< 1 Samuelova 25 >
1 Uto umrije Samuel. Sav se Izrael skupi i oplaka ga naričući za njim; i pokopaše ga u njegovu zavičaju u Rami. A David usta i siđe u pustinju Paran.
Saamuʼeel ni duʼe; sabni Israaʼel hundi wal gaʼee isaaf booʼe; mana isaa kan Raamaa jirutti isa awwaalan. Kana irratti Daawit achii kaʼee gara Gammoojjii Phaaraanitti gad buʼe.
2 U Maonu živio čovjek koji je imao svoje gospodarstvo u Karmelu; bio je to vrlo bogat čovjek, imao je tri tisuće ovaca i tisuću koza. Upravo je tada strigao svoje ovce u Karmelu.
Namni Maaʼoon kan Qarmeloos keessaa qabeenya qabu tokko akka malee sooressa ture. Innis reʼoota kuma tokkoo fi hoolota kuma sadii kanneen Qarmeloositti rifeensa irraa haadatu qaba ture.
3 Taj se čovjek zvao Nabal, a njegova žena Abigajila. Žena je bila mudra i vrlo lijepa, a čovjek surov i opak: bio je Kalebovac.
Maqaan isaa Naabaal, kan niitii isaa immoo Abiigayiilii dha. Isheen dubartii beektuu fi bareedduu turte; dhirsi ishee garuu addaggee fi hamaa ture; gosti isaas gosa Kaaleb.
4 David je u pustinji čuo da Nabal striže svoje ovce.
Daawit akka Naabaal Gammoojjii keessatti hoolota isaa irraa rifeensa haaddachaa jiruu ni dhagaʼe.
5 Stoga posla deset momaka naloživši im: “Idite gore u Karmel, otiđite k Nabalu i pozdravite ga u moje ime.
Kanaafuu akkana jedhee dargaggoota kudhan erge; “Naabaal bira gara Qarmeloos dhaqaatii maqaa kootiin nagaa isa gaafadhaa.
6 I recite ovako mome bratu: 'Mir tebi, mir tvome domu, mir svemu što imaš!
Akkanas jedhaanii: ‘Bara dheeraa jiraadhu! Nagaan siif haa taʼu; nagaan maatii keetiifis haa taʼu! Waan ati qabdu hundaafis haa taʼu!
7 Sada, čujem, strižeš ovce. A tvoji su pastiri bili kod nas, nismo ih dirali, ništa im nije nestalo dokle god su bili u Karmelu.
“‘Ani amma akka yeroon kun yeroo itti hoolota irraa rifeensa haadan taʼe dhagaʼeera. Yeroo tiksoonni kee nu wajjin turanitti nu isaan hin miine; yeroo isaan Qarmeloos keessa turan guutuus wanni isaan qaban tokko iyyuu jalaa hin badne.
8 Pitaj svoje sluge i kazat će ti. Zato neka ovi momci nađu milost pred tobom, jer smo došli u svečan dan. Podaj svojim slugama i svome sinu Davidu što ti se nađe pri ruci.'”
Hojjettoota kee gaafadhu; isaan sitti himuutii. Kanaafuu waan nu yeroo gaarii dhufneef dargaggoota kootiif arjoomi. Maaloo tajaajiltoota keetii fi ilma kee Daawitiif waanuma amma harkaa qabdu kenni.’”
9 Dođoše momci Davidovi i ponoviše Nabalu u Davidovo ime sve ove riječi, a onda pričekaše.
Namoonni Daawitis yeroo achi gaʼanitti maqaa Daawitiin dhaamsa kana Naabaalitti himanii deebii isaa eeggatan.
10 Ali Nabal odgovori Davidovim slugama ovako: “Tko je David, tko je Jišajev sin? Danas ima mnogo slugu koji su pobjegli od svojih gospodara.
Naabaalis tajaajiltoota Daawitiif akkana jedhee deebise; “Daawit kun eenyu? Ilmi Isseey kun eenyu? Yeroo ammaa tajaajiltoonni hedduun gooftota isaanii jalaa badaa jiru.
11 Zar da uzmem svoj kruh, svoju vodu, svoju stoku koju sam poklao za svoje strigače pa da to poklonim ljudima o kojima ne znam ni odakle su?”
Egaa ani maaliifan buddeena koo, bishaan koo fi foon namoota hoolota koo irraa rifeensa haadaniif qale namoota eessaa akka dhufan hin beekamneef kenna?”
12 Davidovi se momci okrenuše i vratiše se svojim putem. Kad su se vratili, javiše sve ove riječi Davidu.
Namoonni Daawitis of irra garagalanii deebiʼan. Yeroo deebiʼanittis waan hunda isatti himan.
