< Masengo 25 >

1 Moŵa gatatu pakumala che Festo kwinjila ku Kaisalia kugatanda masengo gakwe, ŵakwesile kwaula ku Yelusalemu.
Fesxoosis biyya sana gaʼee guyyaa sadii booddee Qiisaariyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼe;
2 Kweleko achakulu ŵambopesi pamo ni ilongola ŵa Ŵayahudi ŵansalile che Festo magambo ga che Paolo.
achittis luboonni hangafoonnii fi dura buʼoonni Yihuudootaa fuula isaa duratti dhiʼaatanii himata Phaawulos irraa qaban dhiʼeeffatan.
3 Ŵachondelele che Festo kuti ŵasalalisye ntima kwa kwaikanawo che Paolo ku Yelusalemu kuti ŵajuŵilile petala ni kwaulaga.
Isaanis waan karaatti riphanii Phaawulosin ajjeesuuf qophaaʼaa turaniif akka Fesxoos isaan deeggaree nama ergee gara Yerusaalem isa fichisiisu kadhatan.
4 Nambo che Festo ŵaajanjile, “Che Paolo ali mu nyuumba jakutaŵilwa ku Kaisalia ni nansyene chinyaule kukoko pangakaŵa.
Fesxoos immoo akkana jedhee deebise; “Phaawulos Qiisaariyaatti eegamaa jira; ani mataan koo iyyuu dhiʼeenyatti achi nan dhaqa.
5 Mwaleche ilongola ŵenu ajaulangane pamo ni une kweleko akaaŵechetele naga atesile yangalumbana.”
Kanaafuu abbootii taayitaa keessan keessaa tokko tokko na wajjin deemanii yoo namichi sun balleessaa wayii qabaate achitti isa haa himatan.”
6 Che Festo ŵatemi nawo kwa moŵa nane pane likumi, nipele ŵaujile ku Kaisalia. Malaŵi jakwe ŵajawile ni kutama pa chitengu cha ulamusi, ŵalamwile kuti ŵaichenawo che Paolo.
Innis erga guyyaa saddeeti yookaan kudhan isaan bira bubbulee booddee Qiisaariyaatti gad buʼe; guyyaa itti aanuttis barcuma murtii irra taaʼee akka Phaawulos fuula isaa duratti dhiʼeeffamu ajaje.
7 Paŵaiche che Paolo, Ŵayahudi ŵaŵakopochele ku Yelusalemu ŵansyungwile ni kutanda kwaŵechetela yejinji yakutopa ni nganakombolanga kuisalichisya.
Yommuu Phaawulos dhiʼaatettis Yihuudoonni Yerusaalemii gad buʼan sun isatti naannaʼanii dhaabachuun himata ciccimaa hedduu isa irratti dhiʼeessan; garuu amansiisuu hin dandeenye.
8 Nkulichenjela, che Paolo ŵatite, “Uneji nganimbanganya magambo gagaligose gankati malajisyo ga Ŵayahudi pane nkati Nyuumba ja Akunnungu natamuno kwa Mwenye jwa ku Loma.”
Phaawulosis, “Ani seera Yihuudootaa irratti yookaan mana qulqullummaa irratti yookaan Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhee falmate.
9 Nambo che Festo ŵasachile kulinonyelesya kwa Ŵayahudi ni ŵambusisye che Paolo, “Ana nkusaka kwaula ku Yelusalemu nkalamulikwe kweleko yankati magambo ga paujo pangu?”
Fesxoosis Yihuudoota gammachiisuuf jedhee Phaawulosiin, “Ati Yerusaalemitti ol baatee himata kana irratti fuula koo duratti qoratamuu ni feetaa?” jedhe.
10 Nambo che Paolo ŵatite, “Ngwima paujo pa nkungulu wa Mwenye jwa ku Loma, pelepa ni panguŵajilwa kulamulikwa. Alakwe mwasyene nkumanyilila uchenene, uneji nganinaapanganichisya Ŵayahudi changalumbana chachili chose.
Phaawulos garuu akkana jedhee deebise; “Ani amma barcuma murtii Qeesaar dura, iddoo itti qoratamuu qabu dhaabadheen jira; akkuma ati mataan kee iyyuu sirriitti beektu ani yakka tokko illee Yihuudoota irratti hin hojjenne.
