< Masengo 26 >

1 Nipele che Agilipa ŵansalile che Paolo, “Nkukombola kulichenjela.” Pelepo che Paolo ŵagolwesye nkono wao ni kulichenjela, achitiji.
Agriiphaan Phaawulosiin, “Akka ati ofii keetiif dubbattu siif eeyyamameera” jedhe. Phaawulosis harkaan mallattoo kennee akkana jedhee falmachuu jalqabe;
2 “Mwenye che Agilipa, nguliwona ngwete upile lelo jino kwima paujo penu ni kulichenjela yankati yanayose yakumechetela une Ŵayahudi.
“Yaa Agriiphaa Mooticha, ani sababii waan Yihuudoonni ittiin na himatan hunda falmachuudhaaf jedhee harʼa fuula kee dura dhaabadhuuf akka ayyaantuu tokkoottin of ilaala.
3 Nnopennope pakuŵa alakwe mwasyene nkumanyilila uchenene masyoŵelo ga Ŵayahudi ni umenyani wao, ngunchondelela mumbilikanile mu upililiu.
Kunis waan ati duudhaa fi wal mormii Yihuudootaa hunda keessa beektuufii dha. Kanaafuu ani akka ati obsaan na dhaggeeffattu sin kadhadha.
4 “Ŵayahudi wose akuumanyilila une uchenene chitandile uchanda wangu. Akumanyilila inatite pakutama ni ŵanyawo mu chilambo changu ni ku Yelusalemu nombeko chitandile ndanda jo.
“Ani ijoollummaa kootii jalqabee saba koo keessatti, Yerusaalem keessattis akkamitti akka jiraachaa ture Yihuudoonni hundinuu ni beeku.
5 Akuumanyilila une chitandile kalakala ni asakaga akukombola kuŵalanga umboni kuti chitandile ndanda jo naliji jumo jwa mpingo wa Mafalisayo ŵakwapopelela Akunnungu kupunda ŵandu ŵane wose.
Akka ani akka Fariisicha tokkootti akkuma sirna garee akka malee amantaa keenyatti cichu sanaatti jiraadhe isaanuu bara dheeraa waan na beekaniif, yoo fedhii qabaatan dhugaa baʼuu ni dandaʼu.
6 Ni sambano nyimi pelepa kulamulikwa ligongo nguchilolela chilanga chiŵalanjile Akunnungu kwa achambuje ŵetu chila.
Ammas ani waadaa Waaqni abbootii keenyaaf gale sana waan abdadhuuf qoratamuuf dhiʼaadheen as jira.
7 Chilanga cho ni chichocho chaakuchilolela ngosyo kumi na mbili sya ŵandu ŵetu kuti chimalile, achatumichilaga Akunnungu nkulimbangana muusi ni chilo. Ni kwaligongo lyo alakwe mwenye, Ŵayahudi ŵa akuumechetela une.
Waadaan kun isuma gosoonni keenya kudha lamaan halkanii guyyaa Waaqa tajaajiluutti jabaatanii raawwatamuu isaa arguu hawwan sanaa dha. Yaa Agriiphaa Mooticha, Yihuudoonnis sababuma abdii kanaatiif na himachaa jiru.
8 Ŵanyamwe wose ŵandi apano kwa chichi nkuganisya kuti Akunnungu ngakukombola kwasyusya ŵawe?
Akka Waaqni warra duʼan duʼaa kaasu isin maaliif akka waan hin amanamne tokkootti herregdu?
9 Isyene uneji nansyene naliweni kuti ngusachilwa kutendekanya yejinji yakunkanila Che Yesu jwa ku Nasaleti.
“Ani mataan koo iyyuu maqaa Yesuus nama Naazreetiitiin mormuudhaaf akka waan dandaʼamu hunda gochuu qabu nan amana ture.
10 Yelei ni inaitesile ku Yelusalemu kula. Napochele lilamulo kutyochela kwa achakulu ŵambopesi, naakamwile ŵandu ŵajinji mwa ŵandu ŵa Akunnungu ni kwataŵa mu nyuumba jakutaŵilwa. Ni ŵanyawo paŵalamulikwe kuulajikwa, uneji nakundile aulajikwe.
Wanni ani Yerusaalem keessatti hojjedhes kanuma; ani taayitaa luboota hangafoota irraa argadheen qulqulloota baayʼee mana hidhaatti naquu qofa utuu hin taʼin yeroo isaan ajjeefaman iyyuu dubbicha irratti walii galaan ture.
11 Naalagesye mmajumba gao ga kupopelela ni kwakanganichisya atukane. Naatumbilile kwannope namose najawile kukwasosasosa mmisi ja ilambo yakutalichila kuti naalagasye.
