< Postanak 14 >

1 Kad Amrafel bijaše kralj Šineara, Ariok kralj Elasara, Kedor-Laomer kralj Elama, Tidal kralj Gojima,
Bara sana keessa Amraafel mootiin Shineʼaar, Ariyook mootiin Elaasaar, Kedoorlaaʼomer mootiin Eelaamii fi Tidiʼaal mootiin Sabootaa kaʼanii,
2 povedoše oni rat protiv Bere, kralja Sodome, Birše, kralja Gomore, Šinaba, kralja Adme, Šemebera, kralja Sebojima, i protiv kralja u Beli, to jest Soaru.
Beraa mooticha Sodoom, Birishaa mooticha Gomoraa, Shinaab mooticha Adimaa, Shemeeber mooticha Zebooʼiimii fi mooticha Belaa ishee Zoʼaar jedhamtu sanaa loluu dhaqan.
3 I vojske se sliju u dolinu Sidim, gdje je danas Slano more.
Mootonni shanan kunneen hundi sulula Siidiim isa Galaana Soogiddaa jedhamu keessatti wal gaʼanii humna tokkummaa uummatan.
4 Dvanaest su godina služili Kedor-Laomera, ali trinaeste godine dignu se na ustanak.
Isaanis waggaa kudha shan Kedoorlaaʼomer jalatti bulan; waggaa kudha sadaffaatti garuu ni fincilan.
5 U četrnaestoj godini digne se Kedor-Laomer i kraljevi koji su bili s njim te potuku Refaimce u Ašterot Karnajimu, Zuzijce u Hamu, Emijce na ravnici Kirjatajimu,
Waggaa kudha afuraffaatti Kedoorlaaʼomerii fi mootonni isa wajjin turan baʼanii warra Refaayiim Ashteroot Qaarnaayimiitti, warra Zuuziim Haamitti, warra Eemiim Shaawii Kiriyaataayimiitti,
6 Horijce u brdskom kraju Seiru, blizu El Parana, koji je uz pustinju.
warra Hoori immoo lafa gaara Seeʼiiriitii jalqabanii hamma Eel Phaaraan kan gammoojjiitti dhiʼoo jiru sanaatti moʼatan.
7 Onda se povuku natrag i stignu u En Mišpat, to jest Kadeš, i pokore sve krajeve Amalečana i Amorejaca, koji su nastavali Haseson Tamar.
Ergasii of irra deebiʼanii Een Mishiphaati jechuunis Qaadesh dhaqanii biyya warra Amaaleq hundaa fi warra Amoor kanneen Hazezoon Taamaar keessa jiraatan humnaan qabatan.
8 Zatim istupi kralj Sodome, kralj Gomore, kralj Adme, kralj Sebojima i kralj Bele, odnosno Soara, te zapodjenu borbu protiv onih u dolini Sidimu:
Mootichi Sodoom, mootichi Gomoraa, mootichi Adimaa, mootichi Zebooʼiimii fi mootichi Belaa jechuunis Zoʼaar baʼanii Sulula Siidiim keessatti loluuf hiriiran.
9 Kedor-Laomera, kralja Elama, Tidala, kralja Gojima, Amrafela, kralja Šineara, Arioka, kralja Elasara - četiri kralja protiv pet.
Isaanis Kedoorlaaʼomer mootii Eelaam, Tidiʼaal mootii Sabootaa, Amraafel mootii Shineʼaariitii fi Ariyook mootii Elaasaar lolan; mootonni afran kunneen mootota shananiin morman.
10 Dolina Sidim bila je puna provalija s paklinom, pa kraljevi Sodome i Gomore, na bijegu, u njih poskaču, a ostali izmaknu u planine.
Sululli Siidiim boolla leeleetiin guutamee ture; mootonni Sodoomii fi mootonni Gomoraas baqatanii namoonni tokko tokko boolla sana keessa buʼan; warri hafan immoo gara gaarraniitti baqatan.
11 Pobjednici pokupe sve blago po Sodomi i Gomori i svu hranu pa odu.
Mootonni afran sun miʼaa fi nyaata warra Sodoomii fi Gomoraa hunda saamanii sokkan.
12 Pograbe i Lota, Abramova bratića - i on je živio u Sodomi - i njegovo blago pa otiđu.
Waan Loox ilmi obboleessa Abraam Sodoom keessa jiraachaa tureef mootonni sun isa illee qabeenyuma isaa wajjin boojiʼanii deeman.
