< Maliko 7 >
1 Mafalisayo ŵampepe ni jwakwiganya Malajisyo ŵaŵatyochele ku Yelusalemu ŵasongangene paujo pa Che Yesu.
Fariisotaa fi barsiistota seeraa keessaa warri Yerusaalemii dhufan tokko tokko Yesuus biratti walitti qabamanii
2 Ŵanyawo ŵaweni ŵakulijiganya ŵampepe ŵa Che Yesu akulya panganaŵa makono mpela iyasachilwaga ni Malajisyo ga Chiyahudi.
barattoota isaa keessaa tokko tokko harka, “Hin qulqulleeffaminiin” jechuunis utuu harka hin dhiqatin buddeena nyaachuu isaanii argan.
3 Pakuŵa, Mafalisayo ni Ŵayahudi wose ngakulya chakulya panganaŵa mmakono, mpaka pachisukusuku achikamulisyaga masyoŵelo ga achachekulu ŵachiikala.
Sababiin isaas Fariisonni, Yihuudoonni hundinuus duudhaa maanguddootaa eeguuf jedhanii utuu harka hin dhiqatin hin nyaataniitii.
4 Sooni paakutyokanga pakusumichisya malonda ngakulya chachilichose pangajosya kaje. Nombe akugakuyanga masyoŵelo gamajinji gaŵapochele kutyochela kwa achachekulu, mpela ila yakuti pakosya migao ni iteleko ni yoombo ya libati.
Yommuu gabaadhaa galanittis utuu of hin qulqulleessin hin nyaatan. Dudhaa biraa baayʼees kan akka xoofoo dhiquu, okkotee fi huuroo dhiquu ni eegu.
5 Nipele Mafalisayo ni Ŵakwiganya Malajisyo ŵala ŵausisye Che Yesu, “Kwachichi ŵakulijiganya ŵenu ngakugakuya masyoŵelo gitupochele kwa achachekulu ŵetu, nambo akwamba kulya chakulya mmakono muli musakele?”
Kanaafuu Fariisonnii fi barsiistonni seeraa, “Barattoonni kee qooda harka ‘Hin qulqulleeffaminiin’ nyaatan maaliif akkuma duudhaa maanguddootaatti hin jiraanne?” jedhanii Yesuusin gaafatan.
6 Che Yesu ŵajanjile, “Ŵaulamba ŵanyamwe! Che Isaya, jwakulondola jwa Akunnungu, ŵalondwele yambone pa ŵanyamwe mpela iŵatite pakulemba, ‘Akunnungu akuti, ŵandu ŵa akunjimbichisyanga pakang'wa pe, nambo mmitima jao ali kwakutalikangana ni une.
Innis akkana jedhee deebise; “Yaa fakkeessitoota, Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha: “‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
7 Kumbopelela kwao kwangali chindu, ligongo akwiganya malajisyo ga ŵandu mpela ila akugajiganya Malajisyo ga Akunnungu.’
Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’
8 “Ŵanyamwe nkugaleka Malajisyo ga Akunnungu ni kugakamulisya masyoŵelo ga ŵandu.”
Isin ajaja Waaqaa dhiiftanii, duudhaa namootaa jabeessitanii eegdu.”
9 Che Yesu ŵapundile kuŵecheta, “Ŵanyamwe nkumanyi kukana kwa lunda lwenu Malajisyo ga Akunnungu kuti ngakuye masyoŵelo genu mwachinsyene!
Innis ittuma fufee akkana jedheen; “Isin duudhaa ofii keessanii eeguuf jettanii ajaja Waaqaa tuffachuuf mala gaarii qabdu!
10 Pakuŵa che Musa ŵalajisye, ‘Mwachimbichisye atati ŵenu ni achikulu ŵenu,’ ni, ‘Mundu jwalijose juchantukane atatigwe pane achikulugwe, aulajikwe.’
Museen, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’jedheeraatii.
11 Nambo ŵanyamwe nkwiganya, iŵaga mundu akwete chindu chakombola kwakamuchisya achikulugwe pane atatigwe, nambo nkuti chindu cho chili ‘Kolibani’, malumbo gakwe chindu cho chityosyekwe sadaka kwa Akunnungu,
Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Waaqaaf kennameera jedhee dubbate,
12 nipele mundu jo ngakusachilwa sooni kwakamuchisya atatigwe pane achikulugwe.
isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif.