11 Nipele iŵaga ngwete magambo pane ndesile yangalumbana yakuŵajilwa kuulajikwa, ngangukana kuwa. Nambo iŵaga ngapagwa usyene wa magambo gakumechetela une ŵandu ŵa, ngapagwa mundu juchakombole kuundaga mmakono mwa ŵanyawo. Ngusaka mumbeleche kwa Mwenye jwa ku Loma.”
Taʼus ani utuu balleessaa duʼa natti mursiisu tokko illee hojjedhee silaa duʼa jalaa baʼuuf hin carraaqu; garuu yoo wanni Yihuudoonni kunneen ittiin na himatan dhugaa hin taʼin, namni tokko iyyuu dabarsee harka isaaniitti na kennuuf mirga hin qabu. Ani Qeesaaritti oli nan iyyadha!”
12 Nipele che Festo paŵamasile kuŵecheta ni ŵandu ŵa nkungulu ŵansalile che Paolo, “Nkusaka kunjausya kwa Mwenye jwa ku Loma, ayaga, chinjaule kwa Mwenye jwa ku Loma.”
Fesxoosis erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booddee, “Ati Qeesaaritti ol iyyatteerta; gara Qeesaar ni dhaqxa!” jedhe.
13 Gali gapite moŵa gampepe, mwenye che Agilipa ni che Belinike nlumbugwe, ŵaiche ku Kaisalia kukwakomasya che Festo.
Bultii muraasa booddee Agriiphaa mootichii fi Barniiqeen Fesxoos simachuuf Qiisaariyaa dhaqan.
14 Ni ŵatemi kweleko moŵa gampepe ni che Festo nombe ŵansalile mwenye ngani ja magambo ga che Paolo achitiji, “Kwana mundu jumo pelepa juŵannesile che Felikisi ali mu nyuumba jakutaŵilwa.
Fesxoosis isaan guyyaa hedduu achi bubbullaan akkana jedhee waaʼee himata Phaawulos mooticha wajjin dubbate; “Namichi Feeliksi mana hidhaa keessatti dhiisee deeme tokko as jira.
15 Panajawile ku Yelusalemu achakulu ŵambopesi pamo ni achachekulu ŵa Ŵayahudi ŵambechetele mundu jo ni kuunjondelela kuti naalamule ni kwajamuka.
Yeroo ani Yerusaalem turetti luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni Yihuudootaa isa himatanii akka itti muramu kadhatan.
16 Nambo uneji naasalile kuti Ŵaloma nganakola masyoŵelo go ga kuntyosya mundu alamulikwe akanaŵe kuchingangana ni ŵandu ŵakumbechetela meeso ni meeso, ni kwapa lipesa lya kulichenjela kwa iŵambechetele yo.
“Anis akka namni kam iyyuu akka seera biyya Roomaatti utuu fuula himattoota isaa duratti dhiʼaatee himata sana mormachuuf carraa hin argatin dabarfamee kennamuu hin qabne isaanitti himeera.
17 Nipele, paŵasongangene apano, nganingaŵa, malaŵi jakwe natemi pachitengu changu cha ulamusi ni kulajisya annyichenawo mundu jo.
Kanaafuu ani yommuu isaan na wajjin as dhufanitti barcuma murtii irra taaʼeen akka namicha natti fidan ajaje malee dubbii sana lafa irra hin harkifne.
18 Ŵakumbechetela ŵakwe paŵajimi, nganakoposya magambo ga yangalumbana mpela inaganisyaga.
Himattoonni isaas yommuu dubbachuuf kaʼanitti yakka ani ittiin isa himatu jedhee eege keessaa tokko illee isa irratti hin dhiʼeessine.
19 Nambo ŵakanilanaga ine pe yankati dini jao ni yankati mundu jumo jwakuŵilanjikwa Che Yesu jwaŵawile nambo che Paolo akulimbila kuti ali ŵajumi.
