< 3 Yohana 1 >
1 Une chilongola jwankulu, ngunnembela alakwe che Gayo mbusanga jwangu jungunnonyela kwa usyenesyene.
Jaarsicha irraa,
2 Ambusanga ŵangu, ngumpopelela kwa Akunnungu kuti nsichile mu yose ni kukola umi wambone malinga ni yajikuti kusichila mbumu jenu.
Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha.
3 Nasengwile nnope paŵaiche achalongo achinjetu ni kuuŵalanga umboni nkati chikulupilichiko chenu mu usyene ni inkuti kuendelechela kutama kwa kuukuya usyene.
Obboloonni tokko tokko dhufanii akka ati dhugaaf amanamaa taatee fi akka ati dhugaadhaan jiraattu natti himnaan ani akka malee gammade.
4 Ngapagwa chachikusengwasya une kwannope kupunda kupikana kuti achiŵanangu akutama kwa kuukuya usyene.
Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.
5 Mbusanga jwangu, mmwe nli jwakukulupilichika mu yose inkwapanganyichisya achalongo achinjetu, nnopennope kwa achalendo.
Yaa michuu ko, yoo isaan keessummoota sitti taʼan illee ati waan obbolootaaf gootu keessatti amanamaa dha.
6 Achalongo wo ŵauŵalasile umboni kwa mpingo wa ŵandu ŵakunkulupilila Kilisito nkati unonyelo wenu. Choonde mwakamuchisye apunde kwaula mmbujo mu ulendo wao, kwa litala lyalikwanonyelesya Akunnungu.
Isaan waaʼee jaalala keetii waldaa kiristaanaatti himaniiru. Maaloo haala Waaqatti toluun karaan isaanii irratti isaan gargaari.
7 Pakuŵa akuutanda ulendo wao wakwatumichila Kilisito, ni nganasaka kupochela ukamuchisyo wauliwose kutyochela kwa ŵandu ŵangakunkulupilila Kilisito.
Isaan Maqaa isaatiif jedhanii utuu ormoota irraa gargaarsa tokko illee hin argatin baʼaniiruutii.
8 Uweji ŵatukunkulupilila Kilisito tukusachilwa kwakamusya ŵandu mpela aŵa, kuti nowe tupanganye masengo pamo nawo kwa ligongo lya kuulalichila usyene.
Kanaafuu nu akka isaan wajjin dhugaaf hojjennuuf namoota akkasii simannee gargaaruu qabna.
9 Nalembile chikalata chachijipi kwa mpingo wa ŵandu ŵakunkulupilila Kilisito ŵa kweleko nambo che Diyotelefe jwakusaka aŵe chilongola ŵao ngakusaka kumbilikanila.
Ani waldaa kiristaanaatiif barreesseera; garuu isaan keessaa Diiyoxiraaxiis inni duree taʼuu barbaadu nu hin simatu.
10 Nipele pachinjiika chinjiiumbukulanya yose yaitesile, aila yangalumbana yakutuŵechetela uwe ni unami wakwe. Kupunda yeleyo akukananga kwapochela achalongo ŵali mu ulendo, ni kwasiŵila ŵane ŵakusaka kwapochela ni kwatopola mu mpingo wa ŵandu ŵakunkulupilila Kilisito.
Kanaafuu ani yoon dhufe waan inni maqaa keenya balleessuudhaan hojjechaa jiru ifatti nan baasa. Akka waan wanni kun isa hanqateetti inni obboloota simachuu dida. Warra isaan simachuu barbaadanis ni dhowwa; waldaa kiristaanaa keessaas isaan ariʼa.
11 Ambusanga ŵangu nkaisyasya yangalumbana, nambo nsyasye yaili yambone. Mundu jwalijose jwakutendekanya yambone ali jwa Akunnungu, nambo mundu jwalijose jwakutendekanya yangalumbana ngakwamanyilila Akunnungu.
Yaa michuu ko, waan gaarii duukaa buʼi malee waan hamaa duukaa hin buʼin. Namni waan gaarii hojjetu kam iyyuu kan Waaqaa ti. Namni waan hamaa hojjetu garuu takkumaa Waaqa hin argine.
12 Ŵandu wose akwakunguluchila yambone che Demetilio, ni usyene nombe ukwaŵalanjila umboni. Noweji tukukunguluka yambone nkati ŵelewo, nomwe nkwimanyilila kuti tukuŵecheta usyene.
Namni hundi Dimeexiroosiif dhugaa baʼa; dhugaan mataan ishee iyyuu dhugaa baati. Nus dhugaa baanaaf; isinis akka dhuga baʼumsi keenya dhugaa taʼe ni beektu.
13 Ngwete yejinji yakunsalila, nambo ngangusaka kunlembela mu chikalata.
Ani waanan siif barreessu baayʼee qaba; garuu biirii fi qalamiidhaan barreessuu hin barbaadu.
14 Ngulolela kuti chituwonegane pangakaŵa ni kukunguluka ni ŵanyamwe tuchiloleganaga. Ngunsachila mme ni chitendewele. Achambusanga ŵenu akunkomasya. Nipele mwakomasye achambusanga ŵetu wose ŵaali kweleko jumo jumo.
Qooda kanaa ani dhiʼootti si arguuf abdii qaba; nus ifaan ifatti ni haasofna. Nagaan siif haa taʼu. Michoonni as jiran nagaa siif dhaamu. Atis michoota achi jiran tokko tokkoon maqaa dhaʼiitii nagaa itti nuu himi.