< Luka 18 >

1 Che Yesu ŵaasalile ŵakulijiganya ŵao chitagu chati, ŵandu akusachilwa apopeleje katema kose pangapela.
Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime.
2 Ŵatite kuti, “Pamusi umo, jwapali jwakulamula jumo, jwanganjogopa Akunnungu natamuno kwachimbichisya ŵandu.
Innis akkana jedhe; “Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Waaqa hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture.
3 Nipele, jwapali jwankongwe jwakuŵililwa jumo pa musi wo juŵajaulilaga kaŵili kaŵili jwakulamulajo achitiji, ‘Munjenjele kuti ngole chigolochelo changu kutyochela kwa jwammagongo jwangu.’
Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, ‘Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kenni’ jettee isatti deddeebiʼaa turte.
4 Kwa moŵa gamajinji jwakulamula jo nganasaka kwachenjela nambo kambesi kakwe ŵatite mu ntima mwakwe, ‘Atamuno ngangwajogopa Akunnungu namuno kwachimbichisya ŵandu,
“Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; ‘Ani yoon Waaqa hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee,
5 nambo kwaligongo lya jwakuwililwa ju akuusakalisya une, chinaachenjele kuti akole chigolochelo chakwe nambo iŵaga ngambanganya yeleyo chambesye une pakwika kaŵili kaŵili!’”
sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’”
6 Nipele, Ambuje ŵajendelechele, “Mpilikane yatite pakuŵecheta jwakulamula jwangalumbana jo.
Gooftaanis akkana jedhe; “Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa;
7 Uli, Akunnungu ngaŵaachenjela ŵele ŵandu uŵasagwile, ŵakwalilila muusi ni chilo ŵala? Ana pane chakaŵe kwapilikanila?
Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree?
8 Ngunsalila kuti chachachenjela ŵanyawo chitema pe. Nambo uli pachaiche Mwana jwa Mundu chiŵasimane ŵandu ŵakunkulupilila pachilambo pano?”
Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?”
9 Nombe Che Yesu ŵatanjile sooni chitagu kwa ŵakuliganisya kuti akupanganya yaili yambone paujo pa Akunnungu ni kwanyelusya ŵane.
Yesuusis namoota qajeelummaa ofiitti amananii warra kaan immoo tuffatanitti akkana jedhee fakkeenya kana hime.
10 “Ŵandu ŵaŵili ŵajawile pa Nyuumba ja Akunnungu kukupopela, jumo ŵaliji Mfalisayo ni jwine ŵaliji jwakukumbikanya nsongo.
“Namoonni lama Waaqa kadhachuuf gara mana qulqullummaatti ol baʼan; isaanis Fariisicha tokkoo fi nama qaraxa walitti qabu tokko turan.
11 “Jwele Mfalisayo jo ŵajimi ni kupopela chikatikati achitiji, ‘Akunnungu, nguntogolela pakuŵa uneji nganima chisau ŵandu ŵane, ŵachiswamba ni ŵachigongomalo ni ŵachikululu. Natamuno chisau jwakukumbikanya nsongo ju.
Fariisichi kaʼee dhaabatee, waaʼee mataa isaa akkana jedhee kadhate; ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii jechuunis akka saamtotaa, jalʼootaa fi sagaagaltootaa keessumattuu waan akka namicha qaraxa walitti qabu kanaa hin taʼiniif sin galateeffadha.
12 Ngutaŵa kaŵili kwa chijuma ni ngutyosya liunjili lya kakumi lya indu yose ingupata.’
Ani torbanitti yeroo lama nan sooma; waanan argadhu hundumaa irraas harka kudhan keessaa tokko nan kenna.’
13 “Nambo jwakukumbikanya nsongo jula, ŵajimi kwakutalichila, nombejo nganalinga kulola kwinani nambo ŵaliputile pa ntima pao kwa kulilasika achitiji, ‘Akunnungu, mungolele chanasa une jundi ni sambi!’”
“Namichi qaraxa walitti qabu sun garuu fagoo dhaabate, qoma isaa dhadhaʼaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani nama cubbamaadhaatii naa naʼi!’ jedhe malee ija isaatiin illee ol jedhee gara samii hin ilaalle.
