena” jedheen.
8 Kaže mu Isus: “Ustani, uzmi svoju postelju i hodi!”
Kana irratti Yesuus, “Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi” jedheen.
9 Čovjek odmah ozdravi, uzme svoju postelju i prohoda. Toga dana bijaše subota.
Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme. Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture;
10 Židovi su stoga govorili ozdravljenomu: “Subota je! Ne smiješ nositi postelju svoju!”
Yihuudoonnis namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata; seerri siree kee baachuu si dhowwa” jedhaniin.
11 On im odvrati: “Onaj koji me ozdravi reče mi: 'Uzmi svoju postelju i hodi!'”
Inni garuu, “Namicha na fayyisetu ‘Siree kee fudhadhuu deemi’ naan jedhe” jedheen.
12 Upitaše ga dakle: “Tko je taj čovjek koji ti je rekao: 'Uzmi i hodi?'”
Isaanis, “Namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan.
13 No ozdravljenik nije znao tko je taj jer je Isus nestao u mnoštvu što se ondje nalazilo.
Namichi fayye sun sababii Yesuus achi hiiqee tuuta iddoo sana ture keessa seeneef inni eenyu akka taʼe hin beekne.
14 Nakon toga nađe ga Isus u Hramu i reče mu: “Eto, ozdravio si! Više ne griješi da te što gore ne snađe!”
Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, “Ati kunoo amma fayyiteerta. Wanni kana caalu akka sitti hin dhufneef siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.
15 Čovjek ode i javi Židovima da je Isus onaj koji ga je ozdravio.
Namichis dhaqee kan isa fayyise Yesuus akka taʼe Yihuudootatti hime.
16 Zbog toga su Židovi počeli Isusa napadati što to radi subotom.
Kanaafuu sababii inni Sanbataan waan kana hojjeteef, Yihuudoonni Yesuusin ariʼachuu jalqaban.
17 Isus im odgovori: “Otac moj sve do sada radi pa i ja radim.”
Yesuus garuu, “Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira” isaaniin jedhe.
18 Zbog toga su Židovi još više gledali da ga ubiju jer je ne samo kršio subotu nego i Boga nazivao Ocem svojim izjednačujući sebe s Bogom.
Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.
19 Isus nato odvrati: “Zaista, zaista, kažem vam: Sin ne može sam od sebe činiti ništa, doli što vidi da čini Otac; što on čini, to jednako i Sin čini.
Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Ilmi ofii isaatiin waan tokko illee hojjechuu hin dandaʼu; inni waanuma utuu Abbaan isaa hojjetuu arge qofa hojjechuu dandaʼa; waanuma Abbaan hojjetu Ilmis akkasuma hojjetaatii.
20 Jer Otac Ljubi Sina i pokazuje mu sve što sam čini. Pokazat će mu i veća djela od ovih te ćete se čudom čuditi.
Abbaan Ilma ni jaallataatii; waan hojjetu hundumas isatti ni argisiisa. Akka isin dinqisiifattaniifis inni hojiiwwan hojiiwwan kanneen caalan iyyuu isatti ni argisiisa.
21 Uistinu, kao što Otac uskrisuje mrtve i oživljava tako i Sin oživljava koje hoće.
Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna.
22 Otac doista ne sudi nikomu: sav je sud predao Sinu
Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera;
23 da svi časte Sina kao što časte Oca. Tko ne časti Sina, ne časti ni Oca koji ga posla.”
kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
24 “Zaista, zaista, kažem vam: tko sluša moju riječ i vjeruje onomu koji me posla, ima život vječni i ne dolazi na sud, nego je prešao iz smrti u život. (aiōnios )
“Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. (aiōnios )
25 Zaista, zaista, kažem vam: dolazi čas - sada je! - kad će mrtvi čuti glas Sina Božjega i koji čuju, živjet će.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
26 Doista, kao što Otac ima život u sebi tako je i Sinu dao da ima život u sebi;
Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii.
27 i ovlasti ga da sudi jer je Sin Čovječji.
Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
28 Ne čudite se tome jer dolazi čas kad će svi koji su u grobovima, čuti njegov glas.
“Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii.
29 I izići će: koji su dobro činili - na uskrsnuće života, a koji su radili zlo - na uskrsnuće osude.
Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.
30 Ja sam od sebe ne mogu učiniti ništa: kako čujem, sudim, i sud je moj pravedan jer ne tražim svoje volje, nego volju onoga koji me posla.”
Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
31 “Ako ja svjedočim sam za sebe, svjedočanstvo moje nije istinito.
“Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti.
32 Drugi svjedoči za mene i znam: istinito je svjedočanstvo kojim on svjedoči za mene.
Garuu kan waaʼee koo dhugaa baʼu biraa jira; anis akka dhuga baʼumsi inni waaʼee koo kennu sun dhugaa taʼe beeka.
33 Vi ste poslali k Ivanu i on je posvjedočio za istinu.
“Isin Yohannisitti ergitaniirtu; innis dhugaa sanaaf, dhugaa baʼeera.
34 Ja ne primam svjedočanstva od čovjeka, već govorim to da se vi spasite.
Ani dhuga baʼumsa namaa hin fudhadhu; garuu akka isin fayyitaniif wantoota kanneen nan dubbadha.
35 On bijaše svjetiljka što gori i svijetli, a vi se htjedoste samo za čas naslađivati njegovom svjetlosti.
Yohannis ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoo ifa isaatti gammaduu barbaaddan.
36 Ali ja imam svjedočanstvo veće od Ivanova: djela koja mi je dao izvršiti Otac, upravo ta djela koja činim, svjedoče za mene - da me poslao Otac.
“Ani garuu dhuga baʼumsa, dhuga baʼumsa Yohannis sana caalu qaba. Hojiin akka ani raawwadhuuf Abbaan natti kenne, kan ani hojjedhu kun iyyuu akka Abbaan na erge mirkaneessaatii.
37 Pa i Otac koji me posla sam je svjedočio za mene. Niti ste glasa njegova ikada čuli niti ste lica njegova ikada vidjeli,
Abbaan inni na erges ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera. Isin takkumaa sagalee isaa hin dhageenye; bifa isaas takkumaa hin argine.
38 a ni riječ njegova ne prebiva u vama jer ne vjerujete onomu kojega on posla.
Isin sababii isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.
39 Vi istražujete Pisma jer mislite po njima imati život vječni. I ona svjedoče za mene, (aiōnios )
Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu; (aiōnios )
40 a vi ipak nećete da dođete k meni da život imate.
isin garuu jireenya argachuudhaaf gara koo dhufuu hin barbaaddan.
41 Slave od ljudi ne tražim,
“Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu;
42 ali vas dobro upoznah: ljubavi Božje nemate u sebi.
garuu akka isin jaalala Waaqaa of keessaa hin qabne nan beeka.
43 Ja sam došao u ime Oca svoga i vi me ne primate. Dođe li tko drugi u svoje ime, njega ćete primiti.
Ani maqaa Abbaa kootiin dhufeera; isin na hin simattan; utuu namni biraa maqaa ofii isaatiin dhufee garuu isa ni simattu.
44 Ta kako biste vi vjerovali kad tražite slavu jedni od drugih, a slave od Boga jedinoga ne tražite!
Isin yoo wal irraa ulfina argattanii ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu hin barbaanne akkamitti amanuu dandeessu ree?
45 Ne mislite da ću vas ja tužiti Ocu. Vaš je tužitelj Mojsije u koga se uzdate.
“Waan ani Abbaa duratti isin himadhu hin seʼinaa. Kan isin himatu tokko jira; innis Musee isin abdattan sana.
46 Uistinu, kad biste vjerovali Mojsiju, i meni biste vjerovali: ta o meni je on pisao.
Utuu Musee amantanii silaa anas ni amantu ture; inni waaʼee koo barreesseetii.
47 Ali ako njegovim pismima ne vjerujete, kako da mojim riječima vjerujete?”
Isin erga waan inni barreesse hin amannee, dubbii koo immoo akkamitti amantu ree?”