13 A David reče svojim ljudima: “Pripašite svaki svoj mač!” I pripasaše svaki svoj mač, i David pripasa svoj, i oko četiri stotine ljudi krenu za Davidom, dok ih dvije stotine osta kod tovara.
Daawitis namoota isaatiin, “Goraadee keessan hidhadhaa!” jedhe. Kanaafuu isaan goraadee isaanii hidhatan; Daawitis goraadee isaa hidhate. Namoonni gara dhibba afur taʼan Daawit wajjin deeman; namoonni dhibbi lama immoo miʼa biratti hafan.
14 A ženi Nabalovoj, Abigajili, javio jedan od Nabalovih slugu ovo: “Eto, David je poslao iz pustinje glasnike da pozdrave našega gospodara, a on ih potjerao.
Tajaajiltoota keessaa inni tokko akkana jedhee Abiigayiil niitii Naabaalitti hime: “Daawit akka isaan gooftaa keenyaaf nagaa dhiʼeessaniif gammoojjiidhaa ergamoota ergee ture; inni garuu akka malee isaan arrabse.
15 A ti su ljudi bili vrlo dobri prema nama: nisu nas dirali, ništa nismo izgubili dokle god smo bili u njihovoj blizini kad smo bili u polju.
Taʼus namoonni kunneen nuuf baayʼee gaarii turan. Isaan nu hin miine; yeroo isaan wajjin bosona turre hundas wanti tokko iyyuu nu jalaa hin badne.
16 Noću i danju bili su nam kao bedem u sve vrijeme dok smo bili s njima pasući stada.
Yeroo nu hoolota keenya isaan bira tiksaa turre hunda isaan halkanii fi guyyaa dallaa nuu taʼanii turan.
17 Razmisli sada i vidi što ćeš učiniti, jer je gotova pogibija našem gospodaru i svemu njegovu domu; a on je opak čovjek komu se ne može ništa kazati.”
Sababii gooftaa keenyaa fi guutummaa mana isaa balaan marseef ati amma waan gochuu dandeessu yaadi. Sababii inni nama hamaa akkanaa taʼeef namni tokko iyyuu isatti dubbachuu hin dandaʼu.”
18 Abigajila brzo uze dvije stotine hljebova, dva mijeha vina, pet zgotovljenih ovaca, pet mjera pržena žita, sto grozdova suhoga grožđa, dvije stotine smokovih kolača i sve to natovari na magarce.
Abiigayiil yeroo hin balleessine. Isheen buddeena dhibba lama, daadhii wayinii qalqalloo lama; hoolota qalmaaf qopheeffaman shan, akaayii safartuu shan, maxinoo ija wayinii dhibba tokkoo fi maxinoo ija harbuu dhibba lama fudhattee harreetti feʼatte.
19 I zapovjedi svojim slugama: “Idite preda mnom, a ja ću za vama.” Svome mužu Nabalu nije kazala ništa.
Ergasii tajaajiltoota isheetiin, “Na dursaatii deemaa; ani isinan qaqqaba” jette. Garuu dhirsa ishee Naabaalitti hin himne.
20 Dok je, jašući na magarcu, silazila iza gorskog zavoja, David je sa svojim ljudima silazio nasuprot njoj, tako da se ona susrela s njima.
Utuma isheen harree yaabbattee tulluudhaan daʼattee gad buʼaa jirtuu Daawitii fi namoonni isaa isheetti dhufan; isheenis isaan simatte.
21 A David je upravo mislio: “Uzalud sam, dakle, zaštićivao u pustinji sve što je taj čovjek imao i ništa mu nije nestalo od svega što je posjedovao! Sada mi vraća zlo za dobro!
Daawit akkana jedhee ture; “Ani akka wanni inni qabu tokko illee jalaa hin badneef gammoojjiitti qabeenya namicha kanaa eeguun koo gatii dhabeera. Inni waan gaarii ani isaaf godheef waan hamaa naaf deebiseera.
22 Neka Bog učini Davidu ovo zlo i neka mu doda drugo ako Nabalu do zore od svega što ima ostavim i ono što mokri uza zid!”
Yoo ani bori ganama waan kan isaa taʼe keessaa dhiira tokko illee lubbuun hambise, Waaqni Daawitin haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu!”
23 Kad je Abigajila ugledala Davida, brzo sjaha s magarca i pade pred Davida ničice, poklonivši se do zemlje.
Abiigayiil yeroo Daawitin argitetti daftee harree ishee irraa buutee adda isheetiin fuula Daawit duratti lafatti gombifamtee sagadde.