14 Che Yesu ŵatite, “Ngunsalila mwanya, jwakukumbikanya nsongo jo ŵausile kumangwao ali akundikwe ni Akunnungu kumpunda Mfalisayo jo. Pakuŵa jwalijose jwakulikwesya chatuluswe ni jwakulitulusya chakweswe.”
“Ani isinittin hima; namichi kun namicha duraa irra fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼee mana isaatti gale. Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu garuu ol qabama.”
15 Ŵandu ŵampepe ŵannyichisye Che Yesu ŵanache achanandi kuti ŵasajichile makono ni kwapa upile. Nambo ŵakulijiganya ŵao paŵaiweni ŵakalipile.
Namoonni akka inni harka isaan irra kaaʼuuf daaʼimmanis Yesuusitti fidaa turan. Barattoonni garuu yommuu waan kana arganitti isaan ifatan.
16 Nambo Che Yesu ŵaaŵilasile ŵanache achanandi achitiji, “Mwaleche ŵanache achanandi aichanje kukwangu, nkalekasya pakuŵa Umwenye wa Akunnungu uli wa ŵandu mpela aŵa.
Yesuus garuu ijoollee sana ofitti waamee akkana jedhe; “Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan Waaqaa kan warra akkanaatii.
17 Ngunsalila isyene kuti jwalijose jwangakuupochela Umwenye wa Akunnungu mpela mwanache jwannandi, ngajinjila mu Umwenye ng'oo.”
Ani dhuguman isinitti hima; namni akkuma ijoolleetti mootummaa Waaqaa hin simanne kam iyyuu gonkumaa itti hin galu.”
18 Chilongola jumo jwa Ŵayahudi ŵammusisye Che Yesu achitiji, “Jwakwiganya jwambone ana ndende chichi pakuti ngole umi wa moŵa gose pangali mbesi?” (aiōnios g166)
Bulchaan tokko, “Yaa Barsiisaa gaarii, ani jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate. (aiōnios g166)
19 Che Yesu ŵansalile, “Ligongo chi nkuumilanga une jwambone? Ngapagwa jwali jwambone akaŵe Akunnungu pe.
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ati maaliif gaarii naan jetta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.
20 Nkugamanyilila makanyo ga Akunnungu, ‘Kasintenda chikululu atamuno kasimmulaga ni kasinjiŵa atamuno kasinsala ya unami ni mwachimbichisye atati ŵenu ni achikulu ŵenu.’”
Ati ajajawwan ni beekta; ‘Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; sobaan dhugaa hin baʼin; abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.’”
21 Ŵelewo ŵatite, “Yeleyo yose naikamulichisye chitandilile mu uchanda wangu.”
Namichis, “Ani ijoollummaa kootii jalqabee ajajawwan kanneen hunda eegeera” jedhe.
22 Che Yesu paŵapilikene gelego ŵansalile kuti, “Chindu chimo chisoŵile kukwenu, nkasumisye yose inkwete ni mbiya syo nkaasapulile ŵakulaga, nomwe ni pachinchikola ipanje kwinani, nipele njise munguye.”
Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Amma illee waan tokkotu si duraa hirʼata; waan qabdu hunda gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi” jedheen.
23 Nambo mundu jo paŵapilikene yeleyo, ŵasupwiche nnope pakuŵa ŵaliji ni ipanje yejinji.
Inni yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee gadde; akka malee sooressa tureetii.
24 Che Yesu paŵammweni mundu jo aninkusongoneka ni ŵatite “Yaikuti pakulepelecheka kwa ŵandu ŵaali ni ipanje kwinjila mu Umwenye wa Akunnungu!
Yesuusis isa ilaalee akkana jedhe; “Mootummaa Waaqaatti galuun sooreyyiif akkam rakkisaa dha!
25 Eloo, ili yangalemwa kwa chinyama chachikuŵilanjikwa ngamia kwinjila pachipowo cha sindano kupunda jwaali ni chipanje kwinjila mu Umwenye wa Akunnungu.”
Dhugumaan namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata.”
26 Ŵandu ŵaŵapilikene yeleyo ŵausisye, “Ana ŵaani uchakombole kulupuswa?”
Warri waan kana dhagaʼanis, “Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
27 Che Yesu ŵajanjile achitiji, “Indu yangaikukomboleka kwa ŵandu, kwa Akunnungu ikukomboleka.”
Yesuusis, “Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama” jedhee deebise.