13 A bjegunac neki - rođak Eškola i Anera, Abramovih saveznika - donese vijest Abramu Hebrejcu dok je boravio kod hrasta Amorejske Mamre.
Namichi baqatee baʼe tokko dhufee oduu kana Abraam Ibrichatti hime. Abraamis qilxuuwwan Mamree kan namicha Amoorii sana bira jiraachaa ture; Mamreen kun obboleessa Eshkoolii fi Aaneer ture; isaan Abraam wajjin kakuu galanii turan.
14 Kad je Abram čuo da mu je bratić zarobljen, skupi svoju momčad - rođenu u njegovu domu - njih trista osamnaest, pa pođe u potjeru do Dana.
Abraam akka firri isaa boojiʼame dhageenyaan namoota mana isaatti dhalatanii leenjifaman 318 walitti waammatee hidhachiisee hamma Daaniitti faana buʼe.
15 Podijeli svoje momke u dvije čete, napadne noću te one potuče. Progonio ih je do Hobe, sjeverno od Damaska.
Abraamis isaan loluuf jedhee halkaniin namoota isaa gargari qoode; hamma Hoobaa ishee kaaba Damaasqootti argamtu sanaattis faana buʼee isaan dhaʼe.
16 Povrati sve blago, svoga bratića Lota i njegovo blago, žene i ostali svijet.
Innis miʼa hunda deebifate; fira ofii isaa Looxii fi qabeenya isaa, dubartootaa fi namoota kaanis deebifate.
17 Pošto se vratio, porazivši Kedor-Laomera i kraljeve koji su bili s njim, u susret mu, u dolinu Šave, to jest u Kraljev dol, iziđe kralj Sodome.
Abraam Kedoorlaaʼomeri fi mootota isa wajjin turan moʼatee deebinaan mootiin Sodoom Sulula Shaawii kan Sulula Mootii jedhamu keessatti isa simachuu baʼe.
18 A Melkisedek, kralj Šalema, iznese kruha i vina. On je bio svećenik Boga Svevišnjega.
Malkiiseedeq mootiin Saaleemis buddeenaa fi daadhii wayinii fideef; innis luba Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii ture;
19 Blagoslovi ga govoreći: “Od Boga Svevišnjega, Stvoritelja neba i zemlje, neka je Abramu blagoslov!
innis akkana jedhee Abraamin eebbise; “Abraam, Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, isa samii fi lafa uume sanaan haa eebbifamu.
20 I Svevišnji Bog, što ti u ruke preda neprijatelje, hvaljen bio!” Abram mu dade desetinu od svega.
Waaqayyo Waaqni Waan Hundaa Olii, inni diinota kee dabarsee harka keetti kenne sun haa eebbifamu.” Ergasii Abraam waan hunda irraa kudhan keessaa tokko isaaf kenne.
21 Tada kralj Sodome reče Abramu: “Meni daj ljude, a dobra uzmi sebi!”
Mootiin Sodoomis Abraamiin, “Namoota naa kenniitii qabeenya immoo ofii keetii fudhadhu” jedhe.
22 Abram odgovori kralju Sodome: “Ruku uzdižem pred Jahvom, Svevišnjim Stvoriteljem neba i zemlje,
Abraam garuu mootii Sodoomiitiin akkana jedhe; “Ani harka koo gara Waaqayyo, Waaqa Waan Hundaa Olii, Uumaa samiitii fi lafaatti ol fudhadhee kakadheen jira;
23 da neću uzeti ni končića, ni remena od obuće, niti išta što je tvoje da ne kažeš: na meni se Abram obogatio.
akka ati, ‘Anatu Abraamin sooromse’ hin jenneef ani waan kan kee taʼe keessaa tokko iyyuu, foʼaa yookaan teepha ittiin kophee hidhatan iyyuu hin fudhadhu.
24 Ne, meni ništa, osim što su moji momci upotrijebili; i dio za momčad što je sa mnom išla: Aner, Eškol i Mamre, oni neka uzmu svoj dio.”
Waan namoonni koo nyaatanii fi qooda namoota ana wajjin deemanii jechuunis qooda Aaneer, kan Eshkooliitii fi kan Mamree malee ani ofii koo homaa hin fudhadhu; isaan qooda isaanii haa fudhatan.”

< Postanak 14 >