Anis akka isaan adabamaniif yeroo baayʼee mana sagadaa tokko irraa gara mana sagadaa biraatti darbaa, akka isaan amantii isaanii arrabsaniifis isaan dirqisiisaan ture. Ani waan akka malee isaanitti aaraa tureef hamma magaalaawwan biyya alaatti illee deemee isaan ariʼachaan ture.
12 “Ligongo lya masengo gagogo pego najawile ku Damesiki ndili ni ulamusi ni malajisyo ga achakulu ŵambopesi.
“Anis gaafa tokko kanumaaf jedhee taayitaa fi ergama luboota hangafoota biraa fudhadhee utuun Damaasqoo deemaa jiruu,
13 Alakwe mwenye, panaliji mwitala muusi, lyuŵa lili pa ntwe naliweni lilanguka lyekulungwa kupunda lilanguka lya lyuŵa lichilanguchisyaga kutyochela kwinani. Ni lyatusyungwile uneji pamo ni achinjangu ŵanaliji nawo mu ulendo mo.
yaa mooticha, ani utuman karaa deemaa jiruu gara saafaatti ifa ifa aduu caalaa ibsu tokko isaa samii irraa naannoo koottii fi naannoo warra na wajjin deemaniitti ibsu arge.
14 Wose twagwile, none napilikene liloŵe lichisalilaga mchiebulania, ‘Che Sauli, che Sauli! Ligongo chi nkuulagasya? Nkuliulasya mwasyene pangali ligongo mpela ng'ombe jajikuchiputa chiboko cha mmbujegwe.’
Hundi keenya lafatti kukkufne; anis sagalee afaan Ibraayisxiitiin ‘Yaa Saaʼol, yaa Saaʼol, ati maaliif na ariʼatta? Arfii wayii dhiituun suma miidha’ naan jedhu tokkon dhagaʼe.
15 Noneji nausisye, ‘Ana ŵaani alakwe, Ambuje?’ Ni Ambuje wo ŵajanjile, ‘Uneji ndili Che Yesu junkunlagasya mmwejo.
“Anis, ‘Yaa Gooftaa ati Eenyu?’ jedheen gaafadhe. “Gooftaanis deebisee akkana jedhe; ‘Ani Yesuus isa ati ariʼattuu dha.
16 Nambo Sambano njime, nankopochele kuti nambiche mme nkamusi jwangu. Mmwejo chimmalanje ya uneji, chimwasalile ŵandu yanyiweni lelo jino ni ichinannosye kanyuma.
Amma kaʼii miilla keetiin dhaabadhu. Ani akka ati tajaajilaa koo taatee, waaʼee koos waan argitee fi waan ani sitti mulʼisuuf jiru dhugaa baatuuf si muuduuf jedhee sitti mulʼadheera.
17 Chinankulupusye kutyoka mwa ŵandu wa ku Isilaeli pamo ni ŵandu ŵangaŵa Ŵayahudi kuchinantume une ko.
Ani saba keetii fi Namoota Ormaa kanneen gara isaaniitti si ergu jalaa sin baasa.
18 Mwatatanukule meeso gao kuti akombole kopoka mu chipi ni kwinjila mu lulanga nombe akopoche mu ulamusi wa Shetani ni kwagalauchila Akunnungu kuti kwa kungulupilila une alecheleswe sambi syao ni kwinjila majumba pamo ni ŵandu ŵasagulikwe ni Akunnungu.’
Atis ija isaanii bantee dukkana keessaa gara ifaatti, humna Seexanaa jalaas gara Waaqaatti isaan deebifta; kunis akka isaan dhiifama cubbuu argatanii fi akka isaan warra natti amanuun qulqullaaʼan gidduutti dhaala argataniif.’
19 “Kwapele, alakwe mwenye che Agilipa, uneji nganileka kwitichisya yakwiwona yaikopochele kwinani.
“Kanaafuu yaa Agriiphaa Mooticha, ani mulʼata samii irraa dhufe sanaaf ajajamuu hin didne.
20 Nipele natandite kulalichila maloŵe ga Akunnungu kwa ŵakutama ku Damesiki ni ku Yelusalemu ni chilambo chose cha ku Yudea pamo ni ŵandu ŵangaŵa Ŵayahudi. Naalalichile aleche sambi ni kwaujilila Akunnungu ni kulosya kwa isambo yao kuti alesile sambi.
Anis akka isaan qalbii jijjiirratanii gara Waaqaatti deebiʼaniif, qalbii jijjiirrachuu isaaniis akka hojiidhaan mirkaneessaniif jalqabatti warra Damaasqootti, warra Yerusaalemiitti, warra Yihuudaa guutuutti akkasumas Namoota Ormaatti lallabeera.
21 Kwa ligongo lya maloŵe go Ŵayahudi ŵangamwile une ndili pa Nyuumba ja Akunnungu ni kusaka kumulaga.
Sababiin Yihuudoonni mana qulqullummaa keessatti na qabanii na ajjeesuu yaalaniifis kanuma.