28 Che Petulo ŵansalile Che Yesu, “Nnole, uwe tulesile indu yetu yose ni kunkuya alakwe!”
Phexrosis, “Kunoo, nu waan qabnu hunda dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheen.
29 Nipele, Che Yesu ŵaasalile, “Isyene ngunsalila, mundu jwalijose jwajilesile nyuumba pane ŵankwawo pane achapwakwe pane achaŵelesi pane achiŵanagwe ligongo lya Umwenye wa Akunnungu,
Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; namni sababii mootummaa Waaqaatiif jedhee mana yookaan niitii yookaan obboloota yookaan haadhaa fi abbaa yookaan ijoollee dhiisee,
30 chapochele yejinji nnope aka katemaka ni katema kakakwika chachipochela umi wa moŵa gose pangali mbesi.” (aiōn g165, aiōnios g166)
bara kana keessa dachaa baayʼee, bara dhufuuf jiru keessa immoo jireenya bara baraa utuu hin argatin hafu tokko iyyuu hin jiru.” (aiōn g165, aiōnios g166)
31 Che Yesu ŵaajigele pajika ŵakulijiganya ŵao kumi na mbili, ŵaasalile, “Mpilikane! Tukukwesya kwaula ku Yelusalemu ni kweleko indu yose iyalembekwe ni ŵakulondola ŵa Akunnungu yankati Mwana jwa Mundu chiiŵe isyene.
Yesuus warra kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen; “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanni raajonni waaʼee Ilma Namaa barreessan hundinuus ni raawwatama.
32 Pakuŵa chachajausya kwa ŵandu ŵangosyo sine nombe ŵanyawo chachanyelusya ni kwatukana ni kunsunila mata.
Inni dabarfamee Namoota Ormaatti ni kennama. Isaanis isatti qoosu; isa arrabsu; isatti tufu; isa garafu; isa ajjeesus.
33 Champute ibokola ni kummulaga nambo pa lyuŵa lyaatatu kutyochela pa chiwa chao chasyuche.”
Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaʼa.”
34 Ŵakulijiganya ŵala nganagamanyililaga malumbo ga maloŵe gaŵecheteje Che Yesu go pakuŵa galiji gamasisikwe kukwao nombewo nganaimanyilila kuti Che Yesu akuŵecheta nkati chichi.
Barattoonni garuu waan kana hunda keessaa tokko illee hin hubanne; hiikkaan isaas isaan duraa dhokfamee ture. Inni maal akka dubbachaa tures isaaniif hin galle.
35 Katema Che Yesu paŵaŵandichile ku Yeliko, jwapali mundu jumo jwangalola juŵatemi mungulugulu litala achiŵendaga.
Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture.
36 Paŵapilikene ŵandu ŵajinji aninkupita ŵausisye “Ana kwana chichi?”
Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate.
37 Ŵansalile, “Che Yesu ŵa ku Nasaleti akupita.”
Isaanis, “Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira” jedhanii isatti himan.
38 Nombewo ŵanyanyisye achitiji, “Che Yesu, Uŵelesi u che Daudi, choonde mungolele chanasa!”
Innis, “Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!” jedhee iyye.
39 Ŵandu uŵalongolele ŵala ŵankalipile kuti amyalale, nambo ŵelewo ŵapundangenye kunyanyisya achitiji, “Uŵelesi u che Daudi, choonde mungolele chanasa!”
Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, “Yaa ilma Daawit na maari!” jedhee ittuma caalchisee iyye.
40 Che Yesu ŵajimi ni ŵalamwile kuti ŵapeleche paujo pao. Jwangalola jula paŵaŵandichile Che Yesu ŵammusisye,
Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate;
41 “Ana nkusaka nampanganyichisye ichichi?” Ŵajanjile, “Ambuje, ngusaka ngombole kulola sooni.”
“Akka ani maal siif godhu barbaadda?” Namichis, “Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada” jedhee deebise.
42 Che Yesu ŵansalile, “Nnole! Chikulupi chenu chinnamisye.”
Yesuusis, “Argi; amantiin kee si fayyiseeraa” jedheen.
43 Papopo pepo ŵakombwele kulola sooni ni ŵakuiye Che Yesu achakusyaga Akunnungu. Ŵandu wose paŵaiweni yeleyo ŵalapile Akunnungu.
Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan.

< Luka 18 >