< 1 Petulo 1 >

1 Une che Petulo, nduna ju Che Yesu Kilisito, ngunnembela ŵanyamwe ŵandu ŵansagulikwe ni Akunnungu, ni ŵampwilingene ni ŵankutama nti achalendo ku Ponto ni ku Galatia ni ku Kapadokia ni ku Asia ni ku Bisinia.
Phexros ergamaa Yesuus Kiristoos irraa,
2 Akunnungu Atati ŵansagwile ŵanyamwe malinga ni iŵasachile ni kuntenda mme ŵaswejekwe kwa litala lya Mbumu, kuti nkombole kunjitichisya Che Yesu Kilisito ni kujosekwa ni miasi jao. Ngunsachila umbone wa Akunnungu ni chitendewele chachijinji.
kanneen akka beekumsa Waaqa Abbaatti, karaa hojii qulqulleessuu Hafuuraatiin, akka Yesuus Kiristoosiif ajajamanii fi akka dhiigni isaa isaanitti facaafamuuf filatamaniitti:
3 Twalape Akunnungu, Atati ŵa Ambuje ŵetu Che Yesu Kilisito! Kwa chanasa chao chachikulungwa ŵatuŵeleche sooni kwa kunsyusya Che Yesu. Atupele chilolelo cha umi,
Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos haa eebbifamu! Inni araara isaa guddaa sanaan, warra duʼan keessaa kaʼuu Yesuus Kiristoosiin abdii jiraataadhaaf lammata nu dhalche;
4 nipele tukulolela kupochela indu yambone yejinji, yati Akunnungu ŵaŵichile ŵandu ŵao kwinani kwangaikuwola atamuno kujonasika atamuno kusisina.
akkasumas dhaala hin badne, kan hin xuroofne yookaan hin geeddaramnetti nu galche; dhaalli kunis samii keessa isinii kaaʼameera;
5 Chiuŵe wenu ŵanyamwe ŵankugosekwa ni machili ga Akunnungu kwa litala lya chikulupi, kwa ukulupusyo wauli chile kuunukukwa pa lyuŵa lya mbesi.
isin warra karaa amantiitiin hamma fayyina bara dhumaatti mulʼachuudhaaf qophaaʼe sanaatti humna Waaqaatiin eegamtanii dha.
6 Msengwanje nkati yeleyo, namuno sambano, kwa katema kakajipi, chinsachilwe kulaga kwa ligongo lya malinjilo gamajinji.
Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.
7 Kulinjikwa kwenu ko kuli kwa liŵamba lya kuchipima chikulupi chenu iŵaga chili cha usyene. Pakuŵa namose sahabu jili chindu cha konasika, jikulinjikwa ni mooto. Iyoyo peyo chikulupi chenu chachili cha ndalama kupunda sahabu chichilinjikwe kuti chimanyiche iŵaga chili chisyene. Ni kwa ligongo lyo chimpochele lumbili ni ukulu ni luchimbichimbi katema Che Yesu Kilisito pachakopochele.
Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Yesuus Kiristoos mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe.
8 Ŵanyamwe nkwanonyela ŵelewo namuno nganimwawone ni nkwakulupilila namuno ngankwawona kwa sambano. Nipele nkusengwa nnope kwa lukondwa lwekulu lwangalukuŵechetekwa,
Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu;
9 pakuŵa mkupochela mbote ja kukulupilila kwenu, jelejo jili chiwombosyo chenu.
isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.
10 Ŵakulondola ŵa Akunnungu ŵasosilesosile ni ŵalolitelolite yankati ukulupusyo wo, ŵanyawo ŵasagamukwile yankati ntuuka wati Akunnungu chachimpa ŵanyamwe.
Raajonni waaʼee ayyaana isinii kennamuuf jiru sanaa dubbatan sun itti jabaatanii waaʼee fayyina kanaa qorachaa, iyyaafachaas turan;
11 Ŵasosile kumanyilila chiiŵe katema chi ni chiŵeuli. Chindu chachiŵechetekwe ni Mbumu jwa Kilisito ŵaali nkati mwao, juŵalongolele kusala nkati masauko gachigaasimane Kilisito ni ukulu uchiukopochele pakumala yeleyo.
isaanis yommuu Hafuurri Kiristoos inni isaan keessa ture sun waaʼee dhiphina Kiristoosiitii fi waaʼee ulfina itti aanu sanaa duraan dursee dubbatetti yoomii fi haala akkamii keessa akka taʼu beekuuf yaalaa turan.
12 Akunnungu ŵaunukulile ŵakulondola kuti utenga uŵajenesye ula nganiwagamba ŵele achinsyene, nambo wangambaga ŵanyamwe. Ni sambano utenga wo ulalichikwe kukwenu ni ŵele ŵaŵanlalichile ŵanyamwe Ngani Jambone kwa litala lya Mbumu jwa Akunnungu juŵatumikwe kutyochela kwinani. Indu yo, namuno achikatumetume ŵa kwinani akulajila kwimanya.
