< Luka 11 >
1 Lyuŵa limo, Che Yesu ŵaliji nkupopela peuto pamo, paŵamasile, jumo jwa ŵakulijiganya ŵao ŵatite, “Ambuje, ntujiganye kupopela, kwati mpela che Yohana Ŵakubatisya iŵatite pakwajiganya ŵakulijiganya ŵao.”
Gaaf tokko Yesuus iddoo tokkotti kadhachaa ture; yommuu inni fixatettis, barattoota isaa keessaa namni tokko, “Yaa Barsiisaa, akkuma Yohannis barattoota isaa barsiise sana, atis kadhachuu nu barsiisi” jedheen.
2 Che Yesu ŵaasalile, “Pankupopela, njileje yelei, ‘Atati, Liina lyenu lijinichilwe, Umwenye wenu uiche.
Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yommuu kadhattan akkana jedhaa: “‘Yaa Abbaa, maqaan kee haa qulqullaaʼu; mootummaan kee haa dhufu.
3 Ntupe chakulya chetu cha lyuŵa ni lyuŵa.
Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa, guyyuma guyyaan nuu kenni.
4 Ntulechelesye sambi syetu, pakuŵa uweji nombe tukwalechelesya wose ŵakutuleŵela. Ni sooni nkatujinjisya nkulinjikwa.’”
Akkuma nus warra cubbuu nutti hojjetaniif dhiifnu sana atis cubbuu keenya nuu dhiisi; qoramatti nu hin galchin.’”
5 Ni Che Yesu ŵaasalile kuti, “Tujile jumo jwenu akwete ambusanga ni anjaulilaga pasikati chilo ni kunsalila, ‘Ambusanga, mungongosye mikate jitatu none chinambuchisye,
Innis akkana isaaniin jedhe; “Mee isin keessaa namni tokko michuu qaba haa jennuu; innis halkan walakkaa michuu isaa sana bira dhaqee, ‘Yaa michuu ko, mee buddeena sadii naa liqeessi;
6 pakuŵa ambusanga ŵangu ali mu ulendo, asepuchile kumusi none nganingola chakwapa.’
michuun koo kan karaa deemu tokko natti goreeraatii; anis waanan dhiʼeessuuf tokko illee hin qabu’ haa jedhu.
7 Nganichisye kuti ambusanga ŵenu akanjanjile ali nkati, ‘Nkaasausya une! Pakuŵa masile kuugala nnango. Une ni achiŵanangu tugonile ni ngangukombola kwimuka ni kumpa!’
Namichi mana keessaa sunis, ‘Na hin rakkisin; balballi cufameera; ijoolleen koos na wajjin siree irra jiru; ani kaʼee waan tokko illee siif kennuu hin dandaʼu’ jedhaanii?
8 Isyene ngunsalila kuti, ngaajimuka ni kwapa atamuno ali ambusanga gwao pe, nambo ligongo lya mundu jo ichajile pakupunda kwachondelela, chajimuche ni kwapa chachili chose chakuchisaka.
Ani isinittin hima; sababii inni michuu isaa taʼeef jedhee kaʼee buddeena sana isaaf kennuu baatu illee, sababii ija jabina namicha sanaatiif jedhee kaʼee waan isa barbaachisu hunda ni kennaaf.
9 “Nipele none ngunsalila yakuti, mmende ni ŵanyamwe chimpegwe, nsose ni ŵanyamwe chinnyiwone, mpoposye ni ŵanyamwe chachimbugulila nnango.
“Kanaafuu ani isinittin hima: Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.
10 Pakuŵa jwalijose jwakuŵenda akupegwa ni jwakusosa akupata ni jwakupoposya, nnango ukuugulikwa kwa ligongo lyakwe.
Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
11 Ana, atati chi mwa ŵanyamwe, mwanache aŵendaga somba, chachiapa lijoka kuleka kwapa somba?
“Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu?
12 Pane ŵaŵendaga lindanda, ana chachapa likoloto?
Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu?
13 Chisau ŵanyamwe ŵangalumbana, nkumanyilila kwapa achiŵana ŵenu indu yambone, isyene Atati ŵenu ŵa kwinani chiŵape Mbumu jwa Akunnungu aŵala ŵakwaŵenda.”
Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!”
