< Kološanima 1 >
1 Pavao, po volji Božjoj apostol Krista Isusa, i brat Timotej:
Phaawulos isa fedhii Waaqaatiin ergamaa Kiristoos Yesuus taʼee fi obboleessa keenya Xiimotewos irraa,
2 Kološanima, svetoj i vjernoj braći u Kristu. Milost vam i mir od Boga, Oca našega!
Gara qulqulloota, obboloota Kiristoosiin amanamoo taʼan kanneen Qolosaayis jiraataniitti: Abbaa keenya Waaqa biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
3 Zahvaljujemo Bogu, Ocu Gospodina našega Isusa Krista, svagda za vas moleći.
Nu yommuu isiniif kadhannutti Waaqa, Abbaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos yeroo hunda ni galateeffanna;
4 Jer čuli smo za vašu vjeru u Kristu Isusu i za ljubav koju gajite prema svima svetima
amantii isin Kiristoos Yesuusitti qabdanii fi jaalala isin qulqulloota hundaaf qabdan sana dhageenyeerraatii;
5 poradi nade koja vam je pohranjena u nebesima. Za nju ste već čuli u Riječi istine -
kunis sababii abdii samii keessatti isinii kuufame sanaatiif; isin waaʼee abdii kanaa duraanuu dubbii dhugaa, wangeela keessatti dhageessaniirtu;
6 evanđelju koje je do vas doprlo te plodove nosi i raste, kao što po svem svijetu, tako i među vama od dana kad ste čuli i spoznali milost Božju po istini,
wangeelli kunis isin bira gaʼeera. Wangeelli kunis gaafa isin isa dhageessanii dhugumaan ayyaana Waaqaa hubattanii jalqabee akkuma isin gidduutti hojjechaa ture sana addunyaa guutuu keessattis ija naqachaa fi guddachaa jira.
7 kako ste naučili od ljubljenog Epafre, sluge zajedno s nama; on je umjesto nas, vjeran poslužitelj Kristov,
Kanas tajaajilaa jaallatamaa hidhata keenya taʼe Ephaafiraa irraa barattaniirtu; innis Kiristoosiif tajaajilaa amanamaa taʼee iddoo keenya kan buʼee dha;
8 on nas je i obavijestio o vašoj ljubavi u Duhu.
inni waaʼee jaalala keessan kan Hafuurri isinii kenne sanaas nutti himeera.
9 Zato i mi, od dana kada to čusmo, neprestano za vas molimo i ištemo da se ispunite spoznajom volje Njegove u svoj mudrosti i shvaćanju duhovnome:
Sababii kanaaf nu gaafa waaʼee keessan dhageenyee jalqabnee isinii kadhachuu fi akka Waaqni karaa ogummaatii fi hubannaa hafuuraa hundaan beekumsa fedhii isaatiin isin guutu kadhachuu hin dhiifne.
10 da živite dostojno Gospodina i posve mu ugodite, plodni svakim dobrim djelom i rastući u spoznaji Božjoj;
Kunis akka isin hojii gaarii hundaan ija naqachaa, Waaqa beekuudhaanis guddachaa, jireenya Gooftaaf maluu fi kan karaa hundaan isa gammachiisu jiraattaniif;
11 osnaženi svakom snagom, po sili Slave njegove, za svaku postojanost i strpljivost;
isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas
12 s radošću zahvaljujući Ocu koji vas osposobi za dioništvo u baštini svetih u svjetlosti.
Waaqa Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa.
13 On nas izbavi iz vlasti tame i prenese u kraljevstvo Sina, ljubavi svoje,
Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii;
14 u kome imamo otkupljenje, otpuštenje grijeha.
nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.
15 On je slika Boga nevidljivoga, Prvorođenac svakog stvorenja.
Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa.
16 Ta u njemu je sve stvoreno na nebesima i na zemlji, vidljivo i nevidljivo, bilo Prijestolja, bilo Gospodstva, bilo Vrhovništva, bilo Vlasti - sve je po njemu i za njega stvoreno:
Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman.
17 on je prije svega i sve stoji u njemu.
Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.
18 On je Glava Tijela, Crkve; on je Početak, Prvorođenac od mrtvih, da u svemu bude Prvak.
Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa.
19 Jer svidjelo se Bogu u njemu nastaniti svu Puninu
Waaqni guutummaan isaa hundi isa keessa jiraachuu isaatti gammadeeraatii;
20 i po njemu - uspostavivši mir krvlju križa njegova - izmiriti sa sobom sve, bilo na zemlji, bilo na nebesima.
dhiiga isaa kan fannoo irratti dhangalaʼe sanaanis nagaa buusuudhaan waan lafa irra jiru yookaan waan samii keessa jiru hunda karaa isaatiin ofitti araarseeraatii.
21 I vas, nekoć po zlim djelima udaljene i neprijateljski raspoložene,
Isinis dur amala keessan hamaa sanaan Waaqatti orma taatanii yaada keessaniinis diinota turtan.
22 sada u ljudskom tijelu Kristovu, po smrti, sa sobom izmiri da vas k sebi privede svete, bez mane i besprigovorne.
Amma garuu qulqulloota mudaa hin qabnee fi warra hirʼina hin qabne godhee fuula isaa duratti isin dhiʼeessuuf dhagna foon Kiristoosiin, karaa duʼa isaatiin isin araarseera;
23 Samo ako ostanete u vjeri utemeljeni, stalni i nepoljuljani u nadi evanđelja koje čuste, koje se propovijeda svakom stvorenju pod nebom, a ja mu, Pavao, postadoh poslužiteljem.
kunis yoo isin amantii keessaniin itti fuftan, yoo jabaattanii dhaabattanii fi yoo isin abdii wangeelaa irraa hin sochoone taʼa. Wangeelli kunis isuma isin dhageessanii fi isuma samii gaditti uumama hundatti lallabamee dha; ani Phaawulosis wangeeluma kanaaf tajaajilaa taʼeera.
24 Radujem se sada dok trpim za vas i u svom tijelu dopunjam što nedostaje mukama Kristovim za Tijelo njegovo, za Crkvu.
Ani amma isiniif dhiphachuu kootti nan gammada; waan dhiphina Kiristoos dhagna isaatiif jechuunis waldaa kiristaanaatiif jedhee dhiphate sana keessaa hirʼates ani foon kootiin nan guuta.
25 Njoj ja postadoh poslužiteljem po rasporedbi Božjoj koja mi je dana za vas da potpuno pronesem Riječ Božju -
Ergama Waaqni natti kenneen ani akka dubbii Waaqaa guutummaatti isinii dhiʼeessuuf tajaajilaa waldaa kiristaanaa taʼeera;
26 otajstvo pred vjekovima i pred naraštajima skriveno, a sada očitovano svetima njegovim. (aiōn )
dubbiin kunis icciitii barootaa fi dhaloota jalaa dhokfamee turee dha; amma garuu qulqulloota isaatti mulʼifameera. (aiōn )
27 Njima Bog htjede obznaniti kako li je slavom bogato to otajstvo među poganima: to jest Krist u vama, nada slave!
Waaqni badhaadhummaan ulfina icciitii kanaa hammam guddaa akka taʼe Namoota Ormaa gidduutti qulqulloota isaatti beeksisuu filateera; icciitiin kunis Kiristoos, abdii ulfinaa isa isin keessa jiruu dha.
28 Njega mi navješćujemo, opominjući svakoga čovjeka, poučavajući svakoga čovjeka u svoj mudrosti da bismo svakoga čovjeka doveli do savršenstva u Kristu.
Nus isuma lallabna; nama hunda kan guutumaan guutuutti Kiristoositti bilchaataa taʼe akka dhiʼeessinuuf, tokkoo tokkoo namaa ogummaa hundaan gorsaa barsiisna.
29 Za to se i trudim i borim njegovom djelotvornošću koja u meni snažno djeluje.
Kanaafuu ani akkuma hojii humna isaa kan ciminaan na keessatti hojjetu sanaatti carraaqaa nan dhimma.