24 Bacivši mu se tako pred noge, reče: “Gospodaru, neka na mene padne krivica! Dopusti da službenica tvoja progovori tvojim ušima i udostoj se poslušati riječi službenice svoje!
Isheenis miilla isaa irratti kuftee akkana jette: “Yaa gooftaa ko, balleessaan hundi ana qofa irra haa jiraatu. Maaloo akka garbittiin kee sitti dubbattu eeyyamiif; waan garbittiin kee dubbachuu barbaaddus dhagaʼi.
25 Neka moj gospodar ne gleda na toga opakog čovjeka, na Nabala, jer on s pravom nosi svoje ime: zove se Luda i ludost je s njim. A ja, službenica tvoja, nisam vidjela momaka koje je poslao moj gospodar.
Gooftaan koo waaʼee namicha hamaa sanaa waaʼee Naabaal homaattuu hin hedin. Inni akkuma maqaa isaa ti; hiikkaan maqaa isaas gowwaa jechuu dha. Gowwummaanis isa wajjin jira. Ani garbittiin kee garuu namoota gooftaan koo erge sana hin argine.
26 Zato sada, gospodaru, živoga mi Jahve, i tako živ bio ti, i tako ti Jahve koji te očuvao da ne svališ na se krvnu krivicu i da ne pribaviš sebi pravdu svojom rukom: neka prođu kao Nabal tvoji neprijatelji i oni koji snuju zlo mome gospodaru!
Akka ati dhiiga hin dhangalaafnee fi akka harka keetiin haaloo hin baafne Waaqayyo si eegeera; dhugaa Waaqayyo jiraataa; duʼa kee ti; diinonni keetii fi warri gooftaa koo miidhuu barbaadan hundi akkuma Naabaal haa taʼan.
27 A ovaj dar, što ga evo tvoja službenica nosi svome gospodaru, neka se dade momcima koji idu za mojim gospodarom na njegovim putovima.
Kennaan garbittiin kee gooftaa kootiif fidde kunis namoota si duukaa buʼaniif haa kennamu.
28 Oprosti službenici svojoj njezinu krivnju! Zacijelo će Jahve osnovati trajan dom mome gospodaru, jer moj gospodar bije Jahvine bojeve i za svega tvoga života neće se naći zlo na tebi.
“Waan gooftaan koo lola Waaqayyoo loluuf Waaqayyo gooftaa kootiif dhugumaan mootummaa bara baraa ni dhaabaatii. Maaloo balleessaa garbittii keetii dhiisiif. Bara jireenya keetii keessas yakki tokko iyyuu sirratti hin argamin.
29 Ako se tko digne da te progoni i da ti radi o glavi, neka život moga gospodara bude pohranjen u škrinji života kod Jahve, tvoga Boga, a život tvojih neprijatelja neka on baci kao iz praćke.
Eenyu iyyuu lubbuu kee balleessuuf jedhee si ariʼu illee, lubbuun gooftaa koo waldaa jiraattotaa keessatti Waaqayyo Waaqa keetiin ni eegamti. Inni garuu akkuma waan wiirtuu furrisa keessaa furrifamuutti lubbuu diina keetii furrisee ni darbata.
30 I kad Jahve učini mome gospodaru svako dobro koje ti je obećao i kad te odredi da budeš knezom nad Izraelom,
Yeroo Waaqayyo akkuma gooftaa kootiif waadaa gale sanatti waan gaarii hunda godheefii Israaʼel irratti hoogganaa godhee isa muudutti,
31 onda neka ne bude na smutnju ni na grižnju savjesti mome gospodaru da je ni za što prolio krv i da je sebi pribavio pravdu svojoj rukom. I kad Jahve učini dobro mome gospodaru, sjeti se tada službenice svoje!”
gooftaan koo sababii yakka malee dhiiga dhangalaasuutiin yookaan sababii haaloo baafachuutiin waan isa gaabbisiisu yookaan waan qalbii isaa tuqu tokko illee hin qabaatin. Yeroo Waaqayyo Waaqni kee gooftaa kootiif waan gaarii godhutti garbittii kee yaadadhu.”
32 David odgovori Abigajili: “Neka je blagoslovljen Jahve, Bog Izraelov, koji te danas poslao meni u susret!
Daawitis Abiigayiiliin akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel inni akka ati harʼa na argituuf natti si erge haa eebbifamu.
33 Neka je blagoslovljena tvoja mudrost i blagoslovljena bila ti što si me danas zadržala da ne svalim na se krvnu krivicu i da ne pribavim sebi pravdu svojom rukom.
Ati sababii harʼa gorsa gaarii naa kennitee dhiiga dhangalaasuu fi harkuma kootiin haaloo baafachuu irraa na deebifteef eebbifami.
34 Ali, tako mi živog Jahve, Boga Izraelova, koji nije dopustio da ti učinim zlo: da mi nisi tako brzo izišla u susret, zaista ne bi Nabalu do jutra ostalo ni ono što uza zid mokri!”
Dhugaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel kan isin miidhuu na dhowwe jiraataa sanaa, utuu ati daftee na arguuf dhufuu baattee silaa ilmaan Naabaal keessaa dhiirri tokko iyyuu hamma lafti bariitutti hin hambifamu ture.”
35 Nato David primi iz njezine ruke što mu bijaše donijela i reče joj: “Vrati se s mirom svojoj kući. Gle, uslišao sam tvoj glas i obazreo se na tebe.”
Daawitis ergasii waan isheen isaaf fidde sana harka ishee irraa fuudhatee, “Nagaan gali. Ani waan ati jette dhagaʼeera; gaaffii kees fudhadheera” jedhe.
36 Kad se Abigajila vratila k Nabalu, on je upravo imao gozbu u kući, pravu kraljevsku gozbu: Nabal bijaše veseo i sasvim pijan; zato mu ona ne reče ništa dok nije svanulo jutro.
Yeroo Abiigayiil gara Naabaal dhaqxetti, inni mana isaatti cidha akkuma cidha mootii tokkoo qopheessee ture. Innis gammachuudhaan guutamee akka malee machaaʼee ture. Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti waan tokko illee isatti hin himne.
37 A ujutro, kad se Nabal otrijeznio, pripovjedi mu njegova žena sve što se dogodilo, a njemu obamrije srce u grudima i on osta kao da se skamenio.
Ganama sanas yeroo machiin Naabaal irraa galetti niitiin isaa waan kana hunda itti himte; onneen isaas ni dhaabatte; innis akkuma dhagaa taʼe.
38 A desetak dana poslije toga Jahve udari Nabala te umrije.
Bultii kudhan booddee Waaqayyo Naabaalin dhaʼe; innis ni duʼe.
39 Kad David ču da je umro Nabal, reče: “Neka je blagoslovljen Jahve, koji mi je ispravio nepravdu što mi je učini Nabal; i Jahve je očuvao svoga slugu da ne učini zla, a svalio je Nabalovu zloću na njegovu glavu!” Potom David posla poruku Abigajili da će je uzeti za ženu.
Daawitis yeroo akka Naabaal duʼe dhagaʼetti, “Waaqayyo isa arrabsoo Naabaal haaloo naaf baaseef galanni haa gaʼu. Inni garbicha isaa yakka hojjechuu dhowwee yakka Naabaal matuma isaatti deebiseeraatii” jedhe. Daawitis akka isheen niitii isaaf taatu gaafachuuf Abiigayiilitti ergaa erge.
40 Davidove sluge dođoše k Abigajili u Karmel i rekoše joj: “David nas je poslao k tebi da te uzme sebi za ženu.”
Tajaajiltoonni isaas Qarmeloos dhaqanii Abiigayiiliin, “Daawit akka ati isaaf niitii taatuuf akka nu isatti si geessinuuf sitti nu erge” jedhan.
41 A ona ustade, pokloni se do zemlje i reče: “Evo službenice tvoje koja je spremna da bude robinja i da pere noge slugama svoga gospodara!”
Isheenis adda isheetiin lafatti gombifamtee, “Garbittiin kee kunoo ti; ani si tajaajiluu fi miilla tajaajiltoota gooftaa koo dhiquuf qophaaʼeera” jette.
42 Potom Abigajila brzo ustade i zajaha na magarca, a za njom pođe pet njezinih dvorkinja. Tako je otišla za Davidovim poslanicima i postala njegovom ženom.
Abiigayiilis daftee harree yaabbattee tajaajiltoota ishee dubara shan qabattee ergamoota Daawit wajjin deebitee dhaqxee Daawitiif niitii taate.
43 I Ahinoamom iz Jizreela bijaše se oženio David i obje mu bjehu žene.
Akkasumas Daawit biyya Yizriʼeel keessaa Ahiinooʼamin fuudhe; lamaan isaanii iyyuu niitota taʼaniif.
44 Jer Šaul bijaše svoju kćer Mikalu, Davidovu ženu, dao Paltiju, sinu Lajiša iz Galima.
Saaʼol garuu Miikaal intala isaa kan niitii Daawit turte sana Phaltiiʼeel ilma Laayish kan lammii Galiim ture sanatti heerumsiise.