< Luka 14 >
1 Lyuŵa lya Kupumulila limo, Che Yesu ŵajawile kukulya chakulya mu nyuumba ja jumo jwa achakulu ŵa Mafalisayo ni ŵandu ŵaŵaliji pelepo ŵaliji nkwalolechesya.
Guyyaa Sanbataa tokko yommuu Yesuus buddeena nyaachuuf mana Fariisicha beekamaa tokkoo dhaqetti, namoonni xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan.
2 Ni mmbujo mwa Che Yesu paliji ni mundu jumo juŵaliji ni chilwele cha kuimbangana chiilu.
Namichi dhagni isaa dhiitaʼe tokkos fuula isaa dura ture.
3 Nipele Che Yesu ŵausisye ŵakwiganya Malajisyo ga che Musa ni Mafalisayo kuti, “Ana Malajisyo gakutusaka kunnamya mundu pa Lyuŵa lya Kupumulila pane ngwamba?”
Yesuusis, “Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun ni eeyyamama moo hin eeyyamamu?” jedhee Fariisotaa fi hayyoota seeraa gaafate.
4 Nambo ŵanyawo ŵamyalele. Che Yesu ŵankamwile jwakulwala jo ni kunnamya ni ŵannesile ajaule.
Isaan garuu ni calʼisan; innis namicha harkaan qaqqabee fayyisee gad isa lakkise.
5 Nipele ŵaasalile ŵanyawo, “Ana jwapi jwa ŵanyamwe iŵaga mwanagwe pane ng'ombe jakwe jagwililaga mu chisima ngakujityosya papopo atamuno liŵeje Lyuŵa lya Kupumulila?”
Innis, “Isin keessaa namni tokko yoo ilma yookaan qotiyyoo guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe qabaate, inni yeruma sana harkisee boolla keessaa hin baasuu?” jedhee isaan gaafate.
6 Nambo ŵanyawo ŵalepele kwanga.
Isaan garuu deebii kennuu hin dandeenye.
7 Che Yesu ŵaweni uŵaŵilanjikwe ŵala yatiteje pakulisagulila pakutama pakuchimbichikwa, nipele ŵaajigenye kwa chitagu chi,
Innis yommuu akka keessumoonni sun iddoo ulfinaa filatan hubatetti akkana jedhee fakkeenya kana isaanitti hime;
8 “Iŵaga chammilanje mundu kuchindimba cha ulombela, nkatama mmbujo pakuchimbichikwa, panepa apali jwaŵilanjikwe jwine jwakuchimbichikwa kumpunda mmwe.
“Yoo namni tokko cidha fuudhaa fi heerumaatti si waame, iddoo ulfinaa hin taaʼin; tarii namni si caalaa ulfina qabu tokko waamameera taʼaatii.
9 Jwambilasile mmwe ni njenu jo chaiche ni kunsalila, ‘Mwalechele aŵa pele peuto pao.’ Pelepo chinkole soni pa ŵandu ni kutanda kusejela ni kutama mu itengu yangachimbichikwa.
Namichi isin lamaanuu waame sun dhufee, ‘Namicha kanaaf kaʼi’ siin jedha; atis qaanoftee dhaqxee lafa iddoo hundumaa gad taʼe teessa.
10 Nambo ŵannalikaga ku chindimba, njaule nkatame peuto pangachimbichikwa kuti pachaiche jwambilasile jo ansalile, ‘Ambusanga, nsejelele pambone nnope pa.’ Pelepo chinchimbichikwe mmbujo mwa wose ŵatemi pampepe nomwe.
Ati garuu yommuu waamamtu akka namichi si waame sun yeroo dhufutti, ‘Yaa michuu koo iddoo ol aanutti hiiqi’ siin jedhuuf dhaqii lafa iddoo hundumaa gad taʼe taaʼi; yoos fuula warra si wajjin maaddiitti dhiʼaatan hundumaa duratti ulfina argattaatii.
11 Pakuŵa jwalijose jwakulikusya, chatuluswe ni jwakulitulusya, chakuswe.”
Namni ol of qabu hundinuu gad qabamaatii; namni gad of qabu hundinuu immoo ol qabama.”
12 Nipele ŵansalile juŵanŵilasile jo, “Iŵaga chimwakolochesye ŵandu chakulya cha muusi pane ligulo, ngasimwaŵilanga achambusanga ŵenu atamuno achapwenu atamuno achalongo ajenu atamuno ŵapachiŵandi penu atamuno ŵakusichila ajenu ngakaŵa nombewo chachimbilanga ni kumbuchisya mpela chimwaakolochesye chila.
