< Yohana 15 >

1 “Uneji ndili chitela chisyenesyene cha msabibu, ni Atati ŵangu ali jwakulima.
“Ani muka wayinii dhugaa ti; kan dhaabes Abbaa koo ti.
2 Lujambi lwaluli lose lwaluli mwangu une lwangalukusogola akulutyosya ni lujambi lwaluli lose lwalukusogola akulupogolela kuti lupunde kusogola.
Inni damee koo kan ija hin naqanne hunda muree gata; damee ija naqatu immoo akka inni caalaatti naqatuuf irraa qora.
3 Ŵanyamwe mmasile kuŵa ŵasalele kwa ligongo lya majiganyo gangu ginansalile.
Isin dubbii ani isinitti dubbadheen amma qulqulluu dha.
4 Ntame nkati mwangu, ni uneji chindame nkati mwenu. Mpela ila lujambi ngalukombola kusogola isogosi iŵaga nganilusigala pa msabibu usyene, iyoyo peyo ni ŵanyamwe iŵaga ngankutama munkati mwangu chinnepele kusogola isogosi.
Na keessa jiraadhaa; anis isin keessa nan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo muka wayiniitti jiraate malee ofuma isaatiin ija naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee ija naqachuu hin dandeessan.
5 “Uneji ndili mpela chitela cha msabibu ni ŵanyamwe ndi nyambi. Jwakutama mwa uneji, ni uneji mwa jwelejo, jwelejo chasogole isogosi yejinji, pakuŵa ŵanyamwe jikape ngankukombola kupanganya chachili chose.
“Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.
6 Mundu jwalijose iŵaga ngakutama mwa uneji akulandana ni lujambi lwalujasikwe kwakutalichila ni kuumula. Syele nyambi sikukumbikwa ni kutinisya pa mooto ni kutinika.
Namni na keessa hin jiraanne akka damee gad gatamee goguu ti. Dameewwan akkanaa walitti qabamanii ibiddatti naqamu; ni gubamus.
7 Mwatamaga mwa uneji ni maloŵe gangu gatamaga nkati mwenu, mmende chachili chose chinkuchisaka ni ŵanyamwe chimpegwe.
Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama.
8 Mwasogolaga isogosi yejinji, Atati ŵangu chakuswe ni ŵanyamwe chimme ŵakulijiganya ŵangu.
Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.
9 Uneji nannonyele ŵanyamwe mpela ila Atati ŵangu iŵanonyele une. Ntameje mu unonyelo wangu.
“Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa.
10 Mwagakamulichisyaga malajisyo gangu chintame mu unonyelo wangu, mpela ila indite pakugakamulichisya malajisyo ga Atati ŵangu ni kutama mu unonyelo wao.
Akkuma ani ajajawwan Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajajawwan koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
11 “Nansalile yelei yose kuti usangalale wangu utame nkati mwenu, ni usangalale wenu upunde.
Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera.
12 Alili lili lilajisyo lyangu: Nnonyelane jwine ni jwine mpela indite pakunnonyela ŵanyamwe.
Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.
13 Ngapangwa unonyelo wauli wekulungwa kuupunda unonyelo wa mundu jwakuutyosya umi wakwe kwa ligongo lya achambusanga ŵao.
Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
14 Ŵanyamwe ndi achambusanga ŵangu mwatendaga chele chingunnajisya.
Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti.
15 Uneji ngangummilanga sooni ŵakutumichila, pakuŵa jwakutumichila ngakuchimanyilila chakupanganya mmbujegwe. Nambo uneji nammilasile ŵanyamwe achambusanga ŵangu, pakuŵa nammanyisye yose inaipilikene kutyochela kwa Atati ŵangu.
Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.
16 Ŵanyamwe nganimuusagula uneji, nambo uneji nansagwile ŵanyamwe ni kuntuma njaule nkasogole isogosi yejinji yaani ipanganyo yambone, ichitame moŵa gose, nipele chachili chose chachimwaŵende Atati ŵangu kwa liina lyangu chimpegwe.
Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.
17 Nipele, lilajisyo lyangu kukwenu lili ali, nnonyelane jwine ni jwine.
Ajajni koo isa kana: Wal jaalladhaa.
18 “Iŵaga ŵandu ŵa pachilambo pano akunchima ŵanyamwe, mmanyilile kuti akanaŵe kunchima ŵanyamwe, ŵanjimile uneji kaje.
“Yoo addunyaan isin jibbe, akka inni isin dura na jibbe beekaa.
19 Nkaliji ŵandu ŵa pachilambo, ŵandu akunnonyela ŵanyamwe mpela achinjao. Ŵanyamwe nganimma ŵandu ŵa pachilambo, nambo une nansagwile ŵanyamwe pasikati ja ŵandu ŵa pachilambo. Kwa ligongo lyo ŵandu ŵa pachilambo akunchima ŵanyamwe.
Utuu isin kan addunyaa taatanii silaa addunyaan kan ofii isaa ni jaallata ture. Amma garuu waan ani addunyaa keessaa isin filadheef isin kan addunyaa miti. Kanaafuu addunyaan isin jibba.
20 Nkumbuchile inansalile yo kuti, ‘Jwakutumichila nganaŵa jwankulungwa kumpunda mmbujegwe.’ Iŵaga ŵalagesye uneji, ni ŵanyamwe nombe chanlagasye, agakamulichisyaga majiganyo gangu, ni majiganyo genu chagakamulisye.
Dubbii ani, ‘Garbichi gooftaa isaa hin caalu’jedhee isinitti hime sana yaadadhaa. Isaan erga na ariʼatanii, isinis ni ariʼatu. Yoo dubbii kootiif ajajaman, dubbii keessaniifis ni ajajamu.
21 Nambo champanganyichisye ŵanyamwe yeleyo yose pakuŵa ŵanyamwe ndi ŵandu ŵangu, ligongo ngakwamanyilila ŵelewo ŵandumile une.
Isaan waan Isa na erge sana hin beekneef, sababii maqaa kootiitiif waan kana hunda isin irratti raawwatu.
22 Ngungaiche ni kuŵecheta nawo, ngakaŵe ni sambi, nambo sambano ngakukombola kulichenjela kuti nganakola sambi.
Utuu ani dhufee isaanitti himuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu cubbuu isaaniitiif sababii dhiʼeeffatan hin qaban.
23 Jwakunjima une, akwachima Atati ŵangu nombe.
Namni na jibbu Abbaa koos ni jibba.
24 Ngangapanganye kukwao masengo ganganagapanganye jwine, ngaakakole sambi, nambo sambano aiweni yakusimonjeka indesile, ali chiŵela kutuchima une ni Atati ŵangu.
Utuu ani hojii namni biraa tokko iyyuu hin hojjetin gidduu isaaniitti hojjechuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu utuma waan ani hojjedhe arganuu anas Abbaa koos jibbaniiru.
25 Nambo itendekwe yele kuti gamalile maloŵe gagalembekwe Mmalajisyo gao gagakuti, ‘Ŵanjimile pangali ligongo.’
Kunis akka dubbiin Seera isaanii keessatti, ‘Isaan akkasumaan na jibban’jedhamee barreeffame sun raawwatamuuf taʼe.
26 “Chinantume nkamusi kutyochela kwa Atati ŵangu, jwele ali Mbumu jwa Akunnungu, juchasale usyene nkati Akunnungu. Chinantume kukwenu kutyochela kwa Atati kuti ansalile usyene nkati uneji.
“Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.
27 Ni ŵanyamwe nombe chimwasalile ŵandu nkati une pakuŵa ntemi pamo ni une chitandile kundanda.
Isinis jalqabaa kaaftanii waan na wajjin turtaniif dhugaa baatu.

< Yohana 15 >