13 Yeleyo ni inkuti pakulijalusya Liloŵe lya Akunnungu kwa masyoŵelo ginkujiganyana. Ni sooni nkugatendekanya gamajinji ganti iyoyo.”
Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu.”
14 Che Yesu ŵauŵilasile sooni mpingo wekulungwa wa ŵandu ula ni kwasalila, “Mumbikanichisye wose, ni mmanyilile.
Yesuus ammas namoota sana ofitti waamee akkana jedheen; “Isin hundi na dhagaʼaa; kanas hubadhaa.
15 Ngapagwa chakulya chaakulya mundu, chachikuntendekasya aŵe jwangakundikwa ni Akunnungu. Nambo chachikukopoka nkati mwa mundu, ni chachikuntendekasya mundu jo aŵe jwangakundikwa ni Akunnungu.
Waan nama keessaa baʼutu nama ‘xureessa’ malee wanni alaa namatti seenee nama ‘xureessuu’ dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. [
16 Ŵaali ni mapilikanilo gakupilikana, apilikane!”
Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”]
17 Paŵalekangene ni ŵandu ŵala ni kwinjila mu nyuumba, ŵakulijiganya ŵao ŵambusisye malumbo ga chitagu cho.
Erga inni namoota biraa mana ol seenee booddee barattoonni isaa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan.
18 Nombe Che Yesu ŵaasalile, “Ni ŵanyamwe nganinkola umanyilisi? Ana ngankumanyilila kuti chakulya chaakulya mundu ngachikukombola kuntendekasya aŵe jwangakundikwa ni Akunnungu?
Innis akkana jedhee gaafate; “Isin hin hubattanii? Akka wanni alaa namatti seenu tokko iyyuu nama ‘xureessuu’ hin dandeenye hin qalbeeffattanii?
19 Pakuŵa ngachikwinjila mu ntima mwakwe, nambo mlutumbo ni chikukopoka paasa pa chiilu pakwe.” Paŵaŵechete yeleyo Che Yesu ŵaitesile yakulya yose ikomboleche kuligwa.
Wanni sun garaa isaa seenee ergasii dhagna isaa keessaa gad baʼa malee yaada garaaisaa hin seenuutii.” Yesuusis kana jechuudhaan akka nyaanni hundinuu qulqulluu taʼe labse.
20 Ŵapundile kuŵecheta, “Chachikukopoka nkati mwa mundu ni chachikuntendekasya mundu jo aŵe jwangakundikwa ni Akunnungu.
Innis itti fufee akkana jedhe: “Wanni nama ‘xureessu’ waan nama keessaa baʼuu dha.
21 Pakuŵa mu ntima mwa mundu ni mwamukukopoka ng'anisyo syangalimate, ni chikululu ni wiyi ni uulasi,
Yaadni hamaan keessa namaatii, garaa namaa keessaa baʼaatii; innis halalummaa, hanna, nama ajjeesuu, ejja,
22 ni chikululu ni lipamo ni ungalumbana ni kulambusya ni kunyenga ni wiu ni kutukana ni chibuli ni kuloŵela.
doqnummaa, hammina, gowwoomsaa, jireenya gad dhiisii, hinaaffaa, maqaa nama balleessuu, of tuulummaa fi gowwummaa.
23 Yangalumbana yose yo, ikukopoka nkati mwa mundu, yose yo ni yaikuntendekasya mundu aŵe jwangakundikwa ni Akunnungu.”
Wantoonni hamoon kunneen hundinuu nama keessaa baʼu; namas ‘ni xureessu.’”
24 Che Yesu ŵatyosile pelepo, ŵajawile mu mmusi wauŵandikene ni ku Tilo. Ni kweleko ŵajinjile mu nyuumba jimo ni nganasaka mundu jwalijose aimanyilile, nambo nganakombola kulisisa.
Yesuus iddoo sanaa kaʼee aanaa Xiiroositti qajeele. Mana tokkos ol seene; innis akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu isaa beeku hin barbaanne; garuu dhokachuu hin dandeenye.
25 Jwankongwe jumo, juŵaliji ni mwali juŵakamwilwe ni lisoka, ŵapilikene ngani si Che Yesu. Ni ŵaajaulile ni kuligwisya pa makongolo gao.
Dubartiin intalli ishee hafuura xuraaʼaan qabamte tokko akkuma waaʼee isaa dhageesseen dhuftee miilla isaa irratti kufte.