14 Lyuŵa limo Che Yesu ŵaliji nkukoposya lisoka lilyantendekenye mundu anaŵechete. Pilyakopweche lisoka lyo, jwangaŵecheta jo, ŵakombwele kuŵecheta, ni mpingo wa ŵandu ŵasimosile.
Yesuusis hafuura hamaa arrab-didaa taʼe tokko baasaa ture. Yommuu hafuurri hamaan sun baʼetti arrab-didaan sun ni dubbate; namoonnis ni dinqifatan.
15 Nambo ŵane mwa ŵelewo ŵatite, “Akugakoposya masoka kwa ulamusi wa Belesebuli, jwankulu jwa masoka.”
Isaan keessaa namoonni tokko tokko garuu, “Inni Biʼeelzebuuliin, hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
16 Ni ŵane ŵalinjile kwakwaŵenda ŵalosye chimanyisyo chakuti ulamusi wao utyochele kwinani.
Warri kaan immoo mallattoo samii irraa isa gaafachuudhaan isa qoran.
17 Nambo Che Yesu, achimanyililaga ng'anisyo syao ni ŵaasalile ŵanyawo, “Ŵandu ŵa umwenye wauliwose aputanaga achinsyene pe wele umwenye wo chiugwe ni ŵandu wa nyuumba jajili jose ŵaputanaga achinsyene pe ŵandu ŵa nyuumba jo chajonasiche.
Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedheen; “Mootummaan gargar of qoodu kam iyyuu ni diigama; manni gargar of qoodus ni jiga.
18 Nipele iŵaga Shetani akulikanila nsyene, umwenye wakwe chiulame? Nguti yeleyi pakuŵa ŵanyamwe nkuumecheta kuti ngugakoposya masoka kwa ulamusi wa Belesebuli.
Seexanni yoo gargar of qoode, mootummaan isaa akkamitti dhaabachuu dandaʼa? Wanni ani akkana jedhuuf sababii isin akka waan ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasuu dubbattaniif.
19 Ŵakulijiganya ŵenu nombe akugakoposya masoka mpela inguti kupanganya une, iŵele uli menema musalile kuti ngugakoposya masoka kwa ulamusi wa Belesebuli? Nipele ŵanyawo ni utachinnamula ŵanyamwe.
Egaa yoo ani Biʼeelzebuuliin hafuurota hamoo baasee, ilmaan keessan immoo maaliin baasu ree? Kanaafuu isaan abbootii murtii isinitti taʼu.
20 Nambo iŵaga ngugakoposya masoka kwa ulamusi wa Akunnungu, nipele nnyimanyilile kuti Umwenye wa Akunnungu umasile kwika kukwenu.
Garuu ani quba Waaqaatiin hafuurota hamoo baasa taanaan, yoos mootummaan Waaqaa isinitti dhufeera.
21 “Mundu jwali ni machili pakulindilila nyuumba jakwe ni yakumenyanila yakwe, ipanje yakwe yose chigosekwe.
“Yommuu namni jabaan guutummaatti miʼa lolaa hidhate tokko mana isaa eeggatutti, qabeenyi isaa nagaadhaan taaʼaaf.
22 Nambo aikaga jŵapundile machili ni kumputa, jwelejo akunsumula yakumenyanila yose iyaikulupililaga yo ni kuigaŵanya iŵasumwile.
Garuu namni jabinaan isa caalu tokko yoo lolee isa moʼate, miʼa lolaa kan namichi sun amanate sana isa irraa fudhatee boojuu isaas qoqqooda.
23 “Mundu jwalijose jwanganaŵa pamo ni une, akunganila ni mundu jwalijose jwangakusakulila pamo ni une, jwelejo akupwilinganya.
“Namni na wajjin hin jirre kam iyyuu naan morma; namni na wajjin walitti hin qabne kam iyyuus ni bittinneessa.
24 “Lisoka lyankopokaga mundu likusyungula syungula mwipululu mwangali meesi lichisosaga pakupumulila. Palikulepela likuti, ‘Chimujile ku nyuumba jangu kungopochela kula.’
“Hafuurri xuraaʼaan yommuu nama keessaa baʼutti, boqonnaa barbaacha lafa gogaakeessa joora; garuu hin argatu. Innis, ‘Mana koo isa ani keessaa baʼe sanatti nan deebiʼa’ jedha.