22 Nambo Akunnungu aang'osile, mpaka lelo jino ndili jwansima. Noneji nguŵalanga kwa achanandi ni achakulungwa. Ngangusala ine ikaŵe yeila yasasile ŵakulondola ŵa Akunnungu ni che Musa kuti chiikopochele,
Ani garuu hamma guyyaa harʼaatti gargaarsa Waaqaa qaba; kanaafuu ani dhaabadhee xinnaa guddaaf dhugaa baʼaan jira. Ani waan raajonnii fi Museen ‘Ni taʼa’ jedhanii dubbataniin alatti waan tokko illee hin dubbadhu.
23 yakuti yaŵajilwe Kilisito alaje ni kuŵa mundu jwaandanda kusyuka mwa wose ŵawile. Nombejo chakombole kwaichisya lilanguka Ŵayahudi ni ŵandu ŵangaŵa Ŵayahudi.”
Kunis akka Kiristoos dhiphachuu qabu, akka inni warra duʼan keessaa kaʼuudhaan kan jalqabaa taʼee saba isaatii fi Namoota Ormaatiif ifa labsuu dha.”
24 Che Paolo paŵalichenjele mpaka pelepo, che Festo ŵaŵechete kwa liloŵe lyekulungwa, “Mmwe che Paolo ntekupungwana! Kulijiganya kose kuntesile mpungwane.”
Utuma Phaawulos akkasitti falmachaa jiruu Fesxoos sagalee guddaan, “Phaawulos, ati maraatteerta! Barumsi kee guddaan sun si maraachisaa jira” jedheen.
25 Che Paolo ŵajanjile, “Nganimbungwana, alakwe ambuje che Festo. Chinguŵecheta cho chili chisyene ni cha lunda.
Phaawulosis akkana jedhee deebise; “Yaa Fesxoos kabajamaa, ani hin maraanne; wanni ani dubbachaa jirus dhugaa dha; sirrii dhas.
26 Alakwe mwenye che Agilipa nkuimanyilila uchenene yose yaikopochele yo. Noneji ngukombola kuŵecheta pangali lipamba paujo penu pakuŵa nguimanyilila isyene kuti ngapagwa chichatendekwe pachisyepela.
Sababii mootichi waan kana beekuuf, ani ifatti baasee isatti himuu nan dandaʼa. Sababii wanni kun suuqatti hin hojjetaminiif ani akka waan kana keessaa tokko iyyuu isa duraa hin dhokatin nan amana.
27 Mwenye che Agilipa, ana nkugakulupilila maloŵe gaŵaŵechete ŵakulondola ŵa Akunnungu, ŵa kalakala? Ngumanyilila kuti nkugakulupilila!”
Yaa Agriiphaa Mooticha, ati raajota ni amantaa? Akka ati amantu ani iyyuu beeka.”
28 Ni che Agilipa ŵansalile che Paolo, “Ana nkuganisya kuti kwa katema kakajipi peka chinkombole kundendekasya meje Mkilisito?”
Agriiphaanis Phaawulosiin, “Ati yeruma gabaabaa keessatti Kiristaana na gochuu yaaddaa?” jedhe.
29 Che Paolo ŵajanjile, “Iŵaga kwa katema kakajipi pane kakajinji, ngwapopelela Akunnungu, ngaŵa alakwe pe nambo ni ŵanawose ŵakumbikanila lelo jino ŵa aŵanje mpela indite pakuŵa une, nambo anaichile kutaŵikwa minyolo mpela une.”
Phaawulosis deebisee, “Yeroo gabaabaattis taʼu dheeraatti, si qofa utuu hin taʼin akka warri na dhagaʼaa jiran hundinuu foncaa kanaan hidhamuu malee akkuma koo akka taʼan ani Waaqa nan kadhadha” jedhe.
30 Pelepo mwenye che Agilipa ni jwankulu che Festo ni che Belinike pamo ni ŵane wose ŵaŵaliji pamo nawo ŵajimi.
Kana irratti mootichi, bulchaanii fi Barniiqeen, akkasumas warri isaan wajjin tataaʼaa turan ol kaʼan.
31 Ni paŵakopokaga ŵasalilene, “Mundu ju nganapanganya chachili chose chakusachilwa kuulajikwa natamuno kwataŵa.”
Isaanis yeroo gad baʼanitti, “Namichi kun waan duʼaan yookaan hidhaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne” wajjin jedhan.
32 Che Agilipa ŵansalile che Festo, “Ikakomboleche kungopola mundu ju ngaakaŵende kulamulikwa ni Mwenye jwa ku Loma.”
Agriiphaanis Fesxoosiin, “Namichi kun utuu Qeesaaritti ol iyyachuu baatee silaa ni hiikama ture” jedhe.

< Masengo 26 >