26 Jwankongwe jo ŵaliji Mgiliki ni nganaŵa Myahudi, juŵapagwile musi wa ku Silofonike ku chilambo cha ku Silia. Ŵaachondelele Che Yesu akankoposye mwali jwao lisoka.
Dubartittiinis nama Giriik, kan biyya Sooriyaa keessatti Finiiqeetti dhalatee dha. Isheen akka inni intala ishee keessaa hafuura hamaa sana baasuuf Yesuusin kadhatte.
27 Nambo Che Yesu ŵajanjile, “Ajikute kaje ŵanache, pakuŵa ngaŵa yambone kwigala chakulya cha ŵanache ni kusijasila mbwa syao.”
Innis, “Dura ijoolleen haa quuftu; buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedheen.
28 Nambo jwankongwe jo ŵatite, “Elo, Ambuje, nambo ngati atamuno mbwa syasikutama kuusi mesa, sikulya mbakatika syakusigwisya ŵanache.”
Isheen garuu, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu maaddii jalaa hambaa ijoolleen harcaaftu nyaatuu” jettee deebifteef.
29 Pelepo Che Yesu ŵasalile, “Kwaligongo lya intite pakwanga, njaule kumusi. Lisoka linkopweche mwali jwenu.”
Yesuusis, “Jecha kee kanaaf gali; hafuurri hamaan sun intala kee keessaa baʼeera” jedheen.
30 Nipele jwankongwe jo ŵausile kumangwao, ŵansimene mwanagwe agonile pachindanda ni lisoka lili linkopweche.
Isheenis yommuu manatti galtetti intalli ishee siree irra ciiftee, hafuurri hamaan sunis keessaa baʼee argatte.
31 Nipele Che Yesu ŵatyosile ku chilambo cha ku Tilo ni kwaula ku litanda lya Galilaya achipitilaga ku Sidoni ni ku Dekapoli.
Ergasiis Yesuus biyya Xiiroosiitii kaʼee Siidoonaa keessa darbee, kutaa Magaalaa Kurnanii keessa baʼee gara galaana Galiilaa dhufe.
32 Ŵaiche ŵandu ŵampepe ali anjigele mundu juŵaliji jwangapikana ni jwangaŵecheta, ŵaachondelele Che Yesu ansajichile makono mundu jo ni kunlamya.
Jarri tokkos namicha gurra duudaa fi arrab-didaa tokko isatti fidanii akka inni harka isa irra kaaʼuuf kadhatan.
33 Che Yesu ŵantyosisye mundu jo mu mpingo wa ŵandu ni kunjausya pangali ŵandu, ŵaŵisile yala mmapilikanilo ga mundu jula. Ŵasunile mata pa chaala chakwe ni kunkwaya lulimi mundu jula.
Yesuusis namicha sana tuuta keessaa kophaatti baasee quba isaa gurra namichaa keessa kaaʼe. Hancufa tufees arraba namichaa tuqe.
34 Nipele Che Yesu ŵalolite kwinani kwa Akunnungu ni kwisya ntima, ŵansalile mundu jo, “Efata,” malumbo gakwe “Mbuguche.”
Gara samiis ol ilaalee, hafuura guddaa baafatee, “Eftaah!” jedheen; kana jechuunis “Banami!” jechuu dha.
35 Papopo mapilikanilo ga mundu jula gaugwiche ni lulimi lwakwe lwagopweche, nipele ŵatandite kuŵecheta uchenene.
Gurri namichaas yommusuma baname; arrabni isaas hiikamee rakkina tokko malee dubbachuu jalqabe.
36 Che Yesu ŵakanyisye ŵandu ŵala kuti akansalila mundu jwalijose yelei. Namuno ŵapundile kwakanyisya, ŵanyawo ŵapundisye kuijenesya yeleyo.
Yesuusis akka isaan nama tokkotti illee hin himneef namoota sana ajaje. Hammuma inni cimsee isaan ajaje sana, isaanis ittuma caalchisanii odeessan.
37 Ni ŵandu ŵasimosile nnope ni kuti, “Atesile yose mwambonepe, namose ŵangapilikana akwatenda apilikane ni ŵangaŵecheta akwatenda aŵechete!”
Warri oduu sana dhagaʼanis akka malee dinqifatanii, “Inni waan hunda gaarii godheera; warri duudaanis akka dhagaʼan, warri arrabni isaanii dubbachuu dides akka dubbatan ni godha” jedhan.