Garuu isaan waaʼee amantaa isaaniitii fi waaʼee namicha duʼe kan Yesuus jedhamu isa Phaawulos immoo, ‘Inni jiraataa dha’ jedhee falmuu tokkoo irratti wal dhaban.
20 Nganinaimanyilila chakutenda nkati magambo ga. Nipele, nambusisye che Paolo iŵaga chasache kwaula ku Yelusalemu kukulamulikwa kweleko magambo ga.
Anis akka itti dubbii sana qoradhu wallaale; kanaaf inni Yerusaalem dhaqee himata kana irratti qoratamuuf fedhii qabuu fi akka inni hin qabne isa gaafadhe.
21 Nambo che Paolo ŵasachile kulamulikwa ni Mwenye jwa ku Loma, nalamwile kuti angose mu nyuumba jakutaŵilwa mpaka pachinaapeleche kwa Mwenye jwa ku Loma.”
Garuu yommuu Phaawulos murtii Awugisxoos Qeesaar argachuuf jedhee turfamuu kadhatetti ani akka inni hamma ani Qeesaaritti isa ergutti eegamu nan ajaje.”
22 Che Agilipa ŵane juŵaliji mwenye jwa liuto liine ŵansalile che Festo, “None ngusaka kumpilikanila nansyene mundu jo.” Che Festo ŵatite, “Chimumpikanile malaŵi.”
Agriiphaanis Fesxoosiin, “Ani mataan koo namicha kana dhagaʼuu nan barbaada” jedhe. Inni immoo deebisee, “Bori isa dhageessa” jedheen.
23 Malaŵi jakwe che Agilipa ni che Belinike ŵaiche ali nkusangalala pa nkungulu ali alongene ni achakulu ŵa ŵangondo ni achakulu ŵa musi. Che Festo ŵalamwile kuti ŵaichenawo che Paolo.
Guyyaa itti aanuttis Agriiphaa fi Barniiqeen ulfina guddaan dhufanii Ajajjuuwwan kumaatii fi gurguddoota magaalaa wajjin galma wal gaʼii seenan. Fesxoos ajajnaan Phaawulosin ol galchan.
24 Che Festo ŵatite, “Mwenye che Agilipa ni ŵanawose ŵantemi apano pamo ni uweji! Ŵayahudi wose ŵa pelepa ni ŵa ku Yelusalemu akummechetela mundu ju kukwangu ni akusaka aulajikwe.
Fesxoosis akkana jedhe; “Yaa Agriiphaa mooticha, warri nu wajjin as jirtan hundinuus isin namicha kana ni argitu! Hawaasni Yihuudootaa guutummaatti, ‘Namichi kun siʼachi jiraachuu hin qabu’ jedhanii waaʼee isaa Yerusaalemittii fi as Qiisaariyaatti iyyanii na kadhatan.
25 Nambo uneji nganinagawona magambo gagaligose gakwaŵajila kuulajikwa. Ni pakuŵa che Paolo nsyene ŵasachile alamulikwe ni Mwenye jwa ku Loma, noneji najitichisye kunjausya ku Loma.
Ani waan duʼaan isa gaʼu kan inni hojjete tokko illee hin argine; ani garuu sababii inni Awugisxoositti ol iyyateef gara Roomaatti isa erguu nan murteesse.
26 Kwa uneji nganingola usyene wankati ŵelewo wakunlembela Mwenye jwa ku Loma. Kwa ligongo lyo nannyichenawo paujo penu nnopennope kukwenu achimwene mwenye che Agilipa, mwamalaga kumbusyausya mbate chakulemba.
Ani waaʼee namicha kanaa waan ifatti baʼe kan gooftaa kootiif barreessu tokko illee hin qabu; kanaafuu ani erga isa qorannee booddee akka waan barreessu argadhuuf jedhee fuula hunda keessanii duratti, keessumattuu yaa Agriiphaa mooticha, fuula kee duratti isa dhiʼeesseera.
27 Pakuŵa nguwona chiiŵe yakusekasya kwajauchisya jwantawe pangasala uchenene yakwaŵechetela yo.”
Ani nama hidhame tokko utuu waan inni ittiin himatame ifatti hin baasin ol dabarsuu qajeela hin seʼuutii.”

< Masengo 25 >