25 Palikuujila, akujisimana nyuumba jila jili jepyajile ni mwekotopasye.
Yommuu achi gaʼuttis manicha haramee qulqulleeffamee argata.
26 Nipele likwaula kukugajigala masoka gane saba gakusakala kupunda ŵelewo, gose gakwaula kukunjinjila mundu jula. Kumbesi kwakwe mundu jo akuŵa jwakusakala kupunda iŵaliji kundanda.”
Ergasiis dhaqee hafuurota biraa torba kanneen isa caalaa hamoo taʼan fudhatee dhufa; isaanis itti galanii achi jiraatu. Haalli namicha sanaa kan dhumaa isa jalqabaa caalaa hammaata.”
27 Che Yesu paŵaliji nkuŵecheta gelego, jumo jwa achakongwe jwa mumpingo mwa ŵandu mula, ŵanyanyisye liloŵe achitiji, “Jwana upile jwankongwe jwambeleche ni kunjonjesya jo!”
Utuu Yesuus waan kana dubbachaa jiruu, dubartiin tokko namoota gidduudhaa sagalee ishee ol fudhattee, “Garaan si baate, harmi ati hootes eebbifamaa dha” jette.
28 Nambo Che Yesu ŵaŵechete, “Nambo ŵana upile wakupunda ŵakulipilikanichisya liloŵe lya Akunnungu ni kwitichisya.”
Inni garuu deebisee, “Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Waaqaa dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha” jedhe.
29 Nipele, mpingo wa ŵandu paŵaliji nkoonjecheka, Che Yesu ŵatandite kusala, “Uŵelesi wu uli uŵelesi wa kusakala. Ukusaka chimanyisyo, nambo ngaupegwa chimanyisyo chachili chose ikaŵe chimanyisyo chi che Yona chila.
Akkuma baayʼinni namootaa dabalameen Yesuus akkana jedhe; “Dhaloonni kun dhaloota hamaa dha. Inni mallattoo barbaada; garuu mallattoo Yoonaas malee mallattoon tokko iyyuu isaaf hin kennamu.
30 Mpela che Yona iŵaliji chimanyisyo cha ŵandu wa ku Ninawi ni iyoyo peyo Mwana jwa Mundu chachiŵa chimanyisyo kwa uŵelesi wu.
Akkuma Yoonaas mallattoo saba Nanawwee ture sana, Ilmi Namaas mallattoo dhaloota kanaa ni taʼaatii.
31 Iyoyo peyo pa lyuŵa lyakulamulila Mwenye jwankongwe jwa ku Sheba chakopochele pamo ni ŵandu wa uŵelesi wu, nombewo chachisala kuti uŵelesi wu wanamagambo. Pakuŵa ŵelewo ŵaumile kwakutalichila, ŵaiche kukugapikanila maloŵe gambone ga lunda ga mwenye che Selemani, nambo pelepa apali jwankulu kupunda mwenye che Selemani.
Mootittiin kibbaa guyyaa murtiitti namoota dhaloota kanaa wajjin kaatee isaanitti murti; isheen ogummaa Solomoon dhagaʼuuf jettee daarii lafaatii dhufteetii. Kunoo kan Solomoonin caalu as jira.
32 Ŵandu ŵa ku Ninawi chakopochele pa lyuŵa lya malamulo lyo pamo ni ŵandu ŵa uŵelesi wu, nombewo chachisala kuti uŵelesi wu wanamagambo. Pakuŵa ŵandu ŵa ku Ninawi ŵalesile sambi ligongo lya kulalichilwa utenga wa Akunnungu ni che Yona, nambo pelepa kwana jwankulu kwapunda che Yona.
Namoonni Nanawwee guyyaa murtiitti dhaloota kana wajjin kaʼanii itti muru; isaan lallaba Yoonaasiin qalbii jijjiirrataniitii; kunoo kan Yoonaasin caalu as jira.
33 “Ngapagwa mundu jwakupamba lumuli ni kulusisa pane kuluunichila ni lulo nambo akuluŵika pachanya chindu chakuŵichila lumuli, kuti ŵakwinjila mwelemo akombole kulola lilanguka lyakwe.
“Namni kam iyyuu ibsaa qabsiisee iddoo hin mulʼanne yookaan gombisaa jala hin kaaʼu. Qooda kanaa akka warri ol seenan ifa isaa arganiif baattuu isaa irra kaaʼu.