Namoonni Hafuura Qulqulluu isa samiidhaa ergameen wangeela isinitti lallaban sun waan amma isinitti himan keessatti utuu ofii isaanii hin taʼin isin akka tajaajilan ifa ni taʼeef; waan kana ergamoonni iyyuu gad fageenyaan arguu hawwu.
13 Kwa ligongo lyo, mmeje chile ni kuchesya. Mmichanje chilolelo chenu chose mu umbone wa Akunnungu uchimpegwe katema Che Yesu Kilisito pachaunukulikwe.
Kanaafuu mudhii qalbii keessanii hidhadhaa; warra of qaban taʼaa; abdii keessanis guutumaan guutuutti ayyaana yeroo Yesuus Kiristoos mulʼatutti isinii kennamu sana irra kaaʼadhaa.
14 Mmeje mpela ŵanache ŵa Akunnungu ŵakujitichisya, nkatama kwa kujikuya misese jenu jangalumbana jimwaliji najo katema pamwaliji ngankuumanyilila usyene wa Akunnungu.
Akka ijoollee ajajamanii taʼaa malee hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii sana duukaa hin buʼinaa.
15 Nambo mpela jwele jwammilasile yatite kuŵa jwanswela, nomwe ŵakwe mme ŵaswela mu lwendo lwenu lose.
Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu taʼe, isinis waan hojjetan hundumaan qulqulloota taʼaa;
16 Pakuŵa Malembelo ga Akunnungu gakuti, “Mme ŵaswela, pakuŵa none ndili jwanswela.”
“Ani qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa” jedhamee barreeffameeraatii.
17 Pankwakolanga Akunnungu, ŵanyamwe nkwaŵilanga Atati. Nipele, mmanyililanje kuti ŵelewo akunlamula jwalijose malinga ni aila yaitesile pangali lusagu. Kwayele njendelechele kutama yambone pa katema kakasigalile pachilambo pano nkwachimbichisya Akunnungu kwannope.
Isin erga isa utuu wal hin caalchisin nama hunda akkuma hojii isaatti itti muru sana “Abbaa” jettanii waammattanii bara keessummummaa keessan isa sodaachaa jiraadhaa.
18 Pakuŵa ngumanyilila kuti ŵanyamwe ŵammombwelwe mu wende wenu wangalimate, umwapochele kutyochela kwa achachekulu ŵenu. Nambo nganammombola kwa indu yakuwola, pane kwa maganga ga mbiya pane sahabu.
Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu dandaʼu kan akka meetiitii fi warqeetiin hin furamin beektuutii.
19 Nambo mwakulupwiswe kwa miasi ja ndalama jajikulungwa ja Kilisito. Jwali mpela mwanangondolo jwangali chilema namose lidoa.
Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolaa mudaa yookaan hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniirtu.
20 Ŵelewo ŵasagulikwe ni Akunnungu chikanaŵe kugumbikwa chilambo, ŵaunukulikwe mmoŵa ga mbesi gano kwa ligongo lyetu.
Inni utuu addunyaan hin uumamin duraan dursee beekame; garuu isiniif jedhee bara dhumaa kana keessa mulʼate.
21 Kwa litala li Che Yesu Kilisito, nkwakulupilila Akunnungu juŵansyusisye ni kwapa ukulu, ni mwa yeleyo chikulupi ni chilolelo chenu ili kwa Akunnungu.
Isinis karaa isaatiin Waaqa warra duʼan keessaa isa kaasee ulfina isaaf kenne sanatti amantu; kunis akka amantii fi abdiin keessan Waaqayyo taʼuuf.
22 Pakuŵa sambano, kwa kuujitichisya usyene, ŵanyamwe nswejeswe mbumu syenu ni kwanonyela achinjenu pangali ulamba. Nipele nnonyelane jwine ni jwine kwa ntima wenu wose.
Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.
23 Pakuŵa mpagwile kaaŵili ngaŵa kwa mundu jwakuwa nambo kwa mundu jwangakuwa, lisyene lili Liloŵe lya Akunnungu lyalili lyalijumi, ni lyalikulama moŵa gose pangali mbesi. (aiōn g165)
Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti. (aiōn g165)
24 Mpela Malembelo ga Akunnungu igakuti kusala, “Ŵandu wose ali mpela masamba, ni ukulu wao wose uli mpela uluŵa wa masamba. Masamba gakuumula ni uluŵa ukupatuka.
“Foon hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti; margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
25 Nambo, liloŵe lya Ambuje likulama moŵa gose pangali mbesi.” Liloŵe lyo lili Ngani Jambone jajilalichilwe kukwenu. (aiōn g165)
dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata.” Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana. (aiōn g165)

< 1 Petulo 1 >