Yesuusis namicha isa waame sanaan akkana jedhe; “Ati yommuu laaqana yookaan irbaata qopheessitu michoota kee yookaan obboloota kee, yookaan firoota kee, yookaan olloota kee warra sooreyyii hin waamin; yoo akkas goote isaanis deebisanii si waamu; gatiin kees siif deebifama.
13 Nambo pankukulumisya chakulya cha chindimba, mwaŵilanje ŵandu ŵakulaga ni ŵakulemala ni ŵangajenda ni ŵangalola,
Garuu yommuu cidha qopheessitu hiyyeeyyii, naafa, okkolaa fi jaamaa waami.
14 nomwe chinkole upile, pakuŵa ŵanyawo ngaakola chakumbuchisya mmwejo. Akunnungu champe ntulilo wenu katema pachachasyusya ŵakupanganya yaili yambone paujo pa Akunnungu.”
Sababii isaan waan siif deebisan hin qabneef ati ni eebbifamta; gatiin kee guyyaa duʼaa kaʼuu qajeeltotaatti siif deebifamaatii.”
15 Jumo jwao jwa ŵaŵatemi pamo ni Che Yesu ŵatite, “Jwana upile jwele mundu juchaakalye mu Umwenye wa Akunnungu.”
Warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaatan keessaa namichi tokko yommuu waan kana dhagaʼetti Yesuusiin, “Namni mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti dhiʼaatu eebbifamaa dha” jedhe.
16 Nipele Che Yesu ŵajanjile, “Jwapali mundu juŵakulumisye chakulya cha chindimba chachikulungwa ni ŵaaŵilasile ŵandu ŵajinji.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namichi tokko cidha guddaa qopheessee keessumoota hedduu affeere.
17 Pajaiche ndaŵi ja chakulya ŵannajisye kapolo jwao kukwaŵilanga ŵandu ŵaŵaŵilanjikwe wo, ‘Njisangane, pakuŵa indu yose ili chile.’
Namichi sunis saʼaatii nyaataatti akka inni, ‘Kunoo, wanni hundinuu qopheeffameeraatii kottaa’ jedhee warra affeeraman sanatti himuuf garbicha isaa erge.
18 Nambo wose ŵatandite kuŵalanga ligongo lya kulepela kwika. Jwandanda ŵansalile kapolo jo, ‘Sumile ngunda, ngusachilwa nyaule kukuulola, ngunchondelela mulechelesye.’
“Garuu isaan hundi bifuma tokkoon sababa dhiʼeeffachuu jalqaban; inni jalqabaa, ‘Ani lafa qotiisaa bitadheera; kanaafuu dhaqeen ilaaluu qabaatii maaloo na hin komatin’ jedheen.
19 Jwine ni ŵatite, ‘Sumile ng'ombe likumi sya kulima, sambano ndili mwitala ngwaula kukusilinjila, ngunchondelela mulechelesye.’
“Inni kaan, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan bitadheera; isaan leenjisuuf deemuuttin jiraatii, maaloo na hin komatin’ jedheen.
20 Ni jwine ŵatite, ‘Nombele moŵa gagaga, nipele ngangukombola kwika.’
“Amma illee inni kaan, ‘Ani dhiʼoon niitii fuudhe; kanaafuu dhufuu hin dandaʼu’ jedheen.
21 “Jwele kapolojo ŵausile ni kwasalila ambujegwe yeleyo. Pelepo nsyene nyuumba jo ŵatumbile, ni kunsalila kapolo jwao kuti, ‘Njaule chitema mmatala gamakulungwa ni matala gamanandi ga musi, nkaichenawo amuno ŵakulaga ni ŵangajenda ni ŵangalola ni ŵalemele.’
“Garbichi sunis deebiʼee waan kana gooftaa isaatti hime. Abbaan mana sanaas aaree, ‘Dafii karaa guddaa fi daandii qalʼaa magaalaatti achi baʼiitii hiyyeeyyii, naafa, jaamaa fi okkolaa fidii ol seensis’ jedhee garbicha isaa ajaje.
22 Kanyuma kakwe kapolo jo ŵatite, ‘Ambuje, chimwalajichisye chila chemale kutendekwe mpela imwatite kuunajichisya nambo lisigalile liuto.’
“Garbichi sunis, ‘Yaa gooftaa, wanni ati ajajje hundi raawwateera; garuu amma illee iddoon jira’ jedheen.
23 Nipele ambuje ŵala ŵansalile kapolo kuti, ‘Njaule mmatala gamakulungwa ni mmatala gamanandi ga musi ni kwakanganyichisya ŵandu kwinjila kuti, nyuumba jangu jigumbale.
