< Yohana 12 >

1 Moŵa nsano ni limo likanaŵe lyuŵa lya chindimba cha Pasaka, Che Yesu ŵaiche ku Besania, paŵatamaga che Lasalo, mundu juŵasyuchikwe ni Che Yesu jula.
Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe.
2 Kweleko ŵankolochesye Che Yesu chakulya cha ligulo ni che Masa ŵaliji nkwatumichila. Che Lasalo ŵaliji jumo jwao jwa ŵeŵala ŵaŵatemi pa chakulya pamo ni Che Yesu.
Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture.
3 Nipele, che Maliamu ŵajigele chuupa cha mauta gambone gakununjila ga ntengo wekulungwa gagakolochekwe ni chitela chachikuŵilanjikwa nado, ni kwapakasya Che Yesu mmakongolo mwao ni ŵagasyusile makongolo ni umbo syakwe. Nyuumba jose janunjile chambone.
Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
4 Nambo che Yuda Isikaliote, jumo jwa ŵakulijiganya ŵao juchiŵagalauche Che Yesu ŵatite,
Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe;
5 “Ana ligongo chi pangagasumisya mauta go kwa ipaande selasini ya feza, ni feza syo kwapa ŵakulaga?”
“Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?”
6 Ŵaŵechete yeleyo, ngaŵa kuti ŵaakolelaga chanasa ŵakulaga, nambo ŵaŵechete yeleyo kwa ligongo ŵaliji jwakugosa mbiko. Pakuŵa ŵaliji jwawiyi ŵajiŵaga kutyochela mu mbiko jo.
Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.
7 Nambo Che Yesu ŵatite, “Munansausye jwankongwe ju! Munneche, atesile yelei kwa ligongo lya lyuŵa lya masiko gangu.
Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa.
8 Ŵakulaga chaŵe pamo ni ŵanyamwe moŵa gose, nambo uneji nguŵa ni ŵanyamwe moŵa gose.”
Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”
9 Ŵayahudi ŵajinji ŵapilikene kuti Che Yesu ŵaliji ku Besania. Nipele, ŵaiche kweleko ngaŵa kuti kwa ligongo lya kwawona Che Yesu pe, nambo ŵasachile kwawona che Lasalo nombe, mundu juŵasyusikwe ni Che Yesu.
Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan.
10 Nipele, achakulu ŵambopesi ŵajilene kwaulaga che Lasalo nombe,
Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan;
11 ni kwaligongo lya iyankopochele che Lasalo, Ŵayahudi ŵajinji ŵaakanile ilongola ŵao, ni kunkulupilila Che Yesu.
Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.
12 Malaŵi jakwe, mpingo wekulungwa wa ŵandu uwaiche kuchindimba cha Pasaka ŵapilikene kuti Che Yesu ali mwitala kwika ku Yelusalemu.
Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan.
13 Nipele, ŵajigele nyambi sya itela ya mitende ni ŵajawile kukwachingamila, ŵanyanyisye achitiji, “Alapikwe Akunnungu! Akole upile ŵelewo ŵakwika mu liina lya Ambuje. Akole upile mwenye jwa ku Isilaeli.”
Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
14 Che Yesu ŵampatile mwanambunda, ŵakwesile mpela iyalembekwe Mmalembelo Gamaswela,
Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;
15 “Munajogope ŵandu ŵankutama ku Sayuni! Nnole, Mwenye jwenu akwika, akwesile mwanambunda!”
“Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin; kunoo, mootiin kee, ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”
16 Kundanda ŵakulijiganya ŵao nganaimanyililaga indu iyatyochele, nambo paŵasyuchile Che Yesu ni kukuswa, pelepo ŵakulijiganya ŵagakumbuchile Malembelo ga Akunnungu apala pagasasile yankati ŵelewo, ni ŵandu iŵatite pakumpanganyichisya.
Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.
17 Mpingo wa ŵandu ŵaŵaliji pamo ni Che Yesu paŵambilasile che Lasalo kutyochela mwilembe ni kwasyusya, ŵasalile ŵandu aila indu iyatendekwe.
Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan.
18 Nipele, mpingo wa ŵandu ula wajawile kukwachingamila, pakuŵa wose ŵapilikene kuti Che Yesu apanganyisye chimanyisyo cho.
Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan.
19 Nipele, Mafalisayo ŵaŵechetesyene jwine ni jwine achitiji, “Nnole! Ngatukukombola kupanganya chachili chose! Ŵandu wose ŵa pachilambo akunkuya.”
Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan.
20 Kwaliji ni Ŵagiliki ŵampepe mwa ŵandu ŵaŵaiche ku Yelusalemu kukupopela katema ka chindimba cha Pasaka chila.
Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan.
21 Ŵanyawo ŵajaulile che Filipo, juŵatyochele musi wa ku Besesaida chilambo cha ku Galilaya ni kwasalila, “Achimwene, tukusaka twawone Che Yesu.”
Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin.
22 Che Filipo ŵajawile kukwasalila che Andulea, ni wose ŵanaŵaŵili ŵajawile kukwasalila Che Yesu.
Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan.
23 Nambo Che Yesu ŵaajanjile, “Saa jiiche ja Mwana jwa Mundu kukuswa!
Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.
24 Ngunsalila isyene lusongolo lwa ngano chilusigalile kuŵa lusongolo lwa ngano pe, iŵaga nganilugwa paasi ni kuwa. Nambo lwawaga, lukumela ni kusogosya songolo sine syejinji.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata.