34 Lumuli lwa chiilu chenu luli liso lyenu, lyaŵaga lyansima, chiilu chenu chose chichiŵe mu lilanguka, nambo lyaŵaga ngaŵa lyansima, nombe chiilu chenu chichiŵe muchipi.
Iji kee ibsaa dhagna keetii ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama. Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu dhagni kees dukkanaan guutama.
35 Nlilolechesye yambone kuti lilanguka lyalili nkati mwenu likaika kugalauka kuŵa chipi.
Kanaafuu akka ifni si keessaa dukkana hin taaneef of eeggadhu.
36 Nipele, iŵaga chiilu chenu chose chaŵaga ni lilanguka, pangali chiŵalo chachichiŵe pa chipi, chiilu cho chiching'alime yambone mpela lumuli lwalukuti pakunlanguchisya ni lilanguka lyakwe.”
Egaa yoo dhagni kee hundinuu ifaan guutame, yoo kutaan tokko iyyuu dukkana hin qabaatin, akkuma waan ifni ibsaa tokkoo ifa isaatiin siif ibsuutti dhagni kee guutummaatti ifa ni qabaata.”
37 Che Yesu paŵamasile kusala yeleyo, Mfalisayo jumo ŵaalaliche kumangwao kuti akalye nawo chakulya, nombewo ŵajinjile ni kutama kulya.
Akkuma Yesuus haasaa isaa fixateen Fariisota keessaa namichi tokko akka Yesuus isa wajjin nyaata nyaatuuf mana isaatti isa waame; Yesuusis ol seenee maaddiitti dhiʼaate.
38 Nambo Mfalisayo jo ŵansimosile Che Yesu kwawona alinkutama panganaŵa kaje chikanaŵe chakulya.
Fariisichi garuu akka Yesuus nyaataan dura hin dhiqatin argee dinqisiifate.
39 Pele Ambuje ŵansalile, “Ŵanyamwe Mafalisayo, nkosya ngao ni mbale kwa paasa, nambo nkati mwenu ngumbele chigongomalo ni ungalimate.
Gooftaanis akkana isaan jedhe; “Isin Fariisonni duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi keessan garuu saamichaa fi hamminaan guutameera.
40 Ŵakuloŵela ŵanyamwe! Ana, ngaŵa Akunnungu ŵaŵapanganyisye paasa ni ŵaŵapanganyisye nkati mo?
Yaa namoota gowwoota! Inni duuba isaa uume sun keessa isaa immoo hin uumnee?
41 Nambo mwapeje ŵandu ŵakulaga indu yaili nkati ngao ni mbale ni indu ine yose chiiŵe yambone kukwenu.
Isin garuu waan xoofoo fi caabii keessa jiru hiyyeeyyiif kennaa; yoos wanni hundinuu isinii qulqullaaʼaa.
42 “Nambo ulaje uŵe kukwenu ŵanyamwe Mafalisayo, pakuŵa nkwausya liunjili lya kumi namose pachanya masamba ga kununjila ga mimela gakunonyesya chakulya ni mchicha ni masamba gane gane ni kuleka kwapanganyichisya ŵandu yaikuŵajilwa ni kwanonyela Akunnungu. Mwaŵajilwe kukamulisya yaandanda yo pangaliŵalila yaaŵili yo.
“Fariisota nana isiniif wayyoo! Isin insilaala, cilaaddaamaa fi biqiltuu gosa hundaa kudhan keessaa tokko Waaqaaf ni kennitu; murtii qajeelaa fi jaalala Waaqaa garuu ni tuffattu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa booddee hojii irra oolchuu qabdu ture.
43 “Nambo ulaje uŵe kukwenu, ŵanyamwe Mafalisayo, pakuŵa ikunnonyela kutama mmbujo mu itengu ya achakulungwa mu mmajumba ga kupopelela ni kunkomasya kwa kuchimbichisya paŵachingangene ŵandu.
“Yaa Fariisota, isiniif wayyoo! Isin manneen sagadaa keessatti taaʼumsa ulfinaa, gabaa keessattis nagaa gaafatamuu jaallattu.