“Gooftichis garbicha isaatiin akkana jedhe; ‘Akka manni koo guutamuuf karaa guddaa fi daandii baadiyyaatti achi baʼiitii akka isaan ol galan dirqisiisi.
24 Pakuŵa, ngunsalila kuti ngapagwa jwalijose mwa ŵandu ŵaŵalalichikwe kundanda ŵala juchapasye chakulya changu cha chindimba.’”
Ani isinittin hima; namoota waamaman sana keessaa namni tokko iyyuu maaddii koo irraa afaaniin hin qabu.’”
25 Pelepo, mipingo jejinji ja ŵandu ŵaliji nkulongana nawo Che Yesu. Nipele Che Yesu ŵagalauchilile ŵandu ni kwasalila,
Namoonni baayʼeen Yesuus wajjin deemaa turan; innis garagalee akkana isaaniin jedhe;
26 “Yaŵaga kwana mundu jwakwika kukwangu akusachilwa kaje kunonyela une kupunda yakuti kwanonyela atatigwe ni achikulugwe ni ŵankwawo ni achiŵanagwe ni achapwakwe ni achalumbugwe, eloo ni yakuti kulinonyela nsyene, naga ngakutenda yele ngakukombola kuŵa jwakulijiganya jwangu.
“Namni gara koo dhufu kam iyyuu yoo abbaa isaatii fi haadha isaa, niitii isaatii fi ijoollee isaa, obboloota isaatii fi obboleettota isaa akkasumas lubbuu isaa illee hin jibbine inni barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
27 Ni jwalijose jwangakulijigalila nsalaba wakwe nsyene ni kunguya ngakukombola kuŵa jwakulijiganya jwangu.
Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuus barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
28 “Pakuŵa, ana ŵaani mwa ŵanyamwe asakaga kutaŵa nyuumba jeleu, jwangatama kaje ni kuŵalanga ndalama jakwe pakuti alole iŵaga akwete ipanje yakombola kumalichisya?
“Mee isin keessaa namni tokko gamoo ijaarrachuu barbaada haa jennuu; namichi sun gamoo sana ijaaree fixuuf horii gaʼaa qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa beekuuf duraan dursee taaʼee gatii isaa hin herregatuu?
29 Pakuŵa amalaga kutaŵa nsingi ni kulepela kumalichisya kutaŵa nyuumba jeleu jo, ŵandu wose ŵakwilola chatande kunseka
Yoo kanaa achii yommuu inni hundee kaaʼee fixuu dadhabutti, namoonni argan hundi itti qoosu.
30 achitiji, ‘Aju mundu ju ŵatandite kutaŵa nambo alepele kumalichisya.’
Isaanis, ‘Namichi kun ijaaruu jalqabee fixuu dadhabe’ jedhu.
31 “Pane, mwenye chi jwakwaula kukumenyana ni mwenye jwine, jwangakutama kaje ni kuganisya kuti ŵandu ŵakwe ŵangondo mianda likumi chakombole kumenyana ni ŵandu ŵangondo mianda makumi gaŵili wa mwenye jwakwika?
“Yookaan mee mootiin tokko mootii biraa loluu dhaqa haa jennuu; inni mootii loltoota kuma digdamaan isatti dhufu tokko loltoota kuma kudhaniin of irraa loluu dandaʼuu fi dandaʼuu baachuu isaa duraan dursee taaʼee itti hin yaaduu?
32 Ni amanyililaga kuti ngakombola, chachalajisya ŵantenga ŵao kuti ajaule kukuusya yati pakwikanacho chitendewele, kele katema ko jwele mwenye jwine jo ali kwakutalichila.
Yoo hin dandeenye immoo utuu mootichi kaan isa irraa fagoo jiruu bakka buʼoota itti ergee akka nagaan buʼu kadhata.
33 Iyoyo peyo, ngapagwa jwalijose jwa ŵanyamwe juchaŵe jwakulijiganya jwangu iŵaga ngaileka yose yakwete yo.
Akkanumas isin keessaa namni waan qabu hunda hin dhiifne kam iyyuu barataa koo taʼuu hin dandaʼu.
34 “Njete jili jambone, nambo njete jasoyesyaga unonye wakwe chintaje chichi kuti unonye wakwe uujile sooni?
“Soogiddi gaarii dha; garuu yoo inni miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa?
35 Ngajikufai kulikose kwa litaka atamuno kwakutenda chajila, ŵandu chajasepe. Jwakwete mapikanilo gakupikanila, apikane!”
Inni biyyoof yookaan tuulaa kosiitiif faayidaa hin qabu; inni gad gatama. “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu.”