25 Mundu jwakuunonyela umi wakwe, jwelejo chausoyasye, nambo jwakusaka kuutyosya umi wakwe kwa Kilisito mu chilambo chi, jwelejo chaugose mpaka pachapegwe umi wa moŵa gose pangali mbesi. (aiōnios g166)
Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. (aiōnios g166)
26 Mundu jwakusaka kuundumichila, anguye, kuti papalipose pachime une ni katumetume jwangu ni pachaaŵe. Mundu jwalijose jwakuundumichila uneji, Atati ŵangu chamchimbichisye.
Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
27 “Sambano Mbumu jangu jikusupuka, none ana mechete chichi? Ana mechete kuti, ‘Atati ŵangu mungulupusye ni ichitendekwe pa katema ka?’ Ngwamba, chelecho ni chinaichile, mbite pa katema ka masausyo.
“Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe.
28 Atati, nlikusye liina lyenu.” Pelepo lyapikaniche liloŵe kutyochela kwinani lichitiji, “Nalikusisye, ni chinalikusye sooni.”
Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!” Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe.
29 Mpingo wa ŵandu ŵaŵajimi pelepo ŵapilikene liloŵe lyo ni ŵane mwa ŵelewo ŵatite kwaliji ni kulindima ni ŵane ŵatite, “Katumetume jwa kwinani ŵaŵechete nawo!”
Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan.
30 Nambo Che Yesu ŵaasalile, “Liloŵe limwalipikene nganiliŵa kwa ligongo lyangu une, nambo kwa ligongo lyenu.
Yesuus akkana jedhee deebise; “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti.
31 Keleka kali katema ka kwalamula ŵandu ŵa chilambo chi, sambano Shetani jwakutawala pa chilambo chi chaŵinjikwe.
Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama.
32 Nambo une pachinyakulikwe pachilambo, wose chinautile kukwangu.”
Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.”
33 Kwa kuŵecheta yeleyo ŵalosilye chiwa chachi chichawe.
Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.
34 Mpingo wa ŵandu ula wajanjile, “Uweji tupilikene Mmalajisyo getu kuti Kilisito chatame moŵa gose pangali mbesi. Mmwe nkuti uli, Mwana jwa Mundu aŵajilwe kunyakulwa? Ana aju Mwana jwa Mundu ju ali ŵaani?” (aiōn g165)
Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen. (aiōn g165)
35 Che Yesu ŵaajanjile, “Lilanguka lili pamo ni ŵanyamwe kwa moŵa kanandi. Njendeje katema lilanguka lyo lili lipali kuti chinansimane chipi, pakuŵa jwakwenda mu chipi ngakukumanyilila kwakwaula.
Yesuus immoo akkana jedheen; “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii.
36 Katema nli nkwete lilanguka lyo nkulupilile lilanguka lyo mmeje ŵandu ŵa lilanguka.” Paŵamasile kuŵecheta yeleyo Che Yesu ŵatyosile ni kulisisa.
Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.” Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.
37 Namuno Che Yesu ŵaitendekenye imanyisyo yo mmbujo mwao, nambo ŵanyawo nganiŵakulupilila.
Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne.
38 Nipele maloŵe gaŵaŵechete jwakulondola jwa Akunnungu che Isaya gamaliile paŵatite, “Ambuje, ana ŵaani ŵaukulupilile utenga wetu? Ni machili ga Ambuje gawoneche kwa ŵaani?”
Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?” jedhu sun akka raawwatamuuf ture.
39 Nambo nganakombola kukulupilila, pakuŵa che Isaya ŵasasile sooni kuti,
Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;
40 “Akunnungu ŵaatatesye meeso gao, kuti akalola ni meeso gao, sooni nalyungesye lunda lwao kuti akaimanyilila ni lunda lwao, akapitikwisye mitima jao kuti nalamye.”
“Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera.”
41 Che Isaya ŵaŵechete yeleyo pakuŵa ŵauweni ukulu u Che Yesu ni kunkunguluchila ngani syao.
Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.
42 Natamuno yeleyo, achakulu ŵajinji ŵa Ŵayahudi ŵaakulupilile Che Yesu. Nambo kwa ligongo lya kwajogopa Mafalisayo, nganajitichisya kwakulilosya kuti akaaŵinga mu nyuumba jakupopelela.
Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne;
43 Pakuŵa yanonyele kulapikwa ni ŵandu kupunda kulapikwa ni Akunnungu.
isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
44 Nipele, Che Yesu ŵanyanyisye achitiji, “Mundu jwakungulupilila une, ngakungulupilila une pe, nambo akwakulupilila iyoyo ŵeŵala ŵandumile une.
Yesuusis iyyee akkana jedhe; “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti.
45 Jwakumona une akwawona iyoyo ŵeŵala ŵandumile une.
Kan na argus isa na erge sana arga.
46 Uneji iiche pachilambo meje lilanguka kuti ŵanawose ŵakungulupilila une akatama mu chipi.
Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
47 Mundu jwakugapilikana maloŵe gangu nambo ngakugakamulisya, uneji ngaŵa juchinanlamule. Nguniika kukwalamula ŵandu ŵa pachilambo nambo iiche kukwakulupusya.
“Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii.
48 Jwakungana une ni kugakana maloŵe gangu jwelejo akwete jwakwalamula. Liloŵe limechete lila chilyalamule pa lyuŵa lya mbesi.
Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.
49 Nganiŵecheta kwa malamulo gangu nansyene, nambo Atati ŵangu ŵandumile ŵelewo ni ŵanajisye chakuŵecheta ni chakwasalila ŵandu.
Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne.
50 Ni uneji ngumanyilila kuti malamulo gakwe gakwikanawo umi wa moŵa gose pangali mbesi. Nipele uneji nguŵecheta agala pe gaŵanajisye Atati ŵangu kuti nagaŵechete.” (aiōnios g166)
Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.” (aiōnios g166)

< Yohana 12 >