< Ŵaloma 14 >
1 Mumpochele jwelejo jwakulepetala mu chikulupi nkakanilana nawo nkati ng'anisyo syao.
Nama amantiitti dadhabaa taʼe ofitti qabaa; waan wal nama falmisiisu irrattis itti hin murinaa.
2 Mundu jumo akwete chikulupi, akulya indu yose, nambo jwine jwalepetele mu chikulupi, akulya maponda pe.
Namni tokko akka waan hunda nyaachuu dandaʼu amana; namni amantiin isaa dadhabaa taʼe kaan garuu biqiltuu qofa nyaata.
3 Mundu jwakulya indu yose, akasanjalusya jwelejo jwangakulya indu yose. Ni mundu jwakulya maponda pe, akasanlamula jwelejo jwakulya indu yose, pakuŵa Akunnungu ankundile jwelejo.
Namni nyaatu kan hin nyaatin hin tuffatin; inni hin nyaatinis kan nyaatutti hin murin; Waaqni isa ofitti qabeeraatii.
4 Ana mmwejo nduni junkunlamula jwakutumichila jwa jwine? Ajimaga uchenene pa masengo gao pane agwaga, lyele lili pachanya pa mmbujegwe. Nombejo chajime mwakulimbila, pakuŵa Ambuje chakombole kunjimika.
Hojjetaa nama kaaniitti kan murtu ati eenyu? Inni yoo dhaabates yoo kufes gooftaa isaatiif. Waan Gooftaan isa dhaabachiisuu dandaʼuufis ni dhaabata.
5 Mundu jumo akukombola kuganisya kuti lyuŵa limo lili lyambone kupunda moŵa gane nambo jwine akukombola kuganisya kuti moŵa gose gali yalumo. Kwapele mundu jwalijose ajitichisye yakuti pakuganisya nsyene.
Namni tokko akka waan guyyaan tokko guyyaa kaan caaluutti yaada; namni kaan immoo guyyaan hundi tokkuma jedhee yaada. Namni kam iyyuu yaada ofii isaa guutummaatti amanee haa fudhatu.
6 Mundu jwalijose jwakuliwona lyuŵa lili lyambone, akutenda yeleyo kwakwakusya Ambuje. Ni jwakulya indu yose, akutenda yeleyo kwakwakusya Ambuje, pakuŵa akwatogolela Akunnungu kwaligongo lya chakulya chiŵapele. Iyoyo ni jwangakulya indu yose, akutenda yeleyo kwakwakusya Ambuje, ni jwelejo nombe akwatogolela Akunnungu.
Namni guyyicha kabaju Gooftaaf jedhee kabaja; kan guyyicha hin kabajnes Gooftaaf jedhee hin kabaju. Kan nyaatu Gooftaaf jedhee nyaata; inni Waaqa galateeffataatii; kan hin nyaannes Gooftaaf jedhee hin nyaatu; Waaqas ni galateeffata.
7 Pakuŵa ngapagwa namose jumo pasikati jetu jwakutama kwa liwamba lyakwe nsyene atamuno ngapagwa jwakwasika kwa liwamba lyakwe nsyene.
Nu keessaa namni mataa isaatiif jiraatu, kan mataa isaatiif duʼus hin jiruutii.
8 Pakuwa iŵaga tukutama, tukutama kwa liwamba lya Ambuje ni iŵaga tukwasika, tukwasika kwa liwamba lya Ambuje. Nipele, iŵaga tukutama pane tukwasika, uwe tuli ŵandu ŵa Ambuje.
Nu yoo jiraanne Gooftaaf jiraanna; yoo duunes Gooftaaf duuna. Kanaafuu yoo jiraannes yoo duunes nu kan Gooftaa ti.
9 Pakuŵa Kilisito ŵajasiche ni kusyuka kwa ligongo lyo, melepe aŵeje Ambuje ŵao ŵaajasiche ni ŵajumi nombe nawo.
Sababii kanaaf Kiristoos Gooftaa duʼaaleyyiitii fi jiraatoo taʼuuf duʼe; deebiʼees jiraataa taʼe.
10 Kwachichi mmwe nkunlamula mpwenu jo? Pane uli alakwe kunjalusya mpwenu jo? Pakuŵa uweji wose tutujime paujo pa chitengu cha ulamusi cha Akunnungu.
Yoos ati maaliif obboleessa keetti murta ree? Yookaan maaliif obboleessa kee tuffatta ree? Nu hundi teessoo murtii Waaqaa dura ni dhaabannaatii.
11 Pakuŵa mpela Malembelo ga Akunnungu yagakuti pakusala, Ambuje akuti, “Isyene indite kuŵa Akunnungu jwanjumi, kila mundu chachitindiŵala paujo pangu ni kila mundu chachijitichisya kuŵecheta nsyene kuti Une ndili Akunnungu jwanjumi.”
Kunis: “‘Ani jiraataadhaatii; jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata; arrabni hundi Waaqaaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan” jedhamee barreeffameeraatii.