44 Ulaje uŵe kukwenu, pakuŵa nkulandana ni malembe gangali chilosyo, ŵandu akupita pachanya pakwe, pangaimanyilila.”
“Isin sababii awwaala mallattoo hin qabne kan namoonni utuu hin beekin irra deeman fakkaattaniif isinii wayyoo!”
45 Jumo jwa ŵamalamulo ŵajanjile, “Jwakwiganya, pankusala yelei ngati nkutujalusya nowe ŵakwe.”
Hayyoota seeraa keessaas tokko deebisee, “Yaa Barsiisaa, ati yommuu waan kana jettutti nuus arrabsaa jirta!” jedheen.
46 Che Yesu ŵajanjile, “Ulaje uŵe kukwenu ŵanyamwe ŵakwiganya Malajisyo, pakuŵa nkwatwika ŵandu misigo jakutopela jangatwichilika ni mwachinsyene ngankujongola namose chala kwakamusya.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Hayyoota seeraa, isiniifis wayyoo! Isin baʼaa namni baachuu hin dandeenye isaanitti feetu; ofii keessanii garuu isaan gargaaruudhaaf qubaan illee hin tuqxan.
47 Ulaje uŵe kukwenu, pakuŵa nkugumba malembe ga ŵakulondola ŵa Akunnungu, ŵaŵaulajikwe ni achambuje ŵenu.
“Isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; kan isaan ajjeeses abbootuma keessan.
48 Iyoyo peyo ŵanyamwe nkuŵalanga ni kwitichisya masengo ga achambuje ŵenu pakuŵa ŵelewo ŵauleje ŵakulondola ŵa Akunnungu ni ŵanyamwe nkugumba malembe gao.
Kanaafuu isin akka waanuma abbootiin keessan hojjetan sana deeggartan dhugaa baatu; isaan raajota ajjeesan; isin immoo awwaala raajotaa ijaartu.
49 Ni kwaligongo lyo, lunda lwa Akunnungu lwatite, ‘Chinampe ŵakulondola ŵa Akunnungu ni achinduna, nambo ŵane mwa ŵanyawo chachaulaga ni ŵane ŵao chachalagasya.’
Sababii kanaaf Waaqni ogummaa isaatiin, ‘Ani raajotaa fi ergamoota isaanittin erga; namoonni sunis isaan keessaa tokko tokko ni ajjeesu; kaan immoo ni ariʼatu’ jedhe.
50 Nipele uŵelesi uu chiuchilagaswa kwaligongo lya chiwa cha ŵakulondola ŵa Akunnungu ŵana wose ŵaŵaulegwe chitandile kupagwa chilambo,
Kanaaf dhaloonni kun dhiiga raajota hundaa kan uumama addunyaatii jalqabee dhangalaʼetti ni gaafatama;
51 chitandile kuulagwa ku che Habili kwichila che Sakalia, juŵaulegwe pasikati ja chilisa ni Nyuumba ja Akunnungu. Eloo, ngunsalila kuti, au uŵelesi uu chiuchilagaswa kwa yele isambo yo.
dhiiga Abeel irraa jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas isa iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa gidduutti ajjeefame sanaatti ni gaafatama. Eeyyee ani isinittin hima; dhaloonni kun waan kana hundumatti ni gaafatama.
52 “Ulaje uŵe kukwenu ŵanyamwe ŵakwiganya Malajisyo pakuŵa njigele chiugulilo cha nnango wa umanyilisi ni mwachinsyene nganinjinjila ni ŵaŵajinjilaga mwelemo mwalekasisye kuti akajinjila.”
“Yaa hayyoota seeraa, isiniif wayyoo! Isin furtuu beekumsaa fudhattaniirtu. Ofii keessanii hin seenne; warra seenaa turanis dhowwitaniirtu.”
53 Che Yesu ŵatyosile mwelemo, chitandile pelepo ŵakwiganya Malajisyo ni Mafalisayo ŵatandite kwachima kwannope ni kwausya mausyo gamajinji.
Yommuu Yesuus achii deemetti, Fariisonnii fi barsiistonni seeraa jabeessanii isaan mormuu, akka inni waan baayʼee dubbatuufis isa tuttuquu jalqaban.
54 Ŵasakaga ŵatanjisye kwa maloŵe gao.
Waan afaan isaatii baʼuun isa qabuufis eeggachaa turan.