< Ŵaloma 6 >

1 Nipele, sambano tujileje uli? Ana tujendelechele kusigala mu sambi kuti umbone wa Akunnungu upunde?
Egaa maal jenna ree? Akka ayyaanni baayʼatuuf ittuma fufnee cubbuu haa hojjennuu?
2 Ngwamba! Patukusala nkati machili ga sambi syasili mwetuwe, uweji tuli mpela ŵatuwile, ana tutukombole uli kutama sooni mu sambi?
Gonkumaa hin taʼu! Nu warri cubbuuf duune, siʼachi akkamitti cubbuu jala jiraanna?
3 Pakuŵa nkumanyilila kuti twabatiswe nkulumbikana ni Kilisito Che Yesu, ni kwa litala lya ubatiso twalumbikene nawo mu chiwa chao.
Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii?
4 Patwabatisilwe twalumbikene ni chiwa chao ni kusikwa pamo nawo, kuti mpela iŵatite pakusyuswa Kilisito mu ŵawe kwa litala lya ukulu wa Atati, iyoyo peyo noweji tukombole kutama mu umi wa sambano.
Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.
5 Pakuŵa iŵaga uweji twalumbikene ni Kilisito kwa chiwa chao, iyoyo peyo tutulumbikane nawo kwa kusyuswa mpela ŵelewo.
Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana.
6 Tukumanyilila kuti wende wetu wa kalakala waŵambikwe pa nsalaba pamo ni Kilisito kuti chiilu cha sambi chijonasiche, tukasitumichila sooni sambi.
Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna;
7 Pakuŵa mundu jwawile ngakuŵa sooni paasi pa machili ga sambi syasikupanganya masengo nkati mwao.
namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.
8 Nambo iŵaga tuwile pamo ni Kilisito, tukukulupilila kuti chitutame pamo nawo.
Egaa nu yoo Kiristoos wajjin duune, akka isa wajjin jiraannus ni amanna.
9 Pakuŵa tukumanyilila kuti Kilisito asyuchile, nombewo ngaawa sooni, pakuŵa chiwa ngachatawala sooni.
Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu.
10 Pakuŵa ŵawile kamo pe kwa ligongo lya sambi, ngaawa sooni, nambo kwakutama kwakwe, sambano akutama nkulumbikana ni Akunnungu.
Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata.
11 Iyoyo peyo ni ŵanyamwe nombe nliŵalanje ŵawe nkati ngani ja machili ga sambi ni kutama pamo ni Akunnungu nkulumbikana ni Kilisito Yesu.
Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Kiristoos Yesuusiin garuu akka Waaqaaf jiraattota taatanitti of hedaa.
12 Nipele, nkasileka sooni sambi sitawale mu iilu yenu ya kuwa, kuti nkasijitichisya tama sya pachiilu.
Kanaafuu isin akka fedhii isaa hamaadhaaf hin ajajamneef dhagna keessan kan duʼa hin oolle irratti cubbuu hin moosisinaa.
13 Kasinyikoposya iŵalo yenu nachiŵamuno chimo kwa ligongo lya kutenda sambi. Nambo nlityosye mwachinsyene kwa Akunnungu nti ŵandu ŵasyuswe, ni nnyityosye iŵalo yenu itumiche kwa kupanganya yambone paujo pa Akunnungu.
Akka warra duʼa irraa gara jireenyaatti fidamaniitti Waaqaaf of dhiʼeessaa malee kutaa dhagna keessanii miʼa jalʼinaa gootanii cubbuuf hin dhiʼeessinaa; garuu kutaa dhagna keessanii miʼa qajeelinaa godhaatii Waaqaaf dhiʼeessaa.
14 Sambi sinantawale sooni, ligongo nganimma paasi pa malajisyo nambo nkulongoswa ni ntuuka wa Akunnungu.
Isin ayyaana jala jirtu malee waan seera jala hin jirreef, cubbuun isin irratti gooftummaa hin qabaatu.
15 Nipele, tujileje uli? Ana tujendelechele kutenda sambi pakuŵa nganituŵa paasi pa malajisyo, nambo tukulongoswa ni ntuuka wa umbone wa Akunnungu? Ngwamba!
Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu!
16 Nkumanyililanga kuti mwalityosyaga mwachinsyene mpela achikapolo kwa kunjitichisya mundu jwine, isyene nkuŵa achikapolo ŵa mundu jo. Mwaŵaga achikapolo ŵa sambi, mbesi jakwe chiwa ni mwaŵaga achikapolo ŵa kwajitichisya Akunnungu, mbesi jakwe nkutendekwa kuŵa ŵambone paujo pao.
Cubbuu gara duʼaatti nama geessuufis taʼu yookaan ajajamuu gara qajeelummaatti nama geessuuf, yommuu akka garbootaatti nama tokkoof ajajamuuf of kennitanitti, nama ajajamtaniif sanaaf akka garboota taatan hin beektanii?
17 Nambo ngwatogolela Akunnungu, namose mwaliji achikapolo ŵa sambi kalakala ko, nambo sambano mpochele kwa ntima wose usyene wauli mmajiganyo gimpochele.
Isin yoo garboota cubbuu turtan illee amma garuu barumsa itti kennamtan sanaaf waan garaa guutuun ajajamtaniif Waaqaaf galanni haa taʼu.
18 Mmombochekwe kutyochela mu ukapolo wa sambi, ni sambano mmele achikapolo ŵakupanganya yaili yambone paujo pa Akunnungu.
Isin cubbuu irraa bilisoomtanii garboota qajeelummaa taataniirtu.
19 Nguŵecheta kwa maloŵe ga moŵa gose pakuŵa ngankukombola kumanyilila. Pakuŵa kalakala ko mwalityosisye iilu yenu mme achikapolo ŵa usakwa ni ugongomalo. Iyoyo peyo sambano nlityosye mwachinsyene mme achikapolo ŵakupanganya yambone paujo pa Akunnungu kuti nkombole kuswejeswa.
Sababii isin uumamaanuu dadhaboo taataniif ani jecha namaa galuun nan dubbadha; akkuma kutaa dhagna keessanii xuraaʼummaa fi hammina guddachaa deemuuf garba gootanii dhiʼeessaa turtan sana ammas kutaa dhagna keessanii qajeelummaa gara qulqullummaatti geessuuf garba godhaatii dhiʼeessaa.
20 Pamwalinji achikapolo ŵa sambi, nganintaŵikwa kupanganya indu yambone paujo pa Akunnungu.
Isin yeroo garboota cubbuu turtanitti, qajeelummaa irraa bilisa turtan.
21 Ana mwapochile chichi pa moŵa go pamwapangenye indu yankuiwona kuti ili indu ya soni sambano jino? Pakuŵa kumbesi kwa indu yo kuli chiwa.
Waan amma itti qaanoftan kana irraa yeroo sana buʼaa maalii argattan ree? Dhumni waan sanaa duʼaatii!
22 Nambo sambano mmasile kuwombolwa mu ukapolo wa sambi ni kutendekwa achikapolo ŵa Akunnungu. Chinkupoka sambano chili kutama mu kuswejeswa kwakukwikanawo umi wa moŵa gose pangali mbesi. (aiōnios g166)
Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Waaqaa taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti. (aiōnios g166)
23 Pakuŵa mbote ja sambi jili chiwa nambo ntuuka waakukoposya Akunnungu uli umi wa moŵa gose pangali mbesi mu kulumbikana ni Kilisito Yesu Ambuje ŵetu. (aiōnios g166)
Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti. (aiōnios g166)

< Ŵaloma 6 >