12 Kwayele, kila jwalijose pasikati jetu chaliŵalanje nsyene kwa aila iyaitesile paujo pa Akunnungu.
Kanaafis tokkoon tokkoon keenya waaʼee mataa keenyaa fuula Waaqaa duratti deebii ni kennina.
13 Nipele, tukasalamulana twachinsyene nambo tulilolechesye, mundu akasammichila njakwe chakukuŵasya pane kuntenda agwilile mu sambi.
Kanaafuu nu walitti muruu haa dhiifnu. Qooda kanaa akka karaa obboleessa keessanii irra gufuu yookaan waan gufachiisu tokko illee hin keenye murteeffadhaa.
14 Une jwanumbikene ni Ambuje Che Yesu, ngumanyilila kuti ngapagwa chakulya chachili chakusakala paujo pa Akunnungu. Nambo mundu aganisyaga kuti chakulya chine chili chakusakala paujo pa Akunnungu, chele chakulya cho chili chakusakala kwa jwelejo.
Akka wanni ofuma isaatiin xuraaʼaa taʼe tokko iyyuu hin jirre ani karaa Gooftaa Yesuus nan beeka; nan amanas. Nama wanni tokko xuraaʼaadha jedhee yaaduuf garuu wanni sun isaaf xuraaʼaa dha.
15 Nambo mwansupusyaga mpwenu kwa ligongo lya yakulya inkulya, nlesile kutenda mu unonyelo. Chakulya chinkulya chikaŵa ligongo lya kunsoyasya mpwenu juŵawililwe ni Kilisito.
Yoo wanni ati nyaattu obboleessa kee miidhe, ati jaalalaan jiraachaa hin jirtu. Ati waan nyaattuun obboleessa kee isa Kiristoos isaaf duʼe hin balleessin.
16 Iyoyo kasinjitichisya kuti chindu chinkuchiwona ŵanyamwe chambone chijaluswe.
Kanaafuu wanti isin gaariidha jettan akka arrabsamu hin godhinaa.
17 Pakuŵa, Umwenye wa Akunnungu nganiuŵa kulya ni kug'wa, nambo kuli kupanganya yambone paujo pa Akunnungu, ni chitendewele ni sangalala jajikwika ni Mbumu jwa Akunnungu.
Mootummaan Waaqaa qajeelummaa, nagaa fi gammachuu Hafuura Qulqulluun taʼeedha malee waaʼee nyaataa fi dhugaatii mitiitii.
18 Pakuŵa mundu jwalijose jwakuntumichila Kilisito kwanti yeleyo, akwanonyelesya Akunnungu, sooni akukundikwa ni ŵandu.
Namni haala kanaan Kiristoosin tajaajilu Waaqa gammachiisaatii; namoota birattis fudhatama argata.
19 Nipele, iŵaga yeleyo, tulimbile nnope kutendekanya indu yaikwikanawo chitendewele ni yaikutukamuchisya kulimbisyana mitima mu chikulupi.
Kanaaf waan nagaa fidu gochuu fi wal ijaaruuf haa tattaaffannu.
20 Kasingajonanga masengo ga Akunnungu kwa ligongo lya yakulya. Isyene yakulya yose yeswejeswe, nambo ngaŵa yambone kulya chakulya chachikuntendekasya jwine agwilile mu sambi.
Nyaataaf jettee hojii Waaqaa hin balleessin. Nyaanni hundi qulqulluu dha; garuu waan nama biraa gufachiisu kam iyyuu nyaachuun nama tokkoof dogoggora.
21 Ili yambone kuleka kulya nyama ni kung'wa divai, pane kuleka ineine yaikukombola kuntendekasya mpwenu agwilile mu sambi.
Akka obboleessi kee hin gufanneef, foon nyaachuu dhiisuun yookaan daadhii wayinii dhuguu dhiisuun yookaan waan biraa kam iyyuu gochuu dhiisuun gaarii dha.
22 Chikulupi chinkwete cho chisigalile kukwenu ni Akunnungu. Jwana upile jwelejo jwangakulilamula nsyene, pakuŵa akukulupilila kuti aila yaitesile ikwanonyelesya Akunnungu.
Kanaafuu ati amantii waan kana irratti qabdu kam iyyuu fuula Waaqaa duratti ofumaa keetii qabaadhu. Namni waan amanee fudhate irratti ofitti hin murre eebbifamaa dha.
23 Nambo mundu jwakwete lipamba ni indu yakulya, Akunnungu akunlamula pakulya pakuŵa chakuchitenda akutenda pangali chikulupi. Ni chindu chachili chose chakupanganya mundu iŵaga akuchipanganya pangali chikulupi, chelecho chili sambi.
Namni shakkii qabu garuu nyaachuun isaa waan amantiin hin taʼiniif yoo nyaate isatti murama; wanni amantiin hin taʼin kam iyyuu